“Bu’uuraalee ispoortii guutuun gaaffii yeroo fudhachuu qabu miti” -Baamlaak Tasammaa

Finfinnee: Lammii fayyaaleessa sadarkaa kamiinuu dorgomaa ta’e uumuuf ispoortiin guddinaafi jabeenya qaamaaf shoora olaanaa taphata. Haaluma kanaan komishiniin ispoortii Federaalaa waldaalee ispoortii, dhaabbilee ispoortii biyya keessaa, abbootii qabeenyaafi ummata wal taasisuudhaan Sochii ispoortii babal’isuuf hojjechuun barbaachisaadha.

Bakka dargaggoonni dorgomtootaa hinjirretti ispoortiin hinjiru. Bakka dirreen ispoortii hinjirreettis ispoortiin hin jiraatu. Kanaafuu sadanuu wal simsiisuudhaaf qaamni dhimmichi ilaallatu sochii taasisuu akka qabu Murtee kennaan Biyyoolessaa kubbaa Miilaa Baamlaak Tasammaa ni dubbata.

Baamlaak turtii gaazexaa Bariisaa waliin taasiseen, guddina ispoortii biyyaaf qaama tokko qofa eeguun osoo hinta’iin lammiileen marti hirmaachuu akka qaban ibsa.

Itoophiyaan akaakuu ispoortii atileetiksiitiin Afrikaarraa Keeniyaa wajjin sadarkaa duraarratti argamti. Addunyaarratti keessummaa dirree olompikiifi shaampiyoonaa atileetiksii addunyaatiin gootota heddu horachuudhaan kan beekamtus ispoortiiwwan birootiin iddoo hinqabdu jedha.

Ispoortii kubbaa miilaa Misiraafi Sudaan wajjin Afrikaanootaan kan wal barsiiste Itoophiyaan ammaan tana duubatti deebi’uudhaan gulaalaa darbuu dhabaa akka jirtu Murtee kennaa Bamlaak dubbata

Biyyattiin Yeroo ammaa murtee keennitoota federaalaa heddu horachaa jirti, achi keessaa murtee kennitoota biyyooleessaa ta’uun hojjetaa kan jiran isaafi Liidiyaa Tasfaayee akka ta’an hima. Haata’u malee isaan lameenuu bakka gareen biyyaalessaa Itoophiyaa hinjirretti kan ormaa taphachiisaa akka jiran dubbata.

Bu’uura garee biyyaaleessaafi kilaboonni ciccimoon jiraachuu qabu kan jedhe Murtee kennaan kun pirojektonni Kilabootaaf dargaggoota ciccimoo horachaa jiraaccchuu kaasa. Kunimmoo egeree biyyaaf kilaboonni ga’umsa qaban horatamaa akka jiran agarsiisa jedheera.

Rakkinni akka biyyaatti jiru, iddoowwan oolmaa ispoortii dhibuu qofa miti kan jedhe Baamlaak, kanneen jiranis kunuunsaan qabachuurratti rakkinni jiraachuu kaaseera.

Bara bajataa 2013 bulchiinsi magaalaa Finfinnee iddoowwan oolmaa ispoortii gandoota, kutaalee magaalotaa, keessatti babal’isuuf yaalii godheera jedhu. Kanaaf ragaa kan ta’u naannawa Faransaay, ganda 01 keessatti dirree kubbaa miilaa Caffee jedhamuun beekamu hojjetamee tajaajila kennaa jiraachuu eera.

Haata’u malee dirreen kun ammaan tana akka barbaadametti naanawaansaa kunuunsa waan qabu hinfakkaatu jedha. Kun ammo imala kilaboota kubbaa miilaa horachuuf itti jiramu kan sakaalu waan ta’eef xiyyeeffannoo argachuu mala jedheera.

Dirreen ispoortii kubbaa miilaa tiksee waardiyyaa akkasumas ogeessa hordoffiifi deeggarsa taasisu qabaachuu akak malu kaaseera..Margisaa akka hingognetti guyyaa guyyaadhaan bishaan obaasuu loon dallaa seenanii marga akka hinqorqine eegamuu akka qabu yaadachiiseera.

Kaayyoon mootummaa ispoortii kan ummataa gochuudha kan jedhe murtee kennana kun, manneen barnootaa, yunivarsiitiileen, kolleejonni, gandoonni, akkasumas dhaabbilee ispoortii keessatti kunuunsuudhaan guddisuun barbaachisaa ta’uu hubachiiseera.

Keessumattuu bu’uuraaleen ispoortii biyya keenyaa hojiin isaanii jalqabamee dalleeffamanii bakkeewwan gara garaatti dagatamaa jiran hordoffiifi deeggarsa taasisuufiin xumursiisuun damee ispoortii cimsuun barbaachisaa akka ta’e dhaameera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 26 Bara 2014

Recommended For You