Shaampiyoonaa ispoortii aadaan oromiyaan olaantummaan xumurte

Finfinnee: Waggaa waggaadhaan naannoolee adda addaatti adeemsifamaa kan ture shaampiyoonaan ispoortii aadaafi festivaalaa aadaa Itoophiyaa baranas naannoo Amaaraa magaalaa Dabra Birhaanitti adeemsifamuudhaan olaantummaa Oromiyaatiin xumurameera.

Ittigaafatamaan Waajjira Federeeshinii Ispoortii Aadaa Oromiyaa obbo Baqqalaa Iraasuu akka Bariisaatti himanitti, Torban tokkoof korniya lameeniinuu adeemsifamaa kan ture shaampiyoonaan bara 2014 olaantummaa Oromiyaadhaan xumuramuu yoo ibsan walumaa galatti waancaa 11 fudhachuudhaan injifataniiru.

Dorgommiiwwan waancaan argamsiisan dhiiraan gugsii Fardaa, tapha Shaa, dubaraan, Saddeeqa abbaa boolla 18, tapha wal’aansoon wal makaan korniyaa lamaaniin, korboo Dhiiraan, tapha Qillee ,Xiyyaa Dhiiraan, Xiyyaa makaadhaan, akkasumas dhiiraaf dubaraan dimshaashumatti shaampiyoonaa ta’uu ibsaniiru.

Kana malees Oromiyaan farada sharxiin,wal’aansoo dubaraan lammaffaa ta’uun meedaaliyaawwan meetii, dhiiraan Sharxii fardaan, korboofi xiyyaa dubaraan sadarkaa sadaffaa argachuudhaan meedaaliyaawwan nahaasaa badhaafamuusaa kanhiman obbo Baqqalaan, hanqinaalee jiran guutuuf gara fuula duraatti kana caalaa hojjechuuf kaka’umsi jira jedhu.

Shaapiyoonaa baranaa kanaaf waancaawwan 20n badhaasaaf kan dhiyaatan ta’uus Oromiyaan 11fudhachuun ishee shaampiyoonichaaf xiyyeeffannaa olaanaa gochuun qophiin taasifamaa ture kan nama gammachiisuudha jechuudhaan ibsaniiru.

Sababiin waancaan kun itti argameef, oromiyaan kanaan dura gadinaaleefi magaalota 15n kan hincaallee jidduutti shaampiyoonaa gaggeessaa turuun dargaggoota achii filataman qabatee hirmaachuun waancaa lama sadi kan hin caalleen sadarkaa gadi aanaadhaan galaa turte.

Kan baranaa kanaaf bulchiinsota magaalaafi godinoota 40 keessaa 32n keessatti gandaa kaasee hangaa guutuu oromiyaatti wal morkiiwwan gaggeessuudhaan dargaggoota ciccimoo achii argamaniin qabxii kana galmeessisuun danda’amuusaa ibsaniiru.

Naannichi gara fuula duraatti piroojektii dargaggootaa gandaafi manneen barnootaa keessatti cimsuudhaan ispoortii aadaa kana guddisuuf yaalii gochaa jiras jedhaniiru.

Haaluma kanaan federeeshinichi bulchiinsa magaalaa Sabbataa gaafachuudhaan sadarkaa oromiyaatti dirree ispoortii aadaaf kan oolu lafa heektaara 16 fudhachuun yeroo gabaabaa keessatti hojii akka jalqabus obbo Baqqalaan ibsaniiru.

Naannoon oromiyaa burqaa atileetotaati jedhanii yeroo gabaabaa keessatti ispoortii aadaa kanas babal’isuudhaan dargaggoota biyyattii bakka bu’uun Olompikii ammayyaarratti meedaaliyaa argamsiisan hirmaachisuuf kaayyoon akka jirus hubachiisaniiru.

Akkasumas feestivaalii aadaa kan barana magaalaa Hawaasaatti adeemsifamuuf Oromiyaan sadarkaa naannichaatti godina Shawaa Bahaa magaalaa Baatuutti keessummeessuuf qophirratti argamtis jedhaniiru.

Shaampiyoonaa baranaa kanarratti Bulchinsi Magaalaa finfinnee farda sharxii dhiiraafi dubaraan, wal’aansoofi Xiyya dubaraan mo’ateera. Naannoon Amaaraa ammoo korboo dubaraan tokkoffaa, korboo walmakaa dhiiraaf dubaraan lammaffaa, Xiyyaa dubaraan lammaffaa ta’uun beekameera.

Naannoon Ummattoota Kibbaa ammoo korboo walmakaadhaan shaampiyoonaa yoo ta’u, korboo dubaraan lammaffaa ta’eera.

Feestivaala agarsiisa aadaatiin ammoo naannoon Ummattoota Kibbaa shaampiyoonaa yoo ta’u, Oromiyaan 2fa, naannoo Uummattoota kibba lixa Ityoophiyaa 3fa ta’eera.

Ispoortii aadaa biyyaalessaa kana irratti naannoleen torbaafi bulchiinsi magaalaa lama gosoota ispoortii aadaa 10niin wal morkaa turuun isaanii kan yaadatamuudha.

Dorgommii baranaa kanatti naamusaan bulchiinsi magaalaa Finfinnee dabalataan waancaa feestivaalichaa fudhateera.

Shaampiyoonaa Ispoortii aadaa biyyaalessaa 20fi agarsiisaa aadaa 16ffaa waggaa dhufu naannoo Ummattoota kibba Lixa Ityoophiyaatti qophaa’uuf xoofoo qophiichaa naannoo Amaaraarraa fudhatera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 19 Bara 2014

Recommended For You