Sirbi, “Nooruu yaa bunaa fayyuun baranumaa” jedhamu kan duri namni kamuu raadiyoodhaan dhagahaa ture ta’us qonnaan bulaan buna omishee fayyadamummaasaa mirkaneeffateefi ittiin fayye hedduudha jechuun hindanda’amu.
Galiin sharafa alaa bunarraa argamu dinagdee biyyaa sochoosuu keessatti bakka olaanaa qabaatus isa bitee gurguru malee beekamtii inni omisheefi abbaan bunaa gabaa addunyaa mitiitii gabaa biyyuma keessattuu qabu gadaanaadha.
Kunimmoo abbaa bunaa ykn qonnaan bulaa sana beekamtii dhowwachuu qofa osoo hintaane gatii madaalawaan gabaaf dhiyeessee fayyadamummaasaa akka hinmirkaneeffaanneefi gabaa addunyaa bunaan akka walhinbarre taasiseera.
Hudhaa gama kanaan jiru cabsuuf shamarree Kumee Caalchisaa teknolojii omishtoota bunaafi gabaa bunaa addunyaa kallattiidhaan walitti fidu qopheessaa jirti. Dubbistootaa Kumeen eenyu? Teknolojiin kun maali? isa jedhuuf nooruu jenneeniirra.
Bariisaa: Waa’ee bunaa odeessuuf jirraatii maal jennee haa jalqabnu?
Kumee: Silaa buna dhugnee haasaa jalqabna “Qaawwa jabaa”
Bariisaa: Rabbi jabaa biyya nagaa nu oolchi, irraa gora nu oolchi, kan wallole araarsi, bubbeefi qilleensa hamaa nubaraari, nagaafi araara buusi, arfaasaakee nuu roobsi.
Kumee: Ameen bunnis bu’eeraa haasaan jalqabeera.
Bariisaa: Buna dhugaa gaafdeebii keenya jalqabaneerraa Kumeen eenyu?
Kumee: Kumeen intala Caalchisaa Ciibsaa dacheen Finfinnee biqilchiteedha. Caalchisaa Ciibsaammoo hundeessitoota gaazexaa Bariisaa warra dur dukkana sana keessa Finfinneen foolii Oromummaashee akka hingadhiisne qabsaa’aa turedha. Isaantu nabiqilche.
Bariisaa: Haalli guddinakee maal fakkaata?
Kumee: Akkuma daa’ima kamuu maatii kiyyaan kunuunfameen Finfinnee, naannawa Boolee jedhamtuttin guddadhe. Yeroo umriinkoo barnootaaf gahus mana barnootaa galee barachuun jalqabe. Barumsatti qaxaleen ture. Sana booda sadarkaa 2fa Booleettin xumure.
Bariisaa: Bara sirna dukkanaa’aa sana keessa maqaan Oromoo Kumee Caalchisaa Ciibsaa jedhamu kun Finfinnee keessatti akkamiin ilaalamaa ture?
Kumee: Kolfa dheeraa booda…gaaffii ajaa’ibaati. Gaafuman mana barumsaa galee kaasee maqaan kun wayita waamamu barataanis barsiisaanis garakoo ilaalu ture. Guyyuu wayita maqaan waamamu hunduu garagalee waan na ilaaluuf nan rifadha ture.
Bariisaa: Taateefi mudannoo kana galtee maatiikeefaatti hinhimneeree?
Kumee: Himaan ture. Abbayyeen kiyya waan qabsaa’aa cimaa tureef najajjabeessa.
Maqichis maqaa gaariifi akkan namoota kuma bakka bu’uu danda’u kan nataasisu ta’uu natti himaa, najajjabeessaa barumsakoo xumure. Bara sana akka Oromummaan saalfatamu dhiibbaan taasifamaa turus maqaakoo ganamaa nadagachiisuufi na jijjiirsisuu hindandeenye.
Bariisaa: Rifannaan kee sun miidhaa sirraan gahe qabaa ree?
Kumee: Eeyyee, daran namiidheera. Akkan afaan dhalootaa koo, Afaan Oromoo dagadhu nataasiseera. Yeroo hamaa ture, dhaloonni haaraa har’aa kun Finfinnee keessatti ittiin dubbachuu mitiitii ittiin barachuu eegaluun carraa gaariidhan jedha.
Dhiibbaan yeroo sana ture ilaalcha dukkanaa’aadhaan kan guutame waan ta’eef Afaan Oromoo bareechee dubbachuu hindandahu. Xiiqiin sun nakeessa bulee amma baruuf tattaaffii taasisaan jira.
Bariisaa: Ijji baddus bakki ijaa hinbaddu jedha Oromoon. Afaan Oromoo sirriitti dubbachuuf xiqqoo danqamtus maqaankeeyyuu waa himaa jabaadhu; afaanichas inbartaa.
Kumee: Oromummaan eenyummaakoo ta’uu ergan biyya alaa deemeen bare. Intala qabsaa’otaa ta’ee Afaan Oromoo dagachuunkoos daran natti dhagahamaa ture. Amma xiiqiinan barachaa jira; fooyya’insi deemsaan dhufa.
Bariisaa: Kumeen akkamiin biyyaa baate?
Kumee: Kumeen akkuman dura sii kaasee barattuu qaxaleedha. Warra dalga na ilaalu caalee argamuuf onnee guutuunan barumsakoo hordofaa ture. Dhumarratti qabxii olaanaa fideen iskoolaarshiippii argadhee gara biyya alaa deeme.
Bariisaa: Jalqaba eessa deemte? Barnoota akkamiis baratte?
Kumee: Waanin barattuu qaxalee tureef akkuman kutaa 12fa xumureen dorgomee iskoolaarshiippii argadhee Kanaadaa deeme. Acitti Yunivarsiitii Deelhaawusitti Saayinsii Kompiitaraa baradhee digrii jalqabaatiin eebbifame.
Digrii 2fakoos achumaan ittifufuuf fedhiin qaba ture. Garuu waan abbaan kiyya fageessee yaaduuf otoon digrii 2fa koo hinbaratiin dura muuxannoo qabaachuun murteessaa ta’uu waan nagorseef waggoota muraasaaf akkan hojicha ittifufu nataasise.
Bariisaa: Hojiin kee eebba boodaa maal ture?
Kumee: Indastirii aveeshinii keessa hojjechuuf carroome hojiikoottis qaxalee ta’uurra darbee dhaabbilee ciccimootti mindeeffamee hojjechuuf carraa bal’aan argadhe.
Teknolojii onlaayinii tajaajila tikeetii geejjiba xiyyaraa cheekiingiifi buukiingii hojjechaan ture. Yerichatti waan teknolojiin kun haaraa tureef barattoota 20 taanee qoramnee ani 1fa bahee daandii xiyyaaraa Iswiisitti mindeeffamee hojjechaan ture.
Dandeettii waa kalaquu, maaliif jedhee gaafachuu waanin qabuuf deemsa keessa dhaabbata (‘STI’) meeshaalee teknolojii dijitaalaa daandii xiyyeeraaf dhiyeessu; keessumaa tajaajila appilikeeshinii marsariitiifi mobaayiliitti mindeeffamee hojjechuu ittin fufe. Waajjirri muummeen dhaabbatichaa Jeneevaa ta’us ani damee Kanaadaatti mindeeffamee teknolojii aveeshinii jalqabaan hedduun ijaarame.
Bariisaa: Aveeshinicha keessa waggaa meeqaaf hojjette, maalis irraa baratte?
Kumee: Ani nama mul’ata addaa qabun ture. Ergan biyyaa bahee biyya hambaa keessa waggoota 21 oliifan jiraadhe. Turtiikoo kana keessattis barnootaafi muuxannoo teknolojiiwwan gara garaa qooddadheera. Keessumaa Kanaadaa, ‘USA, UK’, iii kkf keessa nanaanna’ee teknolojii ce’umsaarratti hojjedheera.
Bariisaa: Teknolojiiwwan gara garaa wajjin walqabaruufi madaqsuun akkami, hinulfaatuu?
Kumee: Teknolojiin salphaatti hinmadaqfamu, nama tokko jijjiiruun akka dhaabbata jijjjiiruutti lakkaa’ama. Yeroo fudhata, gatii nama kaffalchiisa, obsas barbaachisa.
Hamman achi turetti fedhiin waa baruuf qabu olaanaa waan ta’eef waantonni hundi dafanii naa galu. Ta’us akkamiinan ofirra darbee teknolojii kana nama biraatiif qooda waan jedhu yaaduuttin taa’e.
Utuman kanarra jiruu Ingiliz deemee hojii aveeshinii kana akkan hojjedhu nataasisan. Ergan achi deemees waa hojjedhee booda digriikoo 2fa barachuuf murteesse.
Bariisaa: Digriikee 2fa eessatti, maal baratte?
Kumee: Akkuman Ingiliz galee xiqqoo hojjedhee booda tattaaffii ofiikoo taasiseefi gargaarsa Rabbiitiin Yunivarsiitii Impeeriyaal jedhamu seenee Ikkonomiksiifi Intarpiriinarshiippiin digrii 2fn eebbifame.
Teknolojii baradhe sana gabaaf dhiyeessuun tajaajila teknolojii aviyeeshinii babal’isuufi gabaa addunyaatiif oolchuuttin gale. Oomishtoonni teknolojii aviyeeshinii daran fayyadamaniiru.
Anis ogummicha horadheera, dabalataanimmoo waa’ee dinagdeefi intarpiriinarshiippiin digriikoo 2fa hojjedheera. Muuxannookootiin walitti ida’amee omishtummaafi fayyadamummaan maal akka ta’e bareera.
Biyya guddattetti daldalaa caalaa omishtootatu fayyadamaadha. Kan biyya keenyammoo faallaa kanaati. Kun deddeebi’ee gaaffii natti uumaa tureera. Ogummaan baradheen lammiikoo dukkana keessa ture tajaajiluun qaba hawwiin jedhus nakeessa buleera.
Bariisaa: Gara biyyaatti akka deebitu wanni sitaasise maali? Ogummaakee kanaan hawaasakee tjaajilaa jirtaa?
Kumee: Biyyakootti deebi’ee dhufee hawaasakoo tajaajiluuf fedhii guddaan nakeessa turus hojii maalirratti yoon bobba’e hawaasakoo fayyadamaa taasisa isa jedhu yaadaan ture. Mootummaan haaromsaa qabsoo qeerrootiin gara aangootti dhufe akkuma hundaa’een anis gara dachee dhalootakoo, Finfinneen dhufe. Sana booda haala hawaasaa qorachuufi hojii akkamii yoon hojjedhe gaarii ta’a isa jedhu yaaduuttin ka’e.
Bariisaa: Mul’atnikee inni dura ati hojjechuuf feetu maal ture?
Kumee: Tiraanisfoormeeshinii diijitaalaa keessumattuu qonnarratti yaada jedhun qaba ture. Ergan waggaa tokkoof ogeessota wajjin ta’een qorannoo gaggeesseen booda damee qonnaarratti hojjechuufan murteesse. Dameen qonnaa kan irratti hinhojjetamne, qonnaan bulaan keenya osoo waa hunda of harkaa qabu kan itti beela’uufi hinjijjiiramne qonna is jedhurra gahe.
Qonni dameewwan baay’ee waan qabuuf hunda haguuguu hindandahu. Kanaaf maalirratti xiyyeeffadhee hojjechuun qaba kan jedhus qorannoofi qo’annoo gadi fagoo taasiseen dameen bunaa isa ijoo ta’uu irra gahe. Sana booda fuulleffannaankoo qonna omish bunaarratti ta’uu akka qabun hubadhe.
Bariisaa: Teknolojii ati baratteefi qonni walitti dhufaa?
Kumee: Eeyyee. Saayinsii kompiitaraafi dinagdeen leenji’uunkoo waa hedduu nahubachiseera. Jalqaba yeroon indastirii aveeshinii keessa turetti warri teknolojicha kalaqan daldaltootaafi warra ittifayyadamuu caalaa fayyadamoodha. Ergan kana hubadhee Oromoo hedduun buna qaba. Bunasaa kana sadarkaa ittikennee gabaa addunyaa keessatti dorgomaa ta’ee kan maqaan itti dhahamu qaama biraati.
Buna keenya omishna malee gabaan addunyaa meeqaan bita nuti dhamaatee olaanaa itti baasnee gatii meeqaan daldaltootatti gurguraa jirra isa jedhu gaafa madaallu saamamaa jirra jechuun ni danda’ama.
Bariisaa: Teknolojii gabaa bunaafi omishtoota bunaa walbarsiisuurratti hojjechaan jira jechaa jirtaa?
Kumee: Eeyyee. Fakkeenyaaf qonnaan bulaan buna omishu dhamaatee hedduu baasee gatii gadi aanaan gurgura. Qaamni biraa bunasaa irraa bitee maqaafi sadarkaa kennuufiin galii sharafa alaa olaanaa argata kun saamicha hafuu qabuudha.
Qonnaan bulaan buna omishu gabaa addunyaa bunni itti gurguramu baruu qaba. Kanaaf ce’umsa teknolojii dijitaalaa omishaafi bittoota sadarkaa addunyaatti walitti fidu babal’isuun murteessaa waan ta’eefin damee kana filadhe.
Bariisaa: Teknolojiin dijitaalaa qonnaan bultoota buna omishaniifi gabaa bunaa addunyaa walitti hidhuufi fidu kana keessatti maal maal hojjetta?
Kumee: Egaa Dhaabbata Afroo Vaalii jedhamu hundeessee qonnaan bulaan teknolojii dijitaalaa wajjin akka walbaruufi gatii gabaa bunaa addunyaa akka hordofuufi gidduseentummaa qaama kamuutiin ala omishasaa gabaaf dhiyeessuun sharafa alaa akka argatu kan isa taasisuudha.
Qonnaan bulaan omishasaa ofii alatti ergee alergiirraa sharafa akka argatu kan taasisudha. Saamicha gatii faddaaltotaan qaqqabaa ture kan hambisuudha.
Bariisaa: Quuqama ati qonnaan bulaa keenyaaf qabdu kun akkamiin sikeessatti madde?
Kumee: Qonnaan bulaan keenya dinagdee keenya. Guddina dinagdee biyyaa keessatti ijaafi ijoo ta’ee osoo jiruu hanga dhamaateesaa fayyadamuu dhabuun daran nagaddisiisaa ture. Abbaa dinagdee biyya kan ta’e qonnaan bulaa keenya fayyadamaa taasisuufi addunyaa biraa wajjin walbarsiisuun dirqama ogummaakoo ta’ee waan natti mul’ateef hojiitti seeneera.
Bariisaa: Sochiikee kanaan walqabatee duubdeebiifi deeggarsi gama mootummaatiin sii tasifamaa jiru maal fakkaata?
Kumee: Baay’ee gaariidha. Oromoon nama barate baay’ee qaba. Hedduunsaanii biyya ambaa jiru. Ogummaa qabaniin dhufanii osoo biyyasaanii gargaaranii Oromiyaan ni ceeti.
Dacheen Oromiyaa qabeenya uumamaatiin kan badhaadhedha. Albuudaan, omisha qonnaatiin, hawata tuuristiin. Egaa ijoollee Oromoorraa wanni barbaachisu qabeenya kana teknolojiin deeggaree gabaa addunyaatiif dhiyeessuun beeksisuudha.
Bariisaa: Qonnaan bulaan keenya buna omishee gatii gadaanaan qe’eetti gurgurachuun alaa sadarkaa bunasaafi gatii giddugalaa beekaa laata?
Kumee: Wanni mata nama dhukkubsu tokko isa kana. Qonnaan bulaan keenya dhamaatee hedduun buna omishee gatii gadaanaan qe’eetti gurgura. Kanamalees sadarkaan bunasaaf kenname meeqaffaa akka ta’e hinbeeku. Gatii gabaa bunaa addunyaa hinbeeku. Kun waan sirrii hintaneef fooyya’uu qaba.
Bariisaa: Teknolojiin kee kun hudhaa omishtoota bunaa fura jettee yaaddaa? Akkamiin?
Kumee: Teknolojichi jalqaba qonnaan bulaa Oromoo buna omishu karaa dijitaala ta’een addunyaatti beeksisuudha. Kanaafis hojiilee gara garaa hojjetaa jirra.
Hojiin kunis maqaa “Bunakoo” jedhuun beekama. Bunakoon takkaan omishni bunaa Oromiyaa eessa eessatti argama, eenyufaatu omisha? Bunichi sadarkaa meeqaffaadha? isa jedhu ogeessotaan sadarkeessinee abbaa qabeenyichaa addunyaatti beeksisuudha. Sochii amma jalqabeen bakki argama bunaa, qonnana bultoonni buna omishaniifi haalli gabaa bunaa addunyaa maalirra akka jiru beekamaa deema.
Kanamalees dhaabbileen alaa taatee kana kallattiin karaa dijitalaa hordofan dhufanii ilaaluuf kaka’aa jiru. Teknolojichi bittoonni kallattiin akka qonnan bulaarraa buna bitan haala mijeessa. Kunimmoo gabaan bunaa akka dabalu, qonnaan bulaan gatii gabaa buna addunyaa akka baruufi gatii madaalawaan akka gurguratu taasisa.
Bariisaa: Tajaajila dijitaalaatiin buna Oromiyaa beeksisuuf “Bunakoo” jettee qonnaan bulaa Oromoo addunyaatti beeksisuu eegalteettaa kun faaydaa biraa qabaa laata?
Kumee: Kun ergaa guddaa of keessaa qaba. Takkaan bunichi kankeenya ta’uu beeksisuudha. Lammaffaammoo jechichi Afaan Oromoo waan ta’eef Afaan Oromoo barsiisuu keessatti shoora olaanaa taphata.
Yeroo ammattis suuraalee bunaa gara garaa biroosharoota ogeessotaan qopheessisnee Afaan Oromoofi Ingiliffaan addunyaatti beeksisaa jirra.
Bariisaa: Sochiin ati qonna bunaa ceessisuufi qonnaan bulaa fayyadamaa taasisuuf eegalte kun hawata turistii ta’ee hintajaajiluu?
Kumee: Ni tajaajila malee. Qonnaan bulaa guddisuuf yaaluun qonna ceessisuuf hojjechuun omishaafi omishtummaa, aadaa guddisuudha, turistoota gara biyyaatti dhufan hawachuudha.
Gama kanaan Ministeerri Aadaafi Ispoortii, kan naannoodhaa hanga aanaatti jiru akka nudeeggaraniifi nuwaliin hojjetaniif sochiirra jirra. Dhimmi qonnaan bulaa Oromoo beeksisuu dhimma dinagdee, eenyummaa, siyaasaafi biyya guddisuuti. Kanaafis teknolojii biyyoota biraa ilaaluun danda’ama.
Faakkeenyaaf kaartoniin dawaa baatu tokko Ingilizii kan dhufu yoo ta’e Ingiliffaan irratti barreeffama. Kun dhimma afaafi dandeettii kalaqa biyya sanaa kan labsuufi barsiisuudha.
Kan Chaayinaarraa dhufus akkasuma. Hanaaf nus qabeenya Oromiyaa keessaa madduufi bahuu kanaan qonnaan bulaan keenya fayyadamaa akka ta’uufi addunyaanis akka beekuuf hojjechuun nurra jiraata.
Bariisaa: Akkuma duraan naa kaaste teknoloojii salphaatti madaqsuun ulfaataa ta’uu kaasteetti teknolojii amma jalqabdeen qonnaan bulaan hammam fayyadamaa jira? Hammamis yaadakee deeggaraa jiruu?
Kumee: Jalqaba yaadichi isaan rakkisee ture. Deemsa keessa hubatanii fudhachuu eegalan. Anis waanin Afaan Oromoo sirriitti hinbeekneef ija shakkiin na ilaalaa turan. Amma maatii taneerra. Guyyaa guyyaadhaan karaa dijitaalaa walargina. Addunyaattis isaan beeksisaa, gabaa addunya wajjinis walbarsiisaa jirra.
Bariisaa: Teknolojii dijitaalaa kanatti fayyadamuuf elektirooniksiin ammayyaa mobaayilonni dijitaalaa barbaachisoodha. Qonnaan bulaan keenya ofii bitateemoo gargarsaan dhiyaateef?
Kumee: Wanti tolaa hinmi’aawu. Gargaarsaan dhiyeessuuf yaaliin tureera. Ta’us yoo ofii bitatan caalaatti xiyyeeffannoo kennu ilaalcha jedhuun hedduunsaanii tole jedhanii bitataniiru. Yaada jirus karaa dijitaalaa waliif qoonna.
Bariisaa: Onlaayinii karaa dijitaalaa maal maalfa hojjettu; qonnaan bulaanoo?
Kumee: Bunakoo beeksisuun ala qonnaan bulaan sochicha waan sirriitti fudhateef geeraraa, waa’ee bunaarratti walaloo qopheessaa, sirbaa jaalalaafi kabaja bunasaaf qabu agarsiisu addunyaaf dhageessisaa jira.
Sochichi bunasaa beeksisuu qofa osoo hintaane afaanis, aadasaas, aartiisaas addunyaa dhageeffachiisuun eenyummaafi aartiisaa guddisuu akka danda’u taasifamaa jira. Kanaaf fuula feesbuukii “Bunakoo” Afaan Oromoofi Ingiliffaan cimsuun dirqama Oromummaa bahuun barbaachisaadha.
Bariisaa: Tajaajila deeggarsaafi hordoffii gama kanaan taasistan kallattiinidhamoo qaamaanis ni dhaqxu? Qonnaan bulaa baadiyyaatti argamu wajjin akkamiin walargitu?
Kumee: Tajaajila dijitaalaa kennuu wayita jennu finfinne qofa teenya miti bakka deeggarsi barbaachisaa ta’etti qaamaan dhaqnee qonnaan bulaa waliin turtii taasisna.
Kanamalees waajjiraalee gara garaa wiirtuu giddugala qonnaan bulaa buna omishuutti hundeessaa jirra. Akka fakkeenyaatti Aggaarootti banneerra.
Darbeemmoo ani jireenya sadarkaasaa eeggateen biyya alaa keessa jiraachaa tures abjuun qonnaan bulaa keenya cimsuuf nakeessa jiru olaanaa waan ta’eef baadiyyaa keessa naanna’een qonnaan bulaa dadammaqsaa teknoloojii dijitaalaa kanatti akka madaqan hojjechaan jira.
Yeroo barbaachisaa ta’ettimmoo yaadas ta’e ergaa, walaloo, bunaa, sirba bunaa rakkoo jiru viidiyoon waraabanii nuu ergu. Nutis fuula dijitaalaa keenyaan addunyaaf dhiyeessina.
Dabalataan ji’a ji’aan dhaqeen isaan daaw’adha. Odeeffannoo waljijjiirra, hordoffii fi deeggarsa taasisaa jiruun qonnana bulaan buna oomishu miira ofitti amanamummaa qabeenya ofiitti abbaa ta’uu akka uummatu ta’aa jira.
Omishni bunasaanii kanaan dura faddaaltotaan waliin dhahamaa gatii gadaanaan akak gurguran taasifamaa ture daangaa akak godhatu ta’aa jira. Qonnana bulaan omisha bunasaa ofiif gabaaf dhiyeessee gatii madaalawaa akka argachuu malu murteeffatee hojiitti seeneera.
Kanamalees bunnisaanii karaa dijitaalaa agarsiisaaf dhiyaatee sadarkaan itti kennama. Gatii madaalawaa gabaan bunaa addunyaa itti jiruun gurguratu.
Bariisaa: Dhaabbanni kee caalaatti eessatti hojjeta?
Kumee: Ce’umsi teknolojichaa caalaatti bunarratti. Ammaf wiirtuun hojii keenya Jimma. Gujiittis hojjetaa jirra. Wallaggattis hojjechuuf karoora qabna. Milkaa’inni keenya jalqabaa bal’inaan akka hojjennu waan nutaasisuuf xiyyeeffannoofi qulqullinaan hojjetaa jirra.
Sochii nuti eegalletti kan gammadan naannoleen ollaa buna omishuun beekaman kan akka Sidaamaalee sochii keenya kanatti makamuuf yaada qabu. Nutis itti deemaa jirra.
Bariisaa: Bakki argama bunaa Jimma, Magaalaa Aggaaroo, Ganda Coocee Kattaa Mudhugaa keessa akka ta’e qonnaan bultoonni kaasaa jiruutti kanarratti maal jetta?
Kumee: Bunni keenya maqaa, “Coffee Arabica” jedhamuun malee eessatti argame? akkamiin argame? isa jedhu kan beeku muraasa. Dhoksaa kana gadi baasanii ibsuun barbaachisaadha. Turistii hawachuun galii argamsiisa. Sochiin keenyas ta’e kan qonnaan bulaa keenyaa kanuma.
Bariisaa: Yeroo baay’ee gaafa suurawwan gara garaa ilaallu buna kan funaanu durba. Kan gurguru dhiira. Kun akka sirratuuf hoo waan yaadde qabdaa?
Kumee: Dhugaa jette ilaalchi dubartootaaf qabnu jijjiiruuf sochiin mootummaan eegale jajjabeessaa ta’us ammayyuu fooyya’uu qaba. Yeroo baay’ee buna kan funaanu, qulleessu, miicu, afee gogsu dubartii qofa akka ta’etti suuraa kaasu. Kan gurguru bakkeetti yoo ilaalle keessuma gabaa alergii keessatti dhiirota.
Tajaajilli dijitaalaa bunaafi qonnaan bulaa Oromoo ceessisuu kun dhiirris dubartiinis walqixa hiriiranii bunasaanii akka beeksifatan, gabaa addunyaa keessattis akka hirmaatan faddaaltonni seeraan alaa akka dhabamsiifamaniifi fayyadamummaan abbaa bunaa akka mirkanaa’u hojjetaa jirra.
Bariisaa: Teknolojii dijitaalaatiin gabaa bunaa qonnaan bulaaf tarkaanfachiisaa diriirsuuf sochiin eegalte kun komii sirratti hinkaassisnee, keessumaa daldaltootaafi faddaaltota seeraan alaa biratti?
Kumee: Namoonni tokko tokko nadhiibuu barbaadaniiru. Kun anaaf homaa miti. Qonnaan bulaan umriisaa guutuu qabeenyasaatti abbummaa dhabee saamamaa ture. Rakkoo baay’ee keessa tureeras. Anis gadi qabaa kanaaf osoo hinjilbeeffatiin fayyadamummaa qonnaan bulaakoo mirkaneessuuf nan hojjedha.
Sochiin taasisaa jiru damee qonnaa kan cimsu, qonnaan bulaa kan onnachiisuudha. Faddaaltota muraasaaf jecha galii qonnaan bulaan dadhabbii omisha bunasaarraa argatu waliindhahamuu hinqabu.
Gama kanaan mootummaan na deeggara jedheen abdadha. Qonnaan bulaan qabeenyasaarratti kabajamuu, abbummaa qabaachuu aadaasaa guddisuu malan jedha.
Gabaabaatti qonnaan bulaafi buna Oromoo addunyaaf beeksisuun eenyummaa ofii guddisuudha. Aadaa ofii guddisuudha. Dinagdee ofii akkasumas duudhaa ofii dagaagsuufi isa hinbeekneef beeksisanii madda galii godhachuuf kan gargaru waan ta’eef eegaleera; duubatti hindeebi’u.
Bariisaa: Sochiin teknolojii ceessisuu gatii nama kaffalchiisa maallaqaa sigaafataatii maddikee eessa?
Kumee: Jalqaba waanuman ofii harkatti guduunfadhee dhufeenin eegale. Ta’us gahaa akka hintaane waanin beekuuf dhaabbilee gara garaa wajjin waliif barreessuun ispoonsaroota argadheen deeggaramee hojjetaan jira. Dhugaa dubbachuuf maallaqa hedduu nagaafateera.
Bariisaa: Takka takka akkaataa karoorfataniin milkaa’uu dhabuun jiraachuu danda’aatii ati gama kanaan maal yaadda?
Kumee: Miirri abdii kutannaa nakeessa hinjiru. Darbeemmoo teknolojichi qonnaan bultoota keenya daran fayyadamaa kan taasisu waan ta’eef humna guutuun nafaana dhaabatu. Kufuunis ka’uunis jira. Ta’us hinqaana’u; karoorsee yaalee akkan milkaa’u jireenyakoo keessatti waanin argeef.
Dadhabbiin koo kunimmoo gaafa gadi bahee mul’ateefi qonnaan bulaan fayyadamaa ta’ee mul’ata. Kanaaf duubatti hinjedhu.
Bariisaa: Daldaltoonniifi yuniyeenonni kiraa mankuusaaf maallaqa hedduu baasu. Kana hambisuuf wanti yaadame jiraa?
Kumee: Yaada gaarii kaaste hudhaan guddaan hanqina mankuusaa sadarkaasaa eeggate qabaachuu dhabuufi tajaajila geejjibaati. Kun akka furamuuf fakkii duudhaalee buna Oromoo agarsiisan kan akka Haadha Bunaa, Galateeffannaa Bunaa, Buna Qalaa miidhagsee agarsiisu qopheessuuf galii argachuuf hojjetaa jirra.
Galii sassaabamuun mankuusaafi giddugala bunni itti miicamuu fi qullaahu akkasumas alergiif itti qophaa’u magaalaa Jimmaatti ijaarsisuuf karoora qabna. Yoo Rabbi nugargaare waggaa dhufu hojiitti seenna.
Bariisaa: Dhaabbannikee yuniyenii qonnaan bultootaa wajjin hojjechuun faayidaa hinqabuu laata?
Kumee: Kun murteessaadha. Bifa yuniyeniin gurmaa’anii akka hojjetaniif haala mijeessaa jirra. Kanamalees hoggansa yuniyenichaa keessattis dubartoonni buna omishanis qooda ni fudhatu.
Keessumaa hoggansi karaa dhaabbata keenyaa taasifamu sirna Gadaa kan giddugaleeffate yoo ta’u, dubartoonnis akkuma haadha siinqee hoggansa mataasaanii akka qabaatan taasifamu.
Bariisaa: Teknolojiinkee hojidhabdootaf carraa hojii uumu qabaa?
Kumee: Caalaatti dargaggoon keenya mindeeffamee akka hojjetu qofa osoo hintaane miira of danda’uu akka qabaatu, muuxannoo akka horatu taasisuun qe’ee abbaasarratti omisha bunaarratti akka bobba’uuf hojjetaa jirra.
Yeroo ammaa teknolojii qonnaan bulaa bunaa ceessisuu amma itti jirru cimsuuf meeshaalee laabiraatorii buna sadarkeessaniifi ogeesotas alaa galchuun qonnaan bulaa keenya dinagdeen humneessuuf hojjetaan jira. Sochiin keenya kun hanqina maallaqaan akka hingufanneef dhaabbilee gara garaa waliin hojjetaan jira.
Bariisaa: Kaayyoonkee inni guddaan amma boodaa maali?
Kumee: Qonnaan bulaa investara ta’e qabeenyasaarratti abbummaa qabu horachuu; qonnaan bulaan dinagdee biyyattii ilaalcha jedhu qabatamaan lafa qabsiisuufi saamicha omisha qonnaan bulaarratti qaqqabaa jiru hambisuudha.
Kanamalees dargaggoonni keenya hedduun omisha bunaa osoo qabanii biyya hambaatti godaanuun kaan bishaaniin nyaatamaa jiru. Kanneen biyya Arabaatti gidiraa hamaa keessa jiru. Kun godaannisa sammuu ilmaan keenyaa kan miidhuudha.
Tiraanisfoormeeshiniin qonna bunaa ceessisuu ani eegale kun hudhaa dargaggootaa ilmaan qonnaan bulaa kan furu; miira ofitti amanamummaa kan horuufi hiyyummaa seenaa kan godhu waan ta’eef hojiitti hiikuuf humna guutuun nan hojjeedha.
Mootummaanis sochii ani eegale deeggaruun saamicha omisha bunaa qonnaan bulaarra qaqqabaa jiru hambisuuf tumsa barbaachisu naa taasisuu qabaan ergaa kooti.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 19 Bara 2014