Oromiyaatti waggaa lamaa as omishni qamadii jallisii xiyyeeffannaa guddaa argatee hojjetamaa jira

Waggoota lamaan dura akka Oromiyaattis ta’e biyyaatti qamadii misooma jallisiitiin misoomsuun hinbaratamne ture. Sochii mootummaan qamadii biyya alaatii galu hambisuuf taasisaa jiruun waggoota lamaa as hojiin misooma jallisiitiin qamadii omishuu bal’inaan gaggeeffamaa jira. Hojiin misooma qamadii jallisii kun godinaalee Oromiyaa hunda keessatti bifa walfakkaatuun akka adeemsifamuuf torban kana daawwannaan muuxannoo qooddachuu misooma qamadii jallisii godinaalee naannichaa adda addaa keessatti adeemsifameera.

Daawwanicharratti qonnaan bultoonni adda dureen, ogeessonni qonnaafi ittigaafatamtoonni biiroofi waajjira qonnaa argamaniiru.

Jilli Godina Gujiis Wiixataafi Kibxata darbe hojiilee misooma jallisii Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee aanaa Aqaaqiifi Sabbataa Hawaas daawwachuun muuxannoo qooddateera.

Jilichi omisha qamadii, raafuu, raafuu maramaa, shunkurtii diimaa, timaatimii, misiraafi abukaadoo jallisiidhaan misoome daawwateera. Jilichi muuxannoo qooddate godinasaa keessatti babal’isuuf kan hojjetu ta’uu himeera.

Biiroon Qonnaa Oromiyaa misooma qamadii jallisii baranaatiin callaa kuntaala miliyoona 30.5 ol argachuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu Ittaanaa hogganaa biirichaa Obbo Geetuu Gammachuu himaniiru.

Galmooota gurguddoo arfan biirichi karoorfatee galmaan ga’uuf hojjechaa jiru keessaa tokko omisha qonnaa biyya alaatii galan biyya keessatti omishuun bakka buusuu yoo ta’u, isa kana milkeessuuf hojiin misooma qamadii jallisii bal’inaan raawwatamaa jiraachuu eeranii, qamadii biyya alaatii galu kan biyya keessaatiin bakka buusuuf akka inisheetiiviitti qabamee hojjetamaa jiraachuufi kanaanis bu’aan jajjabeessaan argamaa jiraachuu dubbatu.

Barana akka Oromiyaatti misooma jallisiitiin qamadii lafa hektaara kuma 607 irratti misoomsuun callaa kuntaala miliyoona 30.5 argachuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu himanii, misooma jallisii marsaa duraatiin lafa hektaara 370 irratti qamadii haala baay’ee hawwataafi bu’a qabeessa ta’een misoomuun kunuunfamaa jiraachuufi naannawaa gammoojjiitti immoo gahee walitti qabamaa jiraachuus dubbataniiru.

Misooma qamadii jallisii marsaa jalqabaa kanarraa callaan kuntaala miliyoona 18.5 ol argachuuf hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.

Hojiiwwan misooma qamadii jallisii godinaalee Oromiyaa keessatti omishaman qonnaan bultoota adda duree, ogeessota qonnaafi hoggantoota biiroofi waajjiraalee qonnaa, godinaaleefi aanaaleetiin daawwatameera.

Daawwannaa kanarratti hirmaattonni kuma 14 ol godinaalee Oromiyaa 20 irraa garee 13n qoodamuun godina isaaniitiin ala godinaalee 13 deemuun guyyoota lama lamaaf daaw’achuun muuxannoowwan jiran qooddachuun akka walirraa baratan taasifamuufi kunis hojii misooma qamadii jallisii gara fuulduraatti adeemsifamu babal’isuufi callaa argamu guddisuuf kan gargaaru ta’uu himaniiru.

Jallisii marsaa 2fatiin ammoo lafa hektaara kuma 257fi 800 misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu himanii, hanga ammaatti lafti hektaarri kuma 15 oli faca’ee kunuunfamaa jiraachuufi kan hafes haala rooba arfaasaarratti hundaa’uun saffisa barbaadamuun kan hojjetamu ta’uus himaniiru.

Qonnaan bultoonni, horsiisee bultoonni, ogeessonni qonnaafi geggeessitoonni sadarkaan jiraniifi qoodafudhattoonni milkaa’ina hojii misooma qamadii jallisiitiif gumaacha barbaachisan taasisuu akka qabaniif gaafataniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 19 Bara 2014

Recommended For You