Dharri gaaddisa hindhaqu

Jaarsummaan sirna Gadaa keessatti jaarmiyaa manguddootaan hojjatamu ta’ee akkaataa hawaasni walitti bu’e deebi’ee nagaa buusee akka waliin jiraatu taasisuudha. Jaarsummaan namoota waldhaban walitti araarsuuf sirna gaggeeffamuudhas.

Namni jaarsummaa keessatti kaadhimamu kan umriin ulfaate, sammuun bilchaate, arrabaan qarame ykn haasaa beeku, kan loogummaarraa bilisa ta’e, haqaan dubbii ilaaluufi Waaqa sodaatu ta’uu qaba. Namoonni ykn garee waldhabe keessaa tokko manguddootti iyyata. Sana booda manguddoon yeroo kamiifi dhaddacha kamitti akka ta’e ifatti adda baasuun beellamuuf.

Gaafa guyyaan beellamaa ga’u, qaamni sadanuu yeroo kabajuun dhaddacha araaraatti argamanii iddoo qabatanii booda jaarsoliin araaraa qaamolee wallolan lamaan waada galchu. Ittaansuun gareen waldhabe lamaan sobaan injifachuuf yaaluufi kan injifatame murtii jaarsoliidhaan kenname fudhachuu diduun irbuun akka nama qabu hubachiisuun waadaa galchu.

“Cubbuun dhaddacha hindhaqxu, dhaqnaan qaamolee sadan keessaa tokko hindhabdu” jedha Oromoon. Jaarsoliin dubbii bitaafi mirga ilaaluun murteessu. Murtiin dabarte hindeebitu, himannaan dabarte hinkaatu. Kanaaf, murtiinsaanii fudhatamee hojiirra oola.

Abbaan murtii jaarsolii dide, seeratu itti jiga, ni lagatama, hawaasa keessatti fudhatama dhaba, duunaan awwaalcha dhaba, cidha waamnaan eenyuyyuu hindhaquuf, guuza ykn daboo gaafannaan hawaasni hinbahuuf, kan du’ee ol, kan jiruu gadi ta’uun jiraata; kana jechuun irbuutu isa qaba jechuudha. Kanaaf, dubbii jaarsi mure kan didu hinjiru.

Jaarsummaan sirna Gadaa kan Oromoo biratti osoo hinsharafamin, osoo hinbadin dachee Oromoon keessatti argamu hundatti tajaajila kennaa jiruudha.

Dubbii ambaa ykn fayyituu dhiisanii, ykn ni fayyisan malee tuttuqanii hindhiisan jedhama. Gowwaan saawwatti, hayyuun lafeetti araarama. Kanaaf lafeetti araaramuutu caala. Erga araaramanii booda xiyyoo hindarbin jechuun xumura.

Afaan tokko ta’ee faana walitti dhaabee, dooqa jiguu kaa’ee callee ciccite hinta’in addaan hinfilin, hinqoodin tokkummaa jabeessi jedhanii gorsaniii eebbisu. Dhara ofirraa dhiisanii dhugaa qabatanii waliigaluun barbaachisaadha.

Bokkuun mallattoo aangoofi araaraati

Bokkuun jaarmiyaalee sirna araaraa keessaa isa tokko waan ta´eef akka aadaa Oromootti kabajaafi ulfina olaanaa qaba. Yeroo walitti bu’iinsa garee ykn namoota gidduutti uumame, tasgabbeessee araara jidduutti buusuuf kan hojjatuudha.

Yeroo diinni dhufee biyya balleessuuf ka’etti ummanni duulee akka diina ofirraa deebisuuf ni labsa. Akkasumaas, saba keessatti waldhabdeen ykn walitti mufannaan yoo mul’ate, waliigalteen akka dhufuuf ni hojjatu.

Akka aadaa Oromootti diina ta’e fira akkasumaas, beelladas ta’ee bineensi bosonaallee yoo dhufee mooraa ykn abbaa bokkuutti dheesse hintuqamu, nagaa bahuun kunuunsi taasifamaaf.

Akka sirna Gadaatti Qaalluun jaarmiyaalee araaraa ykn nagaa buusan keessaa isa olaanaadha. Qaalluun mallattoo mirgaafi ulfina guddaa qabaachuudhaan hawaasa keessatti beekamtii olaaanaa qaba. Yoo namoota gareewwan jidduutti walittibu’iinsi dhalate namoonni Qaalluu bira dhaqanii himatu.

Namni badii raawwates gara Qaalluutti baqata. Kana booda Qaalluun rakkinni uumame akka fala argatu namoonni dhimmicha keessa beekan, akka haqaan araarri waaqaafi lafatti bu’u gorsu. Dhumarratti araarri karaa jaarsoliitiin bu’a.

Jaarsoliin araarri bu’uun yoo dadhabame, dubbiin jabaattee yoo waliigaluun ulfaate gareewwan waldhaban jidduutti walfalmiin jiraachuun karaan ani jedhu maaliif hintaane jechuun, miidhaan kan kootu caala, anatu dhugaa qaba ifaajiin kan kootu caalaafi iddoon kun anaaf malti jechuun dubbiin waliigalteerra ga’uun dadhabame, Qaalluurra tarkaanfachuun waan hindanda’amneef Qaalluun ruufa afa. Qaalluun ruufa afe jechuun wanti hundi achumatti dhaabbatti, dubbiin muramte jechuudha.

Dubbiin gaaddisatti xumuramti

Gaaddisa araaraa jala waa lamatu jira. Isaanis, eebbaafi abaarsa. Kan gaarii hojjate eebbaan gala, kan dhara dubbate abaarsaan waan galuuf kan dhugaa dubbatu Waaqa sodaata. Erga gaaddisatti dubbiin waliigalteen xumuramtee booda manatti galanii namoota jaarsoliif abboomaman ni eebbifatu.

Eebbi kunis qalanii nyaataniii dhuguun, manguddoon biyyaa Waaqa kadhachuun, namoota waldhabaniifi kan achi jiran hunda dammaan qabanii isin haa mi’eessu, dhadhaa nyaachisanii garaa dibuun, garaa waliif laafaa, lammata walhindhabinaa jechuun eebbisan. Qaalluun yeroo eebbisu, arrabni keessaan haa mi’aa’u, waa marti isiniif haa toltu jechuun eebbisu.

Dhimma araaraafi eebbaa kana haala wayitii wajjin yoo walqabsiinse Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmadi Abbaa Bakkuu waan ta’eef ni eebbifna; “Tan ati ilaalte si dura hindhaabbatin, tan ati tolchite siif qajeeltu; dagaagi, akka hoolaatti duubaan gabbadhu, durattis gabbadhu, leenca ta’i jechuun.

Abbaan Bokkuu karaa qulqulluun deema. Arraba nama hinquuqneen haasa’a. Kanaaf ummanni jala deemuu qaba. Kanaan booda Oromoon tokkummaasaa cimsee akka ittifufuuf beekaa, xiqqaafi guddaasaa marti walkabajee waljala hiriiruun nagaa buusee aangoo harkaa qabu jabeeffachuu qabaan dhaamsa manguddootaati.

Gama dargaggootiin, gaafa araarri ykn dhimmi tokko gandatti gale, kan hojjannu, gorsaafi ergaa manguddoofi hayyuun keenya nutti dabarsan, kanneen akka nageenya naannawaa eeguu, ergamanii qoraan cabsuu, bishaan dhiyeessuufi kkf fa’i.

Gaafa araarri gaggeeffamee nageenyi bu’e akkuma dubbiin gaaddisatti dhumteen gandoota hundatti araarri bu’uusaa gandatti galuun, nageenyaafi tokkummaan keenya akka cimuuf, dhaamsa dabarsuun murtii hayyootaafi manguddoo fudhatu.

Yeroo ammaa mootummaan garalaafummaa Oromoon qabu agarsiisuun namoota adda addaa hidhaarraa hiikeera.

Kanas kan godheef waliigalteen biyyaalessaa gaggeeffamuuf jedhu akka milkaa’uufi.

Gara dubartootaatiin, gaafa dhaddachatti hayyuun ykn manguddoon dhimma araara gaggeessan, bunaafi hojjaa (hashara qola bunaa) dhaabuufi nyaata akka marqaa hojjatanii dhadhaa ykn damma itti naqanii dhiheessuun tajaajilu.

Erga manguddoon sirna araaraa gaggeessanii booda qaamota hurkanii kaddaman (tajaajilaa) oolanii bulan eebbisanii gammachuun gara manasaaniitti galu.

Akkuma manatti galaniin araarri gaggeeffamee nageenyi bu’uu ee osoo irraa hinhir’isin, itti hindabalin maatiitti himu.

Kana booda, nageenyi bu’uun nama hunda bira walgaheera, jaalala malee fuulli aarii qabu gara gammachuufi nagaatti jijjiiramee nageenyi lallabama.

Dudhaa araaraa kanarratti yaada dabalataa kan nuu kennan Ittigaafatamaa Waajjira Aadaa Turzumii Aanaa Gumbii Bordodddee Obbo Yuusuf Umar, yoo waldhabbiin jiraate ummanni horsiisee bulaa aanichaa aadaa araaraa kanaan rakkinicha furata jedhu.

Aadaa Oromoo madda dimokraasii ammaayyaaf bu’uura ta’e waan harkaa qabuuf ittifayyadamaa jiraachuu kan argisiisu waljaalalaan tukkummaasaanii eeggatanii jireenyasaanii gaggeeffachaa jiraachuus ni dubbatu.

Haaluma kanaan quxusuun hangafa kabajuun akka mootummaattis gaggeessaan gandaarraa hanga ministira muummeetti jiru, bakka dubbiin itti dabde aadaa qabnuun qajeelfataa sirreessuun, araaraafi waliigaltee biyyaalessaa gaggeeffamuuf jedhu milkeessuun barbaachisaadha jedhan jechuun Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Aanaa Gumbii Bordaddeerraa Abdulmaliik Ahmad Daawwee odeeffannoon Bariisaaf ergeen ibseera.

Horaa Bulaa!

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 19 Bara 2014

Recommended For You