Adgandeessuu (globalization) yoom akka eegale ilaalchisee yaad-rimeen addaa addaa yoo jiraatellee baay’eesaarratti beektonni akka walii galtee irra hingeenye beekamaadha. Tokko tokko kallattii dinagdeen yeroo ilaalan kaan ammoo kallattii aadaan, seenaan yookaan gama siyaasaan ilaalu. Namoonni kallattii dinagdeen ilaalan adgandeessuun kan eegale akka dhiyoo ta’etti yeroo tilmaaman namoonni seenaa ammoo umurii dheeraa itti kennu.
Hundi isaanii akka itti ilaalaniifi yaadanitti kaa’u. Fakkeenyaaf, beektonni tokko tokko adgandeessuun kan eegale tarii warraaqsa industirii wajjin wal qabata jedhanii yaadu. Isa kana irratti hundaa’uun naannoo bara 1800 ta’uu danda’a jedhanii yeroo tilmaaman warri kaan ammoo imala galaana irraa (maritime) wajjin wal qabata sababa ta’eef gara bara 1500ti jedhu. Hayyoonni tokko tokkos eegaluun adgandeessuu tarii bara Kolombos gara addunyaa haaraa jedhamutti imala taasisaa ture naannoo bara 1492 keessa jalqabe jechuun yaada kennu. Sababiin isaa bara kana keessa namoonni bakka kanaan dura hingeenye ga’uun yaada isaanii namoota addaa addaa wajjin wal jijjiiruu danda’an jedhu. Inni kun bara addunyaawuutti ilmaan namaa ceesiseera jedhu.
Namoota kana qofa utuu hinta’in qorattoonni muraasni tarii bara duriitti achi deebisuun Dhaloota Kristoos Dura bara 50 hanga 250tti bara daandii arrii (Silk Road) isa jedhamu wajjin walitti qabuun adgandeessuun bara sana eegale kan jedhan jiru. Sababiin isaa bara kana keessa daandiin biyyoottan Chaayinaa, giddu galeessa Eeshiyaafi galaana Meeditiraaniyaa walitti fidu sababa daldalaaf bara itti ba’eedha jedhu. Tarii ilaalchi kun dinagdee wajjin kan wal-qabate ta’uu nidanda’a.
Sababiin isaa bara kana keessatti hojiin sibiila tumuu jabaachaa dhufuun saantima (coin) ittiin daldalan bara itti qopheeffatan, geejibni fooyya’aa dhufuun daandiin kallattii garaa garaa irraa walitti dhufanii wal qaxxaamuran omishni naannoo tokkotti omishame akka bakka itti omishamee bakka biraa salphaatti dhaquuf bara haalli mijate, urgooftuun biyya Arabaa, daawwitiin warra Roomaa, mala waraqaa hojjechuu warra Chaayinaa, amantaaleen akka Budiizimiifi kkf., biyya tokkoo gara biyya biraatti bara itti babal’atan sababa ta’eef adgandeessuun kan eegale bara kana jedhanii yaadu. Walumaa galatti adgandeessuun yoom eegale kan jedhu yaad-rimee hedduutu jiru. Tarii as keessatti illee kan hincaqafamin danuudha.
Haa ta’u iyyuu malee adgandeessuu jechuun maalii? Adgandeessuun yaalii ardii kana gara ganda tokkootti fiduuf carraaqamuudha. Addunyaan keenya kanaan dura dinagdeedhaan, teessuma lafaatiin, daangaadhaan, aadaadhaan, siyaasaafi amantaadhaan adda qoodamtee kan turte bara adgandeessuu (globalization) keessatti garuu sababoota armaan olitti caqasne irraa kan ka’e daangaan jiran baduun biyyoottan addaa addaa walitti dhufu. Gara ganda tokko ta’uuttis deemu. Kanaan dura addunyaa daangaan qoodamtee turte, jireenya yookaan addaa addummaa sabummaafi qaroominaa diigee gara tokkummaatti guutummaa biyya lafaa fiduudhaaf tattaaffii cimaa taasisuudha.
Wantoota biyya addaa addaa keessatti raawwataman akka nama cinaa jiruutti bara itti hordofuun danda’amu, sabni biyya lafaa akka nama ardii tokko keessa jiruutti utuu hinta’in akka nama mandara tokko keessa jiruutti yeroo itti walitti dhufeenya qabaatuudha. Fakkeenyaaf namni tokko mareef, wal-ga’iif, barumsaafi kkf., fagoo utuu hindhaqin salphaatti mana isaa taa’ee dhaabbata fagoo jiruu wajjin yookaan nama ardii kan biraa keessa jiruu wajjin wal-argee sirrii, maree sirrii qabaachuu danda’a.
Kanaaf, namoota biyya lafaa kana irraa wal-agarsiisuuf tooftaa qophii teeknooloojiin ta’uudha. Bara akkasii keessatti oduun biyyaa biyyatti saffisaan tamsa’a, sabni ardiitii ardiitti faffaca’ee ture walitti dhufa, fageenyi inni kaleessaa sun seenaa ta’a. garaagarummaa balleessee saboota gidduutti tokkummaan akka uumamu taasisa.
Darbees bara akkasii keessa gochi biyya tokkotti ta’u utuu hinturin biyya biraa keessatti dhagaa’ama. Walitti dhufeenyi teeknooloojii biyya tokkoo battalatti biyyoota biraa keessatti dhagaa’ama. Bu’aan oomisha biyya tokkoo gabaa biyyoota biraa keessatti hatattamaan argama. Namoota biyya addaa addaa arguuf akka bara durii biyya isaanii dhaquun hinbarbaachisu. Salphaatti balbala keenya duratti arganna. Sababiin isaa geejjibni isa kana bara itti salphisu keessa jirru.
Haa ta’u malee faayidaa qofa utuu hinta’in miidhaa hamaas niqabaata. Lolaan biyya ormaatii gara keenya dhufu wantoota guuree nutti dhufu hedduu qaba. Isa kana itti yaaduun murteessaadha. Namoonni yeroo mammaakan “Simbirri akka mataa kee irra hinbalaliine dhorkuu hindandeessu; haa ta’u iyyuu malee akka mataa kee irratti godoo hinijaarranne gochuun nidandeessa” jedhu. Adgandeessuu daangessuun hindandaa’amu. Akka nu hinmiine gochuun garuu nidandaa’ama. Fakkeenyaaf duudhaaleefi wantoota gaarii akka dhuunfaattis ta’e akka walootti qabnu kan miidhu ta’uu hinqabnu.
Sababiin isaa adgandeessuun isaan kana niqisaasessa. Wantoota dur hinturin nutti fidu danuu qaba. Kanneen akka jijjiirama aadaa fiduu danda’a. Isa kan keenyaa dhiifnee aadaa ormaan akka liqifamnu nutaasisuu danda’a. Aadaan keessummaa ta’an akkataan nyaataa; uffannaa; rifeensa mataa ofii eeggachuuf jijjiiramni kana fakkaatan babal’achaa deemuu danda’u. Kanaaf wantoota dur hinturin har’a ta’aa jiran irraa kan ka’e biyya keenya keessattis akka jijjiirama aadaa hinbarbaachifneef saaxilamnu nutaasisa.
Barmaatileen keessummaa ta’an garaa garaa teeknooloojiittis fayyadamuun biyyaa biyyatti tamsa’u. Isaan kun ammoo utuu hinturin biyya waliin ga’u. Tatamsa’ina wantoota kanaa kan saffisiisan teeknooloojii kanneen akka dhagilaal(TV), bilbilsochootuu(mobile), interneetaafi kan kana fakkaataniidha. Isaan kun akkuma waan gaarii babal’isan hamminaafis karaa ta’u. Gaarummaa adgandeessuu qofa utuu hinta’in gama kan biraan rakkoo inni fidee dhufu gadi fageenyaan ilaaluun isa hamaa irraa fagaachuun isa gaarii qabachuun murteessaadha. Wantoota orma ta’an heedduuf dhaloota saaaxiluu danda’a
Adgandeessuun aadaa wal-fakkeessuu (Homogenization of culture) keessatti ga’ee guddaa qaba. Biyya kan biraa taa’anii biyya fagoo keessatti nama, biyyaafi kkf., irratti miidhaa geessisuun nidandaa’ama. Dhukkubni biyya tokko dafee biyya kaanitti tatamsa’a. Isa kana dhukkuba akka HIV/AIDS, COVID-19 attamitti biyya kan biraatii ka’ee biyyaafi dhaloota keenya akka miidhe agarreerra. Darbees odeeffannoon salphaatti biyyaa biyyatti ce’a. Namoonni isa kanaan miidhaman jiru. Biyyi hedduunis odeeffannoo sobaafi dogongoraan miidhamaniiru. Bara keenya kanas odeeffannoo dharaa hanga dhugaa irraa adda baafachuun nama danquutti biyya lafaa kana irra tamsa’aa jira. Inni kun gama kan biraan miidhaan isaa hamaadha.
Adgandeessuun bara si’anaa kana wantoota dhaloota miidhuu dandaa’an hedduuf daandii cimaa ta’eera. Fakkeenyaaf, muuziqaan garaa garaa biyyoottan warra Lixaatti qophaa’anii gara biyyoottan akka Afriikaa dhufan, wantoonni dhagilaal (TV) irratti tamsa’an, fiilmiin garaa garaa dhaloota biyyoottan guddataa jiraniif miidhaa hamaa fidanii dhufaniiru. Dhaloonni keenyas duudhaa gaarii inni qabu harkaa tamsaasuun isa kan biyya ormaaf akka harka kennan taasiseera.
Waggaa digdama dura gaazexaan Washington Poost jedhamu tokko adgandeessuu ilaalchisee akka barreessetti “Adgandeessuun bidiruu hiyyeessaafi sooressaa wal-qixatti kan ol kaasuudha” jedhe.
Akka yaada gaazexaa kanaatti biyyoonni kiilomeetira kumaatamaan wal-irraa fagaatan omisha gatii salphaan akka wal-irraa argataniif daandii baneera jechuu isaati. Karaa tokkon inni kun sirriidha. Sababiin isaa biyyoonni akka Ameerikaa qabeenya biyyoottan guddataa jiranii gatii xiqqaan bituun fayyadamuu danda’u.
Haala adgandeessuun mijeesseen biyyoonni guddataa jiranis waan biyyoottan adda addaa irraa argatan niqabaatu. Faayidaan isaan argatan garuu faayidaa egeree isaanii dhagaa cimaa irratti dhaabu ta’uu dhiisuu nidanda’a..
Haa ta’u iyyuu malee barri adgandeessuu biyyoottan hiyyeessaaf salphaa miti. Warri sooreyyiin itti caalanii akka sooroman, warri hiyyeessi ammoo ittuu deegaa akka deeman gochuu keessatti ga’ee guddaa qaba. Warra dureeyyiifi abbootii qabeenyaa warshaalee garaa garaa qabaniif barri akkasii kun gaarii yoo ta’u warra isaaniif hojjetaniif garuu miidhaa hamaa qaba. Fakkeenyaaf bara daldalli saffisa cimaan guddateera jedhamee biyyoottan addaa addaa keessatti yaadamaa ture addumaan bara 1960 hanga 1998 jireenyi namootaa akka baay’inaan wal caalu taasisera. Biyyoonni dureeyyiin dhibbeentaa 20 ta’an qabeenya addunyaa kanaa dhibbeentaa 86 ol akka fayyadamaniifi biyyoonni hiyyeeyyiin dhibbeentaa 80 ta’an ammoo qabeenya addunyaa kanaa dhibbeentaa 14 qofa akka fayyadaman qorannoon garaa garaa niaddeessa. Kanaaf biyyoottan hiyyeessa ta’an irraa miidhaan isaa salphaa miti.
Darbees abbootiin qabeenyaa biyyoottan dureeyyii keessa jiraatan gara biyya humna namaa gatii rakasaan argatanitti akka godaananiif daandii mijeessa. Inni kun ammoo namoota hojii humnaa hojjetaniif miidhaadha. Fakkeenyaaf, biyyi Chaayinaa biyya Ameerikaa qofa irraa carraa hojii miiliyoona 3.2 yeroo muraasa keessatti fudhatteetti. Isa kana keessatti adgandeessuun ga’ee guddaa qaba. Biyyoottan garaa garaa dinagdeen walitti hidha.
As keessatti namoonni dureeyyiin caalaatti sooromaa, hiyyeessi caalaatti hiyyoomaa deemuun isaanii hinoolu jechuudha. Sababiin isaa bakka humna namaa rakasaan argatanitti godaanuun namoonni hojii irra turan hojii dhabeeyyii ta’u; biyya dhaqanittis humna namaa gatii salphaan waan fayyadamaniif jireenya namootaa irratti jijjiiramni cimaan hindhufu. Warri hojjechiifatan garuu niduroomu. Inni kun namoota hedduu miidha jechuudha.
Walumaa galatti adgandeessuu dhaabuun hindandaa’amu. Adgandeessuun bubbee hamaa addunyaa kana irraa waan hedduu haxaa’ee deemaa jiruudha. Haa ta’u iyyuu malee attamitti akka haala jiru to’annee jiraannu sirriitti beekuun daran murteessadha.
“Biyyoonni dureeyyiin dhibbeentaa 20 ta’an qabeenya addunyaa kanaa dhibbeentaa 86 ol akka fayyadamaniifi biyyoonni hiyyeeyyiin dhibbeentaa 80 ta’an ammoo qabeenya addunyaa kanaa dhibbeentaa 14 qofa akka fayyadaman qorannoon ni addeessa.”
Doktar Zarihun Gabree
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 19 Bara 2014