Yeroo kamuu caalaa olaantummaa seeraa kabachiisuun amma

 Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii hatattamaa tibbana taa’een labsii yeroo hatattamaa ji’oota sadiif ture kaasuun ni yaadatama. Tarkaanfiin labsicha kaasuu manni marichaa fudhate kun keessumaa biyyootaafi dhaabbilee addunyaa adda addaatiin ija gaariidhaan ilaalamee, daran jajameeras.

Kaafamuu labsii kanaa ilaalchisee miseensota mana marichaarraa kaasee lammiileen haala qabatamaa biyyattiin keessa jirturraa ka’uun yaadota adda addaa dhiyeessaa turaniiru.

Labsichi kan labsameef irra jireessaan weerara shororkeessaa ABUT akka haaraatti naannolee Affaariifi Amaaraatti taasiseefi yaaddoo nageenyaa shororkeessaa Shaneen Oromiyaatti uumaa ture qolachuufi.

Labsichi bakka murnoonni kunniin guutummaatti naannolee Affaariifi Amaaraa gadi hinlakkifnettiifi Shaneen immoo ummata hiraarsuu ittifufetti ka’uu hinqabu jechuun miseensonni mana marichaa sagalee mormii dhageessisaa turaniiru.

Yaaddoon miseensota kanneenii dhugaa ta’us mootummaan qorannoo dhimmicharratti taasiseen tarkaanfii labsicha kaasuuu fudhateera. Amma kan ta’uu qabu dhimma ijoo tokkoodha; innis seerarratti hundaa’anii olaantummaa seeraa mirkaneessuudha.

Tarkaanfii olaantummaa seeraa mirkaneessuu kanaan murnoonni namoota qulqulluu ajjeesan, qabeenya barbadeessan yeroo dhumaatiif akka dhabamsiifaman taasifamuu qabu. Dheebuun ummanni nageenyaaf qabus yeroo kamuurra deebii quufsaa argachuu kan qabu amma.

Keessumaa Oromiyaatti olaantummaa seeraa mirkaneessuudhaan nageenya kabachiisuun walqabatee hojiin gaachana sirnaa gurmeessuufi qaamolee nageenyaa qindeessuun hojjetamaa jira. Kana maddiitti akka mootummaan naannichaa tibbana ibsetti, dargaggoonni garee shoroorkeessaa Shaneetti makamanii turan hedduun waamicha  taasifameefiin hawaasatti dabalamaa jiru.

Olaantummaa seeraa mirkaneessuun walqabatee tarkaanfiin murna Shaneerratti bifa qindaa’aa ta’een fudhatamaa jiraachuunis eerameera.

Keessumaa ummanni Oromoo oggaa gochoonni duudhaasaa ganamaa hinibsine qaamuma kamiinuu haa ta’uu qe’eessaatti raawwatamu hadheeffatee b a l a a l e f f a c h u u n tattaaffii mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuuf taasisu utubuu qaba. Oromoo duudhaafi sirna bulchiinsaa cimaa qabuuf labsiin yeroo hatattamaa ka’ee dhiiseen hangas mara waan nama hin yaachisne waan ta’eef safuusaa ganamaa sanaan nageenyasaa tikfachuu qaba.

Oromoon akkuma duudhaasaa gaachana waliif ta’ee sirna ofii tikfachuu, yeroo rakkinaa, gaddaafi gammachuu walbira dhaabachuu, walhirphee rakkoo keessaa walbaasuun, miira namoomaatiin kabaja dhala namaa eeguufi eegsisuun, bitaa mirga dubbii ilaalee araaraan furmaata waldhabdee kaa’uun Oromoodhaaf eenyummaa waan ta’eef haalota kanaan ala jiraniifi guddummaasaa xiqqeessan ofirraa faccisuu qaba.

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 12 /2014

Recommended For You