Dorgommii qaxxaamura biyyaa Jaanmeedaa

(Jaanmeedaa): Dirree bakka buutonni egeree irraa horataman

Finfinnee: Dorgommiin qaxxaamura biyyaa (‘cross country’) yeroo jalqabaatiif sadarkaa biyyoolessaatti kan adeemsifame ALA Bitootessa 20 bara 1898 Faransaay, Magaalaa Viilaa Daa’arshii jedhamtutti ta’uun galmaa’eera.

Biyya keenyatti ammoo bara 1976 irraa kaasee dorgommiin qaxxaamura biyyaa kun Finfinnee, (Jaanmeedaa) Hurufa Boombiitti adeemsifamaa jira.

Obbo Asfaawu Daanyee ittigaafatamaan leenjiifi dorgommii Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Dilbata darbe wayita dorgommiin kun gaggeeffametti gaazeexaa Bariisaaf akka ibsanitti, kaayyoon dorgomichaa dargaggoota bakka bu’oota horachuufi, jedhu.

Dorgommiin kun waggaa waggaadhaan adeemsifama kan jedhan Obbo Asfaawu, waggoota kanneen keessatti dargaggoota beekamoo sadarkaa biyyoolessaatti Itoophiyaa beeksisan horachuun danda’amuu addeessaniiru.

Itoophiyaan dorgommii qaxxaamura biyyaa biyyoolessaa jalqabaa ALA bara 1981 Ispeen, Magaalaa Maadriiditti adeemsifamerratti yeroo jalqabaatiif Afrikaa bakka bu’uudhaan hirmaattee addunyaarraa gareedhaan tokkoffaa, dhuunfaadhaan lammaffaa bahuun waancaa, meedaaliyaa warqiifi meetii argattee kaasee hanga ammaatti gabatee meedaaliyaa keessaa sadarkaa olaanaarratti argamti jedhan.

Dorgommii yeroo 39f korniyaawwan lameeniin adeemsifame kanarratti biyyoonni ollaa Eritiraan, Keeniyaan, Taanzaaniyaa, Sudaanfi Sudaan Kibbaarraa atileetonni ciccimoon hirmaachuusaanii addeessaniiru.

Muuxannoo dorgommicharraa argamuun dargaggoonni boru Itoophiyaa bakka bu’an argamuusaaniis Obbo Asfaawu addeesaniiru.

Keessumaa qilleensi bakka dorgommichaa daran ulfaataa waan ta’eef dargaggoonni achirratti mo’atan qilleensa Awuroppaafi Ameerikaa dhandhamachuu waan danda’aniif rakkina tokko malee ni injifatu jedhan.

Dorgommiin qaxxaamura biyyaa biyyoolessaa kun yeroo 44faf ALA bara 2023 waan adeemsifamuuf ammumaa kaafnee atileetota hirmaatan horachuuf qophaa’uufis dorgommichi murteessaadha jedhan.

Dorgommicharratti atileetota biyyoota ollaa dabalatee naannoleefi kilaboota biyya keesaarraa 700 yoo hirmaatan, naannoodhaan Oromiyaafi Amaaraan, kilabaan ammoo Kilabni Elektirikii Itoophiyaa waancaawwan lama lama fudhataniiru.

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 12 /2014

Recommended For You