“Bara Oromoo seenaan bade, jennee waan badaa ofirratti galmeessisuu hinqabnu”- Obbo Koorsoo Kojii

Seenaa baroota darbanii keessatti Oromoon Itoophiyaa keessaa akka qooda hinqabneefi waa’een Itoophiyummaafi Itoophiyaa akka isa hinilaallannetti amansiisuun karoorfamee ilaalcha Oromoorratti hojjetemaa ture.

Keessumaa seenaa hatuun Oromoon Itoophiyaaf akka orma ta’eetti ilaalamaa ture. Fakkeenyaaf injifannoon Adawaa kan warra kaabaa qofa otoo hintaane kan warra lixaa, bahaafi kibbaa akkasumas jiddugaleessaa ta’uun reefu beekamtii argate; keessumaa waggoota sadii as.

Godaannisni sun hammallee guutummaatti badeera jechuun hindanda’amu. Ammumayyuu waantonni harca’anii hafan waan jiraniif miseensonni saboota kallattiilee sadan hafanitti argaman waa’ee Itoophiyaafi Itoophiyaanummaa afaan guuttatanii haasa’uurratti ni danqamu.

Kanaaf keessumaa wantoota akka biyyaatti taasifaman irratti silaa akka baay’inasaaf dura hiriiruu kan qabu Oromoo ta’ee osoo jiruu yommuu gara moggaatti jedhutu mul’ataa ture. Ammas taanaan haalli kun keessumaa diyaaspooraa Oromoo biraa waan hafe hinfakkaatu.

Kanaafis akka agarsiisaatti waamicha akka biyyaatti diyaaspooraa miliyoona tokko ayyaana Qilleefi Cuuphaaf Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad dhiheessan wajjin walqabatee deebii miseensonni sabichaa kennan ilaaluun ga’aadha.

Diyaaspooraan Oromoo waamichicha fudhatee baay’inaan akka seenuuf hojjetamus hanga yaadamu kan hinmilkoofne ta’uu namoonni alatti dhimmicha qindeessaa turan yeroowwan adda addaatti dubbachaa turaniiru. Dhimma kanaafi haalli waliigalaa sochii diyaaspooraa kanaan walqabatee koree qindeessaa keessa kan turaniifi waamichicha fudhatanii Ameerikaarraa kan dhufan Obbo Koorsoo Kojii keessummaa Bariisaa maxxansa kanaati. Dubbisa gaarii.

Bariisaa: Dubbistoota keenyaan walbaraa mee?

Obbo Koorsoo: Maqaan kiyya Koorsoo Kojii jedhama. Ameerikaa, Kolomboos Ohaayoo irraan dhufe. Kanin dhaladhee guddadhe Magaalaa Shaashamanneetti yoo ta’u, barnoota kiyyallee achumattin baradhe. Ijoollummaadhuma kiyyaan haalli siyaasaa yeroo sana ture mijataa waan hinturreef, keessumaa cunqursaa sirni Wayyaanee maatii kiyyaaf narraan ga’aa turte baqadhee karaa Keeniyaan gara Ameerikaa deeme. Achis waggoota 22n jiraadhe.

Ammas waamicha Ministirri Muummee Itoophiyaa diyaaspooraa miliyoona tokkoof yeroo ayyaana Qilleefi Cuuphaa taasisan fudhadhee dhufuunin Finfinnee jira.

Bariisaa: Turtii waggoota 22 booda yeroo jalqabaatiif gara Itoophiyaa dhuftanmoo?

Obbo Koorsoo: Lakki. Waggoota muraasa dura bara mootummaa Wayyaanee sana, yommuu ministirri muummee yommuusii Obbo Mallas Zeenaawii Barkumee Itoophiyaarratti diyaasporaaf waamicha taasisan dhufeen ture. Dhufees hojii invastimantiirratti bobba’ee, waggoota ja’aa ol biyya kana jiraadheen dhiibbaan ture waan na hojjechiisuu hindandeenyeef dhiisee Ameerikaatti deebi’e.

Wayyaaneen keessumaa akka Oromoon dinagdeedhaan mataa ol hinqabanneefi hojjetee hinguddanneef dhiibbaan taasisaa turte olaanaadha. Keessumaa isaan waliin hariiroo addaa yoo hinqabaanne dhiibbaa isaan namarraan qaqqabsiisan hojicha dhiistee akka deemtu si taasisa. Isaa booda Ameerikaatti deebi’een akka haaraatti jiruu eegale. Amma mootummaan Oromoo dhufnaanin waamicha dhiyaate kabajee dhufe.

Bariisaa: Hojiin yeroo Wayyaanee irratti hirmaattanii isin jalaa fashalaa’ee maal ture? Deddeebitanii moo asuma teessanii hojjetaa turtan?

Obbo Koorsoo: Magaalaa Mojootti hojii horsiisa lukkuurrattin bobba’ee ture. Gaafan hojiichatti seenu fuuldura kiyyatti warshaa simintoo dhaaban. Naannawichi ani hojii itti eegalee naannawa agroo indastirii malee kan warshaa hinturre. Bakkichi iddoo omishni Goraa (Strawebrey) illee baay’inaan jiruudha; daandii Mojoorraa gara Shaashamannee geessu, naannawa Qoqaa jechuudha.

Anaafi namoota muraasaa hojii agroo indastiriirratti hirmaannee turre laaffisuuf malee warshicha dhaabuun itti yaadamee natti hinfakkaatu. Warshaan sun amma jiraachuufi dhiisuusaallee quba hinqabu.

Kanarraa kan ka’e lukkuuwwanin horsiisaa ture aarri warshaa keessaa ba’u waan fixeef dhiibamee hojicha keessaa akkan ba’u ta’eera. Kana qofa osoo hintaane dhuunfaadhaanillee dorsiisni “bakka kana gadi dhiiftee hindeemtu taanaan si ajjeefna” jedhu na qaqqabaa ture. Waliigalaan haalli ture Oromoo dinagdee keessatti hirmaachisuuf mijataa waan hinturreef dhamaatii kiyya hunda dhiisee bakkan dhufetti deebi’uuf dirqame.

Bariisaa: Amma hojichatti deebi’uuf dhuftaniiree?

Obbo Koorsoo: Ammaaf waamicha Doktar Abiyyi diyaaspooraaf taasisan wajjin walqabatee ani koree waan sana qindeessu (gama diyaaspooraa Oromootiin jechuudha) keessa waanin tureefin dhufe.

Meeshaalee wal’aansaa dhaabbilee 20 biyyoota addunyaa garagaraa keessa jiran irraa yeroo torban lama hinguunne keessatti gurmeessuun walitti qabamaniifi anis akka dhuunfaa kiyyatti qopheesse fiduun dhaabbilee fayyaa sababa waraana Wayyaaneefi mootummaa gidduutti taasifameen miidhaman biraan qaqqabsiiseera.

Gara Affaariifi Walloo deemees waanin fidee dhufe kenneera. Kanaanis waamicha kana keessa Oromoonis ni jira kan jedhu mul’isuuf yaalleerra. Kanumaan walqabateemmoo haalota jiran deddeemee ilaaluun hinoolu.

Bariisaa: Yommuu Ministirri Muummee diyaaspooraaf waamicha taasisan, haala kamiin diyaaspooraa keessumaa kan Oromoo gurmeessitanii akka gara biyyaa dhufaniif socho’aa turtan? Hamma yaaddanhoo milkooftaniittuu?

Obbo Koorsoo: Waamichi taasifame akkuma beekamu akka waliigalaatti sadarkaa federaalaatti ture; akka Oromootti homaa wanti hojjetame hinturre. Diyaaspooraan Oromoo tokko tokko “waamichi kun nu hinilaallatu” jechuun gara boodaatti harkifataa ture.

Kanarraa ka’uun aniifi saa’iban koo kanneen akka Aadde Biraanee Beekaafaa waliin taanee “lakki inumaayyuu cidhi kun kan Oromooti, waamicha addaa hineegiinaa, waamichi akka federaalaatti godhame kunis kan Oromoon waameedha” jenneetu yaada diyaaspooraa Oromoo jijjiiruuf yaalleerra.

Hanga yaadne ta’uu baatus yaalii taasifneen hanga tokko milkoofneerra. Silaa kan baay’inaan dhufuu qabu Oromoo ture. Saboota kaanirratti garuu daran milkoofneerra. Waamichi kan taasifame namoota miliyoona tokkoof yoo ta’u, akka tilmaama hojjetameetti namoonni miliyoona 1.3 ol dhufaniiru.

Bariisaa: Diyaaspooraan Oromoo akka barbaadametti kan hinhirmaanne maaliif laata, maal taajjabdan?

Obbo Koorsoo: Ka’umsisaa ilaalchi diyaaspooraan mootummaa Itoophiyaadhaaf qabu sirrii hinturre. Sababuma kanaan dhufuuf fedha hinqabaanne. Ofirra darbee warra waamicha taasifame fudhatee gara biyyaa dhufuyyuu akka diinaatti ilaaluutu ture. Ka’umsisaa garuu haala jiru akkuma duriitti ilaaluurraa kan maddeedha.

Bariisaa: Ilaalchi akkanaa akka sirratuuf keessumaa warri dhuftanii argitan ittifufiinsaan akkamiin hojjechuu qabdu? Sababnisaas biyyi inuma jirti, diyaaspooraanis inuma jiraata. Walirraa dheessuurraa dhugaan jiru akka hubatamuuf akka dhuunfaattis ta’u gareetti maal hojjechuu yaaddan?

Obbo Koorsoo: Asirratti wantin osoo hinkaasiin hindabarre, erga hoggantoonni KFO mana hidhaa turan hiikamanii as kaka’umsaafi jijjiirama guddaatu jira. Isaa boodallee namoota baay’eetu gara biyyaa dhufe. Nutis dura kan jechaa turre kanuma. Gaaffii hawaasa diyaaspooraa mootummaallee gaafataa turre.

Kanneen mana hidhaa jiran haa hiikaman, Oromoon haa tokkoomu, Oromoon dinagdeedhaan haa guddatu, barri kun bara Oromooti jechaa turre. Kanuma keessa kan nu qeequ nu qeeqaa, kan nu arrabsu nu arrabsaa sochii taasisaa turre. Kan doorsisaafi yaaliiwwan garagaraa nurraafi maatii keenyarraan ga’aa tures jira.

Haalota kanneen keessa darbee har’a dhugaan mooteetu yaadni keenya sirrii ta’uun hubatamaa jira. “Yaadni keessan yaada sirriifi dhugaadha, akkamiin isin waliin hojjenna, akkamiin dhufnee invastimantii keessa seenna?” jedhanii nuu bilbilaa, mariisisaafi dhiifamallee nu gaafachaa jiru. Kun hundi kan ta’e hojii nuti cichinee hojjennerraati jedheen yaada. Fuulduraafis hojii amansiisuu kana cimsinee ittifufna.

Bariisaa: Yeroo baay’ee Oromoon biyya keessa jirus ta’u inni alaa Itoophiyaan tun kan nama biraa akka taateefi dhimmi Itoophiyaa akka waan isa hinilaallannetti yaaduutu ture. Ilaalchi akkanaa guutummaatti akka jijjiiramuuf haala kamiin hojjettu. Yeroo waanti tokko jiraatu qofa osoo hintaane sochiidhuma guyyuu keessattillee hubannoo uumuuf maal hojjetaa jirtu?

Obbo Koorsoo: Kanarratti hojii guddaa hojjechuu barbaachisa. Biyyi Itoophiyaa jedhamtu tun kan Oromooti. Itoophiyaa kana kan Itoophiyaa taasise Oromoodha. Waraana Adawaarraa kaasee seenaa hanga yoonaa jiru yoo ilaalte, dinagdee biyya kana gaggeessuus ta’u, bakkeewwan guguddaa jedhaman kan hogganu Oromoodha.

Keessattuu ammammoo, barri bara Oromooti, hanga tokkos ta’u bara gaaffiin Oromoo itti deebi’eedha. Kanammoo hubachiisuun hojii olaanaa barbaada. Kan yeroo tokko qofa hojjetamee dhiifamus miti.

Kanarraa kan ka’e anis akka dhuunfaattis ta’u saayiban kiyya biroo waliin hanga dandeenye hubachiisuuf inuma hojjenna. Keessumaa Oromoon dinagdee keessa akka seenuuf dhiibbaa taasisaa jirra. Lafa keenya dur Wayyaaneen saamtee irratti hojjettee guddatterratti hojjechuun dirqama.

Keessumaa diyaaspooraan biyya alaa beekumsaafi maallaqa horateen as deebi’ee hojjetee dinagdee biyyattii jijjiiruufi ummatasaas guddisuu qaba. Namni waan qabu fidee dhufee biyyasaarratti hojjete karaa biraa ummata Oromoo gargaare jechuudha. Kanarratti durillee hojjetaa turre ammas cimsinee kan irratti hojjennu ta’a.

Wanti hubatamuu qabu tokko siyaasa warra siyaasaatiif dhiisuudha. Inni siyaasa dalagatu siyaasasaa haa dalagatu. Wanti guddaan garuu nuti rakkannee kan biyyaa baaneef siyaasa qofa osoo hintaane dinagdee keenyallee fooyyessuufi. Dinagdee sana hawwuutu akka biyyaa baanu nu godhe. Amma siyaasni biyya keenyaa qajeelaa jira, dinagdee guddisuuf immoo jabaannee irratti hojjechuu qabna. Kanaaf ammoo waljabeessuu, walgorsuufi walgurmeessuutu nurraa eegama.

Bariisaa: Mee akka dhuunfaatti isin yeroo Wayyaanees Itoophiyaa dhuftanii argitaniittu, ammas argaa jirtu. Akka waliigalaatti Itoophiyaa tana akkamiin ibsitu?

Obbo Koorsoo: Itoophiyaa akka lamaa sadiitti ibsuun ni danda’ama. Waggaa 22 dura yommuun ijoollummaadhaan biyyaa ba’etti maatii kiyyarra rakkoo guddaatu ga’aa ture. Akkasumas namni baay’ee ni hidhama, ni ajjeefama, qabeenyis harkaa fuudhama.

Anis roorroo kanarraa ka’een baqadhee biyyaa ba’e. Kaampii Keeniyaa keessatti daran rakkadheen akka hintaane ta’een karaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waraqaa argadhee Ameerikaa seene. Yommuu sana lamuu biyya kanatti hindeebi’u jedheen yaadee ture.

Ta’us biyyi ofii yoomiyyuu biyya ofiiti jedheen gidduutti waan wayyaa’e yoo jiraate jedhee dhufeen ture. Garuu wanti jijjiirame hinturre; dhiibbaan Oromoorratti taasifamu akkuma ittifufetti ture. Konkolaataa, maashiniifi meeshaalee hojiif fe’adhee dhufe akkasumas hojiin invastimantii eegale hunda narkaa fudhatanii harka duwwaa garan dhufetti deebi’e.

Ammammoo erga Doktar Abiyyi aangootti ba’anii, nama keenyatu aangootti ba’e jennee dhufne. Oromoof qofa osoo hintaane sabaafi sablammoota kaaniifillee haala gaariitu jira. Waa hundi guutameera jechuu baadhus hanga tokko jijjiiramni ni jira.

Bariisaa: Yeroo muudama mootummaa haaraas ta’u, amma kutaalee biyyattii garagaraa deemtanii daaw’attaniittu. Mee waan agartanirraa ka’uun akka nama dhuunfaa tokkootti fuulduree biyyattiirratti maal jettu?

Obbo Koorsoo: Dhugaa dubbachuuf biyya keenyatti erga Doktar Abiyyi aangootti dhufanii as sanuu utuma lolaafi rakkoolee addaddaa keessa jirtuu wanti hojjetame waan nama ajaa’ibsiisuudha. Gamoowwan, paarkiiwwaniifi ijaarsawwan garagaraa magaalaa keessatti hojjetamaa jiran, manneen barnootaa Ifa Boruufi kanneen biroo hanga sadarkaa godaatti ijaaramaa jiran waan nama gammachiisaniidha.

Gama qonnaatiin qonnaan bulaan waggaatti si’a sadii jallisiidhaan omishuu eegaleera. Sangaadhaan kan qotaa ture amma tiraaktaraan qotaa jira. Wantoonni kunneen jijjiiramootan arge keessaa kan nama abdachiisaniidha. Kana caalaa akka ta’uuf immoo irratti waljabeessuu, walitti dhufuufi walbarsiisuutu nurra jiraata.

Bariisaa: Dhiheenya kana Pirezdaantiin Itoophiyaa Saahilawarqi Zawudee diyaaspooraa waamicha biyyaa kabajjanii dhuftaniif afeerraa irbaataa isinii taasisanii, wajjin mari’attaniittu. Mee waa’ee sagantichaa gabaabinaan nuu kaasaa?

Obbo Koorsoo: Sagantichi afeerraa irbaataarra darbee deeggarsa taasisuu qabnurratti nu mariisisuuf kan qophaa’ee ture. Lammiilee sababa waraana karaa kaabaatiin rakkoof Saaxilaman kanneen bakkeewwan garagaraa jiran hanga humna keenyaa dhaabbiidhaan akka deeggaru taasisuufi.

Namni tokko yoo xiqqaate namoota lama ji’a ji’aan dhaabbiidhaan akka deeggaru taasisuufi. Fakkeenyaaf isaan ofiisaanii namoota afur deeggaruuf waadaa kan seenan yoo ta’u, nutis hamma humna keenyaa gargaaruuf waadaa seenneerra. Anis akka dhuunfaatti namoota lama deeggaruuf imaanaa fudhadheera. Waadaan seennes afaanumaaf akka hintaane walii mallatteessinee gargar deemne.

Bariisaa: Diyaaspooraan Ameerikaa Ejensii Diyaaspooraa Itoophiyaa wajjin walitti dhihaattanii hojjechuurratti maal fakkaattu? Keessumaa diyaaspooraan Oromoo?

Obbo Koorsoo: Ejensii diyaaspooraa federaalaa waliin hariiroo gaarii qabna. Dubbii keenyarratti kanarrattis jijjiirama guddaatu jira. Yoo gara waajjirichaa dhimmaaf deemte si’aayinaan keessummeeffamta. Diyaaspooraan kamuu yoo invastimantiirratti hirmaachuu barbaade waraqaa barreessuurraa kaasee haalota garagaraa mijeessuudhaan ni deeggaru.

Akka Oromiyaattis Ittigaafatamaa Dhimma Diyaaspooraa Jaal Amiin Juundii (Daarektara Ejensii Diyaaspooraa Oromiyaa) birattis har’a, abbaan fedhe ilaalcha siyaasa kamuu haa qabaatuu gaaffii invastimantii yoo dhiheeffate hatattamaan deeggarsi barbaachisu taasifamaafii jiraachuu hubadheera.

Mootummaan gama kanaan jaalalaafi garaa bal’ina agarsiisaa jira. Diyaaspooraan Oromoo sababa siyaasaatiin hojii invastimantiirratti hirmaachuu barbaadurraa akka hinhafneef, Oromoon tokkoomee dinagdeerratti akka xiyyeeffatuuf waan gaarii hojjetaa jiru. Inni kun cimee ittifufuu qaba.

Bariisaa: Waan dura isinirra ga’erraa ka’uun invastimantii keessaa inuma baatan moo, itti deebi’uuf yaada qabdu?

Obbo Koorsoo: Itti deebi’uuf yaada qaba; yaaliiwwan addaddaallee taasisaan jira. Egaa namni al tokko miidhame lammaffaa akka hinmiidhamne ofeeggannoo taasisuu qaba. Ofeeggataa, waa keessa seenuuf yaadaatuman jira.

Bariisaa: Egaa carraawwan addaddaatiin bakkeewwan garagaraa deemtanii jijjiiramoota galmaa’anis agartaniittu. utuu kun sirratee jettanii waanti kaastan jiraa?

Obbo Koorsoo: Ani utuu sirrate jedhee kanin yaadu waan diyaaspooraa wajjin walqabatee jiruudha; irrajireessaan kanin beeku waa’eesaa waan ta’eef. Fakkeenyaaf diyaaspooraan biyya kanatti qabeenya dhaabbataa qabsiisee qarshii liqeeffatuun hinqabu. Diyaaspooraadhaan gaafa, “Kottuu biyyakeerratti invasti godhi” jedhamu maallaqa qofa miti beekumsallee ni qaba. Kan maallaqa hinqabne hoo akkamiin beekumsasaa invasti gochuu danda’a kan jedhurratti hojjetamuu qaban jedha.

Kan biraa aleergiidhaan walqabatee, anillee kana dura waanin yaalaa tureef na mudateera; hir’inni doolaaraa jiraatus baankiin doolaara kennaa hinjiru. Baankonni baay’een garuu namoota itti dhihaataniif maallaqa kennaa jiru; walbeekumsaan jechuudha. Bakka kana shira wayiitu jira. Wanti kun sirrachuu qaba. Namni hojjechuu barbaadu tokko hojiin isaa ilaalamee ulaagaa jiruun waan barbaachisu akka argatuuf sirriitti irratti hojjetamuu qaba.

Gaafa gara biirolee invastimantii naannolee deemtummoo fakkeenyaaf Oromiyaa yoo deemte piroppozaalaafi isteetimantii baankii %30 nama gaafatu. Piroppozaalli hojii barbaachisaadha; garuu dhibbantaan baankii %30 jedhame sun osoo irra deebiin ilaalamee gaariidha.

Diyaaspooraan tokko hanga sana of harkaa qabaachuu dhabuu danda’a. Garuu warruma biyya kanaa qixxeetti gaafatamaa jira. Utuu diyaaspooraaf ilaalchi taasifamee namoonni baay’een biyyasaaniitti hojjechuuf fedhii qabaatu. Maallaqa qofa osoo hintaane beekumsaafi teeknoolojiillee fidanii dhufuu ni danda’u.

Wanti ijoo biraan sirrachuu qabu, wantoota hojjetaman gubbaadhaa qofa sirreessuu osoo hintaane sadarkaadhaan gadi bu’ee bifuma walfakkaataan hojjetamuu qaba. Oggaa biiroodhaa eeyyama invastimantii fudhattee bakka lafti jiruufi piroojektiin irratti hojjetamu, gara godinaafi aanaa deemtu haalli jiru rakkisaadha. Namoonni baay’een achitti rakkataa jiru.

Bariisaa: Haala waliigalaa biyyattii ilaaltaniirtu. Hawaasni diyaaspooraa baay’een ammoo waan miidiyaa hawaasaarra deemu qofaan akka waan biyyi tun rakkoo guddaa keessa jirtuutti fudhataa jiru. Isin asitti argamtanii qabatamaan waan argitaniif maal dhaamtuuf?

Obbo Koorsoo: Ani miidiyaa hawaasaafi idileerratti hanga danda’ame waanin arge nan dabarsa. Hamman argetti biyyi nagaa qabdi. Rakkoon darbee darbee mul’atu jiraatus akka miidiyaa hawaasaarratti hafarfamaa ooluu miti.

Rakkooleen darbanii darbanii Oromiyaa keessatti mul’atan jiru. Kanas Oromoodhumatu Oromoo miidhaa jira. Rakkoon akkanaammoo durillee inuma jira. Barri bara teeknoolojii waan ta’eef xiqqoo ho’ee dhaga’amaa jira malee.

Akka waliigalaatti garuu lafti nagaa, magaalonni gugoddoo biyyattii nagaadha. Kottaa ilaalaa, maallaqa keessanis fidaa. Biyya kana dhuftanii hoteela bultanii, yoo ofiifis ta’e maatii keessaniif waantota tokko bittan biyya kana guddisaa jirtan. Invastimantii jechuun kanuma.

Bariisaa: Waa’ee waliigaltee biyyaalessaa biyyattiitti adeemsifamuuf jedhurratti akka diyaaspooraa tokkootti yaada akkamii qabdu?

Obbo Koorsoo: Ani kanarratti waa baay’ee waanin jedhu hinqabu. Garuu wanti yaadamee itti deemamaa jiru kun gaariifi waan biyya fayyaduudha. Fakkeenyaaf obboleewwan keenya sababa siyaasaatiin mana hidhaa turan gad lakkisuun waan dansa.

Ammallee kanneen hafaniifi sababa siyaasaatiin hidhamanii jiran osoo gad lakkifamanii Oromoon tokkoomee, walbira dhaabbatee, Doktar Abiyyi bira dhaabannee, kanneen akka Obbo Lammaa magarsaafi Aadde Xayibaa Hasanillee deebisanii gaarii ta’a jedheen yaada.

Biyyi kun amma harka Oromoo keessa jirti; biyya harka Oromoo keessa jirtu tana Wayyaaneef ykn dhaabbilee biyyattii jigsuuf deeman wajjin hirmaachuu dhiisnee tokkoomnee, Oromiyaa guddisnee, Itoophiyaa harkaa qabnu tanallee ceesisnee, Afrikaatti ol siqnee gaariidha.

Akka waliigalaatti yaadni waliigaltee biyyaalessaa kun waan gaariidha. Ammallee mari’achuu walgorsuufi araaramuutu biyya kanaaf tola.

Bariisaa: Dhumarratti ergaa dabarsuu barbaaddan yoo qabaattan carraa isinii kenna.

Obbo Koorsoo: Ani keessumaa akka gorsaatti ummata Oromootiif kanin dhaamu, “Oromoo carraan argatte kun si harkaa ba’uu hinqabdu. Diina waliin hinta’iin, waliinis hinhojjetiin” jechuun barbaada.

Keessumaa namni Oromoo ta’ee Wayyaanee gargaaruufi waliin hiriiru dogoggora seenaa keessaa hinbaane keessa jira. Sababnisaas nuti obboleeyyani. Ministira Muummee Abiyyi Ahmadiifi kanneen aangoorra jiran kaan dogoggoruu danda’u. Garuu eessallee walhingeessinu; bor deebineetuma araaramna.

Diina waliitaatee yoo biyya tana cabsite Oromoon cabe jechuudha. Oromoon yoo har’a cabee waggaa 150 deebi’ee boo’ichaafi rakkoo keessa seenuun ilmaansaatti garbummaa dabarsuuf deema. Bara Oromoo seenaan badde jennee waan badaa ofirratti galmeessisuuf deemaa jirra.

Kanaaf rakkoo jirurratti wallollee, walgorsinee, araaramnee hiikuu qabna. Diinaaf walkennuu dhiisnee walbira haa dhaabannu. Yeroo ammaa teeknoolojii barri fide wajjin walqabatee namni baay’een beekumsasaa malee nama siyaasaa ta’eera. Ta’uu kan qabu garuu siyaasa isa siyaasa hojjetuuf dhiifnee inni kaan barumsa, hojii, invastimantiifi biiznasii ofiirratti haa bobba’u.

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 12 /2014

Recommended For You