Awwaaroo Amboofi Diillaan dorgommii Pan Afrikaarratti ni hirmaatu

Finfinnee: Gareewwan Kubbaa Miilaa Manneen Barnootaa sadarkaa 2fa Awwaaroo Amboofi Diillaa Itoophiyaa bakka bu’uun dorgommii Pan Afrikaa har’a Rippablikii Dimokraatawaa Koongootti eegalamuratti ni hirmaatu.

Dorgommii gulaallii adeemsifamaa tureen dhiirotaan Oromiyaarraa Manni Barnootaa Sadarkaa 2fa Awwaaroo Amboo; dubartootaan Naannoo Ummattoota Kibbaarraa Manni Barnootaa Sadarkaa 2fa Diillaa Itoophiyaa bakka bu’anii hirmaachuuf Roobii darbe garasitti qajeelaniiru.

Keessumaa kan Mana Barbootaa Sadarkaa 2fa Awwaaroo Amboo  ilaalchisuun addatti Gaazexaa Bariisaatiif dheengadda ibsa kan kennan hoggantuun Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Saamiyaa Abdallaa hirmaattonni kunniin aadaa Oromoo dirree dorgommichaarratti calaqqisiisuuf carrichi gaarii ta’uu beeksisaniiru. Isaanis kaleessa garasitti imaluusaanii nutti himaniiru.

Manneen barnootaa Oromiyaafi Ummattoota Kibbaa carraa kana argachuun waan guddaa ta’uus eeranii, bakka deemanitti dorgomanii qabxii gaarii galmeessisuu maddiitti naamusa gaarii agarsiisuun aadaa naannoofi biyyaa ni mul’isus jedhan.

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 12 /2014

Recommended For You