“Ispoortii ummata biraan ga’uuf waldaaleen humna guddaa qabu” -Gaazexeessaa Zaraay Iyyaasuu

Finfinnee: Guddina dinagdeefi hawaasummaa biyya tokkoo keessatti ispoortiin shoora olaanaa taphata. Keessumaa haala qabatamaa biyyaa keenyaatiin waldaalee ispoortiif bakki guddaan akka kennamuudha kan dubbatamu.

Ittigaafatamaan kutaa saqunamtii waldaa fayyaa Itiyoo-Addis gaazexeessaa Zaraay Iyyaasuu tibbana ibsa dhiyeenya gaazexaa Bariisaaf akka ibsetti, waldaaleen ispoortii keessumaa kan gaazexeesitoota ispoortii, federeeshinoonni, dhaabbileen adda addaa hariiroo ispoortiifi ummataa cimsuuf humna guddaa akka qaban addeesseera.

Ispoortiin kan ummataati kan jedhu Zaraayi, dargaggoonni guddattootaafi dargaggoonnis kan ummataa waan ta’eef yeroo haara galfannaasaanii iddoo hintaane akka hinoolleef damee kanarratti hirmaachisuudhaan dhaabbileen ispoortii ummatatti siqanii dadammaqsa gochuun irraa eggama jedha.

Bu’uura kubbaa miilaa kan ta’e pirojektiin ispoortii kubbaa miilaa kanaan dura gandaa kaasee hanga sadarkaa biyyaalessaatti diriruu kan muldhisu gaazeexeessichi, ammaan tanas naannolee hundatti hordoffii dhabuudhaan diigamuusaaniis addeesseera.

Kanaafuu dhaabbileen ispoortii mootummaa qofa eeguurra akkuma kanaan duraa burqaalee galii barbaaduudhaan pirojektota kubbaa miilaa dargaggootaa deebisanii cumsuun, kanaafis qaamoleen burqaa galii cinaasaanii akka dhaabatan abdiin qaba jedha.

Addunyaarratti jaalatamaafi hordoftoota heddu kan horate ispoortiin kubbaa miilaa bu’uuri isaa dhaabileedha kan jedhu Zaraayi, dhaabbileen kilaboota hundeessuudhaan dargaggoota achirraa maddan hirmaachisanii ga’een isaan gochaa jiran olaanaa ta’uus muldhiseera.

Kanaafuu dhaabbileen ispoortii biyya keenyaa akuma kanaan duraa mootummaadhaan walta’anii guddinaafi babaldhinasaatiif sochii gochuu qabu jedha.

Waldaansaaniis gareewwan kubbaa miilaa kilaboota Finfinnneetti argaman jidduutti walmorkii kubbaa miilaa gageessuudhaan galii achirraa ragamu pirojektota adda addaatiif hiruuf qophiirra jiraachuu dubbateera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 5 Bara 2014

Recommended For You