Waancichi kan Senegaal moo kan Misir ta’a laata?

• Milkaa’ina Baamlaak Tasammaa Wayyeessaa

Finfinnee: Waancaan kubbaa miilaa Afrikaa 33fan magaalota Kaameerunitti ji’a tokkoof adeemsifamaa ture boru xumurama jedhamee eegama.

Walmorkicharratti biyyoonni 24 ramaddii jahatti qoodamanii hirmaachaa turanis qopheessituu waancichaa, Kaameeruniin dabalatee 22 sadarkaa sadarkaadhaan harca’uun Senegaaliifi Misir qofti tapha waancaatiif dhihaataniiru.

Senegaal tapha waancaatiif kan dhihaate Burkinaa Faasoo 3-1n, Misir ammoo Kaameeruun liigooreedhaan 3-1n mo’achuudhaani.

Seenaa waancaa kubbaa miilaa Afrikaa yeroo 33fa kana keessatti Misir yeroo 26f hirmaachuudhaan yeroo torba waancaa fudhachuun biyya duraati. Akkasumas al lama waancaaf dhihaachuudhaan lammaffaa, yeroo sadii sadaffaa, yeroo sadis afraffaa ta’uudhaan beekamti.

Senegaal ammoo yeroo lamaaf waancaaf dhihaachuudhaan al sadiif sadarkaa afraffaa argachuun ala waancaa fudhattee hinbeektu. Kanaafuu Waancaan baranaa Kaayiroo moo Daakaar dhaqaa gaafii jedhu uumeera.

Tapha Seneegalifi Burkinaa Faasoo jidduutti gageeffame murte kennummaan kan taphachiise Baamlaak Tasammaa Wayyeessaa yoo ta’u, murtee kennummaansaa guutuu Afrikaafi addunyaarratti dinqisifameera.

Baamlaak Tasammaa Itoophiyaa bakka bu’uudhaan murtee kennaa biyyoolessaa ta’uun walmorkiiwwan waldaan kubbaa miilaa Addunyaa, ”FIFA”f Konfedereeshiniin kubbaa miilaa Afrikaa ”CAF” qopheessanirratti murtee kennummaansaa daran jajamaa jira. Dhaabbilee ispoortii, daaw’ataa kubbaa miilaafi taphattoota birattis amanamaa dhufeera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 28 Bara 2014

Recommended For You