Xiyyeeffannoo Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa hojii misoomaafi dinagdeef kenneen walqabatee fedhii misoomuu hawaasaa tartiibaan deebisuuf karooraan deeggaree qabeenya muraasa jiru walitti qindeessuun ummata tajaajiluuf sochii taasisaa tureera, jiras.
Sadarkaa pirezidaantii ittaanaatti qindeessaa kilaastara Horataalee Mootummaa kan ta’an Doktar Girma Amantee wayita raawwii hojii baatiwwaan jahaa ibsan akka jedhanitti, bu’a qabeessuummaa hojii mootummaa madaaluun barbaachisaa waan ta’eef, manneen hojii qabeenya, galii walitti qabuufi karooraan walqabatan manneen hojii jaha kilaastaricha jalatti hogganamu.
Hojiileen ijoo walakkaa waggaatti hojjetaman keessaa sadarkaa naannootti hojiilee dhaabbilee misoomaa waliin walqabataniifi kana dura bifa bittinaa’aa ta’een hojjatamaa turan jiraachuu eeranii, wayita ammaa garuu bifa gurmaa’e akka qabaatu taasifameera.
Baatiiwwan ja’an darbanitti dhaabbileen misoomaa haaraan sadi ‘Oro-fresh, ija developeriifi jabdu motors’ (dhaabbata misooma meeshaalee qonnaa dhiyeessuu) hundeeffamuufi gara duraafis dhaabbata misoomaa nyaata biyeeladaarratti hojjetu hundeessuuf karoorfamuu beeksisaniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhaabbilee mootummaa jaha ofii qabu, kan qooda olaanaa keessaa qabu 19fi qooda xiqqaa keessaa qabu 10 walumaa galatti dhaabbilee misoomaa 35 keessaa invastimantii qaba jedhanii,Dhaabbileen kunneen kaappitaala heyyamamee biiliyoona 61fi kan kaffalame biiliyoona 30’n hojii gaggeessaa jiraachuu ibsaniiru.
Dhaabbileen misoomaa hojiirra jiran damee misoomaa mootummaan xiyyeeffannaa kenneef keessatti kan hojjetan waan ta’eef diinagdee damee daneessaa mootummaan sochoosaa jiruuf hirkoo gaarii ta’aniiru jedhan.
Gama damee qonnaan hir’ina dhiyeessii teknolojiin walqabatu furuuf intarpiraayiziin sanyii falatamaa Oromiyaa lafa heektaara kuma 34 qaburratti sanyii baay’isuun qonnaan bulaaf hiraa jiraachuufi qonna ammayyeessuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu dubbataniiru.
Qonnaan bulaa qotiyyoon qotuu keessaa baasuuf dhaabbanni ‘Keenyaa’ jedhamuu tiraaktara dhiyeessuunifi qonna ceesiisuu keessatti hojii jajjabeessaa hojjeechaa jiraachufi Korporeeshiniin agiroo indastirii Oromiyaammoo hojii omishaaf omishtummaa guddiisuuf qofa osoo hintaane sona itti dabalamuun gara indastiriitti ceesiisee galtee biyyaa keessaafi alaa oolchuuf qophii ta’uu hubachiisaniiru.
Walitti hidhamiinsa gabaa uumuun walqabatee ‘Oro-fresh’ kallattiin omishni omishame fayyadamtootaa dhiyeessaa jiraachuu yaadachiisanii, gama damee qonnaan omisharraa jalqabee hanga gabaaf dhiyaatutti dhaabbileen misoomaa hojjeechaa jiraachuu beeksisaniiru.
Gama Seektara Albuudaan dhiyeenya Oromiyaa mayiniing sheer kaampaanii ‘Oromia Share Company’ qabeenya albuudaa naannichi qabu dargaggootaafi ummata haala hirmaachiseen hojjiitti galuuf qophii ta’uu himaniiru.
Kaampaanichi albuudaalee keessumaa godinaalee Gujii,Wallagga lixaafi Harargeetti argamanitti xiyyeeffachuun maashinoota bitee biyya keessa galchaa jira jedhaniiru.
Damee maanifaakchariingiin dhaabbileen misoomaa Warshaa Ujummoo Sibila Oromiyaa, ‘Kenya beverege’fi ‘Melba printing’ waan biyya alaarraa bituu qabnu asuma biyya keessatti omishuun galtee misoomaa taasiisaa jiraachuu dubbataniiru.
Damee turiizimiin dhaabbanni misoomaa ‘Ija developer’ jedhamu iddoowwan hawwata turiizimii naannicha keessa jiraniifi Haroo Wanciitti hojiilee misoomaa gaggeessa jedhanii, dhaabbileen misoomaa dameewwan garagaraarratti hojjetaa jiran kunniin galma barbaadamu erga rukutanii booda cufamuun, haaraa banamuu ykn walitti makamuun jiraachuu danda’a jedhaniiru.
Dhaabbilee misoomaa guutummaan mootumman hogganamanirraa qarshiin biiliyoona 4.8 walitti qabuuf karoorfamee biiliyoona 3.6 walitti qabuun karoora dhibbantaa 76 raawwachuun danda’amuu eeranii, gama bulchiinsaafi baasii baajata mootummaan qarshii biiliyoona 54.6 baasii ta’uun sababa baajataan hojiin misoomaa akka hingufanne taasiseera jedhan.
Zoonii dinagdee addaa ilaalchisee lafti heektaara 300 ta’u abbootii qabeenyaaf qophaa’uufi heektaara 100 kan ta’uuf beenyaan kanfalamuus dubbataniiru.
Sinqinash Alamuutiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 28 Bara 2014