“Akkuma ‘Ubuntuu’ warra Afrikaa Kibbaa Oromoonis falaasama nagaafi Sirna Gadaasaa marii biyyaalessaarratti gurgurachuu qaba”- Kaadhimamaa ‘PhD’ Roobaa Pheexiroos

Keessummaan keenya maxxansa kanaa Kaadhimamaa ‘PhD’ Roobaa Pheexiroos jedhamu. Yeroo ammaa Yunivarsiitii Dirre Dhawaatti Barsiisaadha. Gaafdeebii Gaazexaan Bariisaa hayyuu aadaa, seeraa, nagayaafi misoomaa kana waliin torban darbe dhimmoota aadaa, seeraafi marii biyyaalessaarratti taasise kunooti. Keessummaa keenyaan gabaabinumaan Roobaa jennee ittifufnaa nu ofkalchaa.

Bariisaa: Bakka dhalootaa, haala barnootaafi muuxannoo hojii keessanii gabaabaatti utuu nuuf ibsitanii?

Roobaa: Godina Harargee Lixaa, Aanaa Doobbaattin dhaladhe. Barumsa kiyya kutaa 1fa hanga 6fatti Magaalaa Doobbaatti, 7fa hanga 10fatti Aanaa Tuulloo, Magaalaa Hirnaatti, kutaa 11fafi 12fa (Qophaa’ina) ammoo Magaalaa Ciroo, Mana Barnootaa Carcarittin baradhe.

Bara 1996 Yunivarsiitii Haramaayaa seenee digrii koo jalqabaa barumsa seeraatiin eebbifame. Akkuman yunivarsiitiirraa eebbifamee ba’een Godina Shawaa Kaabaa, Aanaa Dagam, Magaalaa Hambisootti Waajjira Abbaa Alangaatti ramadamee hojii eegale.

Achitti ummata hirmaachisuudhaan waajjirri abbaa alangaa aanichaa akka ijaaramu taasiseera. Achi waggaa tokkoofi walakkaaf hojjedhee Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee, Magaalaa Sulultaatti jijjiirame.

Sulultaattis hoggansa yeroo sanaa wajjin ta’uun waajjira abbaa alangaa ijaarreerra. Hogganaa Waajjira Haqaa Aanaa Sulultaa ta’ees Magaalaa Caancootti hojjechaa ture. Achittis Waajjira ijaareen ba’e.

Ergan seerarratti muuxannoo hojii horadhee booda dhuma bara 2003tti Yunivarsiitii Walayittaa Sooddootti barsiisummaan mindeeffame. Yunivarsiitichatti otoon guyyuma kudhaniifillee hinhojjetin gara Yunivarsiitii Dirre Dhawaatti jijjiirradhe.

Achittis utuman wagguma tokkoofillee hinbarsiisin digrii lammaffaa (MA) barachuuf gara Yunivarsiitii Finfinnee deeme. Digirii koo lammaffaa akaakuu barumsaa Mirga Dhala Namaa (Human Rights Law) jedhamuun bara 2012 xumuree Yunivarsiitii Dirre Dhawaatti deebi’e.

Waggaa shan dura barnoota koo digrii sadaffaa (PhD) barachuuf gara Yunivarsiitii Haramaayaa deeme. Yeroo ammaa akaakuu barumsaa Nagayaafi Misooma (Peace and Development Studies) jedhamuun kaadhimamaa PhDti. Waraqaa qorannoo eebbaas Gadaa Karrayyuutiin walqabatee “Mala Karrayyuun walitti bu’iinsa ittisuufi nagayaa mirkaneessurrattin” hojjechaa jira.

Karrayyuun akkamitti mala aadaatiin walitti bu’iinsa akka ittisu, rakkoo inni keessa darbe maal akka fakkaatuufi saba naannawasaa waliin akkamiin jiraachaa ture dhimmoonni jedhan dhimmootan irratti xiyyeeffachuun waggoota sadii oliif itti deddeebi’ee qoradheedha. Yoo Waaqayyo jedhe barana barumsicha nan xumura.

Bariisaa: Nagayaafi misoomni hariiroo akkamii qabu?

Roobaa: Nagayaafi misoomni akka saantima tokko fuulawwan lama qabuu walirraa adda hinba’an. Nagayaan jiraachuu baannaan homtuu hinjiraatu. Kanaafuu nagaafi misoomni walirraa adda bahanii jiraachuu hindanda’an.

Aadaafi Gadaa Oromoo keessatti nagayaan iddoo olaanaa qaba. Qorattoonni aadaa Oromoo kanneen akka Doktar Gammachuu Magarsaa, Pirofeesar Asmaroom Laggasaa, Ittaanaa Dawoo, Naggaa Ittafaa aadaa Oromoo Booranaa qorataniiru.

Keessumaa Doktar Gammachuun akka jedhanitti, “Nagaan Booranaa waliin jireenya waan hundaati” jedhu. Kana jechuun namni namaa wajjin, namni uumamaa wajjin, namni Waaqaa wajjin nagaan akka jiraatu kan taasisuudha jechuudha. Sadanuu hariiroo gaarii uumanii nagayaan jiraachuu baannaan Oromoon finna gaarii hinqabu ykn barri gaarii hinta’u. Finna gaarii jechuun waa fiduu ykn waa keessaa baasuu jechuudha.

Nagayaan walqabatee Karrayyuunis falaasama mataasaa qaba. “Nagayaan ilma fayyaa dhalchee, waraanni ammoo ilma du’aa dhalche” jedha. Karrayyuun “Waaqni jalqaba nagayaa uume, kanaafuu nagaan hangafa” jedha. Karrayyuun yeroo mariifi jilawwan aadaa gara garaa geggeessu nagayaa akka hangafaatti fudhata.

Bariisaa: Sirna Gadaa keessatti haala kamiin walitti bu’iinsa ittisuun danda’ama?

Roobaa: Oromoon heera qaba, heerri ammoo akaakuuwwan gara garaa qaba. Fakkeenyaaf heera fuudhaafi heerumaa, heera walittibu’iinsa ittisu, heera gaafa waldhabe ittiin araarsu qaba. Oromoon yoo waldhabe walitti deemee wal waraanuu utuu hintaane, hayyuu, buleessaafi jaarsa qarsaa reebbatee ykn barbaaddatee walitti araarama.

Jaarsa qarsaa jechuun jaarsa buleessa ykn kan Gadaa lamaa ol dabarseedha. Aadaan dur hinjirre aadaa Oromoo keessa akka hingallee dura dhaabbatee kan ittisu jaarsa Qarsaati. Kanaafuu Oromoon rakkoo isa mudate karaa nagayaan furachuuf hayyuu, buleessaafi jaarsa Qarsaa reebbata.

Oromoon rakkoo isa mudate Caayaa taa’ee heera namni tolche, heera gumiitti tumameefi heera Waaqaatiin furata. Kanaafuu mariin caayaa ykn gaaddisaa aadaa Oromoo keessatti iddoo olaanaa qaba.

Oromoon hanga fedhe waldhabus yeroo marii caayaatti dhufu horooroo ykn ulee harkatti qabate lafa kaa’ee “Kanaan booda heeraan lolla” jedha. Heeraan lolla jechuun dhimma keenya mariifi heeraan hiikkanna jechuudha. Maricharratti kan miidhes kan miidhames mo’ataa ta’anii walitti fayyu.

Oromoon akkaataa walitti bu’iinsa ittiin ittisu hedduu qaba. Isaanis Sirna Gadaa, Heera Gosaa, Ilaafi Ilaameedhaan (waldhaggeeffachuudhaan) walitti bu’iinsa ofirraa ittisa. Walitti bu’iinsi akka balaa guddaa hinqaqqabsiifne hir’isuu malee dhabamsiisuun hindanda’amu. Oromoon walitti bu’iinsa kamuu walitti yaa’ee mari’achuudhaan fura.

Sirnoota darban keessa seeronni Sirna Gadaa keessa jiran akka boodatti hafootti ilaalamaa waan turaniif seeraafi tarsiimoodhaan dhorkamee ture. Erga Seerri Gadaa Tuulamaafi Seerri Odaa shananii (Odaa Nabee, Odaa Roobaa, Odaan Bisilifi Odaa Bulluq) cabee booda hambaan Gadaa Oromoo Booranaa, Gujii, Baalee, Arsii, Karrayyuufi Walloo Kamisee biratti hafee har’a ga’e.

Oromoon nama, uumamaafi Waaqa ni safeeffata, waliisaas ta’e nama biraa rukutee dhiiga hindhangalaasu. Duudhaan kun warra hambaan Gadaa harkatti hafe bira jira. Mootummaan naannoo Oromiyaa yoo abshaalome bakka hambaan Gadaa jiru deemee aadaa, duudhaafi safuu Gadaa keessa jiru qoratee hawaasni akka irraa baratu taasisuu qaba.

Naannoo Oromiyaatti Sirni Gadaa kariikulamii barnootaa keessa galee kutaa 1fa hanga 8fatti akka akaakuu barumsaa tokkootti akka baratamu ta’uun jalqabbii gaarii dhaloonni waa’ee Gadaa akka baratu taasisuudha.

Waa’ee Sirna Gadaa barsiisuun barsiisota barnoota idilee baratan qofaan osoo hintaane Abbootiin Gadaafi Hayyoonni Gadaas bal’inaan irratti hirmaachuun muuxannoo qaban karaa miidiyaalee gara garaa ummataaf qooduun dhaloonni waa’ee Sirna Gadaa akka baratu taasisuu qabu.

Gadaa keessa mo’ichatu jira. Gadaan nagaa qofa utuu hintaane akkaataa ittiin walitti bu’iinsa ofirraa ittisaan, daangaa ofii itti eeggatan, tokkummaa ummataa itti eeganillee ni barsiisa. Kanaan dura seerota Sirna Gadaa keessa jiraniif xiyyeeffannaan kennamee heera keessa akka galu hintaasifamne. Akkaataa itti Abbootiin Gadaa Sirna Gadaa keessatti itti baallii waliif kennan (aangoo itti waliif dabarsan) utuu heera keessa galee Itoophiyaan gara dimokiraasiitti ce’uuf carraa gaarii qabdi.

Bariisaa: Sirni Gadaa cabuusaatin miidhaan Oromoorras ta’ee biyyarra qaqqabe akkamitti ibsama?

Roobaa: Utuu Ameerkaan akka biyyaatti hinhundaa’in dura Oromoon Gadaadhaan bulaa ture. Itoophiyaatti utuu sirni Gadaa sirnaan hojiirra oolee biyyattiin gama hundaan sadarkaa olaanaarra geessi ture.

Sirni Gadaa sirna siyaasa, bulchiinsa, hawaasummaa, dinagdeefi jiruufi jireenyaafi tokkummaa Oromooti. Oromoon yeroo Gadaadhaan bulaa ture tokkummaa waan qabuuf mo’amee hinbeeku. Oromoo biyya keessaafi biyyoota biroo keessa jiraatu kan tokko taasise Sirna Gadaati. Gadaan aadaa guutummaafi xiinsammuu ati mo’ataadha jechuun dhaloota guddisuu of keessaa qaba.

Oromoon aadaa tokko akka qabaatu kan taasise Sirna Gadaati. Gadaan aadaa saba biraatti hinbu’u. Oromoon bineensa daggalaa waliinillee jiraachuu akka danda’u barreessitoonni gara garaa eeraniiru. Jaarraa 19fa as, erga sirni Gadaa cabee Oromoon siyaasa hintaane keessa seenuun gandaan, amantiidhaan, lagaan walqooduu jalqabe. Kanaafuu Oromoon kanaan dura maal qabaachaa akka ture, maal akka dhabeefi waan dhabe ammoo akkamitti deebifachuu akka qaburratti cimee hojjechuu qaba.

Oromoon waan waliin dhabe malee, waan irratti waldhabe hinqabu. Paartiileen siyaasaa maqaa Oromootiin hundaa’anis waan Oromoon dhabe deebisuufiirratti yoo xiyyeeffatan waan waldhabaniif hinqaban. Waan waliin dhabne waliin deebifachuuf gad teenyee waliin mari’achuu qabna. Paartiileen siyaasaa maqaa Oromootiin hundaa’anis dhimma kanarratti yaadaan gargar ta’uu utuu hintaane walta’uu qabu.

Utuu safuu, duudhaafi dimokraasii Gadaa keessa jiran heera, tarsiimoofi sirna bulchiinsa mootummaa keessa akka galu ta’ee, Itoophiyaan gaanfa Afrikaa keessatti biyya dimokraasii gaarii qabdu taatiiyyu.

Seenaa mootota Itoophiyaa yoo ilaalle garuu kaan du’aan, kaan baqatanii biyyaa ba’uun, kaan ammoo ajjeefamaniiti aangoorraa kan bu’an. Kun biyyattii keessa aangoo karaa nagaafi dimokraatawaa ta’een walitti dabarsuun kan hinjirre ta’uu agarsiisa.

Fakkeenyaaf bakki Lij Iyyaasuun ittidu’eefi akkamitti akka du’e hinbeekamu. Hayilasillaasee Dargiitu ajjeese jedhamus akkaataansaa hinbeekamu. Mangistuu Hayilamaariyam biyyaa baqatee Zimbaabuwee gale, Mallas Zeenaawwii waggoota 21f biyya bulches utuu aangoorra jiruu du’aan ka’e. Hayilamaariyaam Dassaalanyis taanaan qabsoo Qeerroofi Qarreetiin aangoorraa bu’e.

Kunniin hundi Itoophiyaa keessa aangoo karaa nagaafi dimokiraatawaa ta’een waliif dabarsuun kan hinjirre ta’uu agarsiisa. Sirna Gadaa keessatti garuu aangoon karaa nagayaafi dimokraatawaa ta’een waliif dabarsu. Inni aaangoorra ture hayyuu ta’ee sirna sana gorsuun aadaa sirna bulchiinsa Itoophiyaa keessa hinturre. Sirni Gadaa cabuusaatiin Oromoos ta’e Itoophiyaan miidhamoodha.

Bariisaa: Gaheen sirni Gadaa nageenya mirkaneessuu, tokkummaafi hariiroo waliin jireenya hawaasaa cimsuu keessatti qabu akkamitti ibsama?

Roobaa: Piroofeesar Asmaroom Laggasaa Kitaabasaanii keessatti akka ibsanitti, Sirni Gadaa Oromoo sirna dimokraatawaa Gurraachota Afrikaati. Kanaafuu Sirni Gadaa kan Oromoo qofa osoo hintaane kan biyyaa, Afrikaafi addunyaati.

Biyyoonni Afrikaa hedduun heera utuu hintaane seera aadaa qabu. Oromoon garuu seera aadaafi heera Caffeedhaan tumame qaba. Heeraafi seera Oromoo keessatti dhalli namaa hundi walqixa. Gadaan nama hunda walqixa ilaala. Nagaanis Gadaa keessa jira. Kanaafuu ilmi gudeedaa, wadaroo, mixii, barcumaafi guddifachaa walqixa ilaalamu.

Sirna Gadaa keessatti sabni ykn namni hundi walqixa. Akka qorattoonni Aadaa Booranaa barreessan jedhanitti, bineensi galgala waa nyaatee yeroo deebi’u bishaan dhugu barbaacha laga akka hinbuuneef dubartiin galgala bishaan waraabdee balbala dura keessi. Kun waliin jireenya keessatti waan qaban waliif qooduu agarsiisa. Sirna Gadaa keessa walqooduu utuu hintaane, waliif qooduutu jira. Sirni Gadaa aadaa waliin jireenyaa, walhirphuu ykn walgargaaruu, dimokraasii gabbataa qaba.

Sirna Gadaa keessatti Abbaan Gadaa akka mootiitti utuu hintaane akka abbaatti ilaalama. Abbaan Gadaas akka abbaan warraa maatii tokko geggeessutti saba geggeessa. Sirna Gadaa keessatti aangoo karaa nagaa, dimokraatawaadhaan waliif dabarsu.

Sirna Bulchiinsa Itoophiyaa keessatti garuu utuu dhiigni namaa hindhangala’iniifi namni hindu’in aangoo waliif dabarsuun hinjiru. Utuu seerri Sirna Gadaan sirna bulchiinsa mootummaa keessa galee dhiiga namaa dhangalaasuufi lubbuu namaa balleessuun aangoorra turuun safuudha, yakka guddaadhas.

Sirna bulchiinsa Itoophiyaa keessatti yaadama “Mootiin hinhimatamu, samiin hinqotamu” jedhutu ture. Sirna Gadaa keessatti garuu Abbaan Gadaa seera jala malee seeraa ol miti. Abbaan Gadaa tokko yakka yoo raawwate, saba dabarsee rakkootti yoo kenne, yoo yeroodhaan hojiisaa hojjetee xumuruu baate himatamuufi aangoorraa bu’uun akkuma jirutti ta’ee, paartiin hogganullee dhalootaa dhalotatti maqaan bada. Abbaa Gadaa yakka raawwaterratti himanni ni dhiyaata, aangoorraas ni kaafama.

Abbaan Gadaa tokko waggaa saddeetiif aangoorra kan turu yoo ta’u, akka Booranaatti raawwiin hojiisaa ilaalamee aangoorraa kaafamus ta’e himatamuu kan danda’u waggaa afur, akka Karrayyuutti ammoo waggaa lamarraa eegaleeti.

Abbaa Gadaafi gareen Abbaa Gadaa yakka dalageefi saba dabarsee rakkootti kenne seenaa keessatti qabxii gurraachatu irra bu’a. Gareen ykn tuuti Abbaa Gadaa sun biyya hogganuu, seeraafi heera kabachiisuu hindandeenye jedhamanii seenaa keessatti maqaansaanii bada. Sirni Gadaa olaantummaan seeraa akka dagaagu kan taasisu waan ta’eef Itoophiyaa biyya dimokraatofteefi olaantummaan seeraa keessatti kabajamu taasisuuf seeronni Sirni Gadaa heera keessa akka galu gochuun dirqama ta’a.

Bariisaa: Sirni Gadaa kariikulamii barnoota biyyattii keessa akka hingalle warra barbaadaniifi sirnicha jibban maal gorsitu?

Roobaa: Sirna Gadaa kan jibban warra sirnoota darban keessa Sirni Gadaa dabalatee aadaa Oromoo maqaa balleessaafi akka waan nama miidhuutti barreessaafi sirnicharraa bu’aa argachaa turaniidha. Sirni Gadaa sirnaan waan cabeef sirnaan deebi’ee ol ka’uu qaba.

Ummanni Oromoos tokkummaasaa jabeeffachuun Sirna Gadaasaa cabee ture deebifachuu qaba. Qabsoon siyaasa Oromoos dhimma kanarratti xiyyeeffachuu qaba. Sirna Gadaa beeksisuu, barsiisuufi guddisuu, babal’isuufi dagaagsuufi hawaasni biroonis waa’ee sirnichaa akka hubatu taasisuu keessatti hayyoonni Gadaa, abbootiin Gadaafi qorattoonni Gadaa gahee irraa eegamu bahachuu qabu.

Sabni ykn namni kamuu Sirna Gadaa fagootti ilaalee shakkuu, sodaachuufi jibbuu hinqabu. Sirni Gadaa sirna dimokraatawaafi biyyi kun utuu ittiin bultee dimokraata’uu akka dandeessu sirriitti beekuu qabu. Miidiyaa Oromoos ta’e biyyattii waa’ee Sirna Gadaa beeksisuufi barsiisuurratti sirriitti hojjechuu qabu.

Dimokraasiin Sirna Gadaa caalu hinjiru. “Gadaan Oromoo qabxiilee saddeetiin dimokraasii Ameerkaafi Ingilizii caala” jedhu Pirofeesar Asmaroom. Paartiileen siyaasaa Oromoos Oromoon Gadaasaatti akka deebi’u taasisuufi hawaasni biraanis waa’ee sirna dimokiraatawaa kanaa akka beekuufi hubatu taasisuu qabu. Sirna Gadaa gara heeraafi sirna bulchiinsa mootummaatti ol baasuuf irratti hojjechuun barbaachisaadha.

Bariisaa: Itoophiyaatti hammuma sirni jijjiiramu waraanni hindhabamuutii kun maaliif ta’e jettu?

Roobaa: Itoophiyaa keessa aadaan dimokraasii waan hinjirreef sirna bulchiinsaa dhufee darbuun waraanni biyyattii keessaa dhabamee hinbeeku; aangoos karaa nagaafi dimokraatawaan walii dabarsuun hinjiru.

Aanga’aan mootummaa aangoorraa bu’ee miilaan hawaasa keessa deemuufi waliin jiraatu hinjiru. Hoggantoonni Itoophiyaa hedduun aangoorraa gara awwaalaa malee gara manasaaniifi hawaasa waliin jiraachuu kan deeman hinjiran.

Seenaa Itoophiyaa keessatti paartiin biyya bulchu karaa nagaafi dimokraatawaan aangoo dabarsee hinbeeku. Kun sirni dimokraasii Itoophiyaa keessa kan hinturre ta’uu agarsiisa. Itoophiyaan aadaa dimokraasii waan hinqabneef walitti bu’iinsaafi waraana keessaa baatee hinbeektu.

Saboonniifi sablammoonni biyyattii yeroo rakkinaatti tokkummaa cimaa qabu. Waraana Xaaliyaanii tokkummaadhaan lolanii injifatan. Gaafa nagaa ammoo deebi’anii walnyaatu. Rakkoon kun sirni bulchiinsa dimokraasii seeraafi heeraan akkasumas mariidhaan gad dhaabbate kan hinjirre ta’uu agarsiisa.

Sirni dimokraasii biyyattiitti sirnaan hojiirra ooluu dhabuun ammoo walitti bu’iinsi aangoofi siyaasaa yeroo yeroon akka mudatu taasisaa jira. Warri siyaasa hoggananiifi walitti bu’iinsa uuman hawaasa akka da’ootti, hayyoota ammoo akka uleetti itti fayyadamu.

Haggantoonni mootummaa qawweedhaan aangoorra waan turaniifi qawweedhaan malee aangoorraa waan hinbuuneef waraanni biyyattii keessaa dhabamee hinbeeku. Marii biyyaalessaa Itoophiyaatti adeemsifamuuf jedhu booda carraa gara dimokraasiitti ce’uu guddaa qabdi. Marichi Oromoon yaada dimokraasii Gadaa keessa jiru akka gurguratuuf carraa gaarii uuma.

“Yaadni ‘Ubuntuu’ Afrikaa Kibbaa yeroo mariin biyyaalessaa biyyattiitti adeemsifame ifatti ba’e. ‘Ubuuntuu’ jechuun ati waan jirtuufan ani jiraadhe, ani waanan jiruuf ati jiraatte” jechuudha. Afrikaa Kibbaa keessatti yaada waliin jireenyaa ykn ‘Ubuntuu’ jedhu marii biyyaalessaarratti kan gurgurate hawaasa baay’ina ummataa xiqqaa qabuufi laga keessa jiraatu tokko. Afrikaan Kibbaas yaada ‘Ubuntuu’ jedhu kana sirna kompitaraa keessa galchuudhaan addunyaatti gurguratte.

Saba guddaa kan ta’e Oromoonis falaasama nagaafi Sirna Gadaasaa marii biyyaalessaa Itoophiyaatti adeemsifamuuf jedhurratti gurgurachuu qaba. Oromoofi Oromiyaan marii kanaaf gaaddisa ykn caayaa waan ta’eef dursee gaaddisa kana jalatti argamuun falaasama nagaafi Sirna Gadaasaa biyyaafi addunyaatti gurgurachuu qaba.

Bariisaa: Marii biyyaalessaa Itoophiyaatti adeemsifamuuf jedhuuf haaldureewwan dursanii mijachuu qaban maalfaadha?

Roobaa: Namoonni baay’een waraanni biyyattiitti adeemsifamaa jiru guutummaatti waan hindhaabbanneefi hoggantoonni siyaasaa biroon mana hidhaatii waan hinhiikamneef maricha ni shakku. Mariin adeemsifamuu kan qabu yeroo waldhabdeen jirutti.

Kanaafuu mariin biyyaalessaa kun yeroo sirriitti adeemsifamuuf jedha. Maricha adeemsisuun dura haaldureewwan barbaachisan mijachuu qabu. Jaarsolii faajjii ykn namoota dubbii sana keessaa bilisa, qulqulluufi amanamoo ta’an filachuudha. Mariisistota amanamoo filachuun ulaagaalee marii keessaa isa ijoodha. Akka aadaa Oromootti warri marii geggeessan jaarsa araaraa ykn jaarsa faajjii jedhamu.

Yeroo ammaa Itoophiyaa keessa gareen sirna darbe leellisu, garee aarii sirna darbeetii hundaa’e, gareen sabummaa dahoo godhatee socho’u, gareen saba hunda miciriqsee bulchuu barbaaduufi gareen gareewwan lama walitti buusee gidduudhaa fayyadamuu barbaadu jiru.

Biyyi kun haala kanaan yoo ittifufte maraammartoo walitti bu’iinsaa keessaa ba’uu hindandeenye keessa waan galtuuf jaarsi faajjii marii biyyaalessaa kanaaf filatamu yoo xiqqaatee xiqqaate gareelee armaan olitti eeraman keessaa bilisa kan ta’an, yaada bilchaataa, muuxannoo mariisisuufi araarsuu qaban ta’uu qabu. Mariin kun sadarkaalee sadii qaba.

Tokkoffaan sadarkaa qophiiti. Sadarkaa kanarratti mariisistoonni ni filatamu, hoggantoonni siyaasaa mana hidhaatii hiikamuu qaban ni hiikamu, namoonni biyya alaatii galuu qaban akka galan ni taasifama. Ajandaawwan marichaa kan bocaman, qaamni maricharratti hirmaatu kan beekamu, Komiishiniin Marii Biyyaalessaa kan hundaa’uufi komiishinarri komiishinichaa kan filatamu sadarkaa qophii kanarratti.

Ajandaawwan marichaa oggaa bocaman mootummaan gara mari’ataatti gadi bu’a. Mootummaan utuu sadarkaa mari’ataatti gadi hinbu’in maqaasaa ijaaruu yoo barbaade hoggantoota siyaasaa hidhaa jiran dafee hiikuu qaba. Kanneen yakka raawwatan garuu olaantummaa seeraatiin gaafatamuun dirqama ta’a.

Mootummaan akkuma dhiyeenya kana hoggantoota siyaasaa kanneen akka, Obbo Jawaar Mahaammadiifi Sibaat Naggaafaa hiike, warra kaanis utuu dafee hiikee maqaa gaariidha. Hoggantoonni siyaasaa mana hidhaa jiran har’a hiikamuu baannaan bor amanamummaa mariisistootaafi komiishinara komiishinarichaarratti gaaffii kaasuu waan danda’aniif utuu dafee hiikee gaariidha.

Hidhamtoonni siyaasaa olola Komishiniin Marii Biyyaalessaa bor mootummaaf dhiyeessuun kan hiiku yoo ta’e, maqaa gaarii kan itti argatu mootummaa utuu hintaane komiishinaricha ta’a. Walumaagalatti hojiileen sadarkaa qophii mariitti raawwataman kanneen armaan oliiti.

Lammaffaan sadarkaa adeemsa mariiti. Sadarkaa kanatti hirmaattonni hundi ajandaa marii dhiyeeffachuun yaadasaanii gurguratu. Sadarkaa sadaffaarratti qabxii komiishinarri marichaa kennutu jira. Sadarkaa sadaffaa kanarratti bu’aawwan sadiitu eegamu.

Isaanis nagaa uumuu, aadaa sirna bulchiinsa siyaasa biyyattii ceesisuufi seeraafi heera nama, amantaafi mirga namaa cunqursan sirreessuudha. Marii biyyaalessaa Itoophiyaatti adeemsifamuuf jedhu booda yoo xiqqaate bu’aawwan sadan keessaa tokko argamuu qaba.

Marichi xumurarratti walshakkii ture dhabamsiisuufi madaa ture fayyisuudhaan nagaa mirkaneessuufi waliigaltee biyyaalessaa akka uumuuf har’a haaldureewwan barbaachisan hunda sirreessuun dirqama.

Bariisaa: Paartiileen siyaasaa shororkeessummaan moggaafaman kanneen akka ‘TPLF’fi Shanee maricharratti akka hirmaatan taasisuuf maaltu ta’uu qaba?

Roobaa: Marii hunda hirmaachisaa kanarratti hundumtuu irratti hirmaachuun dirqama ta’a. Paartiin siyaasaa kamiyyuu maricharratti hirmaatee yaadasaa akka dhiyeeffatu taasisuun barbaachisaadha.

Paartiileen siyaasaa shororkeessummaan moggaafamanis ta’e hidhatanii socho’an marii biyyaalessaa kanarratti akka hirmaataniif jaarsoliin biyyaafi qaamoleen biroon gidduu seenanii gara mariitti akka dhufaniif waamicha taasisuufii qabu. Waamichi taasifamu afaaniin qofa utuu hintaane gochaanis deeggaramuu qaba.

Paartiin siyaasaa maqaa sabaatiin hidhatee socho’uufi kan mufii qabu kamuu marii biyyaalessaa kanarrati akka hirmaataniif haala mijeessuun barbaachisaadha. Qaamoleen kunneen mufiifi yaada isaanii maricharratti dhiyeessuun hawaasni akka isaan dhaga’u taasisuu qabu. Hirmaattonni marichaas yaada qaban dhiyeeffachuun dhumarratti waliigalteerra ga’uuf qophii ta’uu qabu. Waliigalteen daandii gara nagaatti geessuudha.

Qaamni mufadhe ykn yaadan qaba jedhu biyya keessaafi alaa jiraatu kamuu carraa kanatti fayyadamuun maricharratti hirmaachuuf qophii ta’uu qaba. Mariin kun mufiifi yaada qabnu dubbachuufi hawaasaafillee akka dhiyeessinuuf carraa guddaa uuma. Warri biyya hoggananis biyyattiin nageenyaafi sirna bulchiinsa gaarii akka qabaattuuf kan yaadan yoo ta’e wantoota olitti eeraman hojiirra oolchuu qabu.

Bariisaa: Marii biyyaalessaa kanaan biyyoonni Itoophiyaaf fakkeenya gaarii ta’an yoo jiraatan?

Roobaa: Mariin biyyaalessaa walitti bu’iinsa biyyattiitti uumamerratti hundaa’uun geggeeffama. Fakkeenyaaf walitti bu’iinsi Ruwaandaa mudateefi kan Itoophiyaa garaa garummaa qaba. Kanaafuu dhimmi marii keenyaas adda addummaa qaba. Ruwaandaatti saba ‘Tutsis fi Tutus’ jedhamantu walitti bu’ee ji’a sadii keessatti namoonni kuma 800 ol walajjeefaman.

Marii biyyaalessaa Ruwaandaatti adeemsifameen booda warri walajjeese deebi’ee walitti araaramuun walfuudhaniiru. Mariin biyyaalessaa Laayibeeriyaa, Afirikaa Kibbaa, Tuuniziyaa, Yamaniifi Sudaanitti adeemsifamanis kan Itoophiyaarraa adda.

Walitti bu’iinsi Itoophiyaa keessa jiru sabaafi saba gidduutti utuu hintaane paartii biyya bulchuufi ‘TPLF’ gidduutti kan mudateedha. Itoophiyaa keessatti garaa garummaa kan uume walitti bu’iinsa sabaafi saba gidduutti geggeeffame utuu hintaane, seenaa akka maleetti seeneffameefi afoola bakka maleetti barreeffamee sirna bulchiinsa biyyyattii keessa galee saboonniifi sablammoonni ittiin walcunqursaa jiruudha. Kanaafuu marii biyyaalessaa kanarratti muuxannoon biyya kanaatu gaariidha jechuun rakkisaadha.

Mariin biyyaalessaa kun dhugaarratti hundaa’ee geggeeffamuu qaba. Oromoon “Dhugaan ilmoo Waaqaati” jedha. Komiishinii Marii Biyyaalessaa Afrikaa Kibbaa ammoo dhugaa hundaaf ifa ta’e (‘fuctual truth’), dhugaa nama dhuunfaa, dhugaa hawaasaafi dhugaa fayyisoo (‘healing truth’) jechuun dhugaa bakka afuritti qoodee ibsa. Kanaafuu namni ani miidhameera, dhugaan qaba jedhu hundi maricharratti hirmaachuun yaadasaa dhiyeeffachuu qaba. Hunduu mufii, rakkoofi dhugaa qabu erga himatee booda dhugaa hunda keenya fayyisurratti waliigaluu qabna.

Marichaa booda hunduu akka obbolaatti dhiifama walgaafatee, dhiifama walii godhee, walitti araaramee, walyaalee, walfayyisee, sabootaafi sablammoota gidduutti hariiroofi waliin jireenyi fayya qabeessi akka uumamu taasisuu qabu. Maricha kan milkeessu dhugaa fayyisoo (healing truth) kana. Marii biyyaalessaa ilaalchisuun muuxannoo gaariin Afirikaa Kibbaarraa fudhannu dhugaa fayyisoo kana. Biyyoota marii biyyaalessaa kanaa hinmilkoofnerraas muuxannoo fudhachuu qabna.

Fakkeenyaaf marii biyyaalessaa Sudaanitti adeemsifamerratti komishinaroonniifi namoonni akka mariisisaniif filataman pirezidaantii biyyattiitiin waan tureefi qaamolee hidhatanii socho’aniif waamichi hintaasifamneef marichi utuu hinmilkaa’in hafeera.

Keeniyaanis dhalattoonni Afirikaa marii biyyaalessaa biyyattiitti adeemsifame akka mariisisan waan taasifteef marichi abbummaa biyyaa waan dhabeef utuu hinmilkaa’in hafeera.

Bariisaa: Marii biyyaalessaa Itoophiyaatti adeemsifamuuf jirurraa bu’aa eegamu akkamittiin tilmaamtu?

Roobaa: Marii biyyaalessaa Itoophiyaatti geggeeffamuuf jedhu madaa kanaan dura ture fayyisuuf, nageenya mirkaneessuuf, waliigaltee biyyaalessaa uumuuf, siyaasa biyyattii ceesisuufi hawaasa tokko ijaaruuf gargaara. Marichi walshakkii ture dhabamsiisuun seenaafi ijaarsa biyyaarratti akka waliigallu, biyya keenyaan akka boonnu kan taasisuufi aadaan dimokraasii biyyattii heeraafi seeraan akka lafa qabatu taasisuuf gargaara.

Kanaafuu warri marii kanarraa dheessuu barbaadaniifi marichi hinmilkaa’u jedhanii shakkan yoo jiraatan carraa biraa hawaasaa dhiyeessan waan hinqabneef maricharratti hirmaachuuf qophii ta’uu qabu. Sabni Oromoos ta’e saboonniifi sablammoonni biyyattii carraa kanatti fayyadamuun maricharratti hirmaachuun mufiisaanii himachuuf yeroo isaan qaban amma. Paartiileen siyaasaa Oromoos dhimma waliin dhabe malee dhimma irratti waldhabe waan hinqabneef maricharratti hirmaachuuf qophaa’uu qabu yaada jedhun qaba.

Bariisaa: Itoophiyaan Gamtaa Afrikaa hundeessuufi biyyoota Afrikaatiif sagalee ta’uu keessatti gahee akkamii qabdi?

Obbo Roobaa: Gamtaan Afrikaa akka hundaa’uufi biyyoonni Afrikaa appaartaayidiifi kolonii jalaa akka ba’an taasisuu keessatti gaheen Itoophiyaan qabdu olaanaadha. Bara biyyoonni Afrikaa hundi koloniifi appaartaayidii jala turanitti Itoophiyaan bilisa turte. Itoophiyaan koloniirraa bilisa kan taate koloneeffattoota ofirraa ittisuufi loltee mo’achuudhaani.

Itoophiyaan bara 1963 hoggantoota biyyoota Afrikaa kolonii jalaa babba’an 32 walitti qabuun Gamtaa Afrikaa hundeessuu keessatti gumaacha olaanaa taasifteetti. Biyyoonni Afrikaa appaartaayidiifi kolonii jalaa akka ba’aniif onnee kan itti hore Itoophiyaadha. Itoophiyaan Gamtaa Afrikaa hundeessuufi biyyoonni Afrikaa cunqursaa jalaa akka ba’an taasisuu keessattis gahee olaanaa qabdi.

Itoophiyaan bara biyyoonni Afrikaa walitti qabamanii dhimmasaaniirratti mari’achuufi sagaleesaanii dhageessifachuu hindandeenye sana hoggantoonni Afrikaa Finfinneetti walga’anii akka mari’atan, sagaleesaanii akka dhageessisaniifi kolonii jalaa bilisa akka ba’aniif gumaacha olaanaa taasifteetti. Dhimma Gamtaa Afrikaa adda durummaan fudhattee hoggantoonni Afrikaa eeyyama warra adiitiin ala dhimma Afirikaarratti akka mari’ataniifi sagaleesaanii dhageessisan kan taasifte Itoophiyaadha.

Hoggantoonni biyyoota Afrikaa yeroo sana maricharratti hirmaatanis dhimmoota guguddoo tokkummaafi hariiroo Afrikaanotaa cimsan, Afrikaa bilisa taateefi walqixxummaan keessa jiru, mirgi namummaan keessatti kabajamu, sirni haqaa walqixxaatee keessatti kabajamu ijaaruufi dhimma ofii ofiin murteeffachuu jedhanirratti mari’achuun labsaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 28 Bara 2014

Recommended For You