“Anis biyyan qabaa biyya biyya caaltu, biyyakoo Oromiyaa kan uumaan badhaatuu…” jechuun Doktarri Kabajaa Artisti Alii Birraa Oromiyaan qabeenya uumamaatiin, goototaan, hayyootaan, albuudotaan, midhaanotaan, mukeeniin, lageeniiniifi waa hundaan kan badhaate ta’uushee sagaleesaa kiloolee sanaan weeddisee dhugaa ba’eeraaf. Isa qofaa osoo hintaane weellistoonni baay’een Oromiyaan waa maraan badhaatuu ta’uushee walaloofi yeedaloodhaan ibsuu yaalaniiru.
Dhugaa qabatamaan lafa jirus kanuma mirkaneessa. Naannolee Itoophiyaa hunda keessaa bal’ina lafaafi baay’ina ummataatiin kan caaltu Oromiyaan qabeenya uumamaatiinillee daran kan badhaateedha. Kanneen keessaa kuufamni albuudotaashee Itoophiyaarra darbee ardii Afrikaafi addunyaafillee kan ga’uudha.
Ta’us sababoota garagaraatiin ilmaanshee albuudota kanneen ilaaluuf malee bu’aasaa dhandhamachuuf hincarroomne. Sirnoonni darban itti herreeganii akka isheen qabeenyasheen fayyadamtee jiruufi jireenya ilmaanshee ittiin hinjijjiirre irratti hojjetanii turan. Albuudni Oromiyaadhaa ba’us korojoo namoota dhuunfaa muraasa garee wayii keessaa dhufan gabbisaa Oromiyaa garuu onsaa ture.
Waggoota sadii as garuu sochii abdachiisaan mul’achuu eegaleera. Kallattii mootummaan jijjiiramaa kaa’een damichi utubaa dinagdee biyyaa akka ta’uuf haalaan irratti hojjetamuu akka qabu ejjennoo cimaa kaa’uun hoggansi kuteenyummaan itti seeneera.
Keessumaa qabeenyi albuudaa Oromiyaa keessa jiru olaanaa waan ta’eef hojiin naannicharratti hojjetamus akkanuma olaanaadha. Kanarraa ka’uun mootummaan naannichaas imaammataafi tarsiimoo damichaa fooyyessuun hojiitti seeneera.
Abbaan Taayitaa Misooma Albuudaa Oromiyaas tibbana egzibiishiniifi fooramii jalqabaa Adaamaa, Galma Abbaa Gadaatti qopheessee qabeenya albuudaa beeksisuun carraawwaniifi hudhaalee jiran irratti hubannoon akka uumamu taasiseera.
Hogganaan abbaataayitichaa Obbo Tasfaayee Magarsaa barreeffama waltajjicharratti dhiheessaniin akka jedhanitti, albuuda jechuun waan uumaman “geological process”n lafa keessaafi lafarratti uumamee bifa jajjaboo, dhangala’aa yookiin bifa gaaziin kuufamee argamuufi gatii dinagdummaa kan qabuudha. Akkasumas, qabeenya mootummaafi ummataa adeemsa yeroo keessa dhumatuufi bakka bu’uu hindandeenyeedha.
Dameen albuudaa dameewwan dinagdee badhaadhina ummataa mirkaneessuu danda’aniifi xiyyeeffannaa hoggansa jijjiiramaa argatan keessaa isa tokko ta’uu himanii, qabeenya kanas yoo sirnaan itti fayyadamuufi hogganuun danda’ame dinagdee biyyaa guddisuun eebbaafi maddaa badhaadhina biyyaa taasisuun akka danda’amu himu. Ta’uu baannaan garuu, abaarsaafi madda walitti bu’iinsa siyaasaafi nageenyalle akka ta’u eeru.
Akka Itoophiyaatti, faayidaa dinagdee ummanniifi mootummaan damee kanarraa argachuu qaban akka hinargamne rakkooleen taasisaa turan hundeerraa hiikkachuu dhabuun akkasumas, hubannoon waliigalaa hawaasniifi caasaan sadarkaa sadarkaan jiru qabu laafaa ta’uusaatiin piroojektonni invastimantii albuudarratti karoorfaman hojiitti galchuufis ta’e kanneen hojii keessaa jiran sirnaan akka misooman gochuu irratti hanqinni guddaan jiraachuu kaasu.
Akka hogganichi ibsanitti, Oromiyaan qabeenya albuudaan kan badhaate ta’uu, qorannoo albuudaa muraasa hanga har’aa gaggeeffameefi haala uumama ji’oolojii akkasumas teessuma lafaa qabdurraa hubachuun danda’amus, qorannoofi adda baafannaa qabeenya albuuda naannoo keenyatti adeemsifamaa ture karaa qindaa’aafi gadi fageenya qabuun ta’uu dhabuun, sirni qabiinsa ragaa rakkoo qabaachuufi rakkooleen biroo kuufama (reserve amount) albuudotaa haalaan beekuun, maaltu, eessa, hangamiin jira kan jedhu sirriitti adda baasuu kan hindandeessisne ta’uu dubbatu.
Ta’us ragaawwan qorannoo muraasaafi adda baafannaa hanga ammaatti adeemsifameen godinaalee Oromiyaa, hundaa keessatti albuudonni akaakuuwwan adda addaa 45 ol ta’an facaatii adda addaatiin kan argaman ta’uu kan himan Obbo Tasfaayeen, kunis Oromiyaan qabeenya albuudaatiin naannolee biyyattii hundarra kan badhaate ta’uu akka agarsiisu ta’uu ibsu.
“Haalli misooma albudaa naannichaa jijjiirama duraafi bodaan yoo ilaalamu addaaddummaa qaba. Jijjiramaan dura, rakkoolee walxaxxoo ta’an heedduuf kan saaxilame ture. Xiyyeeffannoon gama mootummaatiin damee kanaaf kennamaa tures laafaadha. Tarsiimoowwan, seeronnifi hojmaatiwwan sadarkaan ba’aa turan kan iftoomina hinqabneefi abbootii qabeenyaa muraasa akkasumas hamma ta’e mootummaa harka ture” jedhu.
Adeemsi kun qaama muraasa fayyaduu bira darbee fayyadamummaa hawaasaa bal’aa giddugaleessa kan hingodhanne ta’uu eeranii, kanarraa kan ka’e fayyadamummaafi hirmaannaa hawaasni damee kana keessatti qabus laafaa turuu, akkasumas, sirni bulchiinsasaa beekumsarratti kan hundaa’e waan hinturreef garmalee qisaasamaa ture; alseerummaa hojii misooma albuudaa keessatti mul’acha tures salphaa akka hinturre ibsu.
Akka ibsa Obbo Tasfaayeetti, jijjiramaa asitti mootummaan damee kanaaf xiyyeeffannoo guddaa kenneera. Riifoormii dinagdee akka biyyaatti gaggeeffameenis damichi xiyyeeffannoo argachuu danda’eera. Gurmaa’insiifi caaseffamnisaa duraan seektara biraa jalatti ture labsiidhaan of danda’ee hanga aanaatti akka diriiru taasifamee jira.
Akka Oromiyaattis jijjiirama caaseffamarraa kaasee yeroo jalqabatiif seerota, labsiiwwan, dambiiwwaniifi qajeelfamotni rakkoowwan turan hiikuu danda’aniifi damee kana ceessisuu danda’an hedduun bocamaniiru. Humni raawwachiisummaa seektarichaa akka cimuuf humna namaa barbaachisaa ta’eefi qooddii bajataa keessattis xiyyeeffannaa argateera.
Kanneen malees, hirmaannaafi gahee damee dhuunfaa albuuda keessatti guddisuuf sirni deeggarsaafi jajjabeessituu akka diriiru ta’uu himanii, sirni gabaa ammayyaa’aafi teknoolojiin deeggarame akka jiraatu taasifamaa jiraachuus ni kaasu.
Fakkeenyaaf rakkoo dinagdee ture hiikuuf dhimmoota labsiifi seeraan albuudarratti deebii argatan keessaa, baasii waliigalaa ykn bu’aarraa harki lama (%2) misooma hawaasa naannoo albuudni keessaa ba’eef akka oolu, gaheen mootummaa kanaan dura dhibbantaa lama ture shan akka ta’u, kaffaltii (royalty payment) albuudota gatijaboo gurgurtaa waliigalaarraa dhibbantaa shan ture gara torbaatti akka guddatu ta’uu kaasu.
Akkasumas, galiin naannoo %50 ta’ee kana keessaa galii %10 bulchiinsa aanaa sanaaf akka ramadamu murtaa’uu kan himan hogganaan abbaataayitichaa, galii bu’aan walqabatees %50 naannoo galii maddisiiseef, %50 mootummaa federaalaaf yoo ta’u, gibirri galii hojiimmoo guutummaatti naannoo galii maddisiiseef akka oolu murtaa’uu dubbatu.
Galii taksii dabalataan walqabatee, %50 naannolee hundaaf, %50 mootummaa federaalaaf, galiin bu’aafi galiin bu’aa abbootii aksiyoonaammoo % 50 naannoo galii maddisiiseef %50 ammoo mootummaa federaalaaf akka kaffalamuu qabu seeraan bahuu ibsu.
Walumaagalatti, rakkooleefi miidhaawwan damee albuudaatiin walqabatan hundeerraa sirreessuuf teknoolojii ammayya’aa fayyadamuun albuuda omishuu, teknoolojii naannawaarratti miidhaa hingeessifne fayyadamuun albuuda omishuu, teknoolojii omisha albuudaa dabalu fayyadamuun albuuda omishuufi kanneen biroo kallattii hojii xiyyeeffannoo barbaadaniidha jedhu.
Dadammaqiinsa damicharratti mul’ateen bu’aa qabatamaan mul’achuu eegaluu kan himan Obbo Tasfaayeen akka agarsiisaattis, bara 2013tti qofa carraa hojii namoota kuma 86fi 594 ta’aniif uumamuusaafi sharafa alaa doolaara Ameerikaa miliyoona 265.9 galii biyya keessaa maddisiisuufi qarshii miliyoona 101.8 ammoo argamsiisuun danda’amuu kaasu.
Ministirri Albuudaa Injiinar Taakkalaa Uumaa haasaa taasisaniin, Oromiyaan utubaa dinagdee, misoomaafi nageenya biyyaa ta’uu eeranii, kanaafis hojiileen misoomaa wayita ammaa hojjetamaa jiran ragaa ta’uu himu. Keessumaa Oromiyaan qabeenya uumamaan kan badhaate gootaraa albuudaa yoo taatu, gootaraan kun garuu cufameefi ukkaamfamee waan tureef ummannishee irraa fayyadamaa akka hinturre dubbatu.
Amma garuu xiyyeeffannaa mootummaan damee albuudaaf kenneen gootarichi banamuu eegaluusaa kaasanii, kanaanis dargaggoonni, jiraattoonni, aanaa, godinni, naannoofi biyyi sadarkaadhaan fayyadamuu eegaluusaanii ibsu.
Gootaraa baname kanas eeguufi kunuunsuun kan barbaachisu ta’uu himanii, ta’uu baannaan garuu maddi albuudaa dhumataa kan deemuu waan ta’eef osoo dinagdee biyyaa hinutubiin faayidaa malee hafuu danda’a jedhu.
Biyyattiin utuu qabeenya albuudaa badhaate qabduu dhagaa cilee alaa galchuuf waggaatti doolaara miliyoona 300 ol, xaa’oo addaddaaf biliyoona tokkoo ol, sibiilaafis akkasuma biliyoona tokkoo ol, leecalloowwan warshaaf miliyoona 275, simintoo, birciqqoofi seeraamikiif ammoo miliyoona 25 ol kan baastu ta’uu kaasanii, riifoormii damee kanarratti taasifameen garuu kana seenaa gochuuf hojjetamaa akka jiru eeru.
Hojichi kan fiixaan ba’u xiyyeeffannaa mootummaatiin qofa osoo hintaane hirmaannaa nama hundaan ta’uu eeranii, keessumaa lafa Oromiyaafi Itoophiyaarra osoo albuudni jiruu albuuda alaa galchuun akka hafuuf hunduu ga’ee irraa barbaadamu akka ba’atu waamicha dhiheessu.
Waliigala dameen albuudaa yoo irratti hojjetame jireenya hawaasaafi biyyaa jijjiiruun utubaa dinagdee ta’uu waan danda’uuf keessumaa alseerummaa hojicha keessatti mul’atu dhaabsiisuun kuteenyummaadhaan hojjetamuu qaba jenna.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 21 Bara 2014