“Mariin biyyaalessaa gaggeeffamuun Itoophiyaa haaraan akka ijaaramtun fedha” – Artisti Qamar Yusuuf

Keessummaan keenya maxxansa kanaa artistii jaalatamaa, sirboonnisaa dhaggeeffatamanii hinquufamne, sochii hawwataa waltajjiirratti taasisuun dinqisiifatamu, Artisti Qamar Yusuufi.

Bariisaa: Artisti Qamar maaliif sirbarraa fagaate; maayikii fannisemoo kallattii hojii jijjiire?

Artisti Qamar: Muuziqaarraa fagaadheera. Akka namoonni baay’een na iyyaafachaa jiran nin beeka. Sababiin badeef hojii tokko qofarratti of murteessanii taa’uun waan gaarummaa hinqabneef hojii dabalataa biraarratti waan bobba’eefi.

Bariisaa: Gaariidha. Hojii akkamiirratti bobbaatemee? Ittiin milkaa’aa jirtaa?

Artisti Qamar: Ani ilma qonnaan bulaati. Ammaan tana hojii qonnaa kanneen akka omisha qamadii, paappaayyeefaan Shawaa Bahaatti omisha. Omishni kiyyas sassaabamuu gaheera.

Bariisaa: Hojii qonnaarratti akka fuulleffattu wanni sikakaase maali?

Artisti Qamar: Akkuma beekamu qonnaan bulaan keenya utuma dachee magariisaafi omishaaf mijooftu qabuu eeggattummaa midhaan nyaataa jalatti kufee arguun garaa na nyaataa ture.

Guyyuu midhaan gargarsaafi alaa bitamuun jijjiiramuun akka hindanda’amne waanan hubadheef muuxannoon alaa argadhe bu’ureeffachuun midhaan alaa galu hambisuuf qonnarratti fuulleffadhe.

Bariisaa: Misooma qamadiifi paappaayyee amma itti jirturraa bu’aa argachaa jirtaaree akkami quufsaadhaa?

Artisti Qamar: Galata Rabbii paappaayyeen yeroo yeroon funaanamee gurguramaa jira. Bu’aqabeessummaansaa jajjabeessaadha. Qamadiinimmoo sassaabamaa jira. Hanguma hojjenneen omishni gahaa ta’e argama jedheen abdadha. Bariisaa: Hojii kanaan namoota meeqaaf carraan hojii uumameera?

Artisti Qamar: Namoota 350 oliif carraa hojii uumeera. As keessattis hojjetoonni kunniin hojii tokko qofarratti akka hinhirkanneef oggaa muuxannoo horachaa deeman adaduma sanaan akka guddatanif haala mijeessaa jirra. Qonna ammayyaa akka baran teknoolojicha akka babal’isaniifi ofiis ittifayyadaman taasisaa jirra.

Bariisaa: Jireenya biyya alaa dhandhamuu bartee qorraafi rooba dandamattee qonnaan bulaa faana buutee hojjecchuun hinulfaatuu?

Artist Qamar: Kanin ganama itti guddadhe waan ta’eef kun naaf haarayaa miti.

Akkuma abbootii keenyaa qonnaan bulaa naannawicha jiran waliin walfakkaadheen hojjedha. Qonnaan bulaa ta’anii roobaafi dhoqqee lagachuun hindanda’amu. Kanaaf hundattuu nibeekna.

Bariisaa: Barana qamadii kuntaala meeqa galchuuf qophoofteetta?

Artisti Qamar: Yoo Rabbi jedhe hanga kuntaala kuma lamaa galchina jedheen abdadha.

Bariisaa: Muuziqaa wajjin gonkumaa gargar baate jechuudhaa?

Artisti Qamar: Isattis deebi’uuf yaalaan jira. Yoo Rabbi jedhe hanga walakkaa waggaatti albamii haaraa tokkoon ummata kiyyatti mul’achuuf nan yaala.

Bariisaa: Hubannaadhuma keenyaaf akka ta’utti matadureen albamiikee kanaa maalirratti kan xiyyeeffateedha?

Artisti Qamar: Aadaan Oromoo silas waraabamee hindhumu. Akka bishaan fal’aanaan galaanarraa waaraabamuuti. Achi keessaa yeroorratti kan xiyyeeffateedha. Sirbi yeroo qaba.

Fakkeenyaaf yeroo dardaraa burraaqxee, utaaltee dhiichistee sirbuu dandeessa. Ammas akka ijoollummaakoo duriitti osoo hintaane hanga humni kiyya naa eeyyame sirbuunkoo hinoolu.

Matadureen albamiikoo walakkeessa waggaatti bahuuf jiruus yeroorratti kan xiyyeeffateedha akkuman siinjedhe; “Durirra Amma Wayya” kan jedhuudha.

Bariisaa: Aartiin siif maali? Akkamiin ibsita keessumaa qabsoo keessatti?

Artisti Qamar: Aartiin niiwukilara qilleensaatiin baatamee deemuufi mi’aawaa ergaa dabarsu, iddoo barbaachisaa ta’etti waraana si’eessuudha.

Meeshaan waraanaa niiwukilariin qilleensa faaluun yeroo gabaabaa keessatti miidha qaqqabsiisuu kan danda’uudha. Muuziqaanis saffisa sana caaluun yeroo gabaabaa keessatti qilleensa waliinga’ee hawaasa bakka maraa jiru kakaasuufi onnachiisuu danda’a.

Bariisaa: Bu’aa aartiin Oromoo qabsoo fincila diddaa gabrummaa taasifamaa ture keessatti buuse akkamiin madaalta?

Artisti Qamar: Dhugaa dubbachuuf artistonni keenyaa siyaasa Oromoo cimsuufi umrii cunqursitootaa gabaabsuuf fincila diddaa qabsaa’ota hidhatanii qabsaa’aniin qixa aarsaafi wareegama kaffaleera jechuun ni danda’ama. Keessumaa bara dukkanaa sana, yeroo Afaan Oromoo dubbachuun yakka turetti kanneen kutannoon du’a tuffachuun muuziqaa Oromoo dhageessisaa turaniif kabajni ni mala.

Hojii boonsaa isaan hojjetaniin muuziqaan Oromoo guddinaafi jijjiirama jajjabeessaarra ga’eera. Nuyis faanasaanii hordofuun hamma humna keenyaa hojjenneerra. Har’a artistonni baay’inaan bahaa jiru. Kun bu’aa qabsoo hangafoota keenyaa waan ta’eef galata qabu.

Bariisaa: Isa fagoo mitiitii sirnuma Wayyaanee keessa artistonni qaqqaaliin akka Eebbisaa Addunyaa, Yooseef Gammachuu, Usmaayyoo Muusaafaan wareegamaniiru. Kanneen yaadachuuf maaltu ta’uu qaba jetta?

Artisti Qamar: Waan guddaa na yaadachiiste. Hedduu nama dhukkuba. Artistonni keenya wareegama qaaliifi hadhaa’aa kaffalaniiru. Hidhaadhaan hiraarfamaa turaniiru. Gara jabummaanis waan ajjeefamaniif beekamtii kennuufiin ni mala.

Dhugaa dubbachuuf Eebbisaan akkuma artistii keenya qaalii, Haacaaluu Hundeessaa waggaa tokko dura dhabne garaa kan nama nyaatuudha. Isaan kaanis akkasuma warra otoo Oromoof qabsaa’aa jiranuu darbaniidha. Garuu seenaa hidabarre kaa’aniiru. Kana muuziqaansaaniiyyuu ni dubbata.

Wanni keessakoo naannahu yoo jiraate haati Eebbisaa Addunyaa eessa akka jirtu? Maalitti akka jirtu beekuu dhabuu kooti. Kun mootummaaf qofa osoo hintaane nu, artistotaaf qaaniidha. Maatii Haceellee gaafachaa jirra. Warreen dhokatanis hordofnee akka maalitti jiran iyyaafachuu qabna.

Bariisaa: Duubattin sideebisaatii seenaa dhokate baay’ee qabna. Sirbi durii dhaggeeffatamee hinquufamu. Ergaansaas uka cabsa, rasaasa jedhama. Kan har’aarraa maaltu adda isa godha?

Artisti Qamar: Dhugaadha sirboota durii dhaggeeffattee hinquuftu. Sabanisaas yeroo dheeraa fudhatanii of eeggannoo cimaadhaan waan hojjetaa turaniifi. Kana jechuun garuu har’a hojiin akkasii hinjiru jechuu miti. Hojiileen miidhagoofi namatti tolan danuun jiru.

Babal’achuu teknoolojiitiin walqabatee dhamaateen salphateera. Meeshaan sagalee bareechu heddummateera. Oduuma amma odeessinu kana miidhagsiisnee muuziqaa taasisuu dandeenya. Kunimmoo hirkattummaa teknoolojii waan baay’iseef rakkoo uumuu danda’a.

Yerootti guyyaa tokkotti sirboota lama bahu keessa jirra. Kun bilchinarratti rakkoo uuma. Kan durii dhamaateensaas yeroo dheeraa fixa. Kanarraa kan ka’e bilchaatee mi’aayee waan dhiyaatuuf dhaggeeffatamee akka hinquufamne taasiseera.

Bariisaa: Haala aartii Oromoo gama fiilmiifi diraamaatiin jiruhoo akkamiin hubatte?

Artisti Qamar: Gama fiilmiifi diraamaatiin walqabatee ammallee hojii cimaan hojjetamuu qaba. Fiilmii Afaan Oromoo jalqabaa miidhagaa ani daran jaaladhe, Eelaa kaasuun nidanda’ama. Fiilmiin kun hojii baay’ee itti dhama’amee hojjetameedha. Taatonni achi keessatti qooda fudhatanis ga’umsa ogummaasaanii sirriitti calaqqisiisaniiru.

Fiilmiin Oromoo osoo hedduu tarkaanfachuu danda’uu ittifufuu hindandeenye. Haalli naannawa keenyaa fiilmii hojjechuufis ta’e muuziqaa kamiifuu mijataadha. Deeggarsa, miira of kennanii hojjechuu, barnoota ammayyaatiin ijaaramuu dhabuun damee fiilmiifi diraamaa keenya waan miidheef kun fooyya’uu mala.

Bariisaa: Fiilmii akka Itoophiyaatti afaanota birootiin hojjetamaa jiruhoo akkamiin ilaalta? Dameen kun madda galii akka ta’uuf maaltu ta’u qaba jetta?

Artisti Qamar: Damee aartii cimsuun faayidaa guddaa akka qabu galii indastirii fiilmii Ameerikaarraa argamu ilaaluu qofti ni gaha. Dinagdeen Ameerikaa inni guddaan galii fiilmiirraa argamuudha. Fiilmiinsaanii afaan Ingiliiziin hojjetamus Afrikaa dabalatee ardiilee hundatti akka ilaalamu taasifama.

Kanarraa kan ka’e galii biyyattiin indastirii kanarraa argattu utubaa dinagdee ta’ee tajaajilaa jira. Nuyis osoo beeknee irratti hojjenne isaanii olitti haala mijataa wiirtuulee fiilmiin itti hojjetamuu dandahaniifi dandeettiinsaa jira.

Xiyyeeffannoon gama kanaan mootummaan kennaa jiru osoo cimee galiin damicharraa argamu artistotas ta’ee biyya kan gargaaru ta’uu Ameerikaarraa hubachuun ni danda’ama.

Bariisaa: Galiin artistonni aartiirraa argatan akkamitti ibsama?

Artisti Qamar: Dhugaa dubbachuuf artistiin hojiisaarraa bu’aa quufsaa argateera jechuun hindanda’amu. Dhama’ee duwwaa hafa. Dinagdee artistota keenyaa yoo ilaalle kan daran nama gaddisiisudha. Dhukkubsatanii wanta itti yaalaman dhabuu caalaa wanti nama gaddisiisu hinjiru. Artistiin takkaan aartii sabasaa guddisuuf kan hojjetu yoo ta’u, ofiif qofa kan dhama’u fakkaatee ilaalamuun sirrii miti.

Sirba tokkon baasa ykn muuziqaan hojjechiisaa ispoonsara naa ta’aa wayita jedhu abbaan qabeenyaa tole jedhee keessumeessu hinjiru. Xiyyeeffannoon keenya aartiirra ta’uu qaba malee artistota kan fayyadnu nutti fakkaannaan guddinni aartii keenyaa fagoo deemuu hindanda’u.

Warra Amaariffaa yoo fudhanne muuziquma tokko qopheessuuf wayita ispoonsara gaafatan yeroo gabaabaa keessatti mijeessuuf. Kan keenya garuu miira waldhiibuutu calaqqisa. Kun fooyya’uu qaba. Xiyyeeffannoon keenya indastirii aartii Oromoo guddisuu qofa ta’uu qaba.

Bariisaa: Miirri waliin hojjechuu artistota Oromoo gidduu jiru maal fakkaata? Akkamiin madaalte?

Artisti Qamar: Hariiroon waliin hojjechuu fooyya’uu qaba. Akka warra kaanii waliibirmachuun, waljajjabeessuufi waliin hojjechuurratti harkifannaa guddaatu jira. Otoo miirri tokkummaa uumameera ta’ee aartii Oromoo gama maraan guddisuun salphaa ture. Kanarratti ammallee hojii guddaatu nu eeggata.

Bariisaa: Gara haala wayitii biyya keenyaatti oggaa deebinu, marii biyyaalessaa taasifamuuf jedhurratti hundaa’uun mootummaan hidhamtoota hiikeeraatii tarkaanfii kana akkamiin ilaalte mee?

Artisti Qamar: Dhugaadha. Tarkaanfiin hidhamtoota hiikuu fudhatame nagammachiiseera. Sirumayyuu tureeran jedha. Kanamalees waldhabdee jiru ilaafi ilaameefi mariidhaan furuuf adeemsi eegalame kan namatti tolu waan ta’eef gammadeera.

Kanneen sadarkaa Oromiyaattifi federaalaattis argaman garaagarummaasaanii mariidhaan furatanii biyya nageenya qabdu, walqixxummaan sabaafi sablammii itti dhugoome akka ijaaran hawwiin qaba.

Miirri walqixxummaa, waldanda’uufi waliin jiraachuu kan hinjirre yoo ta’e akkuma Ertiraa addaan bahuu fiduu akka malu gamanumaan tilmaamuun ni danda’ama. Kun akka hintaaneef immoo mariin biyyaalessaa yaadame murteessaadha.

Bariisaa: Artisti Qamar Itoophiyaa akkamii arguu barbaada?

Artisti Qamar: Kana booda anis ta’e fakkaattonnikoo Itoophiyaa durii arguus dhagahuus hinbarbaannu. Itoophiyaan durii walqixxummaa sabaafi sablammiilee kan hinkeessummeessineedha. Olaantummaa sabaafi afaan tokkoo kan labsitu turte. Sun akka deebi’u hinfeenu; yeroonsaa yeroo federaalizimii sabdaneessaa waan ta’eef.

Bariisaa: Tokkummaa Itoophiyummaa jechuun siif maal jechuudha?

Artisti Qamar: Itoophiyaa tokkoomte ijaaruuf garaagarummaawwan jiran giddugaleeffatanii ta’uu qaba. Garaagarummaa afaanii, amantii, aadaa, eenyummaafi naannoo beekuufi itti amanuu qabna. Osoo kun ta’ee jiruu tokkummaa sabdaneessummaa dhiisnee kan duriitiin jiranna jedhanii yaaduun tasumaa hindanda’amu. Sababiinsaas naannoleen mootummaa mataasaanii hundeeffatanii afaansaaniitiin waan jiraniif.

Har’a sirna walqixxummaa sabaafi sablammiin hundi filate dhiisaatii kan duriitti deebina yaanni jedhu kan nu tokkoomsu osoo hintaane kan gargar nubaasu waan ta’eef kana beekuun dirqama.

Inni biraan walqixxummaafi tokkummaatti amanna jechaa gama kaaniin ilaalchi, ‘kun kankooti; natu sii beeka’ jedhu sirrii miti. Ilaalcha ofii namatti fe’uun waan hindanda’amneef sabaafi sablammii hunda qixa keessummeessuun barbaachisaadha.

Tibbana Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad yaada tokko kaasanii turan. Eenyumtuu yaada cituu ykn foxxoquu kaasuu danda’a. Yaannisaa maaliif ka’e kan jedhu jiraachuu hinmalu. Mariitti deebi’amee irratti waliigalamnaan ta’uu dandaha. Yoo walii hingalamne garuu ni hafa jechuudha yaanni jedhu na biteera.

Ammas yaada hunda walitti fidanii keessummeessuu caalaa natu sii beekaa; bakki kun kankooti, afaan tokko qofaaf yoo waliigalle malee hintokkoomnu, Itoophiyaa durii deebisna yaanni jedhu amma tarkaanfachiisaa miti.

Bariisaa: Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa ta’uun guddina aartii Oromootiif bu’aa akkamii qaba?

Artisti Qamar: Guddina muuziqaa si’eessuu bal’inaan akka dhaggeeffatamu taasisuu keessatti afaan shoora olaanaa taphata. Fakkeenyaaf Ingiliffi addunyaarratti babal’achuun aadaasaanii, fiilmiisaanii, muuziqaasaanii akka hordofnu, daaw’annu ykn dhaggeeffannu nutaasiseera.

Kanaaf Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa ta’uunsaa guddina aartii Oromoofis dinagdeefis, hawaasummaafis aadaafi duudhaa ummatichaa baruufis ni gargaara.

Bariisaa: Faayidaa Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa gochuu sabaafi sablammootaaf argamsiisuun walqabsiistee otoo nuu ibsitee?

Artisti Qamar: Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa ta’uun sabaafi sablammiileef nageenya waaraa fidan jedha. Hanga afaan kun afaan hojii federaalaa ta’utti Oromoonis hincallisu. Kanarraa kan ka’e yaaddoo nageenyaa fiduu waan danda’uuf gaaffichi sabaafi sablammoota birootiinillee deeggarsa argachuu qaba. Sababnisaas madda rakkoo nageenyaa ta’uu waan dandahuuf isaanis deeggaruu waan qabaniif.

Afaanicha dandeenyaan isaanuu fayyadamaa ta’u. Sabni biraa afaanicha danda’u hedduun jira. Kan Oromoo qofa goonee ilaaluu hinqabnu. Ani amma afaanota sagaliin danda’a; (Afaan Oromoo, Afaan Hararii, Sumaalee, Ingiliffa, Amaariffa, Tigriffa, Tarkii, Giriik, Xaaliyaanii nan dubbadha. Afaanota kanneen beekuunkoo daran nafayyadeera.

Gaafa dhimmi Afaan Oromoo ka’u kan jibbu hedduudha. Kun wallaalummaan ala waan jedhamu hinqabu. Fedhii kiyya na dhorkaa, afaan kiyya akka hinguddifanne na taasisaa, yaada nuti tokko jedhamu ani hinfudhadhu.

Bariisaa: Gaafa dhimmi Oromoo ka’u kan Finfinnee baay’ee ho’a. Atis Finfinneef weellisteertaatii kanarratti maal jetta mee?

Artisti Qamar: Obboleessa kiyya dhageessaa lafti irra jaajjinee odeessaa jirru kun kan ilmaan Oromooti. Lafee ilmaan Oromoorra deemaa qonnee irraa nyaachaa; irratti mana ijaarrannee jiraanna.

Kunniin hundi dagatamee maqaanshii ganamaa irraa mulqamee maqaa masootiin waamamaa jirti kun sirrachuu mala. Maqaan ganamaa osoo jiruu kuun Xaaliyaaniffaan maqaa itti baasanii kuunimmoo Amaariffaan ittimoggaasanii abbummaa dhabsiisuurra darbanii yaadni ‘bakki kun kankooti’ jedhu ka’uun sirrii miti. Gama kanaan mootummaan irratti hojjechuu qaba.

Sirni darbe lafa kanarraa Oromoo buqqisee kaan Arsiitti, Baaleetti, Harargeetti, Jimmatti ari’ee keessummaa fidee irra qubachiisuun Oromoo lafasaarratti abbummaa dhabsiiseera. Kun seeraafi seenaadhaan sirrachuu mala.

Biitti kun biyya seenaa kijibaatiin ijaaramte yoo taatu, sabaafi sablammiilee hedduun keessatti cunqurfamaa turaniiru. Sirni sun har’a deebi’uu hindanda’u. Akkuman duraan sii kaase Itoophiyaa durii anis ta’e fakkaattonnikoo arguus dhaga’uus hinfeenu.

Gaaffii Oromoon dhimma Finfinneetiin walqabatee kaasu yeroo gabaabaatti yoo hindeebi’in gaaffichi ittuma fufa. Kunimmoo deemsa keessa rakkoo nageenyaa uumuu waan danda’uuf sabaafi sablammoonni biroos deeggaruu qabu.

Nageenyi qe’ee Oromoo mirkanaa’e jechuun kan sabaafi sablammii biroos akkasuma. Hamma kun hintaanetti yaadni Itoophiyaan ni tokkoomti jedhu kijiba.

Bariisaa: Qeeqa wayita Oromoon gaaffii mirgaa gaafatu ka’uuf deebii akkamii qabda mee?

Artisti Qamar: Ministirri Muummeen Oromoo ta’uun nama hinqeeqsisu. Gaafa gaaffiin mirgaa dhiyaatuudha yaadonni faallaan kan ka’an. Kun yoomiyuu dhimma mirgaa faana walin argu. Oromoon qabeenyasaarratti abbummaasaa mirkaneeffachuuf tola ooltummaa eenyumaayyuu hinbarbaadu. Sababnisaas seeratu isa deeggara kaa.

Kun ta’us hamiin ‘baalagizee’ jettu kun hamilee Oromoo cabsuun Oromoon mirgasaa dimokraatawaa ta’ee akka hinkabachiifanne warra barbaaduufi kan warreen Itoophiyaa durii leellisaniiti.

Dhugaa dubbachuuf Itoophiyaa keessatti sabni akka Oromoo rakkate hinjiru. Qabeenyasaarratti abbummaa dhabee ture. Gaafa gaaffii mirgaa gaafatu yaalii hamilee cabsuutu taasifamaa ture. Kun yeroo kana keessatti fudhatama hinqabu.

Bariisaa: Walqixxummaa dhugaan akka lafa qabatuuf maaltu ta’uu qaba?

Artisti Qamar: Sirni federaalizimii sabdaneessaa amma hojiirra jiru qabatamaan walqixxummaarratti hojjechuu mala. naannoleen qabeenyasaaniirratti abboomuu qabu.

Wayita afaan kootiinin baradha, dubbadha jedhamu mormiin ka’uu hinqabu. Gabaabumatti dhugaan gama abbummaa qabeenyaa, akkasumas eenyummaafi afaanirratti jiru lafa qabachuu qaba.

Yoos rakkoon biyya tanaa keessaayyuu kan Oromoo hiikamuu danda’a. Kanaaf irratti hojjechuun dirqama. Itoophiyaan yeroo kanaa barbaachistuufi tokkummaanshii kan dhugoomu sabaafi sablammii biyyattii keessa jiran hunda yoo walqixa keessummeessiteedha.

Bariisaa: Gaaffiin ummataa keessumaa kan Oromoo akka deebi’uuf eenyurraa maaltu eegama?

Artist Qamar: Gaaffiileen ummanni biyyattii kaasu mariidhaan deebi’uu qaba. Dhimmi Oromoofi haqnisaas akkasuma. Kanaafis artistonni biroo, qondaaltonni siyaasaa Oromoos callisuurra irratti hojjechuu qabu. Atumtuu hincallistu.

Hamma biyya walqixxummaan keessatti dhugoome ijaaruuf kaanetti ilaalchi dulloomaa Itoophiyaa durii yoomiyyuu fudhatama hinqabu. Qabeenya saamuufi ummata buqqisuun hafuu qaba.

Bariisaa: Marii biyyaalessaa amma gaggeeffamuuf jedhurraa maal eegda?

Artisti Qamar: Itoophiyaa sabaafi sablammiin hundi akkaataa hireesaaniin itti walqixxaatu, waldhabdeen yaadaa dhimma dinagdee, hawaasummaafi siyaasaa furamee, haqnisaa deebi’ee biyya nagaan keessa jiruufi Itoophiyaa haaraan akka ijaaramtun fedha.

Kanamalees mariin kun gaaffii Oromoon barootaaf kaasaa ture dhimma Finfinnee, dhimmi Afaan Oromoo Afaan hojii federaalaa taasisuu deebii argata jedheen amana.

Walumaagalatti mariin biyyaalessaa waldhabdee akka biyyaatti uumamaa jiru furuun Itoophiyaa walqixxummaafi dimokraasiin keessatti lafa qabate ijaaruuf waan gargaaruuf jajjabeessaadha.

Waraanni biyya goola, misooma gufachiisa, mariin garuu rakkoo hir’isee waan nageenya buusuuf adeemsa filatamaadha.

Bariisaa: Aarsaa Yerookeef galatoomi. Albamiikee haaraa “Durirra amma wayya” jedhu turtii walakkaa waggaatti bahuuf jiruun abdii wayyaa’aan si eegna.

Artisti Qamar: Isinillee galatoomaa nama achii nuhaa taasisu!.

Horaa Bulaa!

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 21 Bara 2014

Recommended For You