Fayyadamummaa hawaas-dinagdee horsiisee bulaa mirkaneessuuf hojjetamaa jira

Finfinnee: Fayyadamummaa hawaas-dinagdee horsiise bulaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu Pireezdaantiin Itoophiyaa ibsan.

Pireezdaant Saahilawarqi Zawudee guyyaa horsiise bulaa biyyaaleessaa yeroo 18faf Kibxata darbe Adaamaatti kabajamerratti argamuun haasawaa taasisaniin akka jedhanitti, mootummaan horsiise bulaaf xiyyeeffannoo kennuun imaammatoota horsiise bulaa fayyadamaa taasisu baasuu dabalatee Minsteerri Jallisiifi Naannawaalee Gammoojji akka hundaa’u taasiseera.

Hawaasni qonnaan bulaa wabii nyaatan akka of danda’u bu’uraalee misoomaa kanneen akka daandii, telekominikeeshinii, geejibaa qilleensaafi kanneen biroo diriirsaa jiraachuus himaniiru.

Gama birootiin naannoo Oromiyaa, Somaaleefi Kibbaatti hongee uumame jiru ittisuuf hirmaannaa hundaa akka barbaachisu ibsaniiru.

Ministirri Jallisiifi Naannawaalee Gammoojjii Injinar Ayishaa Mahaammad gamasaaniin, jijjiirama biyyatiitti dhufe hordofee mootummaan misooma horsiise bulaaf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuu eeranii, fedhii misoomaa jiru guutuufis gara hojiitti galamuu himaniiru.

Naannolee horsiise bulaan jirutti yeroo baay’ee irra deddeebiin hongeen kan mudatu ta’uu eeranii, rakkoo kana salphiisuuf misoomni bishaan lafa jalaafi sululuawwaanii cimee itti fufuu akka qabu ibsaniiru.

Guyyaan horsiise bulaa 19fan waggaa dhufu naannoo Affaaritti kan kabajamu ta’uu Tajaajila Oduu Itoophiyaarraa odeeffanne.

BARIISAA SANBATAA Amajjii 21 Bara 2014

Recommended For You