Humni shoroorkeessaa Shaneen kaleessaa hanga har’aatti caba siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa ummata Oromootiif sababa ta’uurraa kan hafe akeekaafi kaayyoo siyaasaa dantaa saba bal’aa milkeessuu danda’u qabatee yeroon mul’ate tokkollee hinjiru.
Maqaa jaarmiyaa maayii hinbaasne kanaan eenyummaafi kabajni namoomaa ummata Oromoo sarbamaa tureera. Gaafa sabni bal’aan qabsoo farra cunqursaatiif isa waammatu hinbirmanne; har’a yeroo Oromoon wareegama qaalii kaffaleen ulfinasaaf malutti imalaa jirutti Shaneen warra gumaa waliin hiriiree ummata Oromoo cabsuuf akeeka baandummaasaa agarsiise.
Kaleessa sababasaatiin, har’a ammoo gochaa farrummaa inni raawwatuun ajjechaafi salphinni Oromoodhaaf hinmalle irratti raawwataa jira.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa saba guddaa kanaaf aadaa siyaasaa ammayyaa’aa walhubannaa bu’uureffateetu mala jechuun humna shororkeessummaa filate kana daandii nagaatti deebisuuf yaaliin gama mootummaatinis ta’e abbootii Gadaatiifi haadholii Siinqeefi jaarsolii biyyaatiin hintaasifamne hinjiru. Ulfina saba bal’aatiif jedhamee kadhaafi sossobbii yeroowwan garaagaraatti taasifame kana fudhachuun karaa nagaatti deebi’uurra, inumaayyuu humni kun diinota kaleessa Oromoo salphisan waliin hiriiruun uumama gantummaafi baandummaasaa agarsiiseera.
Dargaggoonni baay’een akeekaafi kaayyoon Shanee Oromoo salphisuu akka ta’e dursanii waan hubataniif jaarmiyaa badii kana dursanii kan gadhiisan yommuu ta’u, kanneen hafan garuu yeroo humni kun warra gumaa ‘TPLF’ waliin hiriiruusaa argan hirmii baafatanii karaa adda addaatiin harkasaanii mootummaatti kennataa turaniiru ammas kennataatuma jiru.
Kun otoo kanaan jiruu wayita mootummaan hawaasasaa waltaasisee manneen barnootaa dakaa kaasee hanga gubbaatti jiran ammayyeessuufi babal’isuuf tattaafataa jirutti, darbees ittiin milkaa’aa jirutti akkuma mammaaksa “Bakka booressaan jirutti qulqulluu dhuguun hindanda’amu” jedhamu sana murni kun waan ittidhama’ameefi jaarmiyaa dhaloonni ittiqaramu kana barbadeessuunsaa diinummaa diinummaa caaluudha.
Akka Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Oromiyaa dheengadda ibsetti, murnichi manneen barnootaa 163 gubee, 756 ammoo barbadeesseera. Barattoonni kuma dhibba 325s barumsaan ala; barsiisonni 5,227 ammoo hojimaleeyyii ta’aniiru.
Akkuma qaamoleen hawaasaa murnichaan gidiraa argan irra deddeebiin, “Oromoof qabsaa’a taanaan maaliif haadha hiyyeessaa darara, lubbuu galaafata, qabeenya barbadeessa? Kan Oromoof qabsaa’u Oromoof dhaabata malee Oromoorratti hinka’u; hidararu” jedhan murni kun qabeenya ummataa keessumaa dhaabbilee barnootaa dhaloonni itti qaramu, kan haati hiyyeessaa sabbatashiirraa irratti hirmaattee ijaarame barbadeessuun gocha gonkumaa balaaleffatamuufi abaaramuu qabuudha.
BARIISAA SANBATAA Amajjii 21 Bara 2014