Biirichi karoorasaa keessaa % 96 milkeesse

Finfinnee: Biroon Galiiwwan Oromiyaa bara bajataa 2014tti qarshii biliyoona 50.3 walitti qabuuf karoorfatee keessaa ji’a jahatti qarshii biliyoona 25.8 waliitti qabuun karoorasaa %96 milkeessu Biiroon Galiiwwaan Oromiyaa ibse.

Sadarkaa Pirezidaantii Ittaantuutti ittigaafatamtuun biirichaa, Aadde Maskaram Dabbabaa ibsa kaleessa miidiyaaleef kennaniin akka jedhanitti, yeroo eerame kanatti qarshiin biliyoona 25.8 kan waliitti qabamee galii idileefi mana qopheessaarraati.

Bara 2014tti galii idileerraa qarshii biliyoona 42.33 akkasumas galii mana qopheessaarraa qrshii biliyoona saddeet argamsiisuuf karoorfamee, galii idileerraa qarshii biliyoona 22.2, mana qopheessaarraa biliyoona 3.8 argamuus himaniru.

Galiin idileerraa argameen raawwiinsaa harka 97.7 ta’uufi galiin waliigalaa kan bara darbeen qarshii biliyoona 8.7n caalmaa qabaachuu eeranii, kan mana qopheessaas miliyoona 837n fooyyee qabaachuu dubbatan.

Waliigalaan galiin kun kan bara darbeen yeroo walbira qabamu caalmaa qarshii biliyoona 8.7 qabaachuufi guddina harka 53.3 agarsiisuun ibsaniiru.

Barana hojiin gama galiin waliitti qabuun hojjetame fooyyee qabaatus raawwiinsaa wayita ilaalamu godinaalee 14fi magaalota shnaitti harka 50 ta’uu fi godinaaleen torbaafi magaalonni 14 raawwii harka 50 gadii qabaachuun eeraniiru.

Hojii to’annoo daldala seeraan alaa gaggeeffameen namoota kuma 31 ol osoo heyyama hinqabaatin hojii daldalaa keessa jiraniifi namoota heyyama qabaatanii gibira hinkaffalle kuma 28 adda baafamuus Aadde Maskaram himaniiru.

Sinqinash Alamuutiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 21 Bara 2014

Recommended For You