Afrikaanummaa Kootiin Nan Boona!!

 “Jiraatonni magaalaa keenyaa martinuu, Afrikaanummaa keenyaan ni boonna, milkaa’ina Yaa’ii Gamtaa Afrikaatiif waliin haa dhaabbannu!!

Yaa’iin hooggantoota Gamtaa Afrikaa 35fan magaalaa guddittii keenya, Finfinneetti adeemsifamuuf guyyoota muraasatu isa hafa.

Magaalaan keenya Finfinneen magaalaa guddittiin Afrikaanotaa, giddugalli diippiloomatikii addunyaa asxaa sabdaneessummaati.

Biyyi keenya Itoophiyaan baroota hedduu keesaatti Afrikaanota maraaf sagalee ta’uun, irra deddeebiin ilaalcha Afrikaanotaafi Paan-Afrikaanizimii keesaatti shoora guddaa kan taphachaa turte, fakkeenya injifannoo Afrikaanotaati.

Yaa’ii Afrikaanoonni mana isaanitti walitti qabaman kana hundi keenya kan abdiin eeggannu, keessumattuu yeroo kana keessa Itoophiyaafis ta’ee magaalaa keenya Finfinneef kan hiikaa addaa qabuudha.

Qabsoo jiraachuufi jiraachuu dhabuu keessaafi alaan biyya keenya Itoophiyaa mudatee tureen wal qabatee yaa’ichi Itoophiyaaf gaariifi injifannoo misiraachoodha.

Tattaaffii diippiloomaasii olaanaa taasifameen, obboloonni keenya Afrikaa nuwaliin ta’uu isaaniitiin yaa’ichi akka adeemsifamu murteessuurraatti ejjannoon isaan agarsiisaafi kabajaafi jaalala biyya keenyaaf qaban kan itti mirkaneessanidha.

Yaa’ichi Itoophiyaan nagaa miti, hooggantoonni Afrikaa hedduu irratti argamuun haa hafuutii lammiileen biyya alaa as jiraniyyuu magaalattii gadhiisanii bahuu qabu jechuun duulli miidiyaa sadarkaa guddaan nurratti adeemsifamaa ture ifa baasuun, dhugumatti Itoophiyaan nageenya amansiisaa ofii isheetiin mirkaneessuu akka dandeessu ta’uushee magaalaan keenya Finfinneen yeroo kamuurra nagaafi miidhagduu akkuma barametti ga’umsa magalaa guddittii Afrikaanotaa taatee akka ittifuftu kan ishee taasisu kan qabdu ta’uu ishee kan mirkaneessuudhas.

Yaa’ichi magaalaa keenyaafis haata’uutii biyya keenyaafis hiikaa hedduu yaa’ii qabuudha. Waan ta’eef milkaa’ina yaa’ii kanaaf hundi keenyayyuu itti gaafatamummaa guddaa qabna. Magaalaan keenya yaa’ii seenaqabeess kana bifa ho’aafi miidhagaa ta’een adeemsifamee akka xumuramuuf qophiilee barbaachisu hunda taasifteetti.

Jiraattonni magaalaa keenyaa hundi sagantaa duula qulqullinaa hunda haammate Dilbata dhufu gaggeeffamu irratti mijeessummaafi kakaasummaa tokko malee ofiin bahee naannawaa qulqulleessuun akka bareechu waamicha koon dhiyeessa.

Kabajamtoonni abbootii qabeenyaas gamoowwan naannoo keessanii akka miidhagsitaniifi ibsaawwan keessaafi alaa osoo hindhaamsiin miidhagina magaalattiif gahee keessan akka baatan amaanaan isiniin jedha.

Dabalataanis yeroo hamtuutti magaalaa keenya balaarraa oolchuun gahee guddaa kan taphattan raayyaan ummata keenyaa, nageenya naannawa keenyaa eeguun, aadaa keenya, miidhagina keenyaafi bifa sabdaneessummaa keenya beeksisuun, qaamolee nageenyaa keenya waliin ta’uun wal gargaarree hojjachuutu isinirraa eegama.

Dhaabbileen tajaajila kennitanis haala baratamerraa fooyyessuun waanta nurraa eegamu hunda gahumsaan taajajila kennuun itti gaafatamummaa keenya bahuu qabna.

Walumaa galatti jiraatonni magaalaa keenyaa namusaafi keessummaa simannaa Itoophiyaanummaa keenya barameen keessummoota keessumeessuun Afrikaanota gara magaalaa guddoo keenyaa dhufan gara mana isaanii akka dhufanitti akka itti dhaga’amutti gochuun itti gaafatamummaa isaa akka bahu amaanan isiniin jedha.”

– Adaanachi Abeebee, Kantiibaa Magaalaa Finfinnee

Gaazexaa Bariisaa

BARIISAA SANBATAA Amajjii 21 Bara 2014

Recommended For You