“Tapha jalqabaatii kaaseti carraan keenya kan dhiphate” -Leenjisaa Wubatuu Abaataa

Finfinnee: ”Gareen kubbaa miilaa Itoophiyaa tapha ramaddii kan maahessaa Burkinaa Faasoo wajjin godhatetti 1-1n adda kan bahe. Haaluma kanaan Burkinaa Faasoon tapha ittaanuuf yoo dabartu Itoophiyaan ammoo gulaalaan ala taateetti jedhu leenjisaan Waaliyaa Wubatuu Abaataa.

Leenjisichi ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin akka jedhanitti, tapha jalqabaa kan Keepvardee wajjin taasifametti 1-0n waan mo’ameef carraan tapha ittaanuuf darbuu hinmilkoofne.

Tapha lammaffaa qopheessituu waancichaa, Kaameeruun wajjin taasifamettis otuma 1-0n dursaa jirru dogoggora murtee kennaatiin nus of dagannee 1-1n walqixa taanus galchoota walitti aananii nutti galaniin 4-1n mo’amne.

Tapha maahessaa kan ramaddii kanaatti 1-1n adda baane. Walmorkii kanatti dursinee galchuudhaan carraa gaarii fiduu yaalleerra. Kun ammoo ga’aa miti. Mo’annus darbuu hindandeenyu. Walumaagalatti taphicharraa barumsa guddaa arganeerra” jedhu.

Walmorkiiwwan gara fuuladuraatti dhufaniif carraa gaarii qabna kan jedhan leenjisichi taphattoonni hirmaatan marti dargaggootaa kilaboota biyya keessaarraa filataman waan ta’aniif yoo muxannoo argatan waan gaarii akka hojjetan kan amanan ta’uu ibsaniiru.

Dharraa kubbaa miilaa kan qabu ummanni biyyattii tapha kanarraa waan baay’ee eegaa ture. Keessumaa tapha gulaalaa ramaddiitti Waaliyaan dorgomaa gaarii ta’uudhaan ni darba abdi jedhu qaba. Ta’us hinmilkofne. Kanaafis dhiifama guddaa gaafanna jedhan.

Walmorkiin waancaa kubbaa miilaa Afrikaa 33fan kun taphni ramaddii duraa xumurameera. Gareewwan 24n keessaa 16 tapha ittaanuuf yoo darban saddeet ammoo mo’amuudhaan yeroomaan biyyasaaniitti deebi’aniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 14 Bara 2014

Recommended For You