Shaapiyoonaan ispoortii aadaa Oromiyaa har’a jalqabama

Finifinnee: Waggaa waggaadhaan godinaaleefi magaalota naannoo Oromiyaa gidduutti gaggeeffamaa kan ture shaampiyoonaan ispoortii aadaafi festivaaliin Aadaa Oromiyaa kan baranaa har’aa kaasee guyyoota 10f Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee, Magaalaa Sandaafaatti akka gaggeeffamu Biiroon Dargaggootaafi Ispoortii Naannichaa beeksise.

Ittigaafatamtuun biirichaa, Dubree Saamiyaa Abdallaa ibsa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka ibsanitti, shaampiyoonichi yeroo 27faf, fesitivaalli ammoo yeroo 12faf akkaakuuwwan ispoortii adda addaatiin adeemsifama.

Shaampiyoonaa baranaa kanarraatti godinaaleen Oromiyaa 21fi magaaloonni 18 ni hirmaatu jedhamee eegamus hanga dheengadda oduun kun qindaa’eetti godinaaleen 14fi magaalonni saddeet hirmaachuuf Magaalaa Sandaafaa galuusaanii ittigaafatamtittiin ibsaniiru. Shaampiyoonichi gandaa kaasee hanga godinaatti sadarkaa sadarkaan gaggeeffamaa turuus eeraniiru.

Mo’attoonni saampiyoonichaan shaampiyoona ispoortiifi fesitivaalii aadaa biyyaalessaarratti akka hirmaatan kan taasifamu ta’uus Dubree Saamiyaan beeksisaniiru.

Dorgommiin shaampiyoonichaa mana keessaafi dirreerratti kan adeemsifamu ta’uus eeranii, kanaanis dargaggoota Oromiyaa gaaddisa ispoortii kana jalatti walittiqabuudhaan obbolummaan, tokkummaafi jaalalli jidduusaaniitti akka caalaatti cimu gochuu maddiitti, aadaa godina tokkoo kan biroo wajjin walbarsiisuufis kan gargaaru ta’uu eeraniiru. Shaampiyoonichi ispoortiin aadaa dhalootaa dhalootatti akka darbuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 14 Bara 2014

Recommended For You