Ayyaanni Cuuphaa barana borumtaa waraanaatti, keessumaa wayita diinni alaa keessaa daboo walwaamee biyyatti roorrisaa turetti, akkuma otuma mortuun mortuu hortuun hordti jehdamu san duudhaa amantiifi hawaasummaa eegee haala ho’aafi miidhagaa ta’een nagaadhaan kabajameera.
Ummanni biyyattii otoo amantiidhaan walhinqoodiin ayyaanichi nagayaan eegalamee akka xumuramuuf sochii bilchaataa hubannoo cimaa qabu taasiseen ajaa’ibsiifannaafi kabaja argamsiisuuf qaamolee nageenyaa wajjin waardiyyaa nageenyasaa ta’ee ayyaanicha hanqina tokko malee dabarseera.
Ayyaanichi Finfinneefis ta’e Itiyoophiyaa guutuuf miidhaginaafi qabeenya ta’e kun hordofaan amantichaa akka jirutti bahee kan irratti hirmaate nagaan eegalamee akka xumuramu shoora olaanaa taasiseera.
Kanaafis akkuma Kantiibaan Finfinnee, Aadde Adaanachi Abeebee jedhan abbootiin amantii, humnoonni nageenyaa, dargaggoonni, hoggantoonni sadarkaa sadarkaan jiraniifi jiraattonni marti galata guddaa qabu. Keessumaa hordoftoonni amantichaa waca namoonni maqaa maqaa amantiitiin fiixeetti bahan dhageessisaa turan gurra dhorkachuun milkaa’ina ayyaanichaatiif qoodasaanii bahatna galateeffatamuudhuma qabu.
Gama biraatiin Itoophiyaan biyya sabaafsablammii biyya amantaaleen gara garaafi namoonni afaanota gara garaa itti dubbataniiti. Garaagarummaan eenyummaa, afaaniifi amantii sabaafi sablammii gidduu jiru isa beekuuf miidhagina, madda galiifi simboo akkasumas humna ta’ee mul’atus dhala finxaaleyyii olaantummaan jiraachuu barbaadaniifimmoo balaa ta’ee mul’ata.
Finxaaleyyiifi mankaraarsitoonni kunneen walqixxummaatti waan hinamanneef ilaalcha, eenyummaafi amantii mataasaanii saboota birootti fe’uun akka akaakileesaanii hirkattummaan jiraachuu barbaadu.
Isa kanaafimmoo calaqqeewwan yeroorraa yerootti isaan agarsiisaa jiran sabaafi sablammiilee birootti komii kaasisaa waan jiruuf mootummaan xiyyeeffannoo addaa ittikennuu akka qabu himamaa jira.
Tibban hawaasa sababa waraanaan qe’eefi qabeenyasaarraa buqqa’e deebisanii ijaaruuf sirni galii sassaabbii waldaalee amantii Pirotestaantiin Doloolloo Biddeenaatti wayita qophaa’etti sirnichi achitti akka hingaggeeffamneef jeequmsa kaasuuf kan yaalan jiru.
Murnoonni kunniin bara teknolojiin fagaate kanatti ilaalcha dulloomaa qabatanii yaalii jeequmsaa gara garaa taasisaa turaniiru.
Duullisaanii kun kutannoo mootummaan haaromsaa walqixxummaa amantiileefi qaburraa kan ka’e kan maseene yoo ta’u, sirni galii sassaabbii sunis yeroosaa eeggatee bakkaafi sa’aa qabameef keessatti galii guddaa sassaabuun hawaasa miidhameef akka gahu godhameera.
Ilaalchi balaafamaan matayyoonni muraasni walqixxummaatti agarsiisaa jiran babal’ataa kan jiru yoo ta’u, gaaga’ama siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa biyyattii mudate baraaruuf marii araaraa mootummaan eegale gufachiisuun waliindha’anii aangoo qabachuuf fedhii qabanis agarsiisaa jiraachuu calaqqeewwan jiran ni mul’isu.
Mootummaan shira harcaatota kanneeniitti dammaqee sochii nageenya waaraa buusuuf eegale cimsuun hojiitti wayita seenettis qaawwa argatan maraan nageenya biyyaa booressuuf amantii dahoo godhatanii ka’uufis ciisanii hinbulle.
Qaamoleen guddinaafi badhaadhina Itoophiyaatiif aramaa ta’an kunneen ayyaana cuuphaa akka biyyaatti ho’ee kabajamu dahoo godhachuun Finfinneetti amantiidhaan dahatanii jeequmsa uumuufillee yaalii guddaa godhaniiru.
Akka fakkeenyaatti Bataskaana Goorgisii Birbirsa Goorootti argamu biratti maqaa amantiitiin waan amantiii wajjin hindeemne hojjechuun jeequmsi akka uumamuufi ergamni siyaasaasaanii dhokataa milkeeffachuuf yaalii dabalataa taasisanis mootummaan irratti dammaquun harkatti fashaleesseera.
Oromoon hammachuu, jiraachisuufi keessummaa kabajuu beeka isa jedhus qabatamaan kan agarsiifame ta’us shirri harcaatota kana caamuu hindandeenye.
Amantiifi siyaasni garagara jedhamus maqaa amantiitiin ergaasaanii dhoksaa alaabaadhaan maranii dabarfachuuf yaalanis kutannoo Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebee agarsiisaniin jijjiiramoonni tokko tokko mul’ataniiru.
Haata’uutii naannolee biyyattii gara garaatti maqaa amantiitiin alaabaan seeraqabeessa hintaane ol ka’ee mul’achuunsaa takkaan ilaalcha namoonni amantii Ortodoksiif qaban kan miidhu darbees amantaa ummatni mootummaarraa qabu kan laaffisuufi jeequmsatti nama oofu ta’ee mul’ata.
Kunimmoo tarkaanfii mootummaan murnoota finxaaleyyii daangaa siyaasaa humnaan babal’ifachuuf yaalanirratti fudhachaa jiru laafaa ta’uu kan agarsiisuufi sirnicha kan qoru waan ta’eef mootummaan of ilaaluu akka qabu kan eeruudha.
Itoophiyaan kana booda jiraattu biyyaa federaalizmiin sabdaneessaa keessatti lafa qabate biyya walqixxummaan sabaafi sablammii keessatti mirkanaa’eedha.
Mootummoonni naannolee biyyattii alaabaan seeraan alaa maqaa amantiitiin ol ka’ee keessatti calaqqisaa tures fedhii sirnoota durii hundeedhaa buqqisanii eenyummaa saba bakka bu’anii bakkatti deebisuu dhiibbaa afaanii, aadaa, eenyummaafi amantii qorqalbii lammiileesaaniirratti duufe kana diiganii gatuuf kutannoo siyaasaa cimaa isaan barbaachisa.
Egaa cuuphamtee fayyita jennaan maraatuu diddee cuuphee barbaaddi akkuma jedhamu murna dimokiraasii dhiisee maqaa amantiitiiaan sirna dulloomaa deebisuuf abjootu kana qorqalbiisaa jaamsanii Itoophiyaa haaraa ijaaruuf mootummaa haaromsaa dabalatee deeggartoonni federaalizmii sabdaneessaa tokkummaan ka’anii dhaabachuu qabu; yoos hunduu akkuma ayyaana Cuuphaa kana milkaa’uu waan danda’uuf.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 14 Bara 2014