Manguddoon tokko gabaa oolanii baabura geejjibaan utuu gara qe’eetti deebi’anii akka tasaa kophee gatii jabaan bitatanii galaa jiran baabura keessaa lafa bu’e. Namni cinaa isaanii taa’ee jiru ilaalee callisanii imala itti fufuu isaanii ajaa’ibsiifatee utuu hinturin kophee isaan harkatti hafe kan miila biraa karaa foddaa darbatanii lafa buusan. Yeroo kana namichi isaanii wajjin imala irra jiru “Maaliif kophee gatii jabaa kana gattuu?” jedhee gaafate. Kana irratti maanguddoon kunis yeroo deebisan “Sirriidha. Inni tokko duraan bu’eera. Kan miila biraa nabiratti hafuurra lafa bu’ee tarii namni isa miila tokko bu’e argatu isa kanas itti dabalatee haa fayyadamu jedheen buuse” jedhan. Utuu fuudhanii galaniis kopheen harkatti hafe kun ba’aa malee faayidaa hinqabu. Gatii jabaa kan bitame yoo ta’e illee bu’aa isaa ba’aa qofa. Furmaatni isaa gatuudha. Tarii nutis har’a maal gatuu qabnaa? Waan faayidaa hinqabne, jireenya keenya miidhuu danda’u maaltu jiraa? Tarii cimaa haa fakkaatan iyyuu malee kaleessarra har’a, har’a irra ammoo bor jireenyi keenya akka fooyya’uuf wantoota ittii adda ba’uu qabnu teenyee yaadnee of irraa adda baasuun murteessaadha.
Isa kana gochuu dadhabuun keenya jireenya kaleessaa irra deddeebinee akka jiraannu nutaasiseera. Jireenyi keenya akka hinjijjiiramneef sababa guddaa ta’eera. Egaa maalitti adda baanuu? Jijjiirama attamiitu nubarbaachisaa? Araada moo hojii ciigga’uutu danqaa nutti ta’ee jiraa? Waan fedheef garuu jijjiiramni murteessaadha.
Jijjiiramni nama caalanii argamuu qofa miti. Namaanis dorgomuu qofa miti. Kaleessa ofii caalanii argamuudha. Kaleessa irra har’a fooyya’anii argamuudha. Inni kun ammoo sammuu irraa eegala. Namni sammuun isaa hingeeddaramne taanaan homaa tokko geeddaruu hindanda’u. Namni sammuun isaa yeroo geeddaramu hanga yaaduu olitti abjoota, abjuu isaa kana bakkaan ga’uuf tattaafata. Namootni yeroo mammaakan “Yeroo utaaltu ji’a irratti utaali; yoo ji’a irra qubachuu dadhabde gaara dheeraa irra buutaa” jedhu. Inni kun waan guddaa yaadi, bakka guddaa ga’uuf tattaafadhu jechuudha. Hundumti keenya isa hawwine utuu hinta’in isa ta’uu barbaadneefi, eenyummaa irratti hojjenne taana. Guddummaan dhala namaa biyya lafaa geeddaruu dura ofii isaa geeddaruu danda’uudha. Biyya lafaas ta’e namoota naannoo keenyaa geeddaruun dura ofiif geeddaramuun murteessaadha. Namni amala isaatiif artistiidha. Namni artiistii mataa isaatii erga ta’ee amala hamaa qabu jijjiiruu, jireenya ba’eessa ofiifis ta’e isa kaaniif ta’u akka hinqabaanne humni isa ittisu hinjiru.
Yeroo utuu hinfudhatin of irratti hojjechuunis gaariidha. Namni ofii isaa injifachuu danda’u loltuu cimaadha. Nama isa darbe leellisu utuu hinta’in nama egeree isaa bocuudha. Isa kana hubachuun ogummaa guddaadha.
Haa ta’u iyuu malee yeroo tokko tokko ofii keenya ilaallee, jireenyi keenya waan jijjiirame nutti fakkaachuu yeroo didu “Barri dhufee darba ani garuu nama isa kaleessaati” jechuu dandeenya. Waggaan yoo jijjiiramaa deeme illee ani isuma kaleessaati jenna. Jecha abdii kutannaa dubbanna. Of fooyyessuu irratti hinhojjenne jechuudha. Beekumsa haaraa, ilaalcha haaraa, adeemsa haaraa, yaada haaraa, hiriyaa haaraa kan jireenya keenya irratti dhiibbaa gaarii geessisaniifi kkf. isa darbe irraa har’a wanti fooyya’e dhibuu isaa argisiisa. Mee yeroo xiqqoo fudhannee utuu barreeffama kana dubbisnuu ofitti deebinee haa ilaallu. Meeqan keenyatu bara darbe irra barana of-fooyyessineerraa? Ilaalchi keenya hangam jijjiirameeraa? Tarii amala araada qabnu yoo jiraate hangam fooyyessinee? Galii qabnu hangam fooyyessinee? Ilaalcha kanaan dura qabnu hangamtu fooyya’ee? Walitti dhufeenya namoota wajjin qabnu hangam fooyyessinee? Inni kun kan nama kan biraa wajjin of dorgomsiisnu utuu hinta’in ofii keenya ilaaluun murteessaadha. Namoota caalaanii argamuu yaaluun gadhee miti; inni guddaafi inni jalqabaa of fooyyessanii argamuudha. Haala amma jirruu olitti akka of fooyyessuu dandeenyu amanuufi irratti hojjechuudha. Isa kanaaf ammoo wanti nudaangessu hinjiru. Wanti baay’ee nama dhibu yoo jiraate haalli nuti har’a keessa jirru dabalatee nudaangessuu hindanda’u. Haalli nuti keessaa dhufne, naannoo nuti keessa jiraannu kamiyyuu of jijjiiruuf qophaa’oodha taanaan nudaangessuu hindanda’u. Of fooyyessuu irraa boodatti nudeebisuu hindanda’u. Inni guddaan garuu kutannoo gaafata.
Jabaatanii of irratti hojjechuu barbaada. Kaleessa irra har’a gara fuula duraatti deemuu gaafata. Isa kanaaf ammoo hanga danda’ametti bakka jirruu, bakka nutti tola jennee yaadnu, tarii bakki jirru gaarii illee yoo ta’e isa caalaa gaariif of qopheessuu, tarkaanfii fudhachuun murteessaadha.
Inni guddaan garuu biyya lafaa kana irratti jijjiirama jireenya keenya irratti nifida jennee nama kan biraa irraa eeguun barbaachisaa miti. Namni jireenya keenya geeddaruu danda’u nuqofa. Murtoo nuti qabnu jireenya keenya keessatti ga’ee guddaa qaba. Sababiin isaa jireenyi namaa murtoodhaan guutuudha. Murtoo keenya tokko tokko kan itti gaabbinu yeroo ta’u kaan ammoo kan nuboonsu tokko tokko ammoo kan numiidhu ta’ee agarra. Jireenyi nuti har’a jiraannu hedduun isaa firii murtoo keenya kaleessaati. Bor firii addaa biraa yookaan firii gaarii yoo barbaanne har’a murtoo gaarii qabaachuu qabna. Jireenya har’a keessa jirru akka jiraannu kan nu taasise murtoo keenya kaleessaati. Jireenya har’a jiraannu irraa adda kan ta’e bor akka jiraannuuf murtoo kaleessarraa adda ta’e qabaachuu qabna. Jireenya kaleessarraa adda jiraachuuf murtoo keenya jijjiiruun murteessaadha. Isa kanaaf nama kan biraatu nuuf murteessa miti. Nutu ofiif murteeffata. Biyya lafaa kana irratti iyyuu dhiibbaa fiduuf abjuun nuti qabnu akka dhugoomuuf duraan dursinee ofii keenyaaf jijjiiramuun barbaachisaadha. Wanti dagatamuu hinqabne garuu jijjiiramni kun galgala tokkotti kan biqilee, daraaree ija godhatu ta’uu dhiisuu danda’a. Egaa jijjiiramnis ta’e of jijjiiruun waan gaarii kanaan dura qabnu irratti dabalaa deemuudha. Fooyya’aa deemuudha. Guddachaa deemuudha.
Egaa jijjiirama fiduuf inni guddaan dursanii ofiif jijjiiramuudha. Namni hinjijjiiramne jijjiirama fiduu hindanda’u. Sababiin isaa gaariis ta’e hamaa wanti nuti keessa jirru nama kan biraa irratti dhiibbaa mataa isaa danda’e geessisa.
Yoo nuti jijjiiramne sababa jijjiiramuu nama kan biraa taana. Yoo adeemsa hintaane qabaanne namootni kan biraas akka hintaane akka deemaniif sababa taana. Namoota naannoo keenya jiran irratti dhiibbaa gaarii geessisuuf duraan dursinee jijjiiramuun murteessaadha. Inni kun ammoo yaada keenya irraa eegala. Akkaataan itti yaadnu yoo jijjiirame ilaalcha keenyas ta’e jireenyi keenya nijijjiirama. Jireenyi keenya yoo jijjiirame ammoo naannoon keenya nijijjiirama. Kanaaf namoonni yeroo dubbatan “Akkaataa itti yaaddu jijjiiri addunyaan kee nijijjiirama” jedhu. Sababiin isaa akkaataa nuti itti yaadnu adeemsa keenya irratti dhiibbaa mataa isaa danda’e qaba. Egaa yeroo yaadni keenya jijjiiramu ammoo adeemsi keenya nijijjiirama.
Isa kanaaf garuu gaaffiin keenya inni guddaan “Attamitti akkaataa itti yaadnu jijjiiruu dandeenyaa?” kan jedhu ta’uu danda’a. Namni tokko akkaataa itti har’a yaadu jijjiiruun of jijjiiruu yoo barbaade yaada alta’umsaa of keessaa baasuu qaba. Yeroo tokko tokko waan jijjiiramuu qabu akka hindandeenyetti yaadna. Fakkeenyaaf “Ani kana hojjechuu hindanda’u. Ani kana jijjiiruuf hindanda’u. Inni kun baay’ee natti cima. Araada kana dhiisuurra du’a naaf wayya…” jennee wantoonni nuti dubbannu jiru. Kana irraa kan ka’e sammuun keenya haala kana simatee waan jijjiiramuu qabanii wajjin akka jiraannu nutaasisa. Kanaaf sammuun keenya wantoota alta’umsa ta’an kana irra deddeebi’ee akka hinyaadne taasisuun barbaachisaadha. Bakka shakkiifi sodaan, akkasumas haala keessa jirru akka jijjiiruu hindandeenye qofa irratti xiyyeeffannee akka yaadnu isa nutaasisu of keessaa baasuun sammuu keenya gara waan bor bu’a qabeeyyii nu taasisuutti jijjiiruun yaaduun murteessaadha.
Sammuu keenya bara dheeraaf isa qabatee ture alta’umsa irraa gara ilaalcha ta’umsaatti fiduun gaariidha. Hamaa isa sammuu keenyaatti maxxane, akka nuti homaa tokko hindandeenye, haala keessa jirru tarii haala rakkisaa ta’etti maxxannee akka jiraannu kan nu taasise of irraa baasuun isa sirriitiin akka bakka bu’u taasisuun borii keenya irratti dhiibbaa gaarii geessisa. Wanti nuti dhiisuu mallu jira. Hanga dandaa’ametti sammuun keenya waan gaarii akka yaaduu danda’u taasisuun barbaachisaadha. Akka of irrattis ta’e namoota naannoo keenya jiran irratti dhiibbaa gaarii geessisuu dandeenyu ofitti labsuun faayidaa guddaa qaba.
Sababiin isaa yeroo hedduu tarii akka namoota homaa tokko hindandeenyeefi haala keessa jirru kana keessaa ba’uuf akka nama dandeettii hinqabneetti of lakkaa’uu dandeenya. Inni kun akka haala keessa jirru keessa abdii kutannee teenyu nutaasisa. Inni kun yoomiyyuu jireenyaa keenya irratti akka dhiibbaa hingeessisne nutaasisa. Kanaaf duraan dursinee namoota jijjiiramaa ta’uuf ofiif jijjiiramuun murteessaadha.
“Namni ofis ta’e biyya lafaa jijjiiruu kan danda’u abjuu sirrii yoo qabaate, abjuu isaa dhugoomsuuf yoo tattaaffateefi aarsaa jijjiiramni gaafatu yoo baasuuf qaophaa’e qofa”
Doktar Zarihun Gabree
BARIISAA SANBATAA Amajjii 14 Bara 2014