Biyyi keenya ammaan tana jijjiirama keessa jiraachuunshii beekamaadha. Jijjiiramni eegalame kun ija godhatee bu’aan eegamu akka dhufuuf garuu nama dhuunfaarraa kaasee caasaa mootummaatti darbees kan matayyaatti adeemsicha ofitti fudhachuu qaba.
Milkaa’ina jijjiiramichaatiif ammoo namni tokko dhiibbaa biyya lafaa kanarratti yookaan namoota kan biraarratti geessisuuf dhimmi murteessaafi tarkaanfiin jalqabaa ofiisaa jijjiiruurratti hojjechuu qaba.
Yeroo hedduu namni dursa kennuufii kan qabu dhiisee isa fagoorratti xiyyeeffata. Waa’een jijjiiramaas yeroo ka’u inni guddaan gara sammuu keenyaa dhufu hawaasa yookaan siyaasa jiru jijjiiruudha jennee yaaduu dandeenya.
Inni kun gama tokkoon sirrii ta’us wanti dagatamuu hinqabne yoo jiraate namoonni jijjiirama fidan duraan dursanii ofiisaanii kan jijjiiraniifi namoota naannawasaanii jijjiiruu danda’aniidha. Hawaasarratti jijjiirama qabatamaa fiduuf dhimmi guddaan haala keessa jirrurratti fooyya’iinsa mul’atu argamsiisuudha.
Waliigalatti jijjiiramni akka dhuunfattis ta’ee akka walootti barbaachisaadha. Haala har’a keessa jirru keessaa ba’uuf, jireenya keenyas ta’e kan namootaarratti dhiibbaa gaarii fiduuf jijjiiramni barbaachisaadha. Haalli keenya akka jijjiiramuuf duraan dursinee jijjiiramuu qabna.
Wanti dagatamuu hinqabne inni guddaan kaleessa irra har’a fooyya’aa deemuun akka barbaachisuudha. Har’i keenya isa kaleessaarra jijjiiramuu qaba. Jijjiiramaaf of qopheessuu, jijjiirama simachuufi jireenya namoota nutti dhiyoo jiraniirratti dhiibbaa gaarii geessisuun darbees of sakatta’uun beekumsa cimaadha.
Egaa dhimma kana waa malee hinkaasne Caffeen Oromiyaa madaallii raawwii hojii tibbana taasiseen dhaabbileen kenniinsa tajaajilaa si’aawaa, qaqqabamaa, haqaqabeessaafi faayidaa ummataa giddugaleeffate hojiirra oolchuuf seerota, hojimaataafi gurmaa’ina mana hojiisaanii sakatta’uu akka qaban hubachiiseera.
Caffichi durumaa qabee madaalliifi qorannaa raawwii hojii kurmaana, ji’a ja’aafi waggaa jedhee ni qorata; cinaacha cimaafi hanqina jirus addaan baasee qaamolee dhimmi ilaallatuuf duubdeebii ni kenna.
Asirratti waanti gonkumaa dagatamuu hinqabne qaamni duubdeebiin kennamuuf hamma dhimmamee waan jedhame sana hojiirra oolchuuf tattaafatee jijjiirama eegamu galmeessisuufis hojjeta jedhuudha.
Kanaaf hunduu hojmaata kaleessaa keessaa bahee jijjiirama hawwamu galmeessisuuf waan hojjechuuf karorofate mara ija fayyadamummaan madaalee fuulduratti tarkaanfatee tarkaanfachiisuuf manii qabannee kaanee rukutuuf murteessaadha.
BARIISAA SANBATAA Amajjii 14 Bara 2014