Imala diyaaspooraa gara biyyaatti: Dinagdee biyyaa bakka dura turetti

Dinagdee biyyaa waggoota kurnan lamaan darbaniif diijitii lamaan guddachaa turuunsaa himamaafii turetu yeroo ammaa laafaafi laamsha’aa har’a sadarkaa hamaarra ga’e. Laafaafi laamsha’aa dhufuu dinagdee kanaaf immoo shoora olaanaa kan taphatu waraana sababa waldhabdee siyaasaatiin biyyattiitti uumameedha.

Waraanni biyyattii gara kaabaatti waggaa tokkoo oliif adeemsifamaa jiru ummanni tasgabbaa’ee hojii dinagdeerratti akka hinhirmaanne qofa osoo hintaane, dinagdee dura ture nyaatee biyyattii gara sadarkaa hamaarraan gahaa jiraachuun waan ragaa barbaaduu miti.

Kufaatiin dinagdee yeroo ammaa biyyattiitti dhufaa jiru immoo omishaafi omishtummaan sababa waraanichaatiin hir’achuu qofaa osoo hintaane, dhiibbaa dippiloomaasii biyyoota guddataniin irratti gaggeeffamuudha.

Dhibbaawwan yeroo ammaa sababa waraana kanaatiin hawaasni addunyaan Itoophiyaarratti gaggeessaa jiru kun kufaatii dinagdee sadarkaa kanarra hamaa ta’etti osoo hingeessiniifi biyyattiis gatii kana caalu hinkanffalchiifneef jecha diyaaspooraan sagalee biyyasaa ta’aa tureera.

Affeerraa Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad lammiileen Itoophiyaa biyya alaa jiran gara biyyaatti akka dhufaniif taasisaniin hawaasni diyaaspooraa hedduun fudhachuun gara biyyasaaniitti dhufaniiru.

Dhufaatiin jaraa kun immoo olola miidiyaaleen addunyaafi biyyoonni guddatan tokko tokko Itoophiyaa keessatti akka waan nageenyi hinjirreetti hafarsan kan fashaleessuufi dinagdee biyyattii sababa kanaan laamsha’ee ture bayyanachiisuu keessatti shoora olaanaa kan taphatuudha.

Obbo Shamsaddiin Ahmad dhalataa Itoophiyaa biyya Saawudii Arabiyaa jiraatan yemmuu ta’an, waamicha Doktar Abiyyi gara biyyaatti akka dhufaniif taasisanii turan kabajuudhaan gara biyyaatti dhufuu dubbatu.

Yeroo biyyattiin rakkoolee biyya keessatti uumamaniin dhiibbaa biyyoota alaatiif saaxilamte kanatti biyyasaanii cinaa dhaabbachuuf waamichi taasifamus taasifamuu baatus dirqama akka qaban kan himan Obbo Shamsaddiin, ministirri muummeen kabajaan isaan affeeruun miira addaa keessa kan isaan galche ta’uu ibsu.

Akka yaada Obbo Shamsaddiinitti; yeroo ministirri muummee ofiisaatiif qaamaan adda waraanaatti argamee waraanicha gaggeessuuf duule sana haalota dura turan hunda jijjiiruudhaan injifannoon deebi’uu danda’eera.

Kun immoo lammiilee birootiif kaka’umsa cimaa kan uumuudha. Nuti akka ministira muummee adda waraanaatti birmachuu baannus hanga dandeenyeen investimentii biyyattii keessatti hirmaachuudhaan dinagdeen sababa waraana kanaatiin miidhame akka fooyya’uuf dirqama seenaatu harka keenya jira jedhu.

Akkuma nuti waamicha mootummaa kabajnee yeroo biyyattiin hedduu nu barbaaddu kanatti gara biyyaatti dhufnetti, mootummaanis lammiilee Itoophiyaa biyya Saawudii Arabiyaatti rakkachaa jiraniif birmachuu qaba jedhu.

Ani waggoota hedduuf kan jiraachaa ture biyyuma Arabaa kana waan tureef rakkoon yeroo ammaa lammiilee Itoophiyaa biyya sana jiraatan irra gahaa jiru isa yeroo kamuu caalaa hamaafi ulfaataa akka ta’e bareechee akka beekus ni dubbatu.

Imbaasii Itoophiyaa biyya sanatti argamutti yeroo hedduu iyyannus furmaata argachuu hindandeenye. Kun immoo imbaasichi lammiilee sana deeggaruuf fedhii dhabee osoo hintaane, humnasaatii ol akka ta’e ni hubanna. Kana waan ta’eef mootummaan federaalaa dhimma kana akka hojii guddaatti fudhatee lubbuu lammiileesaa baraaruu qaba jedhu.

Lammiileen mana hidhaa Saawudiitti dararamaa jiranii osoo baraaranii gara biyyaatti galchanii warreen dinagdee keessatti shoora bahachuu danda’aniifi dargaggoota waraana biyyattii itti fufsiisuuf taasifamuufis kanneen bu’aa buusuu danda’an akka ta’us hubatamuu akka qabu Obbo Shamsaddiin ni himu.

Kanaadaarraa waamicha fudhachuudhaan gara biyyaatti kan dhufan Obbo Abdiin gamasaatiin, Itoophiyaa keessatti hojii investimentiirratti bobba’uuf yeroo adda addaatti yaalus haaloonni biyyattii keessa turan kan isaan hojjachiisuu dide ta’uu ibsu.

Keessattuu biiroon Investimentiifi Industirii Oromiyaa odeeffannoo barbaachisu yeroo yerootti qaamota barbaadaniif kennuurratti qaawwa bal’aa qabaachuu kan himan Obbo Abdiin, kun immoo deddeebii hinbarbaachifneef kan isaan saaxilaa jiru ta’uu ibsu.

Akka yaadasaaniitti; biiroon investimentii tokko tajaajila kennu irratti odeeffannoo wayitaawaa qindeessee barbaaddotaaf dhiheessuu qaba.

Hojiin investimentii odeeffannoo gurmaa’aafi wayitaawaan alatti kan yaadamu waan hin taaneef, odeeffannoo funaananii gurmeessuudhaan investarootaaf dhiheessuun hojii gara investimentiitti taasifamuuf haala mijaa’aa kan uumuudha.

Biiroon Investimentiifi Industirii Oromiyaa erga akka haaraatti hundaa’een as rakkoolee odeeffannoo qindaa’aa barbaaddotaaf dhiheessuun walqabatee ture furaa jiraachuu kan himan immoo hogganaan biirichaa, Doktar Tashoomaa Addunyaati. Kanaanis investimentiin naannichaa yerorraa yerootti dabalaa dhufuu dubbatu.

Akka ibsasaaniitti, waggoota sadiin dura investimentiin naannichaa 100 tokko hincaalle ture, yeroo ammaa jechuunis waggoota sadeen darban keessatti gara 1713tti guddateera. Kana qofaa osoo hintaane carraan hojii gama investimentiitiin uumame kuma 30 irraa gara kuma 700tti giddisuun kan danda’ame yemmuu ta’u, waggaa sadii dura guddina waliigalaa dinagdee biyyattii keessatti dhibbantaa 13 qofa kan ture seektarri investimentii yeroo ammaa gara dhibbantaa 25tti akka guddatu taasifameera.

Diyaaspooraan waamicha biyyasaa fudhachuun gara biyyaatti dhufe Oromiyaa iddoo filate kamittuu hojii investimentii keessa akka galuuf haalli mijataan kan uumame yemmuu ta’u, gaaffiin investimentii kun garuu faca’iinsa investimentii naannichaa bu’ura godhachuun kan ilaalamuudha.

Gaaffiin investimentii hedduun kan dhihaatu naannawuma Finfinneetti ta’uun qormaata guddaa ta’uu kan himan Doktar Addunyaan, Oromiyaan garuu naannawa Finfinnee qofa osoo hintaane Wallaggaa hanga Booranaatti, Jimmaa hanga Harargeetti waan ta’eef eeyyamni investimentii kennamus faca’iinsa ykn waliinga’iinsa guutuu Oromiyaa kana hubannoo keessa galchuun akka ta’e ibsu.

Gaaffii investimentii diyaasporaan dhiheessu keessaa inni fudhatama hinqabne kan biroo lafa fudhatanii gamoo ijaaranii kireessuu yemmuu ta’u, kun hojii abbaan qabeenyaa biyya keessaas raawwachuu danda’u waan ta’eef diyaaspooraarraa waan eegamuu miti.

Diyaaspooraan hojiilee guguddoo ce’umsa beekumsaafi teknoolojii argamsiisuu danda’anirratti akka hirmaatutu jajjabeeffama malee hojiiwwan xixiqqoo abbaan qabeenyaa biyya keessaa hojjachuu danda’u isaan akka gamoo ijaaruurratti ta’uu hinqabu.

Lammiileen Itoophiyaa biyyoota alaa jiraatan hojii dippilomaasiitiin inbaasiiwwan Itoophiyaa biyyoota garagaraa jiran caalaa barana hojii gaarii hojjachaa turuu kan himan immoo waajjira pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Daariktara Diyaaspooraa kan ta’an Obbo Amiin Jundiiti. Kanaafis mootummaan kabaja olaanaa kan isaaniif qabu ta’uu ibsu.

Diyaaspooraan maallaqasaa baasee investimentii keessatti hirmaachuun ofiifi biyyas gargaaruuf yaadu akkuma jiru, inni carraa argamtetti fayyadamee lafa fudhatee gurguratee bades hojii kanaan duraa keessatti mul’achaa turuu himanii, inni osoo itti hinqophaa’in dhufee asitti nama rakkisus kan jiru ta’uu ibsu.

Rakkooleen kanaan dura turan hedduun hojii riifoormii bifa haaraan hojjatameen kan deebii argatan waan ta’eef, kanaan booda namni hojjatee ofiif biyya gargaaruu fedhu hundi gara investimentiitti galuuf carraa bal’aa qaba.

Walumaagalatti, dhufaatiin diyaaspooraa inni miilanaa dhagaa tokkoon sinbira sadii waan ta’eef, gama tokkoon olola sobaa akka waan biyyi nagaa hinqabneetti hafarfamu gatii dhabsiisee, maqaa gaarii biyyasaa ijaare, dinagdee biyyaas immoo kan bayyanachiisuudha.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 14 Bara 2014

Recommended For You