Cabaa jechuun yeroo lafeen tokko gara Caccaba adda addaatti (tokko ykn sanii ol) jijjiiramuudha. Cabni karaa sadiin dhufuu danda’a
Isaanis:
- Humni kallattiin lafeerra yoo oolu,
- Humni karaa naanna’aan lafeerra yoo gahu,
- Maashaaleen tasa humnaa ol yoo kottoonfataniidha.
Caba iddoo lamatti qoodna: Isaanis
- Caba banaa: Kana jachuun lafeen cabe madaa uumee naannoo alaa wajjin walargu yoo qabaatudha. Cabaan banaan caphaa cufaa caalaa balaaf nama saaxila: sababiin isaas infeekshiniifi dhiiguuf salphaati waan saaxilamuufidha.
- Caba cufaa: Kana jechuun lafeen cabe qaama alaa wajjin kan wal-hin argine yoo ta’eedha.
Mallattoolee cabaa:
- Namni cabee miidhame balaa sagalee cabaa dhagahuu,
- Jallachuu ijaan mul’atu,
- Dhukkubbii,
- Naannoo miidhame sochoosuu dadhabuu,
- Cabaan lafee utaalee bahuu,
- Dhiiguu.
Kutaan qaamaa tokko caba qaba jennee yoo shakkine, amma qulqqulleeffannutti akka cabaatti xiyyeeffannoo barbaachisu kennuufii qabna.
Gargaarsa jalqabaa nama lafeensaa cabe tokkoof gochuu qabnu
- Hojii gargaarsa jalqabaa ABCD (ABCD of life) raawwadhaa.
- Iddoo miidhaan itti gahe wantoota balaa dabalataaf saaxiluu danda’u kan akka aaraafi ibiddaa, yoo jiraate malee miidhamaa achii sochoosuuf hinyaalinaa.
- Faaya adda addaa qaama cabee jiru irraa baasaa midhamaaf kennaa, bakki cabe sun dhiita’uun marsaa dhiigaa dhaabuu waan danda’uuf.
- Qaama cabee gad kan jiru marsaan dhiigaa jiraachuu mirkaneeffadhaa, Cabaa gad kan jiru gogaan daalachaa’uu, qabbanaa’uufi gurraacha’uu yoo qabaate marsaan dhiigaa dhaabbachuu agarsisa.
- Qeensa quba harka ykn miila caba qabu irratti argamu quba keessaniin hanga addaatutti gadi dhiibaa qabaa, sana boodas saffisni dhiigni itti deebi’u harka ykn miila fayyaa qabuutiin waldorgomsiisaa, yoo kan gad bu’u ta’e marsaan dhiigaa dhaabbachuu agarsiisa.
- Qaamnni cabaa gadi jiru harki ykn miilli hadooduu, qabbanaa’uu, yoo qabaate gaaafadhaa, yoo waan akkanaa qabaate marsaan dhiigaa dhaabbachuu agarsiisa.
- Lafee caba qabutti dabalataan marsaan dhiigaa miidhaan yoo mudate miidhamaan dafee gargaarsa ogeessaa argachuu qaba.
- Akaakuun caba banaa yoo ta’eefi cabaan lafee utaalee bahe yoo jiraate humnaan gad deebisuuf hin yaaliinaa.
- Qaamni midhame akka hinsochoone hidhaa.
Akka hinsochoone hidhuu:
Cabaa tokko waan naannoo ofiitti argamuun utubanii akka hinsochoone godhanii hidhuun barbaachisaadha. Innis faayidaa armaan gadii kenna.
– Dhukkubbii xiqqeessa,
– Cabaan cufaa akka cabaa banaatti hinjijjiiramne gargaara,
– Lafeen cabe gogaa irra jiru tarsaasee akka hindhiigsineef cabaan akka hinsochoone hidhuuf wantoota naannoo keenyatti argaman fayyadamuu dandeenya.
Utubduu: Utubduu meeshaa nannoo keenyaa kan akka kaartoonaa, mukaa, xaawulaafi ulee lafee caccabe utubuuf ittifayyadamuu dandeenya. Yoo meeshaa kamuu dhabne qoma dhukkubsataa akka utubduutti ittifayyadamuu dandeenya.
Haguugduu: Haguugduun utubduu jala afuun akka hindiddiirre nu gargaarti. Haguugduu tana wantota naannawa keenyatti argaman kan akka jaakkettii, shamiziifi kumbula/bullukkoofaa fayyadamuu dandeenya.
Hiituu: Hiituu qabattoo/saqqii, zinnaara, shaashiifi kkf fayyadamuu dandeenya. Garuu osoo haada qal’aafi shiboo fayyadamuu baannee gorfama.
Rarraastuu: Rarraastuun mormarra godhuun harka gama olii qabuuf gargaara.
Rarraastuu qabattoorraa ykn fiixee huccuurraa hojjannee ittifayyadamuu dandeenya.
Doktar Naafyaad Geetuu
BARIISAA SANBATAA Amajjii 14 Bara 2014