Hundi keenya yommuu dhalannu kennaa mataa keenyaa qabanneeti. Kennaan kun garuu akkuma dhalanneen kan beekamu osoo hintaane guddina keessa adda baafamaa kan deemuudha. Kaan daldalaan, kaan siyaasaan, kaan aartiidhaan, kaan barnootaan, kaan qonnaafi hojiilee birootiin jireenya keenya gaggeeffanna. Muraasni ammoo damee itti bobbaaneen milkoofnee ofiifi maatii keenyarra dabarree biyyaafillee bu’aa buufna.
Keessummaan keenya har’aas nama hojii daldala dameewwan garagaraarratti bobba’uun milkaa’anii ofiifi maatiisaaniirra darbanii lammiif darbees biyyaafillee bu’aa buusaa jiraniidha. Keessumaa erga yeroo dhihoo as immoo magaalaa guddittii Oromiyaa, Finfinnee keessatti mana nyaataa aadaa, eenyummaafi duudhaa Oromoo ibsu banuun namoota baay’ee biratti beekamtii horataa jiru. Manni nyaataa isaan sirna barreeffama Afaan Oromoo eeganii “Akkoo Coffee’ jechuun Finfinnee, iddoowwan adda addaatti banan jecharra darbee Oromuummaanillee keessatti ibsamaa jira.
Darbees wiirtuu qorannoo Fayyaa Wuddaasee, Mana Barnootaa Joorgoofi dhaabbilee biroo banuun namoota kumaan lakkaa’amaniif carraa hojii bananiiru; Obbo Daawwiit Hayiluu. Nutis muuxannoo jireenyaasaanii akka nuu qoodaniif keessummaa Bariisaa maxxansa kanaa taasifachuuf jaalanneerraa; dubbisa gaarii.
Bariisaa: Hayyee, galatoomaa jechaa, mee dubbistoota keenyaan walbaraa.
Obbo Daawwiit: Tole, Ani Daawwiit Hayiluun jedhama. Abbaa qabeenyaa akkasumas, Daarektara Maaneejingii ‘Akkoo Coffee’fi kaampaaniiwwan obbolaasaati. Kanin dhaladhee gudadhe Finfinneetti yoo ta’u, barnootakoos asumattin xumure. Barnootas sadarkaa digriitiin Akkaawuntiingiifi ‘Sociology’ yeroo garagaraatti baradheera.
Gama hojiitiin dameewwan daldalaa addaddaarratti hirmaadheen hojjechuurratti argama. Kunneenis fayyaa, barnoota, nyaata, teknoolojii odeeffannoo (IT) yoo ta’an hunduu tajaajila kan kennaniidha jechuudha.
Bariisaa: Mee kallattiidhumaan hojii keessanitti haa seennuuti, bakki teenyee gaafdeebii kana taasisaa jirru dhaabbilee keessan keessaa isa namni baay’een beekuu “Akkoo Coffee’tii waa’eesaa haa dubbannu. Moggaasa maqaarraa kaasee hanga tajaajila kennamaa jiruutti?
Obbo Daawwiit: Akkoon maqaa masoo haadhakootiiti. Ijoolleen ijoolleeshee hundi Akkoo jedhanii waamu. Nuti ijoolleenshees isaanuma waliin Akkoo jennee waamnaan. Akkoon kan baay’ee nama dinqituudha. Amalasheetiin kan baay’ee nama jaalattu, hariiroo cimaa namoota wajjin kan qabduudha. Daran nama jaalachuusheerraa kan ka’e mana keenyallee namni baay’inaan akka jiraatu gooti.
Baadiyyaadhaa firoonnisheefi kan abbaakoo baay’inaan dhufanii nu bira jiraatu. Abbaankoo dhalootaan Wallagga Lixaa, Najjoo yoo ta’u, haatikoommoo Qeelleem Wallaggaa, Gidaamiidha. Maatiifi firoonni keenya baay’een achii dhufanii nu bira jiraatu.
Kana malees Akkoon nama baay’ee kadhataafi Waaqayyo sodaattuudha. Wanti baay’ee na dinqu tokko, yommuun ijoolleekoo qabadhee gara mana maatiikoo deemu gola seentee waantota gaggaariidha jedhaman hunda fiddee dhufti. Yeroo nuti “maaloo taa’ii boqodhu” jennuunillee ijoolleenkoo manakoo dhufanii akkamiinan taa’a jettee dhiphattee keessummeessiti.
Inni biraa mana keenyatti wanti baratame tokko jira. Yeroo hunda masoobiin (leematii) goorduuba teessu tokko jirti. Masoobii sana keessaa wanti nyaatamu hindhabamu. Qorii ykn cuukkoo ykn daabboo ta’uu danda’a. Kanaaf yommuu mana barumsaatii manatti gallu masoobii kana banneetuma waa afaan kaa’anna. Hanga har’aallee kan na dhibu akkamitti yeroo mara wanti nyaatamu keessaa hindhabamu kan jedhuudha.
Kanneen hunda kanin sitti himu, gaafa mana nyaataa ‘Akkoo Coffee’ banuuf kaane maqaashee qofa osoo hintaane dhaabbata eenyummaasheellee fudhatu akka ta’u waan barbaanneefi. Dhaabbata maamiltootasaaf dhiphatu, waan bareedaafi filatamaa qabu kan dhiheessu, haala gaariidhaan kan qopheessuudha.
Wantoota haala kanaan qopheessummoo akkuma Akkoon ijoolleeshee yommuu dhufan waan gaarii mana keessaa qabdu kennituuf hunda ‘Akkoo Coffee’nis yommuu maamiltootisaa dhufan waan gaarii qabu kan dhiheessuudha. Buddeenni, dhadhaan, bunniifi wantoonni manichaa argatan hundi isa filatamaafi qulqulluu akka ta’u gochuudha.
Dabalataan ammoo akkuma masoobii akkoorraa waa hindhibne sana namni kamuu Akkoo dhufee akka waa dhabu hinbarbaannu. Tajaajilli keenya sa’aatii 24:00 yommuu ta’u, maamilli kamuu sa’aatii barbaadetti yoo dhufe waan barbaade argachuu qaba; maaliif halkan keessaa sa’aatii 9:00 hinta’iin. Fakkeenyaaf kaaffeewwan hedduu yommuu namni maakkiyaatoo ajajatu jechi barame tokko “maashiniin qabbanaa’eera” kan jedhuudha. Akkoo garuu waanti akkanaa akka jiraatu gonkumaa hinbarbaannu.
Akka waliigalaatti dhaabbatichi maqaadhaan qofa osoo hintaane eenyummaa Akkoon Oromoo qabdu sanallee akka qabaatu goonee tajaajila kennaa jirra. Kan waljaalachuun, walii yaaduufi jaalala waliiqooduun keessa jiru.
Bariisaa: Erga hojii kanatti seentanii yeroonsaa hammam ta’eera, ammawoo sadarkaa maaliirra jira?
Obbo Daawwiit: Waggaa lamaan har’aa eegalle. Yommuu eegallu jalqaba naannawa mana Poostaa jedhamee beekamutti yoo ta’u, sababa misoomaatiin manni nuti keessatti hojjetaa turre diigame. Kanaaf naannawa Komeersii, Gamoo Baankii Hibrat irratti saaqne.
Isa lammaffaas Naannawuma Birbirsa Gooroo (Piyaassaa) daandii Charchil jedhamutti banuun tajaajila kennaa jirra. Dhiheenyammoo Boolee Madaaniyaalamii, Gamoo Milkoomiirratti damee sadaffaa banneerra. Damee afraffaas naannawa dura eegalleetti banuuf waa hunda xumurreerra. Finfinneen alammoo Bishooftuutti banuuf qophii hunda xumurreerra. Lamaansaanii dhuma torban kanaatti hojiitti ni seenu.
Bariisaa: Maqaan Akkoo jedhu jechasaa qofa osoo hintaane qubeensaallee Afaan Oromooti. Kun maalirraa madde. Tarii Finfinnee keessatti maqaa akkanaatiin daldalatti seenanii dorgomaa ta’uun hinrakkisuu laata?
Obbo Daawwiit: Maqaa Akkoo jedhu sababa qubee Afaan Oromootiin barreessiineef qabna. Inni jalqaba jechichi Afaan Oromoo ta’uu namni akka beekuufi. Yeroo baay’ee jechichi maqaa biyya alaa kan itti fakkaatullee waan jiraniif. Isa beeksisuufi ifaan himuu waan barbaanneefi.
Yommuu maqaa kanaan gabaatti seenamu qormaata hinqabuuyi? Isa jedhuuf, sirriitti qaba. Namoonni “Lakkii dhiisi sitti haa hafu” naan jedhanillee baay’eedha. Erga bannee boodas gaaffiileen, maal jechuudha, maaliif jedhan hanga nu dinqutti baay’ee turan. Ani yommuun dhaabbilee bizinasii biraa bane kan na hinmudanneef wantan hineegne ture. Booda garuu gaafan yaadu waan akkanaa waanuma baratameedha jedheen fudhe.
Maalis ta’u, ani maqaa haadhakoo jaaladhuun fuudhe. Baay’een keenyammoo mana mana keenyatti akkoowwan hedduu qabna. Yoo mana keenyaa dhabne, ollaa keenya, yoo achii dhabne naannawa keenyaa inuma qabna. Kanaaf akkoowwan hedduu bakka ni bu’a. Kanarraan harki akkoo yoomiyyuu eessattuu harka akkooti.
Akkoon hinsobdu, waliin hindhooftu, waan hintaanes hingootu. Faayidaa yerootiif jettees hindeemtu. Umuriinis ogummaafi hubannaa baay’ee waan kenneefiif akkoon waanuma sirrii raawwatti.
Kanaaf eenyummaa nu deemsisuu danda’u sana qabannee tajaajila maqicha gitu kennuu banuutu qormaata guddaa ture. Sababnisaa maqichi wantoota baay’ee duubasaarraa waan qabatuuf.
Hojii nuti balleessinu namoota keenya isa duubaan jiranillee eenyummaasaanii waan balleessuuf ofeeggannoo barbaada. Kanarraa ka’uun haala sadarkaasaa gituun daran itti dhiphanneefi yeroo itti kenninee qopheessine.
Namoonni yommuu Akkoo argan akka jaalatanitti jechuunis saba, gosaafi amantii osoo adda hinbaasiin hunda kan tajaajilu goonee hojjenne. Sababnisaa Akkoon ijoolleeshee deessees ta’u guddifachaan guddifatte qixa kan keessummeessitu waan ta’eef. Bariisaa: Akka arguuf yaalleetti Akkoo keessa wantoonni aadaa calaqqisiisan hedduun ni jiru. Simannaa balbalarraa taasifamuu kaasee hanga tajaajila kennuutti. Meeshaaleen, nyaanniifi kkf illee akkasuma. Manneen akkanaa Finfinnee keessa jiraachuunsaanii keessumaa, yeroo amma diiyaspooraan baay’inaan dhufaa jiran kanatti gama aadaa beeksisuufi turistii hawachuutiin akkamiin ibsama?
Obbo Daawwiit: Jalqabarratti Finfinnee keessatti hojiiwwan akkanaa babal’achuu qaban hedduutu jiru. Fakkeenyaaf mana keenyatti nyaanni daran jaalatamu ancooteedha. Ancooteen qocqocaa waliin bareedee dhihaata. Nyaata kana namoonni hinbeeknellee “maalinni” jedhanii gaafatu.
Dhadhaasaafaa arganii waantota garagaraas ni tilmaamu. Booda garuu waa’ee ancootee, akkamiin akka qophaa’uufi faayidaasaa itti himna. Fayyaa wajjin walqabateellee pirotiniidhaan kan badhaadheefi namoota lafeen cabe akkasumas ispoorteessitootaafillee akka fayyadu itti himna. Daran dinqamu.
Kana malees Cuukkoofi Qoriinillee ni jira. Buna waliin ciree Akkoo jedhee kan dhihaatu yoo ta’u, daran jaalatamaadha. Wantoota akkanaa beeksisuun egaa aadaa ofii beeksisuudha. Namnis gaafa baraa deemu kan hundumaa ta’aa deema. Fakkeenyaaf kochee (kitfoo) yoo fudhanne, kan eenyuti utuu jedhamee kan hundumaati. Sababa Guraagonni haala addaatiin qopheessanii soorataniif kansaaniiti jechuun hindanda’amu.
Yoo ilaalte Oromiyaatti, Amaaratti, Kibbatti akkasumas naannolee biroo hundatti kocheen ni nyaatama. Ancooteen, Cuukkoon, Qoriifi nyaatiwwan aadaa biroon akkuma kana hunda biratti akka beekamee hundi ittifayyadamu barbaanna. Akkuma buddeenniifi ittoon hindaanqoo kan hunda keenyaa ta’e jechuudha.
Kanaaf haala kanaan wantoota nu fayyadan walitti fidnee deemuu dandeenya. Kunimmoo diiyaaspooraa qofa osoo hintaane jiraataadhuma biyyattii sababoota garagaraatiin gara bakka dhalootasaa dhaquu dhabeefuu akka iddoo bashannanaatti fudhachuun ni danda’ama. Darbees asuma taa’ee utuu bakka fagoo hindeemiin inni tokko aadaa isa tokkoo baruu danda’a.
Bariisaa: Namoonni baay’een hojiiwwan eenyummaa bu’ureeffatan bu’aa hinargamsiisan jechuun dheessu. Kanarratti yaada akkami qabdu?
Obbo Daawwiit: Yeroon amma irra jirru yeroo gaarii hojii akkamiiyyuu hojjechuun itti nama baasuudha. Garuu to’annaafi beekumsa dabalatee waanti hundi naamusa barbaada. Yeroo tokko tokko namoonni biznasii keessa seenanii “ni dadhabne” jedhanii yommuu keessaa ba’an mul’ata.
Kan dadhabaniif waan hojichi baasuu dhiiseef qofa osoo hintaane wantoonni haalaan hinhogganamne waan jiraniifi. Kunimmoo muuxannoo waljijjiiruufi gabbifachuu, akkasumas barumsa argachuu gaafata. Waliigala garuu dameen hojii kun sichi caalaatti bal’achuufi ittiin hojjetamuu kan qabuudha.
Bariisaa: Dhiheenya kana yommuu damee keessan isa Boolee Madaaniyaalamii eebbisiiftan, maanguddoota Wiirtuu gargaarsa Maqedooniyaa jiran fiddanii miila dhiqxanii, gaabii uffistaniifi nyaachiiftaniittu. Mee kun hiiknisaa maalii, yaadnisaawoo maalirraa dhufe?
Obbo Daawwiit: Maanguddoonni wiirtuu kana keessa jiran abbootiifi haadholii daandiirratti kufanii turaniifi amma bakka bultii argataniidha. Baay’eensaanii akkoofi akaakayyuu keenya.
Nutimmoo akkan siin jedhe akkoof iddoo guddaa qabna. Kanarraa ka’uun guyyaa eebba mana nyaataa keenyaa isaan waamne. Jalqabarratti erga isaan simannee teesifnee booda wanti nuti goone miilasaanii dhiqne dhunganne. Ittaansuun gaabii itti uwwiifnee, eebba irraa fudhanne. Nyaatas isaan waliin qooddanne. Booda wal eebbifnee adda baane.
Kun nuuf hiika guddaa qaba. Akka waliigalaatti yoo ilaalle eenyummaa keenya ittiin agarsiifne jennee dubbachuu dandeenya. Eenyummaan Akkoos waan kana sirriitti ni ibsa.
Akka waligalaatti yoo ilaalle yommuu keessummaan alaa dhufu simachuun amala Akkooti. Keessummaa kabajaan simachuun duudhaa keenya ganamaati, akka waliigalaatti immoo Itoophiyummaa keenyasi.
Miila dhiquun ammoo garraamummaadha. Akkaataa guddina keenyaatiin fiixeen garraamummaa inni dhumaa miila dhiquudha. Yommoo baadiyyaa deemtu, gaafa keessummaan dhufu jalqaba miila dhiqu. Erga miila dhiqanii dhungachuun ammoo ibsituu jaalalaati. Kanaaf maanguddoota kanneen yommuu miilasaanii dhungannu jaalala qabnuuf itti agarsiifne.
Gaabii itti uwwiisuun ammoo eebba keenya qooduufi. Aadaan ittiin guddannees kan nu barsiise gaabii uwwiisuun eebba qooduu akka ta’eedha. Waliin nyaannee dhuguun gamtaa uumuudha. Gamtaan waan baay’ee nu barbaachisuudha. Wanta manaafi gola keenyatti dhabneedha. Amma bara maatiin dhihoollee walarguu dadhaberra geenyeerra. Kanaaf gamtaan daran murteessaa ta’uu ittiin agarsiisuu barbaanneetu.
Erga kana goonee booda abbootiin, haadholiifi akkoowwan keenya nu eebbisan. Eebba kennuu qofa osoo hintaane eebbas fudhanne jechuudha. Kunniin hundi waliigalaan eenyummaa Akkoo nuuf ibse jechuudha. Akkoon yoo namni manashee dhufu kanuma gooti. Namni Akkoo biratti guddate tokko adda kan ta’u kana gochuusaatiini. Nutis kana agarsiisuuf darbees barsiisuuf akkana goone. Yeroo daran bareedaas dabarsine.
Hojii kana kan hojjenne hojjettootuma dhaabbatichaa yommuu taanu, kan nama dhibu waa’illan koo tokko tokko miila dhiqaa imimmaan irra yaa’aa ture. Yommuun maaliif jedhee gaafadhu “Ani miila haadhakoollee dhiqee hinbeeku. Garraamummaa hinbarannen ture. Amma galeen hojiirra oolcha” jechaa turan.
Kun nuuf waan guddaadha. Namoonni kana ilaalanii garraamummaa walitti agarsiisuu yoo jalqaban, abbaan warraa haadha warraasaa, ilmi abbaasaa utuu miila dhiqee rakkina maalii qaba?
Baadiyyaatti nama ofii mitiiti namni fagoo manasaanii yoo dhufullee jilbeenfatanii miila dhiqanii dhungatu. Aadaa keenya kana ittifufsiisuu kan danda’u numa. Kana gochuun ammoo Akkoorraa bareeda jenneetu.
Bariisaa: Hojii kanaan qofa namoota meeqaaf carraan hojii banameera?
Obbo Daawwiit: Warra dhiheenya hojiitti seenu dabalatee namoota 200-300 oliif carraan hojii banameera. Dhuma waggaa kanaatti ammoo gara 500tti ni guddata jennee yaadna; dameewwan dabalataa banaa waan jirruuf.
Akkasuma waggaa dhufus kutaalee biyyattii garagaraatti baay’inaan banuuf waan karoorfanneef hanga kuma lamaa ni qaqqabu jennee yaadna. Akka waliigalaatti garuu Akkoofi dhaabbilee obbolaasaa birootiin namoota 900 oliif carraan hojii banameera.
Bariisaa: Fuuldurattoo karoora akkamii qabdu?
Obbo Daawwiit: Gara fuulduraatti hojii bal’aadha kan yaadnu. Waggoota lama booda dameewwan keenya 30n ga’uu yaadna. Amma yeroo jalqabaatiif Finfinneen ala Bishooftuutti saaqneerra. Ittaansuun ammoo Wallagga, Jimma, Maqalee, Baahirdaar, Gondar, Hawaasaa, Harariifi magaalota biyyattii biroottillee arguu barbaanna. Waliigalatti Akkoon biraandii biyya keenyaa akka ta’u barbaanna.
Bariisaa: Tajaajila fayyaarrattis hirmaataa jirtuuutii waa’ee kanaas nuu ibsaa mee?
Obbo Daawwiit: Tole. Kubbaaniyyaan obbolaa Akkoo, damee fayyaatiin Wiirtuu Diyaagnoostiikii Wuddaaseefi dhaabbata meeshaalee wal’aansaa fichisiisee raabsuu ‘ELSMED’ jedhamaniidha. Wuddaasee jechuun maqaa haadha warraakoo, haadha ijoolleekoo shaniiti.
Wiirtichi erga hojii eegalee waggoota 12 ta’eera. Dhaabbata qorannoo wal’aansaarratti hojjetuudha. Tajaajiloota kanneen akka siitii iskaanii, emmaaraayi, altiraasaawundii, eksireefi kkf kenna. Hanga yoonaa hojii qorannoorratti qofa hojjetaa kan ture yoo ta’u, tajaajila wal’aansaa kennuutti seenuufillee kutaa “GI Gastro Intrology’ jedhamuufi kanneen biroo banee hojjetaa jira.
Damee kana caalaatti cimsuuf hojjechaa kan jiru yoo ta’u, gamoo ofiisaa ijaaruun “Multi Specialty Center’ banuun dhibee narvii, wal’aansa mormaa olii, wal’aansa namoota dhala godhachuu hindandeenyee, kalee miiccuufi buqqisanii dhaabuu, wal’aansa ispeeshaalitii lafee, kan namoonni dhibee onnee qaban itti wal’anamaniifi tajaajiloota gurguddoo biroo kan itti kennamuudha. Kana waggoota muraasa keessatti xumurree hojiitti hiikuuf socho’aa jirra. Kunis yommuu xumuramee hojii eegalu namoota kuma lama ta’aniif carraa hojii ni bana jennee yaadna.
Bariisaa: Gama barnootaatiin waan hojjetaa jirtanoo maal fakkaata?
Obbo Daawwiit: Gama barnootaatiin magaalaa Bishooftuutti Mana Barnootaa Joorgoo jedhamu, kan oolmaa daa’immaniirraa kaasee hanga kutaa saddeetitti barsiisu qabna. Kunis waggaa 10 dura kan eegaleedha. Joorgoon maqaa akaakileekoo (gara abbaa)ti.
Hiiknisaas muka guddaa dameensaa bal’aafi ijji inni naqatemmoo itti ulfaatedha; gaaddisnisaa kan namatti toluudha. Kanaaf maqaasaas hiikasaas waanin jaalladheef maqaa mana barumsaa sana taasisuu yaade. Nutis ijji keenya ulfaatee hanga baachuu dadhabnuutti akka ta’u barbaanne. Biyya kana jijjiiruun yoo nurra jiraate barnootarratti hojjechuu akka qabnu hubanne.
Manni barnootaa kunis firii bareedaa kennuu kan danda’u yoo sirriitti itti hojjatame waan ta’eef sadarkaasaa kan eeggate akka ta’u goonee barsiisaa jirra. Waggaa ittaanummoo sadarkaa lammaffaatti guddisuuf karoorfanneerra.
Dameen hojii biraa irratti hirmaannee jirrummoo kan odeeffannoo teknolojii yoo ta’u, dhaabbanni keenyas ‘Fitun Technology’ jedhamee beekama. Kunis hojiilee ITdhaan walqabatan hunda hojjetaa kan jiruudha.
Bariisaa: Moggaasa maqaa dhaabbilee keessanii yoo ilaalle kan eenyummaan Oromummaa irraa calaqqisuufi seenaa qabaniidha. Kanarratti namni yommuu biznasitti seenu daldala qofa osoo hintaane eenyummaasaallee akka barsiisuuf isinirraa maal barachuu qaba?
Obbo Daawwiit: Hunda dura gaafa hojii kamuu hojjennu, maaliifin hojjedha isa jedhu beekuun murteessaadha. Namni sababa hojjetuuf osoo adda hinbaasiin “hojiin abaluu isa baaseera” jedhee itti seena. Ani gaafan waa’ee Akkoofi Joorgoo sitti himu hiiknisaa waan naa gale hojjedheefi. Yoo sababa hojjennuuf barre qormaanni akkamii yoo nu mudatellee “nan dadhabe” jedhee hindhaabu; wal’aansoo ittiin qabee ittiin milkaa’a malee.
Bariisaa: Namni yommuu hojii daldalaa eegalu, aluma tokkoon hinmilkaa’u, xiqqoorraa ka’ee guddisaa deema. Isinoo ka’umsi keessan maalirraa ture. Eessaa kaatanii as qaqqabdan?
Obbo Daawwiit: Akkuma haadha warraakoo wajjin gaa’ela dhaabbanneen gara waggaa 20 ni ta’a suuqii xiqqoo tokko kireeffanneetu huccuufi faayaa aadaa gurguruu eegalle. Kanas gara waggaa saddeetiif hojjenneerra.
Hojiicha suuqii kireeffannee eegalle sana guddisaa, bakka ofii itti omishnu argannee hanga biyya alaattillee erguu eegalle. Isaa boodadha maaliif damee biraa keessa hinseennu jechuun wiirtuu wal’aansa Wuddaasee kan banne. Haala kanaan daldalli inni tokko isa kaan deeggaraa, sadarkaa kana qaqqabne.
Bariisaa: Hojii keessatti rakkooleen hindhiban. Isinimmoo damee guguddaafi garagaraa keessa seentanii hojjechaa jirtu. Mee rakkoolee akkamiitu isin mudate, akkamiinoo keessaa baatan?
Obbo Daawwiit: Yommuu hojii hojjettu rakkooleefi qormaatiiwwan hedduutu nama mudata. Rakkooleen kunneen tokko tokko, kanneen osoo ani beekumsasaa hinqabaatiin kan dhufan waan turaniif carraawwan na darban ni jiru. Tokko tokkommoo wal’aansoo ittiin qabee kaniin keessa darbe, har’arra taa’ee yommuun yaadullee akkamitti akkan keessa darbe kan na dinqu ni jiru. Keessumaa yommuu daldalatti seenan wanti baay’ee nama rakkisu tokko dhiphina. Namni akkakoo dameelee hojii garagaraa keessa jirummoo dhiphinnisaa dachaa ta’a jechuudha.
Yoo haalli nageenya biyyattii xiqqoo rakkoo godhate kan of dhiphisutu baay’eedha. Kana malees sababoota addaddaatiin yoo gabaan dhibe dhiphachuunis ni jira. Sababnisaa mindaan hojjetaa, kiraan manaafi meeshaalee garagaraa waan jiruuf.
Kanaaf warreen kana akkamittin hogganuu qaba jedhanii adda baafachuun hojii mataasaa danda’e tokko. Booda tokko tokkoon hojiif xiyyeeffannaa barbaachisu kennuun dirqama. Akkamittin isa kam hojjedha, inni hojjechaa jiruuwoo haala kamiin deemaa jira kanneen jedhan hordoofuun dirqama.
Xiyyeeffannaa kenninu sanaafoo sirna akkamii fayyadamnee ilaaluu qabna inni jedhullee akkanuma adda ba’uu qaba. Fakkeenyaaf ani amma dhaabbilee garagaraan qaba. Namni baay’ee “akkamiin hordofta?” jedhanii na gaafatu. Ani garuu sistamii keenya hanga sadarkaa dhuunfaattillee kan diriire waan ta’eef hojii seeraan akka hojjedhu na gargaareera. Sirna sana uummachuun keenya daran nu gargaareera.
Bariisaa: Akkan hubadhutti, hojii biznasiitti dargaggummaadhaan seentan. Umrii waan baay’ee nama dogoggorsutti biznasiitti seentanii milkaa’uu keessaniif iccitiin maali? Dargaggoota biroofoo maal dhaamtu?
Obbo Daawwiit: Anaaf iccitiin milkaa’iinaa yerootti fayyadamuudha. Kanaaf dargaggoonni yeroon waa hundaa amma ta’uu beekanii yeroosaaniitti fayyadamuu qabu. Dammaqaa, hojjedhaa, biyyattiin wayita ammaa yeroo itti carraa gaarii qabdurra jirti. Utuu yeroon nu jala hindarbiin, utuu carraan nu hinmiliqiin hojiitti seenaa.
Bariisaa: Dhumarratti, akka waliigalaatti yoo ergaa qabaattan?
Obbo Daawwiit: Namoonni hojii keenya arganii nu jajuun gaarii ta’ee osoo jiruu, darbees gara ofiittis deebi’anii, “anihoo ofikoo maaliin godhe, maalin gochuu danda’a” jedhanii of gaafachuu qabu.
Maaliin of harkaa qaba jedhanii kennaa ofiillee adda baafatanii, keessumaa Oromoon keenya gara hojii biznasiitti dhufuuf tattaafachuu qaba. Yeroonsaa amma, bor kan keenya miti. Yeroon ittifayyadamuu dandeenyu yeroo siree keenyarraa kaanu eegala. Kanaaf namni keenya sireerraa bu’ee manaa ba’uun hojiitti seenuu qaba. Biyya kanaaf furmaanni waa hundaa humna dargaggootaa amma jiran waan ta’eef hojiitti seenuun ofiifii biyyasaanii jijjiiruu qabun jedha.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 14 Bara 2014