Jabduufi aarsaa Godina Saba Oromootti

Guyyichi guyyaa jimaataati. Hawaasni musliimaa xiqqaafi guddaan, dardaraan, uffata bareedaa uffachuun, qulqulluu ta’anii Masjiidatti walitti dhufaniiru. Waltajjii waloo kan torbee ykn kutbaa gochuun salaatu.

Onkololeessa 26 bara 2014 guyyaa Jimaataa, Naannoo Amaaraa, Godina Saba Oromoo, Aanaa Jillee Dhummuugaa, Ganda Batteetti sagantaa solaata Jum’aa booda, sagantaa hoggantoota amantii Islaamaan hogganamu mariin dhimma nageenyaa haala yeroorratti gaggeeffame.

Maricharratti hawaasni sagalee tokkoon ‘waliigallee biyya keenyaaf duullee wareegama barbaachisu kanfaluu qabna’ jedhurra ga’uun, weerartoota Juuntaa Onkololeessa 27, bara 2014 irraa eegalee gara Aanaa Harxummaafi Hursee, adda waraanaa Shaashootti imaluuf murteessanii adda ba’an.

Onkoloolessa 27 bara 2014 guyyaa Sanbataa duula birmadummaa biyyaatiif bulchiinsa Godina Saba Oromoo, Aanaa Jillee Dhummuugaa, Ganda Baxxeerraa hawaasni garee shororkeessitootaa waraanuuf gara Aanaa Harxummaa Hursee iddoo Shaashoo jedhamtutti duule.

Hawaasni ganda magaalaa xiqqaa guddaan kan meeshaa waraanaa qabus kan hinqabnes, abbaafi ilmaan, obbolaa wajjin guyyaa itti duulan, guyyaa seenaqabeessa jaalala biyyasaaniif qabaniin lubbuusaanii dabarsanii kennuuf murteessaniidha. Dargaggoonni hedduunis duula kana keessatti hirmaachuun aarsaa lubbuu kanfalaniiru.

Isaan keessaa kan adda ta’emmoo Saadaam Damisee, abbaasaa Obbo Damisee Ahmadiifi abbeeraa ykn wasiilasaa Obbo Aliyyii Ahmad wajjin goota dargaggoo kutannoo qabu abbootii keenya jalaa hinhafu jedhee otoo meeshaa waraanaa tokkollee hinqabatiin harka duwwaa rasaasa baatee kan duule ta’ullee iddoo lolaatti osoo juuntaa lolaa jiranii rasaasa abbaasaatiin Juuntaa ajjeesuun qawwee irraa hiikkatee adda waraanaatti kallattiin lubbuu Juuntaawwan danuu balleessee goota rasaasa fixatee wareegame daraggaggoo gameessa.

Waanti duula adda godhu kan biraan obbolaan, abbaafi ilmi baay’een waliin duulaniiru. Haata’u malee isaan keessaa abbaafi ilmi (Obbo Damisee Ahmadiifi Dargaggoo Saadaam Damisee) kanneen duula kanarratti wareegaman yoo ta’u, bifuma walfakkaatuun obbolaa baay’een hangafaafi quxisuun kan waliin duulanis jiru.

Isaan keessaas Sayid Haasuu Aliyyiifi Kaaliid Haasuu Aliyyii obbolaa lamaan maqaansaanii eeramuudha. Dargaggoonni kunniin warra kaan wajjin duula kanarratti wareegamaniiru.

Isaan kanneen akka fakkeenyaatti ka’an malee duulicharratti hawaasni xiqqaa guddaan, beekaa hanga deegaatti, obbolaa hangafaa hanga quxisuu, ilmaa hanga abbaatti hirmaatanii jabduu seeneffamee hinxumuramneefi odeeffamee hinquufamne hojjetaniiru.

Adda waraanaa kanaan gareen weerartoota Juuntaa Aanaa Jillee Dhummuugaa osoo hindhuunfatin guyyoota 13f lola hamaa gaggeessuun lubbuu gootota hedduu kanfalchiisee lubbuu weerartoota Juuntaa 400 ol barbadeessee, meeshaa waranaa 70 ol booji’ee, waraana Juuntaa 200 caalu harka kennachiisullee, gootota jajjaboo abdii biyyaa ta’an kanneen gatiin kamuu isaan hinmadaalle ganda Magaalaa Battee qofa keessaa namoota 15 lubbuusaanii kanfalanii reeffasaanii fudhannee osoo gaddasaanii teenyee hinawwaallatiin achumatti hafan.

Duultota wareegaman keessaa Obbo Faaris Mohaammad dhalataa magaalaa Battee lammummaa Awustiraaliyaa qabuudha. Namni kun osoo biyyi dhalootaakoo weeraramtuu taa’ee hinilaalu jechuun maatiifi ilmaansaa Awustiraaliyaatti dhiisee dhufee wareegameefi seenaan yaadatuudha.

Juuntaan gootota kanneen galaafatteellee ummaticha biraa hinhafne. Asitti dunkaana gaddaa diigdee ummanni gaddasaa akka dhokfatu goote. Biyya dhiisee kan baqate hedduudha. Biyya gootota hedduun irraa dhabamanitti akka barbaadde shubbistee jiraachuu eegalte.

Aarsaan barbaachisu kanfalamee biyya keenya ni tikfanna jennee osoo abdii hinkutatiin hanga xumuraatti qabsoofnee naannawa keenya keenya bilisa, gumaa gootota keenyaas baafne.

Muktaar Awwaluu, Ogeessa Olaanaa Sabquunnamtii Paartii Badhaadhinaa

BARIISAA SANBATAA Amajjii 7 Bara 2014

Recommended For You