Faffaca’iinsa akaakuu Kovid-19 haaraa Omikrooniifi talaallii dhibee Koronaa

Dhibeen daddarboo Kovid-19 dhibee addunyaa kana weeraruun gaaga’ama lubbuu, dinagdeefi hawaasummaa guddaa geessisuu erga jalqabee waggaa lamaa ol lakkoofsiseera.

Dhibeen kun dhibee daddarbaa sadarkaa olaanaa namarraa namatti daddarbuufi lubbuu namoota baay’ee galaafataa jiruudha. Biyya keenya keessattis dhibeen kun namoota hedduu kumaatama baay’een lakkaa’aman kan qabeefi lubbuu namoota hedduus kan galaafatedha. Ogeessonni fayyaaf qorattoonni fayyaa ykn saayinsiistoonni hedduun erga dhibeen kun galuu dhaga’anii dawaafi talaalli dhibee kanaaf tahuuf kalaquuf rafanii hinbulle.

Vaayirasiin kun akkuma addunyaarraa faffacaa’aa deemuufi namoota hedduu hubaa deemuun akaakuusaa jijjiirrachaa deema. Faffaca’insa gosa vaayirasii deeltaatti aanuun ji’oota muraasa dura biyyoota addunyaa hedduu, keessumattuu biyya keenya dabalatee biyyoota Afrikaa keessatti faffaca’aa kan jiru gosa vaayirasii caasaa ‘O-micron’ jedhamudha.

Keessumaa torbanoota muraasaa jalqabee biyya keenya keessatti qufaa hamaa jechuun namoonni hedduun mallattoo walfakkaataan hubamaa jiru. Mallattoleen kunniin namoota danuuurratti walfakkaataafi miidhaa walfakkaatu qaqqabsiisaa jiru.

Karaa biraatiin lakkoofsi namoota Vaayirasii Koronaan qabamanii erga vaayirasichi biyya galee kaasee sadarkaa hinmul’anneen dabaleera. Mallattooleen mul’atan kunniin mallattoo vaayirasii koronaa akaakuu haaraan (O-micron) fiduun sirriitti walfakkaatu. Biyya keenya qofa osoo hintaane biyyoota addunyaa baay’eettis daran dabalaa jira.

Kanaaf namni tokko mallattoolee:

  • Qufaa kanaan dura namarra hinturre kan reefu eegale
  • dhangala’aa funyaaniifi qoonqoo keessaa ba’u
  • Dhukkubbii mataa hamaa tahe
  • Dhukkubbiiwwan buusaa, maashaafi dugdaa
  • Fedhiin nyaataa hir’achuu
  • Dadhabbii kana dura hinqabne qabaachuu
  • Dhandhama nyaaataafi dhugaatii akkasumas foolii adda baasuu dadhabuufi kkf yoo qabaate, hanga qorannoon gaggeeffamuufitti Vaayirasii Koronaan (O-micron) akka qabameetti yaadee ofeeeggannoo gochuu qaba.

Namoonni mallattoolee kana qaban maal gochuu qabu?

  • Nyaataafi dhugaatii sirriitti fudhachuu.

Dhibeen kun namoota hedduurratti fedhii nyaataa hir’isuus nyaata itti didanii nyaachuun barbaachisaadha. Nyaanni nuti nyaannuuf dhugaatiiwwan nuti dhugnu wantoota qaama keenya keessaa bahan bakka buusuun ykn dandeettii dhibee ofirraa ittisuu keenyaa jabeessuun dhibee kanarraa salphaatti akka dandamannuuf nu gargaaru.

  • Boqonnaa gahaa qabaachuu
  • Qorichoota dhukkubbii hir’isan liqimsuu
  • Namoota birootti akka hindabarsineef ofeeggannoo gahaa gochuu

Kunis haaldureewwan Kovid-19 hir’isuuf kana dura hojiirra oolan kanneen akka, fageenya keenya eeggachuu, haguugduu funyaaniifi afaanii ykn maaskii fayyadamuufi qulqullina harka keenyaa eeggachuuni.

Mallattoolee armaan olitti eerre irratti dabalataan mallattooleewwan cimoo akka hafuura baafachuu dadhabuu, Nyaata nyaachuu dadhabuufi ofwallaaluu yoo qabaattan hatattamaan mana yaalaa deemuun barbaachisaadha.

Talaalliifi Dhibee Koronaa

Akkuma jalqabarratti kaasuuf yaalle dhibeen kun akka sadarkaa biyyaatti dhiibbaa guddaa geesssisuu waan danda’uuf Dhaabbanni Fayyaa Addunyaas xiyyeeffannoo guddaa itti kennee hojjechaa ture/jiras.

Dhibeen Kovid-19 namarraa namatti kan daddarbu karaa hargansuu ykn qilleensaani. Dhibee kana ofirraa dhorkuuf sadarkaa jalqabaarratti kan eeramu keessaa tokko haala tatamsa’ina dhibee kanaa to’achuudhaani. Haala tatamsa’ina dhibee kanaa yoo to’anne dhiibbaa qaamaa nurraan gahuu danda’uufi akka biyyaatti rakkoo inni fidu to’achuu dandeenya jechuudha.

Akkuma baay’een keessan beektan dhibeen kun karaa ujummoo qilleensaa keenyaa qaama keenya keessa seenuun sirna hargansuu keenyaafi somba keenyarratti miidhaa guddaa geessisa. Erga karaa hargansuu keenyaa jechuun karaa afaaniis tahe karaa funyaanii seenee booda gara dhiigaatti makamuun namoota tokko tokkorratti somba dabalatee qaamolee ykn kutaawwan qaama keenya biroollee miidhuu danda’a jechuudha.

Akkuma beekamu dhibeen kun gara biyya keenyaa yeroo jalqabaaf gaafa seene hubannoo hawaasni keenya dhibicharratti qabuuf ofeeggannoo inni dhibee kana ofirraa qoolachuuf gochaa ture jabaa ture. Namoonni hedduunis haaldureewwan ittisa dhibichaarratti xiyyeeffatu hedduu guutuun yeroo hamaa kana keessa dabarsaa turan. Garuu dhibeen kun ammuma hammaachaa deemeef namoonni baay’een dhibee kanaan qabamaa deeman of eeggannoo hawaasni keenya gochaa jiru baay’ee gad bu’aa adeemaa jira.

Dhugaadha namni kamiyyuu jiraachuuf hojjechuu isa barbaachisa. Hojii malee jiraachuun hin danda’amu, garuu hojii keenya hojjechaa maloota ittisa dhibee Kovid-19f barbaachisan kanneen akka fageenya keenya eeggachuu, haguuggii funyaaniif afaanii godhachuu, harka keenya bishaaniif saamunaan ykn alkooliif saanitaayizaraan qulqulleeffachuun dhibee kana ofirraa ittisaa jiruu keenya guyyaa guyyaa geggeeffachuun ni danda’ama.

Talaalliin maali?

Baay’een keenya talaalliin maal akka tahe nuuf haaraa miti. Yeroo ijoollummaa keenyaas talaallii kallattii garaagaraan fudhachaa turreera. Talaalliin dhibeen akka hinqabamne gochuu keessatti gahee guddaa qaba

Talaallii jechuun dhibeen sababa jarmoota garagaraa irraan dhufan akka qaama namaa hinhubneef kan kennamuudha. Talaalliin kan kennamus qaamolii jarmoota fayyaasaanii ykn qaamasaanii kennuun qaamni keenya farra qaama alagaa jarmii sanaaf of qopheessee akka taa’uuf kan gargaarudha. Kana jechuun jarmiin sun qorannoo baayyee keessa darbee yommuu namaaf kennamu qaamni keenya farra qaama alagaa kana qopheessuun gara fuulduraatti jarmooliin akka baakteeriyaafi vaayirasii qaamasaanii keessa seenanis salphaatti qaama isaaniirraa loluun rakkoowwan fayyaaf akka hinsaaxilamne godha. Gama biraan talaalliin farra qaama alagaa qaama keenyarraa lolus kallattiin ni kennama. Talaalliin dhukkuboota bebbeekamoo kanneen akka daranyoo sombaa/TB, pooliyoo, garaa kaasaa, infeekshinii sombaa, vaayirasii tiruu ykn heppataatasii, gifiraafi kkf daa’imman irraa loluu keessatti gahee guddaa taphata.

Erga Kovid-19 biyya kana galee kaasees qorattoonni qorannoo dawaa/talaallii dhibee kanaaf tahuurratti qorannoo garagaraa geggeessaa turaniiru.

Talaalliin tokko kennamuun duras sadarkaa hedduu keessa erga darbee booda akkasumas namoota sadarkaa umurii garagaraa irra jiraatan, namoota ardiif biyyoota garagaraa keessa jiraatanfi namoota dhibee dabalataa garagaraa qabanirratti kennamee erga qoratamee booda faayidaan isaaf miidhaa sasalphaa inni fidu madaalamee mirkanaa’ee namoonni hundi akka fudhatan taasifama jechuudha.

Talaallii dhibee Kovid- 19f qormaata wantoonni tahan hedduun turaniiru. Dhaabbanni Fayyaa Addunyaafi dhaabbileen tola ooltummaa garagaraa talaalliiwwan gosa muraasa biyyoota bitachuu hindandeenye akka biyya keenyaaf bilisaan kennaa jiru.

Talaalliin dhiyaate kun akka lilmootti kennama. Kana booda qaamni keenya caasaa pirootinii vaayirasii kana akka alagaatti waan lakkaa’uuf dhibee kana ofirraa qoolachuuf farra alagaa ykn “Antibody” kan jedhamu qopheessa. Farri qaama alagaa kan caasaa pirootinii kanaaf qophaa’e akka tasaa kallattii garagaraan vaayirasiin koronaa kun qaama keenya keessa yoo seene ajjeesuun nurraa qolata jechuudha.

Namoonni garagaraa gama miidiyaa hawaasaan odeeffannoowwan sobaa talaallii kanaan walqabsiisanii facaasaa jiran irraa ofeeggadhaa. Talaalliin ykn qorichi kamiyyuu yeroo fudhatamu ‘side effect’ sasalphaa mataa isaa qaba. Mallattoon kunis namoota hedduu keessaa xiqqoo qofarratti kan argamudha. Bu’aan inni dhibee kana ofirraa qoolachuu irratti qabu olaanaa waan taheef talaallii kana fudhachun kan jajjabeeffamu taha.

Fayyaa hindhabinaa!

Doktar Naafyaad Geetuu

BARIISAA SANBATAA Amajjii 7 Bara 2014

Recommended For You