“Dhaloonni har’aa dhiifama gochuus dhaaluu qaba” -Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad

Himata namoota muraasaa adda kutuun injifannoo dirree waraanaatti arganne waltajjii nageenyaan dabaluuf gargaara jedhan Muummeen Ministiraa RFDI Doktar Abiyyi Ahmad.

Ministirri Muummeen kana kan jedhan sirna eebbaa gamoo waajjira olaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaarratti haasaa taasisaniini. Maqaa Itoophiyaa haaromsuuf gootummaafi cimina guddaa waan agarsiistaniif Itoophiyaan isin kabajji jedhan.

Dhaloonni har’aa abbootii keenyarraa barachuu kan qabnu gootummaan qabsaa’uu qofa osoo hinta’iin dhiifama gochuus ta’uu eeranii, abbootiin keenya waraanaanis nageenyaanis injifachaa jiraachuu ibsaniiru.

Humnoonni injifataman himanni addaan citeef dheekkamsa guddaa kaasaniiru. Dheekkamsa kan kaasanis qaamolee callisa hinjaalanne ta’uu eeran.

Murtoon dhiifamaan gadi lakkisuu Itoophiyaa bu’uura cimaarra dhaabuuf ta’uu ibsanii, Itoophiyaaf kan barbaachisu nageenya ta’uu eeraniiru. Murtoon kun har’a hadhaawus ijoollee keenya kan boonsudha jedhan.

Dhiifama goonee gadhiisuun injifannoo keenyaan kan arganneedha jedhanii, nuti injifatamnee gareen kaleessa Finfinnee to’achuufi jedhe osoo injifateera ta’ee laphee dhiifamaa kan hinqabne ta’uu eeraniiru.

Dhiifama kan godhu ajjeesuufi hidhuu osoo danda’uu dhiifama kan taasisuudha. Nutis kana gochuu osoo dandeenyuu dhiifama taasisne jedhan. Dhifama uummata isaan duuba jiruuf yaadnee waan gooneef akka itti fayyadamtan jedhan.

Ergamtoonni shororkeessaa ABUT maqaa sobaa Oromoofi Amaaraatiin miidiyaa hawaasummaa banatanii walitti bu’iinsa uumuuf yaalii taasisuus ibsaniiru. Ummanni Tigraay gama dinagdee, hawaasummaafi dippiloomaasiin miidhamuu ibsuun ijasaa akka banatus yaadachiisaniiru.

BARIISAA SANBATAA Amajjii 7 Bara 2014

Recommended For You