Gaazexaan Bariisaa ayyaana Cuuphaa Roobii dhufu kabajamu sababeeffachuun hariiroo ayyaanichi duudhaalee aadaa wajjin qaburratti Hogganaa Ittaanaa Mana Lubummaa Ortodoksii Itoophiyaa Luba Balaay Makonnin dubbiseera. Yaadnisaaniis kunooti.
Cuuphaa
Akka qajeelfama amantii Ortodoksiitti namni haaluma gadameessa haadha ofii keessaa dhalatuun cuuphaadhaan gadameessa hafuura qulqulluu keessaa yoo dhalate malee mootummaa Waaqaa hindhaalu, Dhala Waaqayyoos ta’uu hindanda’u. Dhaloonni dhala namaa lama. Tokko fooniin abbaafi haadhasaarraa dhalachuufi cuuphaadhaan hafuura qulqulluurraa dhalachuudha.
Kanaaf oggaa kiristinnaa jennu bu’uurrisaa cuuphaadhaan kiristinnaa ka’uudha. Cuuphaan kiristaanotaaf karaa dhala Waaqaa itti ta’amuudha. Cuuphaa booda dhala Waaqaa ta’ee nagaa, araara, tokkummaafi jaalala labsuu qaba. Labsuu qofa otoo hintaane gochasaatiinis ibsuu qaba.
Hundaa ol ammoo waggaa waggaadhaan yaadannoo cuuphaa kan kabajnu tokkoffaa akka hinirraanfanneefi. Lammaffaa isa yaadannee lubbuu keenya yeroo hunda dagannaa tokko malee waan Waaqayyo nu ajaje hojiirra oolchuu akka dandeenyuufi. Namni waan ajajame tokko hojiirra oolchuuf waan dhaga’erra kan gochaan arge caalaatti hubata.
Kanaafuu cuuphaan kun oggaa gochaan deeggaramee kabajamu ergaa sirnichi qabu, bu’aa inni fidu, gaarummaa inni karaawwan hundaan argamsiisu ibsuuf kan namatti toluudha jedhan.
Yeroo araaraa
Waaqayyo waan hundaafuu yeroo qaba jedha. Yeroon gaddaa yeroon gammachuu jira; yeroon boo’ichaa yeroon sirbaa jira; yeroon gannaa yeroon bonaa ni jira, yeroon roobaa yeroon caamaa ni jira; yeroon beelaa yeroon quufaa ni jira; yeroon dhukkubaa ni jira yeroon fayyinaa jira. Yeroo kanneen hunda qoodee dhala namaatiif kan kenne Waaqa.
Kanaafuu barri ammaa kun kan itti amannu yoo ta’e yeroo inni nuu kenne kun bara araaraati, bara tokkummaati, bara namni sirriitti ittiyaadee araaramuudha.
Oggaa waa’een araaraa ka’u namoonni tokko tokko eenyutu wallole, eenyuufi eenyutu araarama jedhu. Eenyuyyuu nama jibbu, nama miidhaa irraan gahe, nama badii irratti hojjete wajjin akkamittin araarama jedha.
Ofitti araaramuu
Namni tokko araarame kan jedhamu dursee yoo ofumasaa wajjin araarameedha. Kun bu’uura waa hundaati. Asirratti akkamitti ofitti araarama jennee yoo kaasne, ofitti araaramuu jechuun hunda dura Waaqaa wajjin araaramuu jechuudha. Kunis akkamitti ta’a yoo jenne, of tasgabbeessuun hundumaa dhiisuudhaani. Asirratti Oromoon “Yoo rakkoon tokko dhufe obsi, dhoksi, yoo dadhabdee dadhabde ammoo dhiisi jedha. Kun barsiisa Macaafa Qulqulluu keessa jiruu wajjin walitti kan dhufu falaasama ajaa’ibaati.
Ofitti araaramuu jechuun kanuma. Hunda dhiisuudha. Miira kana godheen haaloo bahadha, dhiigan deebifadha, nan balleessa kan jedhu dhiistee araara buusta. Dhiifama goota. Kana gochuun ofitti araaramuu jechuudha. Kan hunda dursu ofitti araaramuudha. Namni yoo kana godhe Waaqa yaadate jechuudha. Waaqa araara gaafate, Waaqatti araarame jechuudha.
Guyyaan yaadannoo dhaloota Gooftaa torban darbe kabajne kun dura namni Waaqa isa uume wajjin araaramuu agarsiisa, ergamoota wajjin araarame. Maal jedhee, lafaaf nagaa; Waaqa ykn samiif ammoo galata jedhanii ergamtoonniifi namni wajjin faarfatee jedha. Duraan ergamtoonniifi namoonni walbira hingahan, namniifi Waaqnis walirraa fagaatan waggoota kumashaniifi 500f.
Kanaaf namni dursee ofitti araaramuu qaba; isatu bu’uura waan ta’eef. Kana jechuun dhiifama gaafachuuf qophaa’uu jechuudha. Yeroo hunda anumatu beekaadha; badiin anuma qofarra gahe; ani balleessaa hinraawwanne qulqulluudha; namni qulqulluu hintaane ebelu jennee namatti quba yoo qabne dogoggorra. Ofiin ofitti akkasumatti Waaqattis araaramuun egaa asirraa jalqaba.
Diina wajjin araaramuu
Macaafni Qulqulluun garuu kan nutti himu kana miti. Nama jaalattu wajjin araarri raawwatamu akka hinjirre beekamaadha. Namni kan araaramu nama isa jibbeen, diinasaatiin, nama qabeenyasaa barbadeesseen, nama qaamasaa hir’iseen, nama isa arrabseefi isa gaddisiise wajjini kan araaramu.
Akkasumas haadhaafi abbaasaa, gosasaafi ilmasaa yoo ajjeese araaramuufi araarfachuu qaba. Nagaa buusiif kanaan ala furmaanni biraa hinjiru. Araarri kennaa Waaqayyo dhala namaatiif kenneedha. Barri kun yoo bara araaraa hintaane biyyumti Itoophiyaa (Oromiyaa) jennu kun hinjiraattu.
Maaliif seete? Oromoon nama abbaasaa ajjeese wajjin gumaa baasee araarama. Gumaa baasee araaraamuunsaa kun baga ajjeeste jechuusaa miti. Lolli ykn waldhabdeen ykn walajjeesuun ykn haaloo walbahannaan bakka tokkotti dhaabachuu qaba jechuudha. Dhimmichi bakkuma jirutti akka dhaabatu gochuudha. Adeemsa kana keessatti garanaa baay’eetu du’ee gama sanaa xiqqaatu du’e waanti jedamus hinjiru.
Kanaafuu ayyaana cuuphaa bara 2014 bara araaraati jennee yoo fudhanne waan gaarii irraa arganna jechuudha; yerichi yeroo araaraafi tokkummaa waan ta’eef.
Cuuphaafi aadaa
Akkam bulte ykn oolte jedhanii nagaa walgaafachuunuu aadaadha. Aadaafi amantiin walkeessa jiraachuu ilaachisee kitaabaan barreesseera. Namoonni tokko tokko aadaafi amantiin adda adda jedheet walfaallessee hiika.
Mana amantii dhaqxee jilbeeffattee Waaqa kadhachuunuu aadaadhaa bari. Aadeffatte jechuudha. Akkatti uffannee manaa baanus aadaadha. Fakkeenyaaf aadaan kiristinnaa ykn diyaaqonii ykn luba otoo hintaane amanataan dhiiras ta’e dubartiin tokko balee (naxalaa) akka fannootti qaxxaamursee olgachuun ykn uffachuun aadaadha. Waanti balbala bataskaanaa fuuldura dhaabatamee raawwatamu aadaadha; Waaqeffataa jirta jechuudha.
Baadiyyaatti namoonni tokko tokko gaafa ayyaana cuuphaa uffatumasaa adii godhatee manaa baha malee bakka taabonni ittibahu dhaquu hinbeeku. Kaan farda yaabbachaa, kaan ammoo garmaama fardaa ilaalaa oola. Warri bataskaana dhaqee deebi’ee farda yaabbachuu deemus jira.
Kanaaf ayyaanni cuuphaa Roobii dhufu kabajamu naannawa ani ittidhaladhetti (Shawaa Kaabaatti) akka malee ho’aadha. Akkuma biyyaattuu gara kaabaatti sirna ho’aadhaan ‘Laximqat yaalhone qamis…’ jedhamee xiyyeeffannaa olaanaadhaan kabajama.
Egaa keessumaa ayyaanni Cuuphaa baranaa Waaqarraa araara argannee walii keenyaafis araara ittibuusnuudha. Biyya nagaafi tasgabbii dhabde kanaaf Waaqayyo araara haa buusun jedha.
Haalatti dargaggoonni jaalala waliif qaban ibsatan
Waanti ani gorsu jeequmsi biyya kana mudataa jiru maanguddoo waggaa 70fi isa ol jiru caalaa dargaggoota hubaa jira. Maanguddoonni gaariis ta’u badaa keessa darbaatuma as qaqqabaniiru. Dargaggoonni abdii egeree biyyaati, biyya gaarii uumuu danda’a; yoo balleesses ofuma jalaa balleessa.
Maal jechuu kootii? Dargaggeessi ayyaanicharratti hirmaatus ta’e yeruma kaanuu yaada qulqulluu jaalalaafi bilchinaan guutame qabatee manaa bahuu qaba. Kennaa walii kennee, akkuma aadaasaatti nagaa walgaafatee, jaalalaafi kabaja waliif qabu walii ibsee ayyaanicha kabajuu qaba; yeruma kaanis kana aadeffachuu qaba.
Akkasumas oggaa namni waan gadhee ykn yaraa feesbuukiirraa ilaalee dhufee waa ittihime lakki, kana hinfudhadhu jedhee ofirraa deebisuu qaba. Fakkeenyaaf ka’ii hiriira bahi, daandii cufi, waldiddaaf, mormi,…waan jedhamufa’iif namni kamuu gurra kennuu hinqabu. Gochoota hamoo akkaanaatiin fudhatamuun yakka ta’uurrayyuu jireenya ofii hadheessuudha. Waa’ee barumsaa, waldaa uummannee hojjennee jijjiiramnaa, daldalaa, jaalalaafi aaraaraa taanaan ammoo qabachuufi babal’isuu qaba.
Kallattii araaraa mootummaan qabate
Dhugaa dubbachuuf kallattiin mootummaan qabate kallattii sirriifi mootummaan kamuu raawwatee hinbeekneedha. Haalichi gaafa Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad gara aangootti dhufan wajjin walfakkaata. Yeroo sana nama mana hidhaa turan baasuu, kanneen alatti hidhamanii turaniifi kaan xiyyaara ofiitiin akka hindaanqoo cuuciishii qochooshii jalatti walitti qabattuu garanaa garasii guuranii deebi’uu sana wajjin waan walfakkaatutu irra deebi’ee uumame.
Namni hidhame akka gadidhiifamu; waanti nagaafi araarri qofti lallabamuu qaba jedhamee waan deemaa jiru kana garaa guutuudhaan fudhannee harcaatii tokko malee hojiitti hiikuu qabna. Warra araaraafi nagaa labsamaa jiru mormu tokko tokko otoo akkana jedheen jedha: “Kaleessa mootummaan kun sirrii mitii, har’a garuu gaariidha; kana caalaa cimsii ittifufi” jechuu qaba.
Miidiyaa tokko tokkorraa waantin dhaga’u natti hintolu. Namoonni tokko tokko tarkaanfii araaraafi nagaaf fudhatamaa jiru kana hinamaninaa, mootummaan kun beekaa waan biraa yaadeetii jedhu. Kun maal jechuudha? Amma kan lallabamaa jiru waa’ee nagaafi araaraati; yoo ta’ellee gaafa inni badii raawwate mormuu hinwayyuu?! Har’a yoo jajan, tarkaanfii araaraafi nagaaf fudhatamaa jiru maaliif utubuu dadhaban?
Anumti jabaadhu gaariirra jirtaa yoo naan jedhan caalaan hojjedha. Yoo na harkatti qeeqan garuu waan nama ta’eef hamileen koo tuqamuu mala ykn mufachuun danda’a. Kanaafuu oggaa mootummaan kallattii gaarii qabate kana jajuu, faarsuu, kana caalaa hojjedhu jechuunii, ulfeessuu, hamilee ittihoruufi utubuu barbaachisa. Oggaa dogoggore ammoo karuma seera qabeessaan kun dogoggora jechuunii barbaachisa. Kana baruu qabna. Kun ta’uu baannaan biyyi keenya ni diigamti. Kanuma.
Tokko haa taanu, bara araaraa nuuf haa ta’u!
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 7 Bara 2014