“Marii biyyaalessaarratti yaadni adeemsicha cimsu qabatamee dhiyaannaan waanti ija qabu tokko keessaa baha” -Luba Doktar Waaqsiyyum Iddoosaa

Dubbistootaa, keessummaan keenya maxxansa kanaa Luba Doktar Waaqsiyyum Iddoosaa jedhamu. Waldaa Warra Wangeela Makaana Iyyasuusii marsaa lamaaf pirezidaantummaan kan tajaajilan yoo ta’u, wayita ammaa Ittigaafatamaa Komishinii Nageenyaa waldittiifi Miseensa Boordii Gumii Dhaabbilee Amantii Itoophiyaa ta’anii hojjetaa jiru. Dubbisa gaarii.

Bariisaa: Luba Doktar Waaqsiyyum Iddoosaa yoom, eessatti dhalatan? Barumsahoo eessa, eessatti baratan?

Luba Waaqsiyyum: Bakki dhaloota Wallagga Bahaa, Aanaa Guutoo Giddaa, naannawa Soorgaa jedhumutti. Barumsa koo sadarkaa tokkoffaa (kutaa 1fa hanga 6fatti) Naqamteetti, Mana Barumsaa Li’ilti Tsahaay jedhamaa turetti (amma maqaa biraa qaba); Kutaa 7fafi 8fa Mana Barumsaa duraan Qadaamaawii Hayilasillaasee jedhamaa turettin baradhe. Kutaa 9fa hanga 12fatti ammoo Komperensivii Naqamteettin hordofe. Ergan barumsa kana achitti baradhee booda akkan yaadaa turetti barumsa akkaadaamii kana ittifufuu ture.

Bariisaa: Akkamitti tajaajilatti seentan, eessa eessas tajaajiltan? Waa’ee barumsa amantiis achumaan otoo nutti himtanii?

Luba Waaqsiyyum: Namni bara jireenyasaa maal akka hojjetu ni akeekkata, ni yaadas. Garuu kan Waaqayyootu caala. Jidduutti wamichi biraa waldaa kiristaanaa biraa dhufe. Finfinnee, mana barumsaa Macaafni Qulqulluun itti baratamu dhufee bara 1979 hanga bara 1982tti baradhe.

Seminarii Makaana Iyyasuusiitti barumsa Tiyolojii dippilomaadhaan baradhee Naqamtumatti deebi’ee, Kolleejii Mana Macaafa Qulqulluu amma Kiristiyaan Idukeeshin jedhamu keessa waggoota sadiif barsiise. Tiyolojiidhumaan baachilarii koo ALA bara 1986 hanga 1988tti baradhees deebi’ee gale.

Utuman mana barumsaatti deebi’uuf yaaduu waajjira sinodosii keessaa humna namaa nu barbaachisa yaadni jedhu waan ka’eef gargaaraa barreessaa sinodosii ta’ee Naqamteetti waggaa tokko hojjedhe. Otuman isatti jiru waldaan 1990tti lubummaa naa kennite.

Waggaa tokko booda ammas waamichi sinodosicha pirezidaantii ykn geggeessaa taatee tajaajilta jedhu dhufee Naqamteetti marsaa lamaan waggaa saddeet tajaajile.

Bariisaa: Geggeessummaan yeroo sanaa akkam ture, hinulfaatuu?

Luba Waaqsuyyum: Yeroonsaa yeroo sirna Dargii waan tureef daran rakkisaadha. Bara akkasii keessa waldaa kiriaanaa geggeessuun salphaa hinturre. Yeroo Waaaqni hinjiru jedhamaa ture keessatti namni Waaqatti amanu ari’atamutti ittigaafatama fudhatanii waldaa kiriristaanaa geggeessuun hojii hawaasaafi misoomaa waldaan hojjettu ammoo karoorsuun salphaa hinturre.

Wal’aansoo qabaatus gargaarsa Waaqaatiin ergan waggootii sana xumuree booda marsaa lama fixee sadaffaa hojjechuun waan hindanda’amneef achuma biiroo keessa taa’ee nama bakka na bu’eef gorsaa ta’ee waggaa tokkoof gargaare.

Hojiin duraan hojjetaa ture, barreessummaatti deebi’ee isa natti aanee filatameef barreessaa ta’ee waggaa lama hojjedhe. Ameerikaa deemees barumsa tiyolojii ‘doktar of ministirii’ jedhamu ittifufe. Kunis akka ALAtti bara 2002 qabee hanga xumura 2005tti achi tureen deebi’ee Sinodosiidhuma Naqamteetti argamutti galee kutaa hojii Wangeelaa geggeessuufi kolleejii achi jirutti barsiisuun jalqabe. Achi walakkaa waggaa caala hinturre. Seminarii tiyolojii Makaana Iyyasuusiitti barsiisummaaf waamamee Bitootessaa hanga Waxabajjiitti barsiise.

Barreessaa Olaanaa Waldaa Biyyaalessaa Makaana Iyyasuusii Itoophiyaa ta’ee akkan hogganuufis filatame. Kanaanis waggaa lamaafi walakkaaf tajaajileera. Filannoo ALA Amajjii bara 2009 adeemsifameen wagggoota afuriif akkasumas marsaa lammaffaaf filatamee walumatti waggoota saddeetiif pirezidaantummaan tajaajile.

Bariisaa: Yeroon pirezidaantummaa akkam ture, hariiroon dhaabbilee walfakkaatoo wajjin ture hoo akkamitti ibsama?

Lubu Waaqsiyyum: Egaa oggaa geggeessaa waldaa taatu guutummaa waldaatti kallattiilee danuudhaan tajaajilaafi ittigaafatamummaa gulantaawwan gara garaatti si qunnama. Kanaaf akka pirezidaantii waldaatti ittigaafatama kan biyyaa keessan jiraa; ittidabalee ardii Afrikaa darbees akkuma addunyaattuu jaarmiyaaleen waldaan itti hammatamte adda addaatu jiru.

Isa keessattis hirmaachaan ture. Fakkeenyumaaf yoo kan biyya keessaa fudhatte dhaabbileen amantiilee adda addaa geggeessan jiru. Abbootii amantii dhaabbilee kanneen geggeessan wajjin taanee waan tokkummaa waldaalee amantii ilaallatu, darbees waan guddina biyyaatiif, hawaasaaf, nageenyaafi tokkummaa ummata kanaatiif barbaachisantu jiru. Yeroowwan garagaraatti marii dhimma biyyaarratti dhaabbilee amantii biroo wajjin hirmaachuun jira.

Waantota warra dhaabbilee amantii geggeessan wajjin hojjetaa turre keessaa kanin hinirraanfanne jarreen sirna Dargii keessa biyya kana geggeessaa turan booda geeddarumsi mootummaa dhalannaan hidhamanii turan iyyata isaan dhiyeeffatanirratti hundaa’uudhaan karaa nageenya ta’een akka araarri guutummaa biyyaatti ta’ee balleessa dalaganitti qalbii diddiirratanii yoodhuma murtoon hojiisaanii ilaalchisu raawwatamellee mootummaanis ta’e ummanni dhiifama godhaniifii araarri bu’ee akka deebi’aniif hojjechuu keenya.

Bariisaa: Dhumni dhimma jarreen sanaa akkam ta’eree?

Luba Waaqsiyyum: Dhimmichi dhumarratti gaaffii nuti dhiyeessineef magaalota Itoophiyaa 72 keessatti jarreen bara Dargii keessa firootasaaniifi lammiisaanii dhaban wajjin walagarree yoo nagaafi araarri bu’e wayya jennee akka jara wajjin haasa’aniif dhaabbilee amantii keessaa bakka bu’oota erginee akka jara wajjin haasa’anii araarri ta’u taasifame.

Utuma nuti kanaan jirruu mootummaan yaadichayyuu qolatee waggaa haaraatti warra waggoota baay’eef mana hidhaa keessa ture waan ‘amakkiroo’ jedhamuun hiike. Tattaaffiin keenyas ija gaarii agarsiise. Kun waantota biyya keessatti hojjenne keessaa tokko.

Bariisaa: Itoophiyaa fi Ertiraa araarsuufis tattaafataa akka turtaniidha kan himamuutii haalasaa nutti himaamee?

Luba Waaqsiyyum: Eeyyee. Rakkinni Itoophiyaafi Ertiraa gidduu ture anis ta’e warri na dura turan duukaa bu’aa turre. Dhaabbileen amantii biyyaa Ertirra keessa jiraniifi kan keenya yoo dhibellee walarganii akkamitti nagaa buusuun akka danda’amurratti; isarraa ammoo ka’ee haalatti ummatoota lamaan walitti fiduun danda’amurratti Keeniyaa darbees Norweeyitti walga’iin godhamee abbootiin irratti hojjetaa turan. Isa nutis ittifufnee yaalii gochaa turre.

Garuu karaa keenyaan otoo hintaane karaa biraa yaadichi fudhatamuun xinnoo waan rakkisaa ta’eef ittihinfufne. Ta’us waantonni dhaabbilee amantii wajjin walitti nu fiduun nu hojjechiisaa turan keessaa tokko kannin eere kana.

Bariisaa: Tajaajilli ykn hoggansi Itoophiyaan alaa hoo akkamitti ibsama?

Luba Waaqsiyyum: Tajaajila akka geggeessaatti hojjetaa ture keessaa biyyarra darbee ardii Afrikaa bahaa kanatti waldaalee lutaraanii biyyoota saddeet keessa waldaalee sagaltu jiru. Biyya tokko keessa waldaalee lamatu jira jechuudha. Innis Keeniyaa keessa. Keeniyaa keessa waldaalee lamatu miseensa.

Biyya keenya Itoophiyaa, Ertiraa, Keeniyaa’ Taanzaaniyaa, Maadagaaskaar, Reppublika Demokraatik Koongoo, Ruwaandaafi Ugaandaa keessaa walitti dhufanii tokkummaa waldaalee Lutaraanii bahaafi gidduggaleessa Afrikaa ykn ‘LUCCEA’ hundeeffatan; dhaaba Lutaraan Federeeshiinii Addunyaa jedhamu jala jiru durataa’aa ta’ee waggoota saddeetiif geggeesseera.

Waldaaleen kunniin akka hariiroosaanii cimsataniif waliin ta’anii dhimmoota amantiisaanii, darbees dhimma ummata jidduu jiraataniifi tajaajilanii, akkuma Afrikaa bahaattuu beelli, dhabiinsi nageenyaa waan jiruuf kanarratti maal gumaachuu dandeenya akka waldaalee gaanfichatti argamaniitti jennee hojjechaa turre.

Waldaaleen kunniin biyyoota adda addaarraa walitti dhufanii waliin hojjetan keessatti yoo rakkoon jiraate walii birmachuufi waliin hojjechuu keessatti guddaa carraaqaa turre. Kanaaf hirmaannaan achi keessatti qabaachaa tures bayeessa ture. Gulantaa jireenyaa hawaasni keenya itti jiru waldaalee biyyota kanneen keessa jiraniif ibsaa turre. Kunis walittidhufeenyi akka cimu gochuu keessatti iddoo guddaa qaba ture. Gulantaa addunyaattis federeeshiniin lutaraanii waggaa waggaadhaan gumii qaba. Isarrattis waldaa bakka bu’een himaachaan ture.

Bariisaa: Gumii kanarratti eenyufaatu hirmaata?

Luba Waaqsiyyum: Gumii kanarratti waldaalee 174tu addunyaarraa hirmaata. Yeroon achi keessa hirmaataa turetti akka miseensa mana marichaatti hirmaachuurra darbee dabalataanis koree tajajiila addunyaa misoomaarratti hojjeta. Biyya keenyattis yeroo beelaatti hojiilee guguddoo hojjetaa tureera; hojiilee misoomaas akkuma kana.

Koreen tajajiila addunyaa kun naannawawwan misoomaan boodatti hafanitti hojii misoomaa qindeessuudhaan ni hojjeta. Anaafi Laayibeeriyaarraa nama tokko wajjin Afrikaa bakka buunee koricha keessatti hirmaachaafi hojjetaa turre. Pirojektota gargaarsaaf qophaa’anii korichaaf dhufan calalee ilaalee kan warra gargaaranitti dabarsu koree kana. Kanarraa biyya keenyaafis carraa guddaatu ture.

Hamma danda’ametti pirojektiiwwan gara garaa karaa hojii misoomaatiin nu gargaaru ofitti darbees Afrkaatti harkisuuf waan biyya keenyaaf ta’urratti achirratti yaada kaasnee hojjechaa turre. Kanaafuu karaa sanas carraa guddaa argachuudhaan hamma danda’ame gumaachineerra.

Waldaan keenya federeeshinii lutaraanii qofa otoo hintaane waldaalee addunyaa kan ‘Worlid Kaawunsil of Charchis’ (WCC) jedhamu keessatti miseensa koree jiddugaleessaa (waldaalee addunyaa) ta’ee waggoota saddeet guutuu Baatii kudha saddeet keessatti altoko Jenevaatti argamu keessatti tajaajileera; waldaas, waldootii Afrikaa kan biroos bakka bu’ee. Egaa muuxannoon hojii ani geggeessumaa hojii keessatti dabarse kana fakkaata.

Bariisaa: Bara kam hojii pirezidaantummaa marsaa lamaan xumurtan? Sana booda hoo hojii ykn tajaajila akkamiitti bobbaatan?

Luba Waaqsiyyum: Yeroon pirezidaantummaa koo ALA hanga bara 2017tti. Isa booda ergan xiqqoo boqodhee booda 2018 Amajjiirraa eegalee Waldaan Warra Wangeelaa Makaana Iyyasuusii of jalatti biiroo nageenyaa qabdi waan ta’eef biiroo kana hogganaan jira.

Bariisaa: Tole. Biiroon nageenyaa kun maal hojjetamee Doktar?

Luba Waaqsiyyum: Hojiin Waldaan Kiristaanaa hojjettu sirumayyuu hojii nageenyaati. Maaliif yoo jenne yeroo hundumaa keessumaammoo guyyaa dilbataa waldaalee amantii bu’uurarra jiran kanneen waldaa keenya jalatti argamanitti wangeelli ykn dubbiin Waaqayyoo ni lallabama ykn ni barsiifama.

Dubbiin Waaqayyoo barsiifamu kun namni uumaasaa, Waaqayyo wajjin tokkummaadhaan akka jiraatu barsiisa. Akka Waaqayyotti araaramu, akkuma dubbii Waaqayyoo keessaa argannu Qorontoos 2fa boqonnaa 5 lakkoofsa 17 hanga 21tti yoo ilaalle namni guyyaa dilbataa puulpiitiirraa dhaabatee dubbii Waaqayyoo himu Waaqayyotti araaramaa jedha. Walii walii keessanittis araaramaa jedha. Yoos nagaan jiraataa jedhee lallaba.

Qola irraa baasee akkana jechuu baateyyuu ergaansaa cimaan waliigalaa kan jedhuudha. Namni Waaqayyofi walwaliisaa wajjin araaramnaan nagaan ni jiraata.

Ofitti, Waaqayotti akkasumas walwaliisaatti araaramuu darbees uumamatti araaramuu. Nuufi uumama jidduu araarri jiraannaan nagaan jira jechuudha. Waldaan utuma kana barsiisaa jirtuu yeroo geddarumsi mootummaa biyya keenyatti ta’etti jechuunis mootummaan Dargii kufee Mootummaan ADWUI galetti bakkaafi kallattiilee garagaraatiin gaaffiileen ka’aa turan. Gaaffiileen ka’aa turanis akkuma beekamu yeroo geddarumsi tokko dhufu waantota baay’eetu iddoodhaa socho’a, raafama.

Waanti raafamu kun ammoo jeequmsa fida. Yeroo sana tokko ka’ee daangaarratti, lafa qonnaa, bishaaniifi margarratti waldhabdeen dhalata. Qaamni mootummaa caasaa gajjallaarra jirus akka waldaan gargaartu barbaada.

Kanarratti warri gulantaa sinodosiiirra jiran waldaan kallattiilee lamaan tarkaanfii fudhachuu qabdi waan jedhu kaasan. Tokkoffaa caasaa keessatti waa’ee nageenyaa barsiisuu ittifufuu. Waan macaafni qulqulluun jedhu barsiisuu ittifufuu. Hamma nama taanetti yeroo kamuu, eessattuu walitti bu’iinsi ni jiraata. Isa kana garuu akkamitti qabna isa jedhurratti jabeessinee hojjechuu malla kan jedhu tokko ture.

Lammaffaa ammoo gaaffiilee ummata biraa ka’an attamitti qabnee gargaarra kan jedhuudha. Kanas bakka lammataatti qabachuudhaan hojii nageenyaa kanarratti xiyyeeffatee kan hojjetu biiroon tokko jiraachuu mala jechuun ALA bara 1993 biiroon nageenyaa kun hundeeffame.

Kanaan ittifufee namoonnis ramadamanii waan barbaachisus waajjirichaaf ramadamee hojiin kun ittifufe. Hojiin kun ittifufuusaatiin bu’aa guddaatu argame. Nageenya buusuuf rakkoolee waldaas ta’e sabaafi sablammii jidduutti dhalatan faana bu’uudhaan leenjii kennuu, workishoppiiwwan gara garaa geggeessuutu ture.

Fakkeenyaaf naannawa Booranaatti yeroo saboota Oromoofi Somaalee jidduutti waldhabdeen uumamee turetti, Sidaamaafi Oromoo jidduutti waldhabdeen ta’etti gaaffii waldaaf dhiyaaterratti hunda’udhaan jidduu lixxee walitti fiddee qaama mootummaa gulantaa gadijallaa (aanaa) jiru mari’achiisuudhaan waliin taatee hojiin nageenyaa, araaraa qaamolee waldhaban kanneen jidduutti akka ta’u gochuudhaan hedduu hojjetameera.

Naannawa Arbaa Minci, Daraashee, Koonsoo, Gidoolleeffaatti hojii hedduutu geggeeffame. Gujiifi Booranaa jidduu, Gujiifi Koree jidduu, hojiilee araaraa guguddootu hojjetamaa ture. Karaa lixaatiinis rakkoo saba Oromoofi Gumuz jidduutti waldhabdee guddaatu ta’e.

Sababuma kanaan lubbuu danuun badeera, qabeenyis miidhameera. Isa kana ALAtti 2012 irraa eegalee hanga bara 2016tti pirojektiin qophaa’ee bulchiinsa Oromiyaa wajjin ta’uun Wallagga Bahaafi karaa godaa ammoo Naannoo Beenishaangul Gumuz faana ta’uun yeroo dheeraa fudhatamee dargaggoota, dubartootaafi abbootii amantiirratti hojii guddaan hojjetamee araarri ta’ee akka nagaan bu’u irratti hojjetaa turre. Kanaanis nagaan bu’eera. Waa’ee kanaa yoo dubbatan yeroonsaayyuu hinga’u hojiinsaa bal’aa waan ta’eef.

Bariisaa: Biiroon nageenyaa har’a hoo maal hojjetaa jira?

Luba Waaqsiyyum: Har’as bakkoota sadan tokkotti hojjetaatuma jirra. Hamma Bitootessa darbeetti keessumaa lixarratti, Beegiifi Qondaalaarratti hojii ‘intarfeesii konfiliikti rezoolushin’ kan jedhamu jira; isa hojjetaa turre. ALA bara 2007 Jimmatti, akkasuma Beegiitti rakkooleen gara garaa turaniiru. Waldhabdee dhaabbilee amantiirratti jechuu kooti. Yeroo sanas hojii guddaa Jimmatti hojjetameen nagaan bu’eera. Beegiittis hojjetamee ture. Kan amma dhiyeenya kana nuti ALAtti 2018 irraa jalqabee hojjetaa turre.

Dhaabbilee amantii kanneen jidduutti walsimannaan waliin jiraachuun, warra amantii geggeessan, amantootaaf ummata jidduutti nageenyi jiraachuu mala kan jedhuun waa qopheessinee hojjetaa turreerra. Kunis maalirraa ka’e seete jijjiirama mootummaa waggoota afran darban kanneen keessaa kan ka’e.

Bara 2007 keessa waantota rakkoo fidan tokko tokkotu calaqqisuutti waan ka’eef nuti akka kun hintaaneef ummanni keenya nagaadhaan walwajjin jiraachuu akka danda’uuf maal goona kan jedhurratti hundeeffamnee jalqabne. Abbootii amantaatiif leenjii kennuu, marii, walitti fiduu, rakkoon keessan maali jennee dhaqnee gaafachuurra nutis jidduusaaniitti argamnee rakkoon keenya maalinni?

Maaltu yaada namaa gargar dhiiba? Maaliif walwajjin jiraachuu dadhabne laata? Yeroo bakka nagaan dhabame tokko dhaqxee kun maaliif akkana ta’e, rakkoon keessan maali jettee gaafattu ofii kee of qooddeetu akka nama ofiisaatii nagaa qabuu bakkee of keesseetu akka waan rakkinichi kan jaraa duwwaa ta’eetti fudhatta. Garuu dhaqxee jidduu teessee jarreen keenya, firoota keenyaa rakkoon nuti qabnu maalinni yoo jette rakkinicha kan kee godhatta jechaadha.

Kanaaf akka kanaatti dhaqnee jara jidduu teenyee tokko warra dhaabbilee amantii geggeessan, dubartootaafi dargaggoota dhaabbilee amantii, gandoota keessaa, aanaarraa dhufan wajjin teenyee mari’anne.

Barnootas kennuudhaan hojjetamaa tureera. Kana malees qaama mootummaa gulantaa sana jiru, mana murtii, biiroo haqaa, barnootaa, poolisii, bulchiinsaa keessaa walitti dhufan wajjin waa’ee nageenya jidduu ummata sanaatti buusuurratti leenjii kennuu dabalatee hojiiwwan heddu hojjenneerra.

Fakkeenyaaf dhaabbileen amantii walhimatanii mana murtii dhaqu. Seerri jira. Amantiileen walqixa ilaalamuu, walqixa haqa argachuu akka qaban. Kanaaf akka seerri biyya keenyaa jedhutti, akka mirga amantiileedhaaf kennametti akka walqixa ilaaluun qabu… jedhurratti lenjii kennaa turre; Qondaalaafi Beegiirratti.

Sababii nageenyaatiin gara sanatti socho’anii hojjechuun salphaa hinturre. Warra leenji’an gara Asoosaafi Naqamtee fa’itti waamnee barumsa kennaa turreerra. Gulantaa biyyaalessaatti Finfinneettis leenjii kenninee hojjetaa turre. Gara dhumaatti egaa haalli achi jiru salphaa hinturre. Ta’us hamma nurraa eegamu goonee jara walitti fidne.

Gulantaa biyyaalessaatti Gumiin Dhaabbilee Amantii jedhamu jira. Anis achi keessatti miseensa boordiiti. Gumiin dhaabbilee amantii gulantaa gadiirra jiran yoo walitti fide nageenya naannawa sana jiruuf murteessaa ta’a kan jedhuun Qondaalaarrattis Beegiirrattis akka waajjirri dhaabatu goone. Akka boordii of danda’e qabaatanis taasifame.

Warri walitti dhufan kunniin bakka taa’anii waliin mari’atan, yaada walii kennan, waliin taa’anii qaama mootummaa naannawa sana jiru wajjin ta’anii, harka walqabatanii akka isaan nagaadhaaf hojjetaniif goonee dhaabnee hojjetaa turre.

Egaa amma haala isaan ittii jiran hubachuun nama rakkisa. Waaqni nagaa fidee hundumaa qixeessee nutis gara fuulduraatti akkamitti akka isaan jiran ilaallee jajjabeessuu akka dandeenyutti yeroon ni dhufa jedheen abdadha.

Lammaffaa karaa kibbaatiin aanaalee lamarratti Dhaaba ‘GIZ jalatti qaamni komuuniti piis sarvis(Community Peace Service) jedhamu jira. Isaan deggaramnee hojjetaa turre. Ummata Gujii Lixaa, Aanaa Galaanaafi ummata Amaaroo (Kibba) yeroo dheeraa dura waldhabdeen jidduusaaniitti lafaafi qabeenyaa lafa jirurratti uumamee ture.

Waldaan duraanis rakkoo kana fakkaatuu duukaa buutee mootummaa wajjin ta’uun jara walitti fiduudhaan bara 1987 jidduusaaniitti nagaan bu’ee ture. Geddarumsuma ammaa kanaan rakkoon kun lammata ka’ee cimaa dhufe. Yeroon akkana jedhu ummata sanatu rakkoo akkana uume jechuu koo miti.

Tokkoffaa warra bu’aa barbaadantu jiru. Warri akka nagaan bu’u hinbarbaadnes jiru. Inni kun ammoo deebi’ee akka ummanni sun waldhabu taasise. Kanaaf hojii kana ilaaluu qabna jennee jalqabne. Ummannis duras waldaa kanatu nu gargaaree sirumaa warri mootummaa aanaarra jiran waldaan kun dhuftee lixxee dhimma nageenyaa kana waliin taanee hojjechuu mala jennaan wajjin hojjechuu jalqabne.

Kunis ALA bara 2019 jalqabnee amma ammaattuu hojjechaatuma jirra. Kanaanis jidduutti butuun dhabamuu baatus waanti baay’ee fooyya’eera. Bitootessa darbe dura waan baay’ee hojjennee gareewwan lamaanuu walitti fidnee bakka tokkoon geenyee ture. Bakka tokkotti ammoo walitti bu’uun, lubbuun darbuun dhufe. Inni ammoo deebisee dubbicha booresse. Ammas tokko lama jennee walitti fiduun waan barbaachisuuf akkuma kanaan duraa goone.

Nagaa buusuuf gadi teessee adda adda garee gareedhaan qofaatti akkuman irranatti eere rakkoon keenya maalinni? Eessatti, yoom, maaltu ta’e, maalisaa hoo maalinni jenneetu ummatichumti rakkina mudatuuf akka furmaata kennu gochuutu barbaachisa. Kun ammoo salphaatti hindhufu.

Yeroo dheeraas fudhata. Sababiinsaas inni kaan aarii qaba. Inni kaan madaa qaba. Kanaafuu baaseetumayyuu aariifi madaasaa qabatee tasgabbaa’ee taa’ee sitti haasa’uunuu salphaa miti. Kanaaf gatii si baasisa. Utuma ati karaarra buufattee deemaa jirtuu waanti haaraan dhalata. Utuma nuti walga’ii teenyee waa’ee nageenyaa, araaraa haasa’aa jirruu namni walga’ii keessaa utaalee ba’a.

Maali jennaan iddoo akkanaatti namni miidhamee lubbuun namaa badefaa jedhama. Waanti akkasii nu qunnameera. Egaa yeroo sanatti jarri miira addaa keessa galan utuma ati teessee waa’ee nageenyaa haasa’aa jirtuu rakkoon dhalata. Kanaanis namni miira addaa keessa gala. Ammas kana tasgabbeessuun salphaa miti.

Haalota akkasii keessa dabarreetu Waaqnis nu gargaaree kan lamaaniituu bakka Keellee jedhamutti akkasumas Tooreefi Bulee Horaatti abbootii amantiifi waajjiraalee gara garaa, dubartootaafi dargaggoota wajjin haasa’uudhaan, leenjiifi barnoota kennuudhaan, teenyee isaanirraa dhaggeeffachuudhaan, erga yaadasaanii argannee booda walitti fidne.

Haaluma kanaan lamaansaaniiyyuu Diilaatti walitti fidnee nageenyi akka uumamu ta’e. Waan humnasaaniitii ol ta’e ammoo sadarkaa aanaatti qaama dhimmi ilaallatuuf dhiyeessanii akka sirraa’u gochaa hojjetaa turan. Ammas kanumatti jirra.

Bariisaa: Amma hoo haala kamiin sicho’aa jirtu?

Luba Waaqsiyyum: Haala amma biyyi keenya keessa jirturraa kan ka’e akka durii socho’uun rakkisaa ta’us torbeedhuma darbe Arbaamincitti dargaggootaaf abbootii amantiif leenjiin kennameera. Mariinis taa’ameera. Isa kan duras Hawaasaarratti akkuma kana dubartoota leenjisuufi mariisisuuf qophiin taasifamaa jira. Haalli naannawichaa fooyya’aa jira, kanaafis Waaqa galateeffanna. Gara fuuduraatti hojii keenya ittifufna.

Sadaffaadhaan Gaambeellaarrattis dhimma nageenyaarratti hojjetaa jirra. Gaambeellaattis walsimatanii nagaadhaan waliin jiraachuu dhabun darbee darbee ni mudata. Yaada waljala darbu kana gidduu lixanii ummataafi warra geggeessan wajjin taa’anii waan ta’uu qaburratti hojjechaa turre.

Ammas hojiilee guguddootu hojjetamaa jira. Torbeedhuma kanallee hojjettoonni keenya namoota adda addaa, bakka bu’oota saboota Anyuwaafi Nuweer hirmaachisuudhaan dhimma

Bariisaa: Erga raawwiinsaa ijoon kana ta’anii kallattiin hojii egeree biirichaa maalinni?

Luba Waaqsiyyum: Egaa akkuma beekamu hojiin nageenyaa yeroo hunda haalota hunda keessatti barbaachisaadha. Waajjirri kun erga hundeeffamee waggoonni 28 lakkaa’amaniiru. Waggoota kanneen keessatti walitti bu’iinsonni gara garaa qunnamaa turaniifi duuka bu’aman bifoota adda addaa qabuuyyu.

Kanaaf akkaatuma bifaafi amala rakkoowan mudachuu danda’an sanaatti haaluma dhiyaachuusaatitti hordofneetu furaa turre. Gara fuulduraattis biyyi lafaa walitti bu’iinsarraa adda baati jechuu hindandeenyu. Walitti bu’iinsa ni xiqqeessita malee gonkumaa dhabamsiisuun hindanda’amu.

Sabaniinsaas namni yaadota adda addaa qabateetu walwajjin jiraata. Ati kallattii dhimma tokko ittilaaltu qabda. Anis kallattiin ittiin ilaalu qaba. Garuu maniin keenya tokko taa’us yaadni keenya waan waldhiitu fakkaata. Kana walitti fiduudhaan akka walhubannaafi walitti dhufeenyi jiraatu gochuu barbaachisa.

Adeemsi kun waan ittiittifufuuf biiroon kun fuuldurattis waan jalqabame kana cimsee ittifufa. Keessumaa yeroo rakkooleen adda addaa biyya keenya mudataa jiran kanatti namni qorqalbiidhaan miidhame baay’eedha. Kanaaf iddoon nuti irratti hojjenna jennee yaadnu kan amma hojjeta jirrurrati daballee ‘saayikoo soshaal sapporti’ kan jedhamuudha.

Amma sababa walitti bu’iinsaatiin kan ka’e ummanni keenya bakkawwan gara garaatti manaafi qe’eesaarraa buqqa’e, maatiifi firasaa dhabe, qabeenyasaa dhabe, kanaanis kan miidhamee danuutu jira. Kanaaf haalatti jarreen akkanaa gargaaruun danda’amurratti yaadaafi mari’ataa jirra. Hojii keenya cimsinee ittifufuuf murteessaa kan ta’u waan lafarra jiruudha.

Otoo waa hinjalqabiin maaltu lafarra jira jennee ilaalla, qo’anna. Erga qo’annicha qaaccessinee booda akkam goonee hojiitti hiiknee rakkinicha furuu dandeenya isa jedhurratti hojjechuuf jirra. Waajjirri keenya namoota gorsaan nu gargaaran ni qaba.

Kanneen waggoota nu fuuldura jiran akka karoora tarsiimoo waldaan qabdutti hojiileen achi keessatit hammataman jiru. Leenjiin, workishoppii amantoota bira darbee ummata jidduutti geggeessuuf karoora qabna.

Kanaaf karoora tarsiimawaa faana buuneet gara fuulduraatti gaaffiilee naannawa amantootaatti ka’an darbees ummata gidduu jiraaniifi mootummaa biraa ka’anirratti hundaa’uun waan nageenyaafi tokkummaa biyya kanaatiif ta’u akkuma kanaan dura jalqabnetti cimsinee ittifufna. Kanaafis humna namaa qabnu jabeessuun barbaachisaadha.

Waanti ittiin hojjennu kallattiilee adda addaatiin dabalees hojii qofaa ofii hojjechuun waan hindanda’amneef networkii jabeeffachuu, naannawa itti hojjennu wajjin walitti hiidhannaa cimsuu, bakka barbaachiisaa ta’e argameetti qaama mootummaa caasaa gadiifi gararraa jiru wajjin walin mari’achuudhaan, warra gargaarsa kennan wajjin taanee haalatti hojii kana jabeessinee ittifufnu uumuun barbaachisaadha.

Bariisaa: Mootummaan ammaan mariin biyyaalessaa akka taa’amuuf kallattii kaa’ee ittideemamaa jiraatii kun hojii keessan wajjin hammam walqabata? Milkaa’inasaatiif hoo maaltu ta’uu qaba jettu?

Luba Waaqsiyyum: Eeyyee egaa, dhugaadha wa’e marii kana dhageenyeerraa ni beekna. Hojiin araaraatiif waliin ta’anii hojjechuun barbaachisaadha. Waa’ee biyyaafi waa’ee eegeree biyya keessati hundumatu qooda qabachuu qaba. Kanaafuu hundinuu taa’anii mari’achuun hinjiru taanaan hojii hojjennuuf, misooma, guddinaa, tokkummaa, nageenya biyyaafi ummata kanaatiif rakkisaadha. Kanaaf mariin filmaata hinqabu, waan gaariidha.

Bariisaa: marii kana keessatti ga’een keessan maalimee?

Luba Waaqsiyyum: Ga’een keenya ilaalchisee ammaaf waanti as bahe hinjiru; attamitti akka hirmaannu, eenyu akka hirmaaturratti. Tarii kun karaa hoggansa waldaa dhufee nu bira ga’a ta’a. Garuu hunda caalaa mariin gaariidha. Kanaan durayyuu otoo waanti akkanaa jiraatee rakkoo akkana nagaa biyya rakko keessa galchu hindhufu ture.

Keessumaa karaa dhaabbilee boordii amantiifi jaarsolii biyyaa wajjin taanee waan baay’ee hojjetaa turreerra. Baay’ee deemneerras. Garuu yaadni nuti dhiyeessaa turre waan fudhatama hinarganneef dubbiinsaa hintaane. Amma mootummaan mariif saganteeffachuunsaa rakkolee nageenya amma mul’ataniif furmaata kan fidu taanaan bayeessa. Nagaadhaaf kan ta’u irratti qooda fudhachuuf hunduma irra kan eegamudha.

Bariisaa: Yaada waliigalaarra ga’uuf namoonni maricharratti qooda fudhatan haala kamiin, ilaalcha akkamiitiin hirmaachuu qabu?

Luba Waaqsiyyum: Gaariidha. Ilaalchi hirmaattonni qabaachuu qaban waan biyya kanaaf ta’u, tokkummaa, nageenya, misooma, guddina borii ummataaf biyya kanaatiif dhugaadhaaf haqarratti kan hundaa’e ta’u qaba. Kun hunda caalaa waan barbaachisuudha. Yaada lakkii kan koo qofa jedhuu, yaada walharkisuun, waldhiituun mari’atama taanaan baay’ee rakkisaa ta’a. Kanaaf yaada hundaa giddugaleessatti fidu, hunduma kan walqixa hirmachisu ta’u qaba.

Namni dhuunfaasaatti yaada qabaachuu hindanda’u jechuu miti. Garuu inni gamaas inni gamanaas carraa hirmaannaa argatee, yaadasaa karaa bilisa ta’e dhi’effatee gidduutti dhufee akka warra waliitti, biyyaafi ummata tokkootti, boru biyya kana wajjin jiraataniitti maaltu wayya? Maaltu mala isa jedhurratti warri yaada isa cimsu, furdisu qabatanii yoo dhufan waanti firi qabu tokko keessaa baha jedheen abdadha.

Bariisaa: Gama kanaan ummatarraa hoo maaltu eegama?

Luba Waaqsiyyum: Ofii kootii akkan ilaaluutti ummata bira silayyuu rakkinni baay’een hinjiru. Ummanni gara inni geggeessu deemutti deema. Yoo inni geggeessu ilaalcha nageenya, misoomaa, waa’ee tokkummaa ummata kanaa of keessaa qabu yoo jiraate isa faana bu’a. Kanaan ala ta’e argamnaan waan duukaa bu’u natti hinfakkaatu. Kanaaf ummanni silayyuu nagaa qaba. Ummanni marii nagaafi tokkummaa kanaaf yaada addaa qaba jedhee hin yaadu. Waliin ta’ee kan yaada boriisaatiif wayyu akka qabatu, yaadicha duukaa hiriiru nan abdadha.

Abbootiin amantii ummata araaraafi nagaa barbaadu kana biratti hunda caalaa fudhatama waan qabaniif dhimma nagaarratti yoomiyyuu cimsanii hojjechuu qabu. Waldaanis haaluma jalqabdeen ummata walitti fiduurratti xiyyeeffattee hojjechuu qabdi.

Waldaan caasaashii hamma godaatti diriirsteen qaqqabummaashii mirkaneeffachuu qabdi. Otoo amantoonni jiranii maaliif walitti bu’iinsi uumama inni jedhu gaaffii namatti ta’a. Karaa biraammoo ummatuma keessa jiraataniif yeroo dhaqnee mee taa’aa ni mari’annaa, waldhaggeeffannaa, waltaanee fala barbaadddanna jennuun ni dhaga’u. Yoo waamaman ni dhufu.

Hamma danda’ameefittis waan jedhaman ni raawwatu. Kanaaf adda addummaa qaba jedheen yaada. Ilaalchi mootummaa hoo akkami yoo naan jette isa keessa galee sana kana jechuu baadhus akkan ilaalaa jirutti kallattiilee adda addaatiin itti deemuun nagaa buusuuf yaaliin ni mul’ata.

Nagaa buusuuf namoonni walitti dhufun, mari’achuufi murteessuu danda’u. Waan murteessan sana garaadhuma guutuudhaan walqixa fudhatanii hojiirra oolchaa jiru jedhanii afaan guutanii dubbachuun garuu na rakkisa. Achitti xiqqoo garaa garummaa qabaa laata na jechisiisa.

Nagaan kan bu’u karaawwan adda addaatiin ta’uun beekamaadha. Isaanis, hamma dhimma tokkorratti waliigalamutti irratti haasa’uufi mari’achuun gaariidhuma. Kun ‘pozatiiv peace making’ jedhama. Karaa biraatiin yeroo tokko tokko akka badii guddaan hindhalanneef karaanitti nagaa buusuu yaalanis jira.

Bariisaa: Muuxannoodhuma keessanirraas kaatanii nuu ibsuu dandeessuu, maddi walitti bu’iinsaa maalinni mee Doktar?

Luba Waaqsiyyum: Maddi walitti bu’iinsaa hedduu ta’uu danda’a. Kan irratti hojjetaa turrerraa kaanee oggaa ilaallu jalqabarratti kan eeramu qabeenya (riisoorsiidha) irratti waldhabuudha. Kun isa guddaadha. Lammaffaan ilaalcha amantiirratti namni waliisaatiif qabuudha. Dhimmi eenyummaa (sanyiidhaan, lagaan walhiruu) kan yeroo baay’ee ka’udha.

Kana malees hiyyummaa, ofittummaa, haqni dhabamuu, ilaalcha siyaasaa, saamichaafi kkftu walitti bu’iinsa uuma. Kanneen hundaaf furmaanni dhaloota haaraa, daa’imanirratti hojjechuu barbaachisa, jijjiirama hawwamu fiduutu barbaadama taanaan. Kunis maatiirraa jalqabamuu qaba.

Maatiin ijoolleesaa duudhaa amantii, naamusaafi akeekaan bocee guddisuu qaba. Darbees dhaabbileen amantiifi manneen barnootaatti irratti hojjetamuu qaba. Daa’imman yeroosaanii dheeraa kan dabarsan dhaabbilee amantiirra mana barumsaafi maatii wajjin waan dabarsaniif iddoowwan kanneenitti sirnaan irratti hojjetamuu qaba.

Maatiin ijoolleesaaniif ittigaafatamummaa fudhatanii guddisuu qabu; boruuf qopheessuuf. Daa’imman Waaqa beekanii, hiriyootasaanii wajjin waljaalataa, duudhaa amantiitiin guddachuu qabu. Inni waldaa keessas ta’e ala jiru dhimma kanarratti xiyyeeffatee hojjechuu qaba. Dhaloota gama hundaan gahoome horachuu keessatti hunduu gahee matamatasaa bahachuu qaba.

Bariisaa: Dhumarratti ayyaana Dhaloota Iyyasuus Kiristoos kaleessa kabajame sababeeffattanii ergaan dabarsuu barbaaddan yoo iraate?

Luba Waaqsiyyum: Akka waldaatti otoo hintaane akka luba tokkootti ergaan ani Guyyaa Dhalootaa Gooftaa Keenya Iyyasuus Kiristoos kaleessa kabajame ilaalchisee dabarsu, seenaan kun kan ta’e akka lakkoofsa baraa biyya keenyaatti waggaa kuma lamaafi 14 ta’eera. Yeroo waggaan dhufee darbu inuma ayyaaneffanna.

Ayyaanechuun ykn yaadachuun gaariidhuma. Garuu ayyaanichi maal akka ta’e namaa galeeraa laataa gaaffii jedhu kaa’uun barbaachisaadha. Dhalachuunsaa kun ergaa akkamii akka of keessaa qabu hubanneerraa laata? Kan jedhuudha. Waa’een dhalootasaa yaadachuu ykn ayyaaneffachuu kun tokkoof tokko waa’ee nageenyaati. Kan biraa miti. Waa’ee nageenyaati. Maaltu akka waa’ee nageenyaa ta’u godhe yoo jenne?

Akkuma hundi keenya hubannu Waaqayyo jalqabatti nama iddoo gaarii kaa’e; akka bifaafi fakkeenyasaatti uumee. Iddoo gaarii kaa’ee abboommii kenneefii jennaan waan Uumaan kun abboome dogoggoreetu otoo hingodhiin waan hafef cubbuu hojjete. Cubbuu hojjechunsaa kun Waaqattii adda isa baase.

Iddoo inni kaa’eti gadi isa baase. Waaqarraa adda bahuu jechuun walitti bu’iinsatu uumame jechuudha. Nama sanaafi Waaqa gidduutti walitti bu’iinsi uumame. Walitti bu’insi uumame kun achitti hinhafne. Darbee nama uumame; Qaayeel obboleessasaa ajjeese. Sababiin isa Abeeliifi Qaayeel jidduutti walitti bu’iinsi uumame. Darbees uumama birayyuu ga’e. Uumamnis ni faalame; sababii cubbuu namaatiif. Kanaaf Waaqayyo inni namatti garaa hinjabaanne, garalaafessi guyyaa booddee akka nagaa buusu Seera Uumamaa boqonnaa sadii keessatti abdii kaa’e.

Masihii, araarsaan Kiristoos ni dhufa guyyaa booddee nama karaa Waaqayyoorraa kaate akkan Waaqayyotti araaramuuf garasaatti kan dhiyeessu, nama sababa cubbuusaatiin walwaliisaarraa adda bahe kan walitti butu ni dhufaa jedhe. Efesoon keessaa kana dubbifanna.

Diinummaa, waldhabdee, Waaqaafi nama; namaafi nama jidduu jiru oggaa yeroonsaa ga’utti du’asaatiin diige nagaa buusuuf. Kan nama dhibu guyyaa dhalootasaa sana namni haa hafuu ergamtoonni Waaqaallee ‘ol waaqarraa sagaleen faarfannaa dhaga’ame. Nagaan lafarratti akka ta’u, jireenyi gaariin namoota hundaaf akka ta’u, jedhanii faarfatan dhufaatiisaa.

Sababiinsaas otoo akka ergichi dhufetti, hangafni nagaa ni dhufa jedhameera akkuma Isaayyaasiin dubbatame, akkumammoo dhufe, akkuma ergamoonni Waaqaa dhugaa bahan inni ofiisaatiif nagaa koon isiniif dhiisa; isinii kenna jedhee akkuma dubbate.

Akkuma Yohaannis barreesse otoo nagaa inni nuu dhiise gidduu keenya kaa’etti otoo jiraanneerra ta’ee har’a waan dhageenyuufi waan arginu dhaga’uufi arguun nuuf hinta’u ture. Namatu isa dhaga’uu dadhabe. Nagaa kan ta’e Gooftaa Iyyasuus Kiristoos isa dhaga’uu dadhabe.

Kanaafuu ergaan ani qabu uumaan keenya Waaqayyo maqumtisaatuu nagaadha. Amantii kamuu yoo ta’e deemee deemee kanumatti fida; oggaa waa’ee nagaa kaafnu jechuu kooti. Waaqayyo nagaadha.

Oggaa ayyaana kana ayyaaneffannu lammiin biyya keenyaa hundi otoo xinnaa guddaa hinjedhiin yoo Waaqa kanaaf beekamtii kennine, isa kabajne walimmoo kabajna. Waa’een kabaja ayyaana Dhaloota Iyyasuus Kiristoota aadaa miti. Waaqayyo nagaa ilmaan namaatiif kanitti mul’iseedha.

Kanaaf nagaa Waaqayyoo isiniif haa ta’u jedhaa jedhee ergaa ayyaanicha keessa jiru isa waan ta’eef. Nagaa kanaaf beekamtii haa kenninu adaraa. Haa kabajnu. Ittihaa jiraannu. Yoo amantii kiristaanummaa keessa hinjiraannellee akkuma namaattuu nagaa walii qabaachuun gaariidha.

Nagaa qabaannee waliif jiraachuun nuufis ta’e biyyaaf bu’aadha. Waaqa uumaa keenya fuulduratti ammoo fudhatamaadha. Isa gammachiisas. Nummmoo lafarratti caalaatti gammachiisa. Kanaaf oggaa ayyaana kana ayyaaneffannu ergaan qabu nagaa kanaaf beekamtii kennuu; kabajuu, simachuu, waliif hirre nagaan siif haa ta’u yaa obboleessaa obboleettii jennee waliin jiraachuun barbaachisaadha.

Akka lammataatti ammoo hamma dandeenyetti namoota qe’eefi qabeenyasaaniirraa buqqa’an waan jiraniif haa gargaarru, haa utubnu. Yeroo nuti gammadnee galateeffannutti warri firasaanii dhabanii gaddaa jiran jiruu haa jajjabeessinu.

Baga ayyaana Dhalootaa Gooftaa keenyaatiin isin ga’e. Ayyaana Nagaa, Gammachuu, Tokkkummaafi Walwajjin jiraachuu nuuf haa ta’u, biyya keenyaa ammoo nagaa haa buusu jedha.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 30 Bara 2014

Recommended For You