Mana kitaabaa ammayyaa ‘Abrihoot’: Afrkaa bahaatti isa guddicha

Manni kitaabaa ammayyaa’aan ‘Abrihoot’ sadarkaa biyyoolessaa eegee Finfinnee, Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa fuulduratti qarshii biiliyoona 1.15 oliin ijaarame torban har’aa Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin kan eebbifame yoo ta’u, Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebee dabalatee hoggantoonni mootummaa federaalaa olaanaan, hayyoonni, barattoonni, diyaaspooraafi keessummoonni waamichi taasifameef gara garaa sirna eebba mana kitaabichaarratti argamaniiru.

Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebee sirna eebba mana kitaabichaarratti haasaa taasisaniin akka jedhanitti, manni kitaabichaa guddinaafi ammayyummaasaatiin biyyoota Afrikaa bahaatti isa duraa kan ta’e mana kitaaba ummataati. Mana kitaabichaa yaada Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad maddisiisaniifi deeggarsa isaan taasisaniin ijaaramee eebbisiifameera.

Finfinnee bareedduu ijaaruuf waadaa mootummaan gale milkeessuuf pirojektonni guguddoo hedduun ijaaramanii eebbifamuun tajaajilaaf oolaniiru. Manni kitaabichaas pirojektii guddicha bajata ramadameefiin yeroo qabameef keessatti xumuramee humna raawwachiisummaa mootummaa kan mirkaneesseedha jedhu.

Waraana keessa jiraannus hojiilee misoomaa keenya addaan hinkunne kan jedhan Aadde Adaanachi, halkanii guyyyaa hojjechuudhaan Itoophiyaan biyya hinjilggeenfanne ta’uushee mirkaneessaa jirra. Itoophiyaan biyya injifachaa jirtuudha.

Manneen barnootaa dhaabbilee biyyoolessaa barattoonni bor biyyattii dhaalan itti qaramaniidha kan jedhan Adde Adaanachi, manneen kitaabaa ammoo beekumsa alanfatanii liqimsuu keessatti gahee olaanaa qabu. Qorichi dhibee wallaalummaa ammoo kitaabolee keessaa argamu.

Nuti fuulota kitaabaa baay’isuuf tattaafanna. Qaamoleen farra ummataafi dhalootaa ta’an ammoo fuula kitaabotaa nuti baay’ifne keessaa kutanii balleessu. Humna beekumsaa jibbuufi dhaloota mancaasurraa kanaan ala waanti eegamu hinjiru. Nuti garuu mana kitaaba ifa ummataa ta’e kana ijaarree xumurree tajaajilaaf oolchineerra jedhu.

Yoo tokkummaa keenya cimsinee ittifufneefi yaadni mo’ataan akka mo’atu taasisuudhaan fuulota kitaabota seenaa keessatti nageenya, tokkummaa, gootummaa, jaalala biyyaafi lammiileefi badhaadhinaa barreessuu dandeenya.

Hojiin sammuu namaa qaruu caalu hinjiru. Kanaafuu manni kitaabaa sammuu ummataa qaru kun Finfinneetti ijaaramuun dhalootaa qaruu keessatti gahee olaanaa qaba. Manni kitaabichaas qarshii biiliyoona tokkoo oliin lafa heektaara kuma 19 irratti kan ijaarame, keessoosaatti darbiiwwan afur, shalfiiwwan kiiloomeetira 1.5 dheerataniifi kitaabota miliyoona 1.4 qabatu kan qabu ta’uu eeraniiru.

Manni kitaabaa qulqullina sadarkaa biyyoolessaa eeggatee ijaarame kun manneen kitaabaa ammayyaa Afrikaa keessa jiran 10 keessaa tokko ta’uu eeranii, kitaabota kuma 400 ol, kitaabota soofti koppii kuma 240 ta’an, barreeffamoota qorannoo biyyaalessaa kuma 360 ol ta’aniifi barreeffamoota qorannoo biyyoolessaa kuma 120 kallattiidhaan mana kitaabichaa keessaa argachuun ni danda’ama.

Manni kitaabichaa suuqota kitaabonni itti gurguraman saddeet, bakka haadholiin hoosisan taa’anii dubbisan, bakka qarodhabeeyyiin dubbisaniifi kitaabota bireeylii akkasumas kaaffeefi galma walga’ii ammayyaa’aafi bakka yeroo tokkotti konkolaattota 115 dhaabuu danda’u kan qabu ta’uu eeraniiru.

Manni kitaabichaa itarneetiifi ‘Wifi’ bilisaa kan mataasaa kan qabuufi altokkotti bakka namootni kuma 200 ol taa’anii dubbisan kan qabu ta’uu kan himan kantiibattiin, manni kitaabichaa namoota dubbisaniifis ta’e daaw’ataniif hawwataa; naannawichaafis miidhagina addaa kan kenne ta’uufi lammiilee hedduuf carraa hojii ni uuma jedhan. Maatiin ijoollonni, barsiisonniifi hayyoonni, qorattoonni mana kitaabichaatti akka fayyadamaniif waamicha dhiyeessaniiru.

Ministirri Muummee Abiyyi haasaa sirna eebba mana kitaabichaarratti taasisaniin akka jedhanitti, manni kitaabichaa Itoophiyaa kan madaaluufi fedhii manneen kitaabaa ammayyaa’oo biyyoota alaatti arginee utuu qabaannee jennee hawwinu kan guuteedha. Moggaasni maqaa mana kitaabichaa ‘Abrihoot’. Abrihoot seenaa biyyattii dhokatee ture kan ifatti baasu, daandii qabeenyaafi nageenyaati. Abrihoot furtuu rakkoo wallaalummaati.

Abrihoot maalummaa biyyaa, seenaa, bilisummaafi daandii gara badhaadhinaatti geessu kan akeeku bu’uura beekumsaati. Beekumsi ammoo daandii ittiin harqoota wallaalummaa keessaa ittiin ba’aniidha. Wallaalummaan dukkana, dukkanni nama sodaachisa ni jibbamas. Dukkana wallaalummaa kan ibsu ammoo beekumsa.

Biyyoota addunyaa 190 ol ta’an keessaa qubee mataasaanii kan qaban 18 keessaa Itoophiyaan ishee tokko. Biyyoota Afrikaa keessaa ammoo qubee mataashee kan qabdu Itoophiyaa qofa. Manni kitaabaa ammayyaa’aan kun seenaa barreeffamaa abboota keenyarraa dhaalle dhalootaa gara dhalootaatti akka darbu taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Manni kitaabaa kun gahaa waan hintaaneef kutaalee magaalotaattis babal’achuu qaba. Qulqullina mana kitaabichaa sirriitti eeguufi ittifayyadamuun barbaachisaa waan ta’eef hawaasni magaalattii, Ministeerri Barnootaafi yunivarsitoonni itti dhiyeenyaan to’achuufi hordofuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Mootonni Itoophiyaatti dhufanii darban dhaabbileefi qabeenyaan hedduun diigamaniiru, utuu hindiigamin kan hafan dhaabbilee amantiiti. Dhaabbileen amantii seenaa hedduu barreessaniiru, seenaa dhokataafi hindubbatamne hedduus of keessatti qabataniiru.

Dhaabbanni Islaamaas ta’e kiristaanaa dhimma amantii qofa osoo hin taane seenaa barreessaniiru. Barreeffamoota kunneen qindeessinee dhalootaa dhalootatti akka darbu taasisuu qabna. Dhaloota seenaa biyyattii beeku horachuu kan dandeenyus yoo kana gooneedha jedhu.

Manni kitaabichaa ijaarsawwan guguddoo jijjiiramaan booda hojjetaman keessaa tokkoofi ijoolleen keenya seenaafi eenyummaasaanii beekanii akka guddatan taasisuuf kan gargaaru ta’uu himanii, kana malees golambaa (muuziyamiin) saayinsii qulqullina sadarkaa biyyoolessaa eegeen Hoteela Sharaatan Addisi gararraatti ijaaramaa jira.

Fedhiin keenya masaraan mootummaa waggoota muraasa keessatti bakka amma jirurraa gara iddoo biraatti jijjiiramee masaraa keesatti seenaan akka qoratamu, manneen kitaabaa keessatti akka barreeffamaniifi dubbifaman taasisuudha. Muuziyamii saayinsii keessattis kan kaleessaa qofa osoo hintaane kan borii fageessinee akka yaadnu taassisuun naannawicha mandara hawwata turistii taasisuuf kan hojjetan ta’uu eeraniiru.

Turistoonni Itoophiyaan biyya seena qabeettii akkamii akka taate akka hubatan taasisuurratti xiyyeeffannee ni hojjenna kan jedhan Doktar Abiyyi, kana dhugoomsuuf ida’amuu qabna. Ummanni hinida’amne injifachuu hindanda’u.

Waca tokkummaa keenya diigu dhaggeeffachuu hinqabnu. Tokkummaadhaan dhaabannee nageenya, misoomaafi badhaadhinaaf hojjechuu qabna. Onneen jaalalaafi dhiifamaa ammas nu barbaachisu. Badhaadhina hawwinu bira ga’uuf harka nageenyaaf hiixatuufi hammatu, onnee jaalalaafi dhiifamaa qabaachuufi miiraan bitamuurraa fagaachuu qabna jedhaniiru.

Mana barumsaa sadarkaa 2fa “Balaay Zallaqa’ irraa sirna eebba mana kitaabichaarratti kan argame barataan kutaa 10fa Solomoon Mabrii, mana kitaabichaa bifa ammayyaa’aafi hawwataa ta’een kan ijaarame, kitaabota hedduu kan qabuufi bakka dubbisaa bal’aa altokkotti namoota hedduu keessummeessuu danda’u qabu kanatti fayyadamuuf qophiidha jedha.

Manni kitaabichaa daandii ittiin dukkanaafi wallaalummaa keessaa baanu kan nutti agarsiisuudha. Nuti barattoota baay’ee bakka buunee waan dhufneef barattoonni biroon mana kitaabichaa deemanii akka daaw’ataniifi dubbisaniif kan jajjabeessu ta’uus ibseera.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 30 Bara 2014

Recommended For You