Ispoortii aadaa yeroo ayyaana Qillee taphataman

Finfinnee: Itoophiyaatti Guyyaa Dhaloota Iyyasuus Kiristoosiin ilaalchisuun waggaa waggaadhaan ispoortiin aadaa adeemsifamaa tureera. Akaakuuwwan ispoortii addaddaatiin kan gaggeeffamu ispoortiin aadaa kun dorgommii dargaggootaafi ga’eessota jidduutti taasifamuun adeemsifama.

Akaakuun ispoortiiwwan kunneenis, gugsii Fardaa, qillee, saddeeqa, korboo, eeboo darbachuu, wallaansoo, adamoofi kkfdha.

Ispoortiin kun baranas naannoolee adda addaa, keessattuu Oromiyaafi magaalaa Finfinneetti dargaggootaafi ga’eessota jidduutti adeemsifamaa jira.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 30 Bara 2014

Recommended For You