Oromoon Itoophiyaa ijaaruu keessatti utubaadha gafa jennu sababiidhaani. Oromoon aarsaa ilmaansaa qaalii jiraachuu Itoophiyaatiif kaffalaa turaniifi har’as itti jiran ”abbaa lubbuu’’ isa jechisiisa.
Oromoon goota afaanii osoo hintaane goota gochaa ta’uu dhiignisaanii gaarren Adwaarratti dhangala’eefi lafeensaanii caccabee utubaa ta’ee Itoophiyaa dhaabe ragaadha.
Saafoon saafoo dhalchee darbuusaa ammoo kutannoofi gootummaa Dhibbaalaa Geetaachoo Morodaa Boruu gammoojjii Tambeenitti agarsiiseefi lubbuusaa dirree qabsoo “Gaashanaatti” wareegerraa hubachuun ni danda’ama.
Dacheen Shawaa Kibba Lixaa biyya deessuu Baalchaa Abbaa Nabsooti. Baalchaan weerara Xaaliyaaniin Itoophiyaarratti bante biyyarraa qolachuuf loltootasaa faanni abiddaa fardeeniin dabaalame of duukaa buusee gaarreen Adwaarratti bobba’ee gootummaasaa agarsiisuun har’a seenaadhaan leellifamaa jira.
Saafoon diinaaf tokko fakkaatee mul’atus Oromoon Saafoo kumaatama kan qabu ta’uu kaleessas har’as ifatti agarsiisaa jira. Jaalala Itoophiyaanummaaf jecha waakkii tokko malee lubbuusaanii wareeganii kan darbanis kumaatama.
Gama kanaan gootummaa Abuna Pheexiroos (Magarsaa Badhaasaa)du’a tuffachuun Itoophiyaa caalchisanii wareegama qaalii kaffalan ilaaluun danda’ama. Gootota akka Hayilee Fidaa cunqursaa diduun qabsoo Oromoo finiinsaa umrii diina Oromoo gabaabsaa Saafoo kumaatama horanii darban yaadachuun barbachisaadha.
Murna hattuufi gantuu Juuntaa buqqisuuf qeerroofi qarreen Oromoo kumaatama wareegaman Saafoowwan jaalala biyyaafi Oromummaaf wareegama kaffaluun ofii darbanii seenaa hindabarre dhaloota haaraaf ol kaa’aniidha.
Wareegama saafoowwan Oromoo Oromummaafi Itoophiyummaa dhugaa lafa qabsiisuuf taasisan yeroorraa yerootti akka barbadaa abiddaa finiinaa kan jiru yoo ta’u, of caalaa eenyummaafi biyyasaaniif jiraachaa ofii aarsaa ta’aniiru.
Duula Wayyaanee dhabamsiisuuf taasifame keessatti qooda olaanaa kan qabu Artisti Haacaaluu Hundeessaas Saafoo biroo Oromoon ittiin boonu, imala qabsoo inni eegale akka milkaa’uuf cuuphata ta’ee tajaajiluudha.
Saafoon saafoo dhalchee gootota kumaaf kitila horee Oromoon Oromiyaarra darbee Itoophiyaa dhiigaaf lafeesaatiin tiksee asiin gahe dhaloota har’aa harkaan gahateera. Itoophiyaan kana booda ijaaramtu kamuu walqixxummaa sabootaatti amantu, biyya federaalizmii sabdaneessaa keessummeessitu qofa.
Itoophiyaa ija kaleessaatiin ilaalaa biyya olaantummaan saba tokkoo afaan tokkoo, aadaa tokko, hanni, saamichi gara garaa keessatti gaggeffamu ijaaramti jedhanii yaaduun of dhalchuudha.
Ilaalchi boodatti hafaan akkasii akka hafuufi walqixxummaan sabootaa akka dhugoomu, federaalizmiin sabdaneessaa hunda walqixa keessummeessu qabatamaan akka hojiirra oolu hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, kunniin hundi bu’aa ilmaan Saafoo ta’uu dagatamuu hinqabu.
Har’as Saafoon Saafoo dhalchee Dhibbaalaa Geetaachoo Morodaa bara 2000 kaasee RIBtti makamee walabummaa biyyasaa eegsisuuf goota qabsaa’aa tureedha.
Gantummaa murni Juuntaa isaaf fakkaatotsaarratti raawwate sababa godhachuun guyyoota 40f gammoojjii Tambeen keessa ilmasaa tokkicha rarraafatee boolla jeedalaa keessatti dheebuufi beelaan waxalamaa imala qabsoosaa milkeessuuf lubbuusaa kan hinmararfanne ture.
Erga gargaarsa mootummaan cunqursitoota kana jalaa bahee gootummaa Saafoo isa keessa bulerraa kan ka’e tokkicahasaa dirreen qabsoo Itoophiyaa kaabaa isa badhaaste ijoollee Saafootti kennee haaloo ba’achuuf deebi’ee lolaa tureera.
Dhibbaalaa Geetaachoon Itoophiyaa kaabaa dhiiga Saafoowwanii mi’eeffatte sana keessatti yoo wareegamu seenaa hindabarre galmeessee gootummaa lammii irraa dhufee agarsiisee darbeera. Kun Oromoof seenaa hindagatamne, halluu warqiin katabamee taa’uu qabu yoo ta’u, inni Saafoo tokko bakka buufatee darbeera.
Saafoon kunis Abbaa Biyyaa Geetaachoo Morodaati. Abbaa Biyyaan ilma Dhibbaalaa Geetaachoo Morodaa Boruu yoo ta’u, Dirree lolaa Itoophiyaa kaabaarraa kaasee osoo gateettii abbaasaarraa hinbu’iin dheebuufi beeluun waxalamaa gootummaa abbaasaa umriisaa kichuutti argeera.
Abbaan ilmasaa ciniinsuu keessa dabarsee asiin gahate fidee obboleeyyansaa sanyii Saafootti imaanaa kennatee ofii aarsaa ta’us Abbaa Biyyaan guddatee Saafoo boruu ta’ee imala qabsoo abbaasaa akka dhogoomsu abdatama.
Mul’atni Dhibbaalaa Geetaachoo karaatti akka hinhafneefi milkaa’uuf deeggarsa Kantiibaan Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebee guddistoota ilmasaatiif taasisan kana nama boonsu, gammachiisuufi onnee namatti horuudha. Goota lubbuusaa hinwaakkanneef waan kana caaluyyuu taasifamuufii qaba.
Egaa gootonni akka Dhibbaalaa Geetaachoo Itoophiyaan qabdu kumaaf kitila.
Egaa Oromoon gaafa nama eebbisu “nama borii ta’i, ilma abbaa caalu malee kan abbaa dhaanu hinta’iin” jedha. Anis Abbaa Biyyaa ilma Saafoo “Saafoo boruu” ta’in jedha. Harkikee seenaa qaba dhiira gumaa baasu malee kan gumaa nyaatu hinta’iin.
Jirra Bullee Barii Arguuf!
Horaa Bulaa
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 30 Bara 2014