Misooma ispoortiif iddoowwan oolmaa ga’an barbaachisaadha

Finfinnee: Ministeeri Aadaafi Ispoortii tibbana sadarkaa ijaarsi istaadiyeemii Finfinnee, naannawa Garjiitti argamu irra jiru daaw’atee daawwachiiseera.

Daaw’annicharratti kan argaman Ministir Addaafi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa akka ibsanitti, barana babaldhisa iddoowwan oolmaa ispoortiif dursi kennameera. Istaadiyomonni Finfinneetti argamanis hojiisaanii dafanii akka xumuraniif hordoffiin taasifamaa jira.

Ijaarsi istaadiyomni haaraa altokkotti tokkotti teessumaan daaw’ataa kuma 63, walumaa galatti yeroo tokkotti daaw’ataa kuma 70 ol qabachuu danda’u dafee akka xumuramuuf hojjetamaa jira.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 23 Bara 2014

Recommended For You