“Waldaaleen hojii gamtaa gatii tasgabbeessuu keessatti gu­maacha guddaa taasisaa jiru” -Obbo Abdii Mummad

Keessummaan keenya maxxansaa kanaa Daariktara Ittaanaa Komishinii Hojii Gamtaa Federaalaa Obbo Abdii Mummad yoo ta’an, gaafdeebii Gaazexaan Bariisaa dhimmoota wayitiifi Waldaalee Hojii Gamtaarratti xiyyeeffachuun Roobii darbe isaan wajjin taasise akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Bariisaa: Bakka dhalootaa, haala barnootaafi muuxannoo hojii keessanii gabaabumatti utuu nuu ibsitanii?

Obbo Abdii: Godina Harargee Bahaa, Aanaa Jaarsoottin dhaladhe. Barumsa koo sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa magaalaa Hararittin baradhe. Waggoota saddeetii oliif bulchaa aanaalee Gursumiifi Baabbilee ta’ee tajaajileera.

Naannoo Harariittis ittigaafatamaa damee nageenyaa ta’ee waggoota afuriif hojjedheera. Miseensa paarlaamaa ta’ees tajaajileera. Ergan Finfinnee dhufee barnoota koo digrii jalqabaa Yunivarsitii Rifti Vaaliirraa Bulchiinsaan, digrii lammaffaa ammoo geggeessummaadhaan Kolleejii Yunivarsitii Liidistaarirraa fudhadheera.

Mana Amala Sirreessaa Federaalaas daarektarummaan tajaajileera. Bara 2007 irraa eegalee hanga ammaatti ammoo Daarektara Ittaanaa Komiishinii Hojii Gamtaa Federaalaa ta’een hojjechaa jira. Walumaagalatti hoggansaafi geggeessummaarra waggoota dheeraaf hojjedheera.

Bariisaa: Waldaaleen Hojii Gamtaa Itoophiyaa keessa jiran hammam ta’u? Tajaajilli isaan kennaa jiranoo maal fakkaata?

Obbo Abdii: Itoophiyaa keessa waldaalee hojii gamtaa bu’uuraa kuma 99, yuuniyenota 395fi federeeshinoota naannolee shantu jiru. Waldaaleen miseensota miliyoona 25fi kaappitaala qarshii biliyoona 50 ta’u kan horatan yoo ta’u, namoota miliyoona lama ta’aniif carraa hojii yeroofi dhaabbii uumaniiru. Waldaaleen hojii gamtaa gatii gabaa tasgabbeessuu, ittifayyadama haqaqabeessa mirkaneessuu, aadaa qusannaa guddisuu, hiyyummaafi hojidhabdummaa hir’isuufi dinagdee biyyaa utubuu keessatti gahee olaanaa qabu. Waldaaleen hojii gamtaa baadiyyaatti jijjiiramni akka dhufu gochuurratti gumaacha olaanaa taasisaa jiru.

Baay’ina ummata biyyattii keessaa %80 qonnaan bulaa waan ta’aniif isaaniif galteewwan qonnaa dhiyeessuun omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuufi qonnaan bulaan qarshii argatu qusatee jiruufi jireenyasaa akka fooyyeffatu gochuu keessatti gumaacha guddaa taasisaa jiru.

Qonnaan bultoonni waldaa hojii gamtaatiin gurmaa’an galteewwan qonnaa argachuuf, omishasaanii gurgurachuuf, qarshii argatanirraa qusachuufis ta’e liqeeffachuuf carraa gaarii qabu. Bakkeewwan waldaaleen hojii gamtaa ciccimoon jiranitti qonnaan bultoonni daran fayyadamaa jiru.

Bariisaa: Gahee waldaaleen hojii gamtaa gatii gabaa tasgabbeessuu keessatti qaban akkamitti ibsama?

Obbo Abdii: Waldaaleen hojii gamtaa omishaalee qonnaa gatii madaalawaadhaan gabaaf dhiyeessuudhaan gatii tasgabbeessuu keessattis gumaacha guddaa taasisaa jiru. Fakkeenyaaf daldaltoonni xaafii kuntaala tokko qarshii kuma shaniin yoo gurguran waldaaleen ammoo qarshii kuma afuriifi 500n gurguraa jiru.

Gabaa Sambataafi Dilbataa Magaalaa Finfinneetti jalqabamerrattis waldaaleen hojii gamtaa hirmaataafi gatii gabaa tasgabbeessuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa waan jiraniif gabaan kun daran babal’atee akka ittifufu ni taasifama.

Daldaltoonni Arbaa Mincitti Muuziin kiiloo tokko qarshii 10-12n qonnaan bulaarraa bitanii utuu sona tokkollee itti hindabalin Finfinneetti qarshii 35n gurguraa jiru. Cancala daldaltoonni diriirsan kanaan qonnaan bulaas ta’e hawaasni bitataan saamamaa jira.

Rakkoo kana furuuf Bulchiinsa Magaalaa Finfinneefi Mootummaa Naannoo Oromiyaa wajjin mari’annee gabaan Sanbataafi Dilbataa hundaa’eera. Kunis gatii gabaa tasgabbeessuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jira. Akka gabaan sirnaan adeemsifamuufi ittifufiinsa qabaatu gochuufis hojjechaa jirra. Omishtoonni Finfinneetti dhiyoo jiranis omishasaanii giddugala gabaatiif akka dhiyeessaniif haalli mijaa’aan uumamaa jira.

Finfinneetti gabaan Sanbataafi Dilbataa bakkeewwan 14tti adeemsifamaa jiru. ‘Oro Fresh” Finfinneetti bakkeewwan gara garaa sadiitti omishaalee qonnaa gatii madaalawaadhaan bitattootaaf dhiyeessaa jira.

Gabaa Sanbataafi Dilbataa kanarratti omishaalee qonnaafi industirii fayyadamtootaaf gatii madaalawaadhaan dhiyaachaa jira. Gabaan faddaaltota daldaltoota, qonnaan bultootaafi bitattoota saamaa turan gabaa keessaa baasaa jiru kun magaalota naannoleettis akka babal’atu hojjetamaa jira.

Naannoleenis gabaa kanarraa muuxannoo qooddachuun magaalotasaaniif akka dhiyeessaniif kallattiin taa’eera. Oromiyaatti gabaan kun magaalota adda addaatti jalqabameera.

Bariisaa: Waldaaleen hojii gamtaa gabaa kana keessatti hirmaachuun gatii tasgabbeessuurratti fakkeenyummaan eeraman yoo jiraatan?

Obbo Abdii: Gabaa Sanbataafi Dilbataa Finfinneerratti waldaalee hedduun omishaalee qonnaa dhiyeessaa jiru. Kanneen keessaa tokko Waldaa Dargaggoota Caffee Hojii Gamtaa Waliigalaati. Waldaan sadarkaa federaalaatti hundaa’ee socho’aa jiru kun yeroo gabaabaa keessatti miseensota kuma 10fi kaappitaala miliyoona 300 horachuun hojiitti seenee yeroo ayyaanaatti hoolota dabalatee omishaalee qonnaa gatii madaalawaan dhiyeessuun fakkeenyummaan eerama. Kanumarraa ka’uun Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebees waldichaaf Giddugala Gabaa Jamootti bakka gurgurtaa kennaniiru.

Waldichi muuxannoosaa maanaajimantii keenyaafi waldaalee birootiif akka qoodu taasifameera. Waldichi dhimma dinagdee qofa utuu hintaane dhimmoota nageenyaa, araaraa, misoomaarrattis bal’inaan hirmaachuun adda durummaan eerama.

Komishiniin keenyas erga tattaaffii, raawwii hojiifi karoora bizinasii waldichaa hubatee booda deeggarsa barbaachisu taasisaafii akkasumas waliin hojjechaa jira.

Bariisaa: Waldaalee tajaajila kennaniin fakkeenyummaan eeraman kamfaadha?

Obbo Abdii: Gama kanaan waldaan Hojii Gamtaa Liqiifi Qusannaa Awwaac Finfinneetti argamu fakkeenyummaan eerama. Waldichi miseensota 32fi kaappitaala qusannaa qarshii kuma 16n kan hundaa’e yoo ta’u, waggaa 10 keessatti miseensota kuma 50fi kaappitaala qarshii biiliyoona 2.2 horateera. Waldichi humna qarshii liqeessuusaa kuma 500 ture yeroo ammaa gara miliyoona tokkootti guddiseera; dargaggoota hedduufis carraa hojii uumeera.

Namoonni waldaa Awaaciitti qusachuun ji’a ja’a booda liqeeffatanii barnoota digrii lammaffaa ittiin baratan, gatii mana waliin jireenyaa kaffalatan, hojii dhuunfaa ittiin uummatan, konkolaataa ittiin bitataniifi dhimmoota gara garaa ittiin oolan hedduudha.

Waldichi Finfinneetti dameelee 11 kan qabu yoo ta’u, Bishooftuufi Galaanittis damee banatee hojjechaa jira. Awwaac Waldaa Hojii Gamtaa bu’uuraa tokko ta’us hojiidhaan yuuniyenota tokko tokko ni caala.

Bariisaa: Gaheen hojii waldaalee yuuniyenotaa maalinni?

Obbo Abdii: Haala amma jiruun hojiin waldaaleefi yuuniyenotaa walmakee mul’atus gaheen hojii waldaa karaa miseensotasaa omishuu yoo ta’u, yuuniyenonni ammoo omishicha irraa bitee sona ittidabaluun gabaa biyya keessaafi alaatiif dhiyeessuudha.

Bariisaa: Rakkoolee guguddoon waldaalee hojii gamtaa mudatan maalfaadha?

Obbo Abdii: Waldaaleen hojii gamtaa rakkoolee gurmaa’inaa, hojmaataa, faayinaansii, humna nama barateen hogganamuu dhabuu, bu’uuraalee misoomaafi walitti hidhamiinsa gabaa qabu.

Hojmaatni ittifayyadama faayinaasii biyyattiis haqa qabeessa miti. Hojmaata faayinaansii amma jiruun hiyyeessi yoo qusatu sooressi ammoo liqeeffatee ittifayyadama. Baankonnis nama mana, konkolaataa, warshaafi lafa kaartaa qabuuf qarshii liqeessu. Qabeenyi qonnaan bulaa ammoo lafa, omishaaleefi beelladoota. Qonnaan bulaanis qabeenyasaa kana qabsiisee akka liqeeffatuuf haalli mijaa’aa jira.

Waldaaleen hojii gamtaa qarshii ga’aa omishaalee miseensotarraa ittiin bitanii kuusaniifi mankuusa hinqabnes hedduudha. Rakkoo hanqina maallaqaa waldaaleen qaban furuuf baankii hojii gamtaa akka qabaatan gochuuf adeemsarra jirra. Waldaaleen nama barateen hogganamuu qabu. Miseensonni boordiis namoota baratan ta’uu qabu. Rakkoon bu’uuraalee misoomaa waldaalees adeemsa keessa furamaa kan deeman ta’u.

Yeroo ammaa barnoonni hojii gamtaa yunivarsitiiwwan biyyattii 10tti akka koorsii tokkootti kennamaa jira. Gara fuulduraatti ammoo kaarikulamii barnootaa keessa galee baratamuu qaba. Yunivarsitiiwwan kunneen hojii gamtaarratti qo’annoofi qorannoowwan gara garaa hojjechuun nu waliin hojjechaa jiru.

Bariisaa: Hojiilee ijoon komiishiniin keessan irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiru maalfaadha?

Obbo Abdii: Komiishiniin keenya waggoota shanan darbanii as dameewwan xiyyeeffannaa tarsiimawaa afurirratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Inni duraa waldaalee hojii gamtaa jabeessuufi ammayyeessuudha.

Damee xiyyeeffannaa kanaan waldaalee hojii walfakkaatu hojjetan walitti makuun hojii bu’aa qabeessa akka hojjetan ni taasifama. Waldaaleen dadhaboon akka fooyya’aniif deeggaramanii of fooyyessuu hindandeenye ammoo ni haqamu.

Kunis mariifi amansiisuudhaan raawwatama. Waldaaleen maqumaaf jiraniifi sochii tokkoyyuu taasisaa hinjirreefi miseensotaafis ta’e hawaasaaf bu’aa buusaa hinjirre ni diigamu. Leenjii qorannoorratti xiyyeeffates hoggantoota boordii, waldaaleefi hojjettootaaf walitti fufiinsaan akka kennamu ni taasifama.

Waldaaleen keenya waan duubatti hafoo ta’aniif ammayyeessuun dirqama. Jijjiiruufi dorgomoo taasisuufis humna nama barateetiin geggeeffamuu qabu. Hojiin kun humna nama hinbaratiniin akka hojii dabalataatti kan hogganamu yoo ta’e bu’aa barbaachisu fiduu hindanda’u. Kana booda waldaaleen hogganaa beekumsa qabuufi yeroosaa guutuu hojii waldaarratti dabarsuun geggeeffamuu qabu.

Gahee gabaa waldaalee guddisuunis kallattii hojii keenya isa lammaffaadha. Sadaffaan bu’aa qabeessummaa agroo industirii guddisuudha. Kana booda waldaaleen omishasaaniitti sona dabalanii gurguruu qabu. Kallattiin xiyyeeffannoo keenya afraffaan qusannaafi investimantii guddisuudha. Invastimantiifi guddinni dinagdee biyyattiis qarshii lammiileen qusatanirratti hundaa’a. Shanaffaan seera qabeessummaafi nageenya waldaalee mirkaneessuurratti xiyyeeffannee hojjechuudha.

Rakkoolee Waldaalee Hojii Gamtaa furuuf imaammanniifi tarsiimoon qophaa’eera. Hojiin gamtaa waggaa 15 booda eessa ga’uu qaba kan jedhurrattis roodmaappiin qophaa’eera. Waldaaleen omishaaleetti sona dabalanii gabaa biyya keessaafi alaatiif akka dhiyeessaniif ni hojjenna.

Waldaaleen odeeffannoo gabaa argatanii dorgommii gabaa ammayyaa’aa keessa galuu qabu. Gabaaf omisha gahaa dhiyeessuuf yoom maal omishuu akka qabanis beekuu qabu. Omishasaaniis qulqullinaan gabaaf dhiyeessuun dorgomaa ta’uun faddaaltotaafi daldaltootaan saamamuurraa bilisa ta’uu qabu.

Hanqinni bajataa, bu’uuraalee misoomaa kanneen akka daandii, wiirtuu gabaafi mankuusaa, geejjibaafi faayinaansii rakkoolee guguddoo waldaalee mudataniidha. Komishinichi rakkoolee kanneen qorannoorratti hundaa’ee furuuf hojjechaa jira. Ministeera Qonnaa waliin ta’uunis omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuurratti xiyyeeffannee hojjechaa jirra.

Bariisaa: Aadaan qusannaa waldaalees ta’e ummata biyyattii sadarkaa akkamiirratti argama. Akkamittis cimsuun danda’ama?

Obbo Abdii: Itoophiyaan hanqina faayinaansii olaanaa qabdi. Biyyoota birootti namoonni baankotarraa qarshii liqeeffatan baay’inaan waan hinjirreef baankonni bu’aa xiqqoofi onnachiistuuwwan adda addaa taasisuufiin qarshii liqeessu.

Kun aadaan qusannaa lammiilee guddachuufi qarshii guddaan baankota keessa jiraachuu agarsiisa. Nuti garuu aadaan qusannaa keenya laafaa waan ta’eef qarshii har’a argannu har’uma balleessina; boriif hinqusannu jechuudha. Kanaafuu aadaa qusannoo keenya gabbisuurratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna.

Ummanni biyyattii miliyoona 120 ta’u guyyaatti qarshii tokko tokko utuu qusatee guyyaatti akka biyyaatti qarshii miliyoona 120tu qusatama. Qarshii kana yoo gara 10, 20fi isaa olitti guddifne qusannaan keenya daran dabala jechuudha.

qarshiin akka biyyaatti qusatamus akkasuma dabalaa deema. Aadaa qusannaa biyyattii %17 irra jiru daran fooyyessuurrattis xiyyeeffannee hojjetaa jirra. Qarshii baankiitti qusatametu hojiilee invasimantii gara garaatiif oolee guddina dinagdee biyyaa utuba.

Aaadaa qusannaa keenya guddisuun dhiibbaa biyyoota alaatiin nurra gahus ni hir’isa. Biyyoonni Lixaa akka Ameerikaa qarshii liqiifi deeggarsa adda addaa waan nuuf taasisaniif maxxantuusaanii taanee akka jiraannu barbaadu. Ameerikaan dhiibbaa Itoophiyaarraan gahaa jirtu biyyoota dinagdeen guddatan kanneen akka Jaappaan, Kooriyaafi Chaayinaarraan gahuu hindandeessu.

Ameerikaan dhimmoota nageenyaafi filannoo Itoophiyaa keessa seenuu barbaaddi; nama ani isiniif muude yoo ta’e malee filannoon keessan beekamtii hinqabu jechuun birmadummaa biyyattii dhiibuu barbaaddi.

Ameerikaan Itoophiyaa qofa utuu hintaane biyyoota Afrikaa guddina dinagdeetiin boodatti hafoo ta’anirrattis dhiibbaawwan gara garaa taasisuudhaan maxxantuu dinagdee ta’anii akka jiraatan barbaaddi. Maxxantummaa dinagdee Ameerikaafi biyyoota guddatanii jalaa ba’uuf ammoo aadaa qusannaa keenya guddisuurratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna.

Biyyoota akka Jaappaaniifi Chaayinaatti humni qusannaa ji’aa nama tokkoo %50-60ti. Kana jechuun namni tokko galii ji’atti argaturraa %50 ol qusata jechuudha. Lammiileen biyyoota kunneenii karooraan ala qarshii hinbaasan.

Nutis aadaa qusannaa keenya guddisuudhaan qarshii qusatame ammoo invastimantiif oolchuudhaan guddina dinagdee biyya keenyaa si’eessuun maxxantummaa dinagdee biyyoota alaa jalaa ba’uu qabna.

Waldaaleen Hojii Gamtaa keessumaa hawaasni keenya baadiyyaa jiru qarshii argatu akka qusatu taasisuu keessatti gehee olaanaa isaanirraa eegamu akka bahataniif jajjabeessuufi deeggaruun barbaachisaadha. Komishinichi qarshii biiliyoona 20 ol waldaalee hojii gamtaatiin qusatamee jiru daran guddisuuf aadaa qusannaa guddisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.

Bariisaa: Waldaaleen hojii gamtaafi yuuniyenoonni seera eeganii akka hojjetan taasisuurratti hordoffiifi to’annoon jiru maal fakkaata?

Obbo Abdii: Waldaaleen hojii gamtaa, yuuniyeenonni, federeeshinoonniifi liigonni ciccimoon akka jiraatan taasisuun guddina dinagdee biyyaa keessatti gahee guddaa qaba. Kanaafuu mootummaanis waldaalee kunneeniif leenjii kennuudhaan, walitti hidhamiinsa gabaa uumuufi bu’uuraalee misoomaa guutuufiin jajjabeessuufi deeggaruu qaba.

Waldaaleen qajeelfama ba’e sirnaan akka hojiirra oolchaniifi yoo seerarra darban ammoo akka adabaman taasisuuf to’annoofi hordoffii cimaan taasifamuu qaba. Tarkaanfiin fudhatamu hanga waldicha diiguutti waan ga’uuf dura hojiin hubannoo cimsuurratti xiyyeeffannaan hojjetamuu qaba.

Akka labsiin waldaalee hojii gamtaa jedhutti, waldaan tokko waggaatti yeroo tokko odiitii ta’uufi yaa’ii waliigalaa adeemsisuu qaba. Asiratti rakkoo guddaatu jira. Waldaaleen waggaa shan ykn 10 keessattuu yaa’ii waliigalaafi odiitii hintaasifne jiru.

Kun ta’uu dhabuusaatiin sadarkaa waldaaleen irra jiran sirriitti beekuun hindanda’amu, bu’aa argachaafi kisaaraa keessa jiraachuunsaaniis hinbeekamu. Walga’ii waliigalaarratti gabaasni odiitiifi raawwii hojii waan dhiyaatuuf sadarkaa waldaan tokko irra jiru beekuun ni danda’ama.

Miseensonni yaa’ii waliigalaarratti gabaasawwan raawwii hojiifi odiitii dhiyaatan dhaggeeffatanii karoora waldichaa gara fuulduraa mirkaneessu. Gabaasni odiitii humna faayinaansii waldaa ibsa.

Waldaan tokko gabaasa odiitiisaarratti hundaa’uudhaan baankiirraa qarshii liqii argachuu danda’a. Gabaasni odiitii kallattii waldichi irra deemus ni akeeka. Labsiin kun sirriitti hojiirra oolaa waan hinjirreef sadarkaa waldaaleen tokko tokko irra jiran sirriitti beekuun rakkisaadha.

Rakkoo gama kanaan jiru furuuf waldaaleen seera labsiidhaan ba’e sirriitti akka hojiirra oolchan taasisuun kallattii hojii ijoo gara fuulduraati. Raawwii odiitii akka waliigalaatti %60 irra jiru fooyyessuuf hojii bal’aatu nu eeggata.

Bariisaa: Omishaalee waldaalee hojii gamtaa beeksisuufi rakkoo walitti hidhamiinsa gabaa furuuf maaltu hojjetamaa jira?

Obbo Abdii: Piromooshiniin hojii bizinasii keessatti daran murteessaadha. Rakkoo piromooshinii kana furuuf egzibiishinii, baazaariifi simpooziyeemiin waldaaleen omishaaleesaanii irratti beeksifatan yeroowwan gara garaatti adeemsifamaa jiru. Baazaaricharratti omishaaleen qonnaafi industirii ni dhiyaatu.

Baazaariin omisha waldaalee beeksisuufi walittihidhamiinsa gabaa waaraa uumuu keessatti gahee olaanaa qaba. Biyyoota waldaalee hojii gamtaatiin fakkeenyummaan eeeramanirraas muuxannoo qooddachuuf mariin paanaalii ogeessota waldaalee biyyoota alaafii keessaatiin akka kennamu ni taasifama.

Dhiibbaawwan adda addaa waldaaleerra jiran furuu, guddina dinagdee biyyaa utubuufi yeroo gabaabaa keessatti hiyyummaa keessaa ba’uuf kan dandeessisu seektara guddaa waan ta’eef hanga daandii sirrii qabatutti deeggaruu, hordofuufi to’achuun barbaachisaadha.

Waldaan hojii gamtaa namoota galii gadaanaa argatan gara giddugaleessaatti fiduufi ittifayyadamni haqaqabeessi akka jiraatu taasisu keessattis shoora olaanaa qaba. Kanaafuu naannoleenis waldaalee kanneeniif xiyyeeffannaa kennanii irratti hojjechuu qabu.

Xiyyeeffannaan kennamus tokkoffaa gurmaa’ina waldaalee sirreessuudha. Loojistiksiin barbaachisus akkuma sektaroota birootti waldaaleef guutamuu qaba. Bajatni ga’aanis ramadamuufii qaba. Hojii Gamtaa abdii guddina dinagdee waan ta’eef mootummaan federaalaas sektarichaaf xiyyeeffannaa kennuun ejensiirraa gara komiishiniitti guddiseera.

Bariisaa: Deeggarsi Waldaaleen hojii gamtaa lammiilee sababa waraanaafi hongeetiin miidhamaniif taasisan yoo jiraate?

Obbo Abdii: Waldaaleen hojii gamtaa waggoota sadan darban deeggarsa bal’aa taasisaa turaniiru. Ijaarsa Piroojektii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa milkeessuuf boondii bituudhaan hirmaannaa misooma keessatti qaban mirkaneessaniiru.

Waldaaleefi yuuniyenoonni bakka jiranitti manneen barnootaa, daandiiwwaniifi hojiilee misoomaa gara garaa hojjechuudhaan rakkoolee hawaasa naannawaa hedduu furaa jiru. Kana malees daa’imman sababa dhibee ‘HIV’/Edsiitiin warrasaanii dhabaniif yuniformiifi meeshaalee barnootaa bituufiin rakkoolee hawaasaa furuurratti bal’inaan hirmaachaa jiru.

Waldaaleen Hojii Gamtaa Oromiyaa qarshii miliyoona 150 ol, kan naannoo Aamaaraa qarshii miiliyoona 30 ol Raayyaa Ittisa Biyyaatiif taasisaniiru. Komishiniin Hojii Gamtaa Federaalaas dhiyeenya kana qarshii miiliyoona 2.8 raayyichaaf qarshii miliyoona tokko ammoo lammiilee buqqa’aniif waliigalaan deeggarsa qarshii miliyoona 3.8 taasiseera.

Waldaaleen dhiyeenya kana uffata, kopheefi meeshaalee manaa konkolaataa ayizuuzuu lama miseensotasaaniirraa walitti qabuudhaan lammiilee sababa waraanaatiin buqqa’aniif bakkasaan qubatanii jiranitti argamuun deeggarsa taasiseera. Kana malees seera kabachiisuufi gatii gabaa tasgabbeessuu keessatti hojii bal’aa hojjechaa jiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 16 Bara 2014

Recommended For You