Obbo Leeniin Quutoo Hamaadoo Yunivarsiitii Naannoo Oromiyaatti Daarikteera Inistiitiyuutii Qorannoo Afaan, Aadaafi Artii Oromooti. Hayyuun kun gaafdeebii dhiyeenya kana Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, Abbaansaanii jaarsa kabajamaa (waata biyyaati).
Waata jechuun nama kabajamaa namoota hundaaf walqixa ta’eedha. Waati gosa hinqabu; gosa hinqabu jechuun nama looguuf hinqabu jechuudha. Abbaan kiyya nama hunda qixa waan ilaaluuf namoonni hundi isa ni jaalatu jedhu.
“Abbaan kiyya moora horii dubbisuudhaan waan jiru namatti hima. Waanti duraan ta’ee hinbeekne oggaa mudatu namoonni dhufanii abbaa kiyya gaafatu. Abbaan kiyyas sababa waanti sun ta’eefi wanta fala ta’uu danda’u itti hima. Abbaan kiyya urjii ilaaluudhaanis waan ta’uu malu ni raaga.
Yeoo Oromoon falaafi malaan bulaa ture nagaatu jira. Malli kan ilmoon namaa baasee buusee tooftaa waan isatti dhufuuf maluufi waan isatti dhufe keessaa ittiin bahuudha. Fala jechuun waan warri urjii ilaalaniifi moora dubbisan waan ta’uuf jedhuuf fala dhahaniidha. Fala jechuun amantii waliin kan walqabatu hafuura’aadha. Mala jechuun ammoo waan hafuura’aa sana akkaataa ittiin hojiirra oolchaniidha” jedhu Obbo Leeniin.
Aadaa, duudhaa, Safuufi Gadaa Oromoo jecha ykn hima tokkoon ibsuun rakkisaadha. Aadaan haala jiruufi jireenya hawaasa tokkoo ibsa. Jiruufi jireenya hawaasa tokkoo jechuun wantoota baay’ee of keessatti hammata. Aadaan akkaataa itti sabni tokko itti hojjetu, nyaatu, dubbatu, uffatu, yaaduufi jiraatu kan qajeelchu ykn ibsuudha. Aadaa keessa seera ittiin bulantu jira. Kun aadaa keenya miti jechuun kun seera keenya miti jechuudha. Seerri aadaa keessaa bocamee aadaadhaan qajeelfama. Aadaa Oromoo keessaa tokko Sirna Gadaati.
Sirni Gadaa akka ilmoo nama hundaaf ta’utti tumame. Sirni Gadaa uumama waliinis walqabata. Sirni Gadaa paartiilee siyaasaa dhaabbatoo hingeeddaramneefi hindiigamne shan qaba. Akka Siikkoo Mandootti Gadaan paartiilee shanan Birmajii, Bultuma, Bahaara, Horataafi Roobalee jedhamu. Namni Oromoo ta’e kamuu paartiilee shanan keessaa tokkotti dhalata. Namni Oromoo ta’ee dhalate kamuu paartii abbaansaa akaakileefi abaabileesaarraa dhaalaa dhufetti dhalata. Ilmiifi ilmaan ilmaansaas paartiidhuma sana qabatee itti fufa.
Paartiilee siyaasaa Sirna Gadaa akka paartiilee siyaasaa ammayyaa diiguun, paartii haaraa hundeessuun ykn ammoo walitti baqsuufi miseensummaa paartii jijjiirrachuun hindanda’amu. Kanaafuu Oromoo keessa waldhabdeen paartii siyaasaa hinjiru.
Namni hundinuu miseensa paartii itti dhalatee qaba. Fakkeenyaaf miseensi paartii ani itti dhaladhe Birmajii waan ta’eef paartiin kiyya Birmajiidha. Paartiin abbaa kiyyaa, akaakayyuufi akaakilee kiyyaas Birmajiidha. Paartiin ijoollee ijoollee kootiis Birmajii ta’ee ittifufa jedhu Obbo Leeniin.
Miseensonni paartiilee shanan keessatti dammaqinaan akka hirmaataniif Gadaan umuriidhaan qoqqoodee kaa’a. Paartiin Gadaa tokko waggaa saddeetiif biyya bulcha. Paartiileen Gadaa shanan waggaa saddeet saddeetiin dabaree dabareedhaan biyya bulchu.
Paartiin Gadaa tokko waggaa 40 booda aangootti deebi’ee biyya bulcha. Namni tokko utuu hinfuudhin ykn mana hindhaabbatin sadarkaa Gadaatti hince’u. Namni tokko fuudhee utuu ijoollee hingodhatin Abbaa Gadaa ta’uu hindanda’u. Akka Sirna Gadaatti waggaa 37 gaditti fuudhuunis hinanda’amu. Gadaan umurii akkasitti to’achuudhaan abbaafi ilma gidduu garaagarummaan waggaa 40 akka jiraatu taasisa.
Sadarkaaleen Gadaa umuriidhaan qoqqoodamu. Sadarkaaleen Gadaa waggaa 1-8tti jiru Dabballee, waggaa 9-16tti Gaammee Xixiqqaa, waggaa 17-24tti Gaammee Guguddaa, waggaa 25 hanga 32tti Kuusa, 33 hanga 40tti Raabaa Dorii, waggaa 41 haga 48tti Gadaa, waggaa 49 hanga 56tti Yuuba tokkoffaa, waggaa 57-64tti Yuuba lammaffaa, waggaa 65-72tti Yuuba sadaffaa, waggaa 73-80tti Yuuba afraffaafi waggaa 81 ol Gadaamoojjii jedhamu. Gaheen hojii miseensota Gadaas akkaatuma umuriisaaniitiin qoodamaniiru.
Dabballeen warraan kunuunfamu. Gaammee Xixiqqaan qaamaafi qalbiidhaan guddachaa waan deemaniif ittigaafatamummaa fudhachuudhaan jalqabu; hoolota, re’ootaafi jabboota naannawaa qe’eetti tiksuu jalqabu. Gaammee Gurguddaan qaamaafi qalbiidhaan bilchaataa waan dhufaniif qe’eerraa fagaatanii loowwan tiksuufi lafa qonnaa deemuu jalqabu. Of danda’anii loowwan irraa bineesota hamoo eeganii tiksanii galuu jalqabu.
Weellisuu, sirbuu, taphawwan aadaa wal’aansoo, utaalchoofi farda gulufsiisuu shaakalu. Umurii Kuusa keessa kan jiran ammoo waraana shaakaluufi daangaa eeguu jalqabu, nama isaan qajeelchuufi gorsus filachuu jalqabu. Namni Abbaa Gadaa ta’us sadarkaa kana keessatti beekamuu jalqaba.
Miseensonni Gadaa sadarkaa Raabaa Doorii keessa jiran milkii ilaallatanii intala fuudhan ilaallachuu jalqabu. Sadarkaa Gadaa jala waan gahaniif aangoo fudhachuufis of qopheessu. Bakka Gadaan ooluufi seera itti tumu dhaqanii caqasu. Miseensonni umurii kanarra jiran humna waraanaa Oromooti.
Diina kamiyyuu Oromoorraa kan qolatu warra sadarkaa Raabaa Doorii keessa jiraniidha. Warri sadarkaa Gadaarra jiranis isaan abdata. Raabaa Dooriin jecha tishoo ykn jecha jechoota lamarraa walitti dhufee ijaarameedha. Raabni umurii 33-36tti kan jiran yoo ta’u, Dooriin ammoo umurii 37-40tti kan jiraniidha. Niitii kan fuudhanis yeroo Dooroma keessa seenaniidha. Utuu ijoollee hingodhatin Abbaa Gadaa ta’uu waan hindandeenyeef umurii Dooromaa keessatti fuudhanii ilma godhachuu ni danda’u.
Sadarkaan Gadaa qaraa fiixeedha. Qaraa fiixee jechuun sadarkaan isaan gitu hinjiru jechuudha. Gadaan mataa sadarkaalee Gadaati. Gadaan qaamaan, qalbiifi sammuudhaan gahaadha waan ta’eef ittigaafatamummaa guutuu fudhatee biyya bulcha. Waanti hundi Gadaa ilaallata.
Gadaan abbaa biyyaafi abbaa biyyeeti. Waaqaa gaditti kan biyya bulchu Abbaa Gadaati. Muuxannoon duraan kuufames hojiirra kan oolu sadarkaa Gadoomaarratti. Sababuma umuriin irra ga’eef salphaatti Abbaa Gadaa ta’uun hindanda’amu. Namni Abbaa Gadaa ta’u wantoota baay’eedhaan qorameeti.
Sadarkaa Gadaatti seenuun dura hulluuqqoo kan jedhamutu jira. Kan hulluuqsisan ammoo dubartoota. Abbaan Gadaa tokko wantoota hundaan qoramee darbee yoo dubartoonni hindabarsine ykn hin hulluuqsifne ta’e Abbaa Gadaa ta’uu hindanda’u. Ittigaafatamummaan gama dinagdee, hawaasummaa, siyaasaafi bulchiinsaatiin jirus sadarkaa Gadaatti kennama jedhu Obbo Leeniin.
Gorsaa Abbaa Gadaa olaanaan warraYuubaati. Biyya bulchaa kan ture Yuuba waan ta’eef waa’ee biyyaa kan beeku Yuuba. Icciitiin Abbaan Gadaa Aangoorra tureefi Abbaan Gadaa Aangoo fudhatu waliif dabarsan Caambaatee jedhama. Caambaateen icciitii olaanaa Abbootiin Gadaa aangoo fudhatuufi aangoo dabarsu walitti himan ykn walitti kennaniidha. Icciitii kana Abbaa Gadaa Aangoo dabarsu, aangoo fudhatuufi Waaqa malee namni tokkoyyuu hinbeeku; nama biraattis hinhimamu.
“Yeroon waa’ee Gadaa qorachaa ture icciitii kana akka natti himaniif Abbootii Gadaafi Yuubota gaafadheen ture. Deebiin isaan naa kennan ammoo ‘Ga’ii argi’ kan jedhu ture jedhu Obbo Leeniin.
Gaheen hojii Yuuba Tokkoffaa, Yuuba Lammaffaa, Yuuba Sadaffaafi Yuuba Afraffaa gorsuufi seera tumuu keessatti ogummaa qabaniin gargaaruudha. Gadaamoojjii jecha tishoo ykn jechoota of danda’oo ‘Gadaa’ jedhuufi ‘Mooji’ jedhurraa kan ijaarame yoo ta’u, Gadaamoojjii jechuun ‘Gadaa Mooji’ ykn ani kanaan booda Gadaa keessa hinjiru, dhimma siyaasaa, bulchiinsaafi dinagdee keessaa ba’eera jechuudha.
Gadaamoojjiin humnaafi yaadaan lallaafoo waan ta’aniif qe’eetti deebi’ee Dabballee waliin oolanii waan keessa darban itti muuxatu. Dabballeefi Gadaamoojjiin qaama, yaadaafi qalbiidhaan lallaafoo waan ta’aniif waliin oolu. Ittigaafatamummaas hinqaban. Walumaagalatti Gadaan sirna paartii shananiifi sadarkaalee Gadaa umuriidhaan qoqqoodee Oromoo walitti hidhee nagaan akka jiraatu kan taasise umurii waggaa kuma ja’aa olii kan qabu ta’uu dubbatu hayyuun aadaa kun.
Busaa Gonnofaa
Aadaa Oromoo keessa duudhaan walgargaarsaa daboo (jigii), daadoofi buusaa gonnofaa jiru. Buusaa gonnofaa jechuun qabeenya yeroo rakkinaatiif kuufamuudha. Yoo rakkoon nama dhuunfaa, gosaafi biyyatti dhufe buusaa gonnofaa kanarraa fuudhanii deeggaru. Yoo balaan uumamaa ykn nam tolcheen nama, maatiifi gosa tokkorra gahe gosti ba’ee hatattamaan qabeenya walitti qabuudhaan hirphi taasifamu jira. Hirphi kun qarshii ykn horii ta’uu danda’a. Hirphi kun qaamni rakkoon irra gahe dafee akka dandamatu taasisuuf kan gargaaruudha jedhu.
Dubartoonnis sirna walgargaarsaa Wiijjoo jedhamu qabu. Sirna kanarratti kan hirmaatan dubartoota qofa. Sirnicharratti dubartoonni walga’anii dhimmoota isaaniirratti waliin mari’atu. Dubartoonni sirna Wiijjoo kanaan dhadhaa walitti buusanii manarra naanna’anii waliif kennu. Waltajjii kanarratti rakkoo dubartootarra ga’urratti ni mari’atu. Dubartiin kam rakkoo akka qabdus ni qoratu. Dhiirri waltajjii marii kanarratti hirmaachuun safuudha.
Dubartoonni sirna Wiijjoo kanaan dhadhaa qabatanii walitti dhufan dhimma dubartootaa hundarratti gad bu’anii mari’atu. Abbaan warraa ykn ilma kamtu dubartii kamiin rakkisaa jira kan jedhus qoratanii irratti mari’atu. Sirnicharratti dubartoonni rakkoofi icciitiisaanii ifatti baasanii waliin mari’atu. Dubartoonni rakkoo dhiironni isaanirraan gahan hambisuuf sirnicharratti mari’atu. Dhiirri dubartii miidhe yoo jiraate dubartoonni Siinqeesaanii qabatanii itti ililchanii korma qalee akka karaatti deebi’u ykn sirratee waliin jiraatu taasisu.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 16 Bara 2014