Aanaan Dandii aanaalee 22 Godina Shawaa Lixaatti argaman keessaa isa tokko. Teessoon Bulchiinsa aanichaa magaalaa Giincii yoo ta’u, Finfinneerraa gara lixaatti kiiloo meetira 78, magaalaa guddoo godinichaa Amboorraa ammoo kiiloo meetira 35 fagaatee argama.
Aanaan kun gandoota baadiyyaa 35fi magaalota afur waliigalatti gandoota 39 qabdi. Aaanichi kallattii Bahaan Aanaa Ejersa Lafoo, Lixaan Aanaa Amboo, Kaabaan Aanaa Jalduufi Elfataa, Kibbaan Aanaa Dawoo, Dhiha Kibbaan Bulchinsa Aanaa Wanciin daangeffama.
Haalli qilleensa aanichaa %56 baddadareefi %44 ammoo baddaadha. Aanichi bal’ina lafaa heektaara kuma 75, 008.02fi baay’inni ummataa kuma 133fi 486 kan qabu yoo ta’u, kana keessaa dhiirri kuma 58fi 702 yoo ta’u, dubartoonni ammoo kuma 74fi 784tti shallagamu. Jiraattonni aanichaa harka 95 ta’an qonnaan bultoota yoo ta’an, irra jireessisaanii harka qal’eeyyiidha.
Yeroo dhiyoo as qonnaan bultoonni aanichaa teknolojii qonna ammayyaatti fayadamuu waan eegalaniif omishaafi omishtummaa gaarii argachaafi jiruufi jireenya fooyya’aa jiraachuu jalqabaniiru. Aanichi haala qilleensa baddaafi baddadaree keessatti waan argamuuf qonnaan bultoonni aanichaa waggaatti yeroo lama omishuuf carraa guddaa qabu.
Aanichatti qonnaan bultoonni ganda qonnaan bulaa Awaash Bolotoo waggoota lamaan darbanii Giddugala Qorannoo Qonnaa Holotaa waliin ta’uudhaan sanyii filatamaa xaafitti fayadamaa waan jiraniif callaa fooyya’aa argachaa jiru.
Omishni xaafii qonnaan bultoota gandichaa torban darbe daaw’atameera. Qonnaan bultoota gandichaa keessaa tokko kan ta’an Obbo Fayyisaa Toleeraa akka jedhanitti, utuu teknolojii qonnaatti fayyadamanii omishuu hinjalqabin dura callaa nyaata bira hindabarre argachaa turan. Dadhabbiifi bu’aan omisha qonnaarraa argachaa turan kan walhinsimne ta’uufi erga Giddugala Qorannoo Qonnaa Hoolotaarraa barumsa hojii Ekistenshinii argatanii hojechuu jalqabanii callaa gaarii argachaa jiraachuu dubbatu.
Kanaan dura dhaabbanni qonnaa mootummaas ta’u mitmootummaa nu gargaaru hinturre kan jedhan qonnaan bulaan kun yeroo ammaa garuu Giddugalli Qorannoo Qonnaa Holotaa sanyii filatamaa xaafii, xaa’oo, yuuriyaa, qoricha farra aramaa nuuf kennuudhaan nu gargaaraa jira. Akkasumas oggeessota qonnaa nuuf erguudhaan akkaataa sanyii filatamaa xaafii sararaan facaasuudhaan callaa gaarii argachuun danda’amurratti nu barsiisaa jiru. Nutis isa baranne qabatamaan hojiirra oolchaa jirra jedhu.
Qonnaan bulaa naannawaasaanii waliin ta’uudhaan barana sanyii xaafii Bakoraa, Daagimiifi Quncoo jedhaman kilaastaraan lafa hektaara 250 irratti facaasuun torban tokko booddee haamuuf qophiirra jiraachuu kan himan Obbo Fayyisaan, kilaastaraan qotuun naannawaasaaniitti babal’achaa akka dhufeefi tokko isa biraarraa barachaa, dadhabaan ammoo isa cimaatti hirkachuudhaan walgargaaraa jiraachuu dubbataniiru.
Kilaastaraan qotuun qonnaan bultoota gidduutti miira dorgommii uumaa waan jiruuf callaan xaafii isaan barana argachuuf abdatan kan baroota duraarra fooya’aa ta’uu akka danda’u eeranii, walitti hidhamiinsi gabaa akka isaaniif uumamus gaafataniiru. Kanaan dura omisha qonnaa lafa fagoo deemanii gurgurachaa akka turaniifi yeroo ammaa Yuniyeeniin Qonna Amboo omishasaanii irraa bitaa jiraachuus eeraniiru.
Qonnaan bulaan biraa jiraataa gandichaa ta’an Obbo Batiruu Waaqtolee gamasaaniitiin akka jedhanitti, kilaastaraan omishuu erga jalqabanii omisha qonnaarraa callaa gaarii argachaa jiru. Lafti qonnaan bulaa kanaan dura sababa invastimantiitiin qonnaan bultoota gandasaaniirraa fudhatamee ture yeroo ammaa laftisaanii deebi’eefii kilaastaraan sanyii filatamaa xaafii facaasanii callaa gaarii eeggachaa jiraachuu himaniiru.
Lafti qonnaa kanaan dura sababa invastimantiitiin abbaa qabeenyaa tokkoon qabamee misooma tokko malee lafa taa’aa ture yeroo ammaa qonnaan bultootaaf deebi’eera kan jedhan Obbo Batiruun, lafti sababa investimantiin qonnaan bulaa lafaafi qe’eesaarraa buqqisee ture kun utuu hinmisoomin lafa taa’aa ture loowwan keenya akka seenanii marga hin dheedne, nus seennee marga akka hin haamneef dhorkamaa turre. Bakka itti dhalannee guddanne qe’eefi maasaa keenyarraa buqqaanee akka ormaatti ilaalamaa turre jedhu.
Jijjiiramaa as (waggoota sadan darbanii as) garuu lafaafi qe’ee sababa invasimantiitiin irraa buqqaanee turetti deebinee qotachaa jirra kan jedhan qonnaan bulaan kun, horiin keenyas marga dheedan argataniiru. Lafa keenyas kilaastaraan qotuudhaan sanyii filatamaa xaafii Giddugalli Qorannnoo Qonnaa Holootaa nuuf kenne facaafnee callaa xaafii gaarii ykn fooyya’aa argachuuf abdiin eeggachaa jirra jedhu.
Ijoolleen keenya kanaan dura barumsa xumuranii hojii malee taa’anii harka Kenya eggachaa turan yeroo ammaa hojii qonna kilaastaraa kanarratti bal’inaan hirmaatanii ofdanda’aa jiru kan jedhan qonnaan bulaan kun, qonnaan bulaan gandoota daangaa keenyaas muuxannoo hojii kilaastaraan qotuu kana nurraa qooddachaa jiru jedhu.
“Waliigalan alaa galan” akkuma jedhamu qonnaan bulaan hundi waliigalee tekinolojii qonnaatti fayyadamuudhaan kilaastaraan kan qotu yoo ta’e dhuunfaadhaanis ta’u waliigalaan omisha qonnaarraa callaa gaarii ykn fooyya’aa argachuun ni danda’ama. Kun ammoo qonnaan bulaan wabii nyaatasaa akka mirkaneeffatu taasisuurra darbee omisha qonnaarraa galii fooyya’aa akka argatuufi jiruufi jireenyasaa akka fooyyeffatuuf kan gargaarudha jedhu.
Qonnaan bulaan teeknolojii qonnaatti fayyadamuun xaafii qofa osoo hintaane akaakuuwwan midhaanii biroos kilaastaraan omishuu akka qabu kan yaadachiisan qonnaan bulaan kun, mootummaanis karaa itti qonnaan bultoonni gandichaa tiraaktera argatan akka isaaniif mijeessu gaafataniiru.
Qonnaan bultootaf sanyii filatamaa qofa kennuufii ykn dhiyeessuufii qofti gahaa miti. Qophii maasaa, sanyii sararaan facaasuu, ittifayyadama teknolojii qonnaa, xaa’oofi qoricha farra aramaafi ilbiisotaa biifuurrattis leenjii kennaafii jiraachuu Daariktarri Giddugala Qonnaa Holataa Doktar Kafanaa Tufaa himaniiru.
Hojiin kun giddugalicha qofaan kan milkaa’u waan hintaaneef walgargaaruun barbaachisaadha kan jedhan daariktarichi, kanaafis Biiroo Qonnaa Oromiyaa, waajjira qonnaa aanaa Dandiifi Yuniyeenii Qonnaan Bultoota Amboo waliin hojechaa jiraachuu himaniiru.
Qonnaan bulaan gandichaa kanaan dura lafa hektaara tokkorraa callaa xaafii kuntaala 5-6 argachaa turuu eeranii, yeroo ammaa garuu sanyii filatamaa xaafii “Quncoo” jedhamu facaasuudhaan lafa heektaara tokkorraa callaa xaafii kuntaala 20-25 argachaa jiraachuus eeraniiru.
Teessumni lafa aanaa Dandii tulluu jala waan ta’eefi jiidhina waan qabuuf waggaatti yeroo lamaa ol jallisiidhaan omishuun ni danda’ama. Kanaafuu mootummaa naannichaa waliin ta’uudhaan boolla bishaanii baasuudhaan haala qonnaan bulaan naannawichaa jallisiidhaan misoomsu ni mijeessinaaf jedhaniiru.
Aanichi haala qilleensa baddaafi badda daree kan qabu waan ta’ef sanyii filatamaa xaafii qofa osoo hintaane baaqeelaa, garbuu, qamadiifi talbaa bal’inaan omishuun kan danda’amu kan jedhan ammoo Ittaantuu Waajjira Qonnaa Aanaa Dandii Aadde Gaaddisee Dameeti.
Qonnaan bulaan aanichaa kanaan dura lafa addaan ciccitutti fayadamaa ture yeroo ammaa haala gaarii isaaf mijaa’een kilaastaraan gurmaa’uudhaan hojii qonnaa adeemsisaa jiraachuu eeranii, rakkoo gabaa qonnaan bultoota mudachaa ture furuufis Yuniyeenii Qonnaan Bultoota Amboo waliin walitti hidhamniinsi gabaa kan uumameef ta’uu dubbataniiru.
Aanaan Dandii gandoota isa jala jiran maratti hojiin kilaastaraan qotuu akka babal’atuuf yaalii taasisaa jiraachuu himanii, gara fuladuraatti warshaan Biiraa Keenyaa asitti ijaaramaa waan jiruuf yeroo ijaarsi warshichaa xumuramee hojii jalqabu garbuu adii omisha Biiraatiif ta’u dhiyeessuuf qophiirratti argamna jedhu.
Qonnaan bultoonni aanichaa tiraakterri akka isaaniif dhiyaatuuf yeroo gara garaa gaaffii kaasaa jiru kan jedhan Aadde Gaaddiseen, nus gaafii qonnaan bultootaa kana deebisuudhaaf carraaqqii guddaa taasisaa jirra jedhu.
Tashoomaa Qadiidaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 9/2014