Godinni Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee (GAONF) godinoota omisha qonnaatiin beekaman keessaa tokko. Ta’us godinichi hanga fayyadamuu qabu fayyadamee jireenya qonnaan bulaa godinichaa yommuu jijjiiru hinmul’atu. Inumaayyuu qonnaan bultoonni godinichaa Finfinneetti dhihoo malee teknolojii qonnaatti dhihoo hinturre. Darbees waggootaaf lafasaaniirraa buqqa’aafi dhiibamaa waan turaniif jireenyi dhuunfaafi maatiisaanii jijjiiramuu hindandeenye.
Yeroo dhihoo as garuu kallattii addaa mootummaan federaalaafi Oromiyaa kennaniin dadammaqiinsi mul’ataa jira. Qonnaan bulaan lafasaarratti orma ture amma abbaa ta’ee bu’aa dhandhamachuu eegaleera. Nutis haala waliigalaa qonni godinichaa irra jiru ilaalchisuun Ittigaafatamaa Waajjira Qonnaa GAONF Obbo Caalaa Adaree keessummaa keenya maxxansa kanaa taasifanneerraa dubbisa gaarii.
Gaazexaa Bariisaa: Obbo Caalaa, dubbistoota keenyaan walbaraa mee?
Obbo Caalaa: Tole, Maqaankoo Caalaa Adaree jedhama. Ittigaafatamaa Waajjira Qonnaafi Qabeenya Uumamaa GAONFti. Kanin dhaladhee guddadhe, GAONF Aanaa Sabbataa Hawaas, Ganda Boroo Firootti. Barnootakoos kutaa 1fa-6fa bakkuma dhaloota kootti, 7fa-12fatti ammoo Finfinneettin baradhe.
Bara 1998 qormaata seensaa fudhadheen bara 1999 Yunvarsiitii Amboo seene. Ergan achii eebbifamee ba’ees bara 2002 jalqabarra Godina Shawaa Kaabaa, aanaa Dabra Libaanositti ramadameen waggaa sadii hojjedhe.
Gara bakka dhalootakootti dhufuunis gaggeessuummaadhaan tajaajileera. Bara 2008 walakeessa gara GAONFtti dhufee hanga yoonaa bakkuman amma gaggeessummaarra hojjechaa jiruun hojjetaa jira.
Bariisaa: Tole, kallattiidhaan seektara irratti hojjetaa jirtan haa kaasnuuti, qonni waliigalaa godina kanaa maal fakkaata?
Obbo Caalaa: Godinni addaa akkuma godinoota Oromiyaa kamuu qonni bal’inaan keessatti gaggeeffama. Hubannoo kana dura tureen GAONF Finfinnee marse waan ta’eef qonni akka hinjirretti, jiraataan godinichaa magaalaa qofa akka ta’eettiifi haala mijataa keessa jiraatuutti fudhatamaayyu. Wanti qabatamaan jiru garuu godinichi keessattuu qonnaan kan dagatameedha. Bara 2000 gaafa waajjirri qonnaa godinichaa hundeeffame akka abbaa adeemsaa tokkotti hojjettoota sagaliin ture.
Bu’uuraaleen qonnaa baay’eensaanii giddugala leenjii qonnaan bulaa dabalatee, kan hojjetaman bara eeramee booda jechuudha. Caasaas abbaa adeemsaa tokkoo kan ture, waajjiratti guddisuun of danda’ee abbaa adeemsaa 11 akka qabaatuu taasifameera. Ogeessonni kanaaf barbaachisanis ramadamanii wayita ammaa hojjettoonni 53 hojjetaa jiru.
Qonni godinichaa hanga ta’e xiyyeeffannaa argachaa kan dhufe erga hoggansi jijjiiramaa aangootti dhufeeti. Isa dura deeggarsi taasifamuufi pirojektoonni qonnarratti hojjetamanillee godinicha ilaalcha keessa kan galchan hinturre. Qonna godinichaa akka laayyootti ilaaluun garuu ilaalcha sirrachuu qabuufi akkuma godinoota kaanii xiyyeeffannaan kennameefii bu’aa barbaadamu akka fiduuf marii bal’aa sadarkaa naannootti taasifameen wayita ammaa haala gaariirra jira.
Inumaayyuu kallattii, “Godinichi karoora godinaaleen biroon itti hogganamaniin hogganamuu hinqabu” jedhuun kan naannoorraa dhufeen hojjetamaa jira. Sababnisaas qonnaan bulaan godinichaa Finfinnee marsee jira. Kanaaf jireenyisaa yoo xiqqaate isaan dorgomaa ta’uu qaba. Ta’uu baannaan sochiiwwan addaddaa magaalattii Finfinneetii gara godinichaatti taasifamu saamicha lafaaf akka saaxilamuufi dhiibamee akka ba’u gochuu danda’a.
Qonnaan bulaan godinichaa haala garagaraan deeggaramee dorgomaa akka ta’uuf hojjetamaa jira. Baruma darbe qofa yoo ilaalle sanyii loon aannanii filatamaa 600 ta’an mootummaan bitee dubartoota godinichaaf kenneera. Akkasumas deeggarsa pirezdaantiin naannichaa taasisaniin dhimma kanaaf qarshii miliyoona 100 bajanni itti qabamee wayita ammaa ummataaf dabarsuun caalbaasiin ba’eera.
Beellada akaakuuwwa addaddaa kuma 900 ta’antu godina kana keessa jira. Misoomni aannanii godinichaas keessumaa aanaalee sadii jechuunis Barrak, Sulultaafi Mulootti haala gaariirra jira. Aanaalee baay’ee kaanitti ammoo qonnaan bultoonni hedduun jireenyasaanii ittiin gaggeessuurra darbee ittiin jijjiiramaas jiru. Gama eegumsa biyyeefi bishaaniitiinis hojii jajjabeessaan hojjetameera.
Beeladaan walqabatee lakkoofsaan kan irranatti eerame godinicha keessa haa jiraatu malee kanneen sanyiinsaanii fooyya’aa ta’e %11 qofa. Kanaaf sanyii beeladaa fooyyessuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira. Kanaaf barana sanyii beeladoota kuma 17 fooyyessuuf qabannee hanga yoonaa kanneen kuma afur ta’an fooyyessuun danda’ameera.
Omishaafi omishtummaadhaan walqabatees barana qonna gannaatiin qofa lafa heektaara kuma 205 oltu misoomaa jira. Heektaaraan omisha kuntaala 30 argachuu kan itti karoorfame keessaa tokko godina kana. Fuduraawwan garagaraas lafa heektaara kuma 23 dhaabamaniiru.
Omishtummaa godinoota kaanii yoo fudhanne, aanaan tokko sirriitti yoo omishe, inni kaan baay’ee hinqabu ta’a ykn aanaan tokko qonna gaarii yoo qabaate inni biraammoo horsiisaan bu’aa qabeessa ta’a. Godina addaatti garuu giddugalaan baay’eensaa walfakkaataadha.
Akka waliigalaatti godinichi humna qonnaa olaanaa kan qabuufi qonnaan bultoota kuma 74 ta’an qabachuun hojii bal’aa hojjetaa jira. Gandoota 140 akka godinichaatti jiran keessatti 139 keessatti hojiin misooma sululaa adda baafamee hojjetamaa jira. Kana dura ilaalcha tureen GAONFtti manca’inni qabeenya uumamaa akka waan hinjirreetti yaadama.
Inumaayyuu godina kamiinuu ol manca’iinsa qabeenya uumamaatiif saaxilamaa kan ta’e godina kana. Sababnisaas faayidaa mana keessaafis ta’u indastirii magaalaa Finfinneefi naannawaasheef bosonuma godina kanaatu dhimma itti ba’ama.
Akkasumas, hojii invastimantiif jedhamee lafti bal’inaan fudhatamee oggaa bosonni irraa ciramu mul’ata. Kanaafuu dhimma kanaaf xiyyeeffannaa olaanaa kennuun waggaa darbe qofa biqiltuu miliyoona 70 ta’u sagantaa idileefi duula ashaaraa magariisaatiin uwwisuun danda’ameera.
Godina addaa jechuun hawaasa aanaalee ja’aan keessa jiru qofa miti. Magaalonni godinicha keessa jiranuu akkuma godina addaati. Dhiibbaa isaan manca’iina qabeenya uumamaarratti taasisanis olaanaa ta’us deebisanii dhaabuurratti garuu hanga irraa eegamu miti. Kanas fuulduratti hawaasaafi abbootii qabeenyaa mariisisuun kununsasaarratti haala addaatiin kan hojjennu ta’a.
Hojii bal’aan biraa barana hojjetame qamadii jallisiidhaan misoomsuudha. Inni kun bu’uura kallattii Ministira Muummeefi Pirezdaantiin Oromiyaa kaa’aniin itti adeemamaa jira. Haala kanaan bara darbe heektaara kuma saddeetiifi 224 jallisiidhaan misoomsuun danda’ameera. Kanarraas omisha ganna hojjetamu caalaatti heektaara tokkorraa kuntaala 103 argachuun dandeenyeerra. Kanumarraa ka’uun barana lafa hektaara kuma 18fi 173 ta’u misoomsuuf hojiitti gallee heektaara kuma ja’aafi 200rra yeroo ammaa sanyiin faca’eera.
Kana jechuun garuu wanti nu hafu hinjiru jechuu miti. Fakkeenyaaf teknolojii qonnaatiin walqabatee kan qonna gannaatti fayyadamuu qabnu kilaastara. Yommuu hojii kilaastaraa jalqabnu hektaara kuma 205 keessaa kuma tokkoofi 500 kan ta’uun eegallee, waggaa ittaanummoo hektaara kuma 36n ga’uu dandeenyeerra. Bara darbemmoo hektaara kuma 107 (%56) kilaastaraan misoomsuun danda’ameera.
Bara 2011/12 omishtummaan keenya hektaararraa kuntaala 30 ture; bara darbe garuu kuntaala 34tti guddisuu dandeenyeerra. Kilaastaraan misoomsuu keessatti guddistuuwwan callaas dhimmi xiyyeeffannaadhaan itti deemaa jirruudha. Qonna gannaatiin yoo xiqqaate xaa’oo kuntaala kuma 252 dhiheessuuf karoorfannee kuma 244 dhiheessineerra. Sanyii filatamaa kuntaala kuma torbaafi 200 qonnaan bulaa biraan geenyeerra. Asirratti akkaataa barbaadameen fedhii qonnaan bulaa guutuu hindandeenye.
Godina keenyatti midhaan baay’inaan faca’u xaafiifi qamadiidha. Dhiheessiin sanyii filatamaa kanneen irratti jirummoo hanga barbaadamu miti. Nuti karaa keenyaan qonnaan bulaa biratti sanyii baay’isuun hanqina jiru guutuuf wanti yaalaa jirru akkuma jirutti ta’ee, naannoonis waan itti deemaa jiru ni qaba; fuulduratti ni furama abdii jedhu qabna. Xaa’oodhaan walqabatees keessumaa yuriyaarratti hanqina olaanaatu ture. Hamma barbaadamuufi dafanii galchuu dhabuun hudhaa ture. Kanas walitti hidhuufi mala biraatiin akka dhihaatu taasisnus fedhii qonnaan bulaa hunda guutuu hindandeenye.
Sararaan facaasuun walqabatees hanga danda’ame ittiin hojjetamus teknolojiiwwan isaaf fayyadan garuu fuulduratti itti yaadamuu akka qaban hubanneerra. Fakkeenyaaf xaafiin amalumasaatiin ganna dhoqqeedhaan waan facaafamuuf sararaan facaasuun nama rakkisa. Kanaafuu isaaf teknolojiin fooyya’aafi lafa qabnu ittiin uwwisuu dandeenyu kalaqanii hawaasa biraan ga’uurratti hanqinni ni jira. Kan qamadiis akkanuma.
Kanarra darbee qonnaan bulaan godinichaa kanaan dura sangaadhaan qofa qotaa ture. Waggaa sadii dura godinicha keessa tiraaktarri tokkollee sadarkaa nama dhuunfaatti hinturre. Wayita ammaa garuu sirna liqii mootummaan mijeessetti fayyadamuun qonnaan bulaan %30 qusatee baankii wajjin walitti hidhuun akka bitu ta’eera.
Haala kanaan yeroo ammaa tiraaktaroonni 53 sadarkaa qonnaan bulaafi waldaatiin bitamanii hojii qonna godinichaa si’eessaa jiru. Kun garuu fedhiifi bal’ina lafa qonnaa qabnu waliin ga’aadha jechuu hindandeessisu. Kombaayinarammoo hanga yoonaayyuu itti hindeemne.
Akka waliigalaatti qonni godinichaa wayita ammaa dadammaqiinsarra kan jiruufi dinagdee biyyaafillee gumaachaa jira jechuu dandeenya. Akka fakkeenyaatti jallisii gannaatiin qamadii kuntaala kuma 500 ta’u biyyaaf dhiheessuun danda’ameera.
Qonna gannaa wajjin walqabatee wantin kaasuu barbaadu, aadaan hojii qonnaan bulaallee jijjiiramuusaati. Kana dura qonnaan bulaan bona omishee ganna taa’aa ba’a. Kanarraa kan ka’e dinagdeensaa gadaanaa ture. Amma garuu qonnaan bulaan waggaa tokko keessatti jallisiidhaan qamadii omishee tiraaktara bitate jira. Qonnaan bulaa adda dureeen kumni 23’s horatameera. Kanneen keessaammoo kuma tokkoofi 500 invastimantiitti ce’aniiru.
Bariisaa: Omishni baranaawoo akkamiin ibsama? Midhaan sassaabamee dhumeeraa?
Obbo Caalaa: Qonni ganna darbe hojjetame baay’eensaa amma sassaabamaa jira. Lafa sanyiin irratti faca’e hektaara kuma 125 hanga Wiixata darbeetti omishni sassaabameera. Yeroonsaa yeroo biyyattiin waraana keessa jirtu ta’uusaatiin qonnaan bulaan godinichaa baay’een waamicha biyyaa fudhatee adda waraanaa jira. Akka godinaatti milishoonni kuma lamaafi 100 duulaniiru.
Humni ergama biyyaa dursee maatii, maasiifi qe’eesaaa dhiisee deememmoo midhaansaa bakkeetti hafuu hinqabu jedhamee taaksifoorsiin tokko sadarkaa godinaa hanga aanaatti ijaaramee midhaan nama kamuu bakkeetti akka hinhafne taasifameera. Aanaalee amala baddummaa waan qabaniif haamaansaanii boodatti hafu kanneen akka aanaa Barrakirraa kan hafe yeroo ammaa omishni isaanii %72 walitti qabameera.
Midhaan ga’ee haamamuu qabu keessaammoo %98 walitti qabameera. Sassaabbii midhaanii baranaa kanarrattis barattoonni, barsiisonni, hojjettoonni mootummaafi hawaasni godinichaafi Finfinneerratti hirmaataniiru.
Misooma beeladaarratti horii gaanfaa qofa osoo hintaane horsiisa lukkuurrattis hojii bal’aan hojjetameera. Haala kanaan lukkuuwwan gara kuma 640 qonnaan bulaa biraan ga’uuf karoorfamee cuucii guyyaa tokkoo kuma 142 ol, kan ji’a sadiimmoo kuma 125 qonnaan bulaaf kennameera. Kanarrattis fedhiin jiru bal’aa ta’us dhiheessii wajjin walqabatee naannoodhumarraa kaasee rakkoon mudateera.
Lukkuu akkuma mi’a kaanii callisanii gabaarraa bituun hindanda’amu. Maddiifi akaakuunsaa sirriitti hordoffii ogeessaatiin dhaabbilee beekamaniin dhihaachuu qabu. Kunneenimmoo akkuma naannoottiyyuu bakkeewwan muraasa jiru. Kun dhimma bal’inaan irratti hojjechuu qabnu akka ta’e hubanneerra. Kana malees daldalli seeraan alaa gama kanaan jiru olaanaadha.
Namni akkanumaan lukkuu horsiisee gabaaf dhiheessu ni jira. Kana hawaasni hinbeeku; akkumaa waan mootummaan dhiheessuutti fudhata. Erga fudhatee galee booda garuu oggaa tajaajila jedhameef ooluu didu komii guddaa kaasa. Kanaaf naannawa kanatti tarkaanfiin fudhatamu cimuu akka qabu hubanneerra.
Itoophiyaatti qonni seektara carraa hojii bal’aa uumu ta’uun ni hubatama. Harki caalaan ummata biyyattii jiruufi jireenyisaa kan bu’uureffame qonnarratti ta’uun beekamaadha. Godinichattis qonnaan bultoota kuma 74 jireenyasaanii ittiin gaggeeffataniin ala dargaggoonni kuma 10 jallisii, horsiisa, sangaa gabbisuu, bu’aa bosonaafi kkf irratti ijaaramanii fayyadamoo akka ta’an karoorfamee, hanga yoonaa dargaggoonni kuma sadiifi 200f carraan hojii banameera.
Walumaagala yommuu ilaalamu qonni godina kanaa dagannaa ture keessaa ba’ee qabatamaadhaan jiruufi jireenya hawaasaa jijjiiraa jira. Kanas hoggansi godinaa rakkoon godinichaa godinichumaan hiikamuu qaba jechuun kallattiidhaan naannoo waliin marii bal’aa taasisuun Piroojektii Qindaa’aa Gumaata Caffee Tumaa dhaabuun qabeenya godinicha keessa jiru walitti qabuun rakkoolee hawaas dinagdee furuuf kallattiin taa’eera.
Qonnarrattis loon aannanii 600 ta’an bitamanii haadholiif kennamanii jiru, tiraaktaroota 10 dargaggoota gurmaa’aniif akka kennaman ta’eera. Jallisii keessattis paampii, sharaafi meeshaalee biroo barbaachisan hamma ta’e hanqina jiru karaa piroojektichaa furuuf yaaliin taasifameera.
Akkasumas, kilinikii horii bajata guddaa barbaadu Aanaa Mulootti hojjetamee bu’uuraalee misoomaa guututtti deemamaa jira.
Bariisaa: Qonnaan bulaa godinichaatiif Finfinnee marsee jiraachuun carraa guddaa ta’us fayyadameera jechuun hindanda’amu. Keessumaa sababa faddaalaan gidduu seenuuf gatii dadhabbiisaanii argachaa hinturre. Kun furmaata waaraa akka argatuuf qindoominni isin magaalattii waliin qabdan maal fakkaata?
Obbo Caalaa: Kanarratti hojii muraasni amma eegalame ni jira. Garuu sadarkaa barbaadameen hojjennee rakkoo kana furreerra jechuun hindanda’amu. Gabaarratti, ce’umsa teknolojiirratti, wanti waliin mari’annee fooyyessuuf hojjechaa jirru ni jira. Kun garuu hojmaataan ifatti taa’ee jiru hinjiru. Akka dhuunfaatti ani dhimmicharratti haasofsiisuuf yaaleera, garuu balballisaanii banaa miti.
Hoggansi olaanaan kanarratti qophiifi fedhii ni qaba. Sadarkaa seektaraatti garuu rakkoo qonnaan bulaa hiikuuf taa’anii mari’achuufi waan walgargaaruu qabnu walitti hidhachuurratti hanqinni ni jira. Silaa lamaan keenyayyuu wanti walirraa fayyadamnu baay’eedha. Wantoonni waliin taanee waliin hojjechuu qabnus hedduudha. Fakkeenyaaf jijjiirama qilleensaa, faalama naannawaa, bosona, qonnaan bulaafi kkf kaasuun ni danda’ama.
Hanqinni kun fuulduratti furmaata kan barbaadu ta’ee, rakkoo gabaa wajjin walqabatee qonnaan bulaan sanbattan omishasaa gabaaf akka dhiheessuuf carraan banameera. Garuu innis akka jedhametti miti; sababoota addaddaa baay’isuutu jira. Akka fakkeenyaatti qonnaan bulaan omishasaa waldaadhaan ijaaramu malee dhuunfaadhaan gurgurachuurratti hanqinni ni jira. Kun waan haaraa tokko yommuu eegalan rakkoo nama quunnamuudha jennee fudhanna. Inni guddaan garuu pilaatfoormiidhumti akkanaa uumamuunsaayyuu waa tokko. Utuu immoo bifa idileetiin waanti qabatamaan jiraatee itti hojjetamee kanarra caalaa gaariidha.
Bariisaa: Daldalli seeraan alaa yeroo baay’ee godinicha miidhaa tureera. Kunimmoo kallattiidhaan jireenya qonnaan bulaa miidheera. Kana hundeedhaan furuuf maal hojjetaa jirtu, ammawoo sadarkaa maaliirra jira?
Obbo Caalaa: Daldallii seeraan alaa damee garagaraarra ni jira. Yommuu omishni ga’u faddaalonni ‘Isuzu’dhaan dhufanii omisha qonnaan bulaa gatii hinmalleen bitu. Gabaa kan murteessu isa omishu osoo hintaane faddaalaadha. Kana hambisuuf waggaa darbe qonnaan bulaan omishasaa nama biraatti akka hinkennine, kallattiidhaan waldaaleetti, yoo isaan bira darbemmoo yuniyeeniitti akka kennu goonee bu’aa jajjabeessaan argameera.
Kanarra darbee faddaalaan omisha ganda keessa deemee funaanu yoo jiraate to’annoo jala oolchuun seeraan akka gaafatamu yaalii gooneerra. Garuu hojiin eegalame kun hojmaata ta’ee akka ittifufu gochuuf caaseffamasaa diriirsuu wajjin walqabatee hanqinni ni jira. Kana duukaa rakkoo ijoon ka’u madda faayinaansiiti.
Qonna gannaarraa yoo xiqqaate omisha kuntaala miliyoona 7.4 argachuuf karoorfanne. Bara darbe gara kuntaala miliyoona 6.9 ta’u arganne. Omisha kana walitti qabuun egaa maallaqa guddaa gaafata. Yuniyeenonnis sadarkaa kanaan omisha jedhame walitti qabuu hindandeenye. Ta’us barana omisha qonnaan bulaa gabaaf dhiheessuun waldaalee 143fi yuniyeenota afur godinicha keessa jiran karoora ijoosaanii akka taasifatan gooneerra. Taaksifoorsiin dhimma kana hordofus godinarraa kaasee hanga aanaatti dhaabbateera. Kan walitti qabu waajjira qonnaa yoo ta’u, waajjirri daldalaa, waldaaleen hojii gamtaafi qaamoleen nageenyaas keessatti hirmaatu.
Bariisaa: Rakkoon biraa bal’inaan godinichatti ka’aa turemmoo kiraa lafaati. Qonnaan bulaan hojjechuurra lafasaa gatii madaalawaa hintaaneen kireessaa ture. Mootummaan dhimmi kun furmaata waaraa akka argatuuf jecha hunda dura qonnaan bulaan mirga abbaa qabiyyee lafaa akka mirkaneeffatu taasiseera. Kun amma sadarkaa maaliirra jira? Qonnaan bulaan godinichaa lafa kireessuu keessaa ba’eera jechuun ni danda’amaa?
Obbo Caalaa: Rakkoo gama kanaan jiru hiikuuf leenjii yeroo dheeraa kenninee irrattis waliigalleerra. Lafa kireessuun kan maddu tokko dhibaa’ummaarraati. Qonnaan bulaan lafasaa kireessee taa’ee qarshii lakkaa’ee fudhatu ni jira. Qorannoo taasifneen garuu sababa dhiheessiiwwan qonnaaf barbaachisan dhiheeffachuu dhabuusaatiin kan lafasaa kireessu jira. Sangaa qabaatee sanyiifi xaa’oo bitachuu waan hindandeenyeef kan kireessu jira.
Kanaaf furmaata waaraa kennuuf mootummaan hojmaata diriirseera. Lafa qabaannaan, qopheessee facaasuu dandeenyaan kilaastaraan ijaaramuu ni danda’a. Yoo ijaaramemmoo dursa liqii argachuu danda’a. Kun danbiidhaan waan taa’eedha. Karaa biraa qonnaan bulaan kilaastaraan ijaarame humnaafi muuxannoo walii qooduu qofa osoo hintaane, rakkoo dhiheessii qabanis akka walgargaaran ta’eera. Fakkeenyaaf qonnaan bulaan sangaa qabu isa hinqabneefis akka kennu ta’eera.
Haaluma kanaan kiraan lafaa akka hafu ta’eera. Yoo humnaa ol ta’e isa abbaan hindandeenye ilmi, isa ilmi dadhabe kilaastaraan akka qotamu ta’aa jira.
Kanarratti waanti ammayyuu qormaata nutti ta’aa jiru jallisiirratti. Lafa jallisiidhaaf ta’u hektaara tokko hanga qarshii kuma 10tti kireeffama. Inni kireeffatu qarshii kuma 400-500 irraa argata, qonnaan bulaaf garuu dhibbantaa muraasa kenna. Kana furuuf dursa aanaalee rakkinichi irratti baay’atu adda baafne. Fakkeenyaaf aanaalee Aqaaqii, Sabbataa Hawaas, Walmaraarratti rakkoon kun bal’inaan jira. Darbees gandaan adda baafameera. Bakka maddi bishaanii jirurratti qaamoleen addaddaa dhufanii qonnaan bulaa gowwomsanii kireeffachaa jiru. Kana leenjii qamadiidhaaf kenninu keessatti sirriitti leenjisnee jijjiirama guddaatu jira.
Akka hamilee isaaf ta’uuf bara darbe qamadii bilisa, paampii liiqaadhaan kennineef. Xaa’oo %20 qofa qusate hojii jallisiitti akka seenu goone. Kanaan amma amantaa ofiisaa hojjetee of jijjiiruu horachuu danda’eera; fayyadamaa ta’aas jira.
Kanarra darbee dhibaa’ummaadhaan lafasaa dabarsee kennuummoo olaantummaa seeraatiin akka sirratu taasisaa jirra. Lafti tokko yommuu kireeffamu hojmaata qaba. Yoo xiqqaate, gandiifi waajjirri lafaa mirkaneessuu qabu. Kanaaf namni hojmaata kana keessa darbee kiraa lafaa gaggeessu seeraan ala ta’uun akka hubatamu ta’eera. Kanaanis aadaa hojii jijjiiruun danda’ameera.
Sirnoonni darban yeroo dheeraaf karoorfatanii hawaasa godina addaa buqqisuuf hojjetaa turan. Barnootuma yoo fudhatte akka Finfinneetti dhihoo jiruuf hawaasni naannawichaa hinbaranne; qubaan mallatteessa. Qonnaan bulaan haroo qotee bishaan haroo dhugu kan godina addaati. Kana jechuun qabeenya of harkaa qabu hubachuurrattis ni rakkata jechuudha. Kanarraa ka’eetu qabeenyasaa dabarsee kennaa ture.
Godinichatti jallisiidhaan qotuun hinbaratamne. Hojii ekisteenshinii bal’aa hojjetameen amma hanqina bishaanii nu quunnamaa jirurraa kan hafe lafti jallisiif oolu kan hojiin ala ba’u hinjiru. Aadaa qusannaarrattis hojii bal’aadha hojjetaa jirra. Akka waliigalaatti yeroo dheeraaf godinicharratti hojjetamaa turuunsaa garuu hojii barbaanne saffisa barbaanneen akka hinhojjenne nu taasiseera.
Bariisaa: Sassaabbii midhaanii baranaatiin walqabatee haala adda ta’een anga’oota olaanaa Finfinneefi Oromiyaa dabalatee, barsiisonniifi hojjettoonni irratti hirmaataniiru. Kun hiika akkamii qaba, miira akkamiis uume?
Obbo Caalaa: Aadaa kana dura tureen namni omishasaa haamee achumatti walitti qabee achumatti tuula. Kaasuudhaaf sagantaa biraa barbaada. Amma garuu omishni sassaabame dafee qe’eetti galee gumbiitti walitti qabamuu akka qabu ta’eera. Kana kan goone barana bifa adda ta’eeni.
Inni duraa omishaafi omishtummaa daballa erga jennee qisaasama omisha boodaa hambisuu waan qabnuufi. Bakkee keessatti roobni, qilleensiifi beeladni balleessuu hinqabu. Akkasumas haala qabatamaa amma jiruun waan biraafis akka hinsaaxilamne yaadameetu. Darbees qonnaan bulaafi miliishaan gara adda waraanaa deeme omishnisaa bakkeetti hafuu waan hinqabneef dursi kennamee hojjetame.
Kanneen Finfinneedhaa dhufan malee barataan godina keenyaa kuma 20tti siqu, barsiisonniifi hojjettoonni mootummaas dammaqinaan irratti hirmaataniiru. Barataan keenya qofti hektaara kuma 10fi 500 ol sassaabuu danda’eera.
Bariisaa: Midhaan hinsassaabamin hafeewoo sassaabuuf yaaddessaadhaa?
Obbo Caalaa: Aanaalee muraasatti kan harkifateef omishni qaqqabuu dhiisuusaatiini. Kunimmoo yaaddessaa miti. Inumaayyuu amma qaamoleen garagaraa dhufnee haamna jedhanii nu gaafachaa jiru. Midhaan ga’e hundi garuu sassaabamee waan galeef bakka isaan itti geessinuyyuu dhabneerra.
Bariisaa: Akka waliigalaatti qonna godinichaarraa fuulduratti maaltu eegama?
Obbo Caalaa: Akkuma beekamu qonni biyya kanaa waantota afur milkeessuu qaba. Inni duraa omishaafi omishtummaa dabaluun rakkoo wabii midhaan nyaataa mirkaneessuudha. Lammaffaan omisha biyya alaatii galu kan biyya keessaatiin bakka buusuudha.
Sadaffaan gabaa biyya keessaaf qofa osoo hintaane kan biyya alaarratti xiyyeeffachuun barbaachisaadha. Omishuma qonna gannaatiin hojjennuun walqabatee omishaawwan alergiirratti xiyyeeffannees hojjetaa jira. Akka fakkeenyaatti midhaan keessaa shumburaa, muduraa yoo ilaalle avokaadoofi appilii kilaastaraan irratti hojjetaa jirra.
Arfaffaan ammoo qonni keenya carraa hojii uumuu qaba kan jedhuudha. Kanaan walqabatees qonnaan bulaa godinichaa qofa osoo hintaane dargaggoonnillee fayyadamoo ta’aa jiru. Kanaaf wantoota afran kanaan yommuu madaallu haala gaariirra jirra jechuu dandeenya. Fuuldurattis kanuma cimsinee kan hojjennu ta’a.
Bariisaa: Dhumarratti yoo ergaa qabaattan carraan isinii kenna.
Obbo Caalaa: Hojii hojjetamu keessatti hoggansarraa kaasee hanga ogeessaatti qaamni ga’ee qabu, akkasumas qonnaan bulaan haala adda ta’een hojjechuu qaba. Hojiin qonnaa faayinaansii, hoggansa siyaasaa, deeggarsa ogummaafi kkf argachuu qaba. Kun ta’uuf qaamoleen kunneen qindaa’anii waliin hojjechuu qabu. Kanarratti waanti jalqabame jiraatuus hamma dhumaatti itti deemuu barbaachisa. Hamma qonni keenya qabatamaadhaan jireenya qonnaan bulaa keenyaa jijjiirutti of kennanii hojjechuu gaafata.
Barana qormaatawwan addaddaa keessa jiraannus hawaasni godina keenyaa qonnaan bulaa godinichaaf qofa osoo hintaane haala hanqina akka biyyaatti uumame bakka buusuun danda’amuun hojjechuutu irra jiraata. Hunduu bakka jirutti kana milkeessuu yoo danda’e abdiin jiru guddaa waan ta’eef bu’aa gaariin ni argama.
Saamraawiit Girmaatiin
Suurri Namoomsaa Shaambaliin (WKGAONF)
BARIISAA SANBATAA Mudde 9/2014