Qophii waancaa Afrikaatiif qophii taasifamaa jiru

Finfinnee: Bu’uura kubbaa miilaa Afrikaa kan buusee koreen kubbaa miilaa wayita ammaa Konfedereeshinii kubbaa miilaa Afrikaa jedhamuudhaan beekamuu akka hundaa’u yaada kan dhihessee ALA bara 1957tti.

Miseensonni korichaa ammoo Itoophiyaa, Sudaaniifi Misira yoo ta’an baruma kana walmorkiin waancaa kubbaa miilaa Afrikaa akka qophaa’u mirte. Haaluma kanaan ALA Waxabajjii 18 bara 1957 Sudaan qopheessituu waancaa akka taatu murtaa’e.

Walmorkiin kun erga adeemsifamuu jalqabee waggoota 65 lakkoofsiseera. Waggoota kanneen keessatti yeroo 32f biyyoota miseensotaa adda addaatti qophaa’eera. Barana yeroo 33faf magaalota Kaameeruunitti adeemsifama.

Itoophiyaan waggoota saddeetti booddee barana gara waancaa kanaatti deebi’uusheetti federeeshiniin kubbaa miilaa hirmaanaa kanaaf qophii olaanaa gochaa akka jiru pirezidaantiin Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Obbo Isaayyaas Jiraa ibsaniiru.

Pireezidaantichi ibsa dheengadda waajjirasaaniitti Gaazeexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, Waaliyaan waancaa Afrikaa kanaaf darbuusaatti mootummaafi ummanni Itoophiyaa daran gammadaniiru.

Waaliyaan erga waancaaf darbuuf carraa argatee kaasee federeeshinichi ispoonsara barbaaduudhaan rakkina karaa faayinaansitii ture salphisaa jira. Akkasumas mootummaan qarshii miliyoona 41 akka gargaaruuf gaafatamuus ibsaniiru.

Qarshiin gaafatame kun walumaagalatti yeroo turtii iddoo walmorkii Kaameerun taphattootaafi jila garichaaf baasiiwwan garagaraafi imala kan oolu ta’us himaniiru. Gaaffichi qaama dhimmichi ilaalatuuf dhiyaachuus eeraniiru.

Itoophiyaan miseensa federeeshina kubbaa miilaa Afrikaati. Akkasumas pirezidaantii ittaantuu koree federeeshinii kubbaa miilaa Bahaafi Giddugaleessa Afrikaa ta’uusheetti pirezidaantiin federeeshinichaafi ittigaafatamaan waajjira federeeshinichaa duraan dursanii walga’ii Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa “CAF”irratti argamuuf ni adeemu jedhu Obbo Isaayyaas.

Garee biyyaalessaa kanaaf taphattoonni 26 filatamuudhaan guyyaatti yeroo lama shaakalaa jiru kan jedhan ammoo leenjisaa Waaliyaa Ubbo Wubatuu Abaataati.

Akka isaan jedhanitti, taphattoonni Waaliyaa kunneen kan filataman kilaboota liigii piriimeerii Itoophiyaafi dhalootaan Itoophiyaa ta’an pirofeeshinaalotaa kilaboota alaatiif taphataniidha.

Walmorkii waancaa kubbaa miilaa Afrikaa kanarratti biyyoonni Afrikaa 24 yeroo jalqabaatiif kan hirmaatan yoo ta’u, taphicha kan godhatan ramaddii jahatti adda qoodamuudhaan ta’uu eeraniiru.

Haaluma kanaan Waaliyaan kan hirmaatu ramaddii tokkoffaa keessatti qopheessituu waancichaa Kaameerun, Burkinaa Fasoofi Keep Vardee wajjin yoo ta’u, walmorkiinis kan banamu Amajjii 1 bara 2014 tapha Itoophiyaafi Keep Vardee jidduutti godhamuun ta’uus addeesaniiru.

Wal morkii kanaaf taphatonni filataman martinu qaamaanis ta’u sammuudhaan qophaa’ota ta’uusaaniis kan eeran leenjisichi, guyyaa guyyaadhaan haakimootaafi wageeshotaan to’atamaa jiru jedhaniiru.

Akkaataa sagantaan konfedereeshinii kubbaa miilaa Afrikaa baase muldhisutti ammoo ramaddii lammaffaa keessatti Seeneegaal, Zimbaabiwe, Giiniifi Maalii, sadaffaa keessatti Morookoo, Gaanaa, Gaaboon, Komooroos ni argamu.

Akkasumas, ramaddii afraffaa keessatti Naayijeeriyaa, Misir, Sudaaniifi Giinii Bisaawo, Shanaffaa keessatti Aljeeriyaa, Seeraaliyoon, Ikuwaatoriyaal Giiniifi Iyivorikost, kan dhumaa keessatti ammoo Tuniziyaa, Maalii, Mooriitaaniyaafi Gaambiyaa ta’uun beekameera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 9/2014

Recommended For You