Duudhaalee Sirna Gadaa Oromoon saboota biroo waliin nagaan akka jiraatu taasisan

Oromoon waldanda’ee waliin jiraachuuf ykn nagaafi tasgabbii keessoosaa eeggachuuf dhaabbilee adda addaa Sirna Gadaatiin tolfaman akkuma qabu, waliin jireenya saboota ollaasaa waarsuufis (ittifufsiisuuf) dhaabbilee aadaa Sirna Gadaatiin tolfaman hedduu qaba.

Dhaabbilee kanneen keessaa jajjaboon: Gurraacha, Michuu, Moggaasa, Luba baasa, Gondooro, Wodo, Guddifachaa, Harma Hodhaafi Meedhicha jedhamu jedhu Yunivarsitii Naannoo Oromiyaatti, Barsiisaafi Qorataa Aadaa, Afoolaafi Aartii Oromoo Obbo Leeniin Quutoo barreeffama ka’umsa marii dhiyeenya kana Gumii Balal marsaa 16farratti dhiyeessaniin. Dhaabbileen kunneen maal maal akka ta’anis akka armaan gadiitti qindeessinee dhiyeessineerra.

Gurraachaa

Dhaabbanni Gurraachaa waggoota kuma hedduun duraa kaasee giddugaleessa Itoophiyaa kibbaatti waliin jireenya Oromoofi saboota biroo waarsuuf hojjataa ture. Maqaan kun ilaalcha Oromoo ganamaatiin walqabata. Gurraachi mallattoo jabummaafi qulqullummaati; iccitii Waaqaa garsiisa. Humna dhaabbanni kun waliin jireenya Oromoofi saboota ollaasaa jiraatuu waarsuuf qabu garsiisuuf moggaafame.

Gurraachi Oromoo dabalatee saboota akka Silxee, Guraagee, Maaraqoo, Masqaanaafi Alaabaa waliin jiraachisa. Dhaabbatichi jaarsolii saboota kanneen keessaa bakka bu’anirraa ijaarama. Jaarsoliin dhaabbata Gurraachaa ‘jaarsa nagaa” jedhamaniis ni waamamu.

Jaarsi dhaabbata Gurraachaa hogganu ‘Abbaa Gurraachaa’ jedhama. Abbaan Gurraachaa koroodhaan saboota miseensa ta’an kanneen keessaa filatama. Lola ykn waldhabdee dhuunfaa ykn garee battalatti qolachuuf namoonni Abbaa Gurraachaatiin si qabe ykn Abbaa Gurraachaa sodaadhu ykn buyyaa gurraachatu nu jidduu jira jedhu. Gurraachi kakuu ykn wabii waliin jireenyaa akkasumas seera Waaqaa lafaa kan ilmaan namaa cufa walitti maku ykn madaqsu, itichuufi ilmoon namaa cufti kabajuu qabuudha.

Gurraachi hedduu sodaatama ykn kabajama; jaarsa gurraachaa afoo dhaabatanii sobuun hindanda’amu, namni jaarsa gurraachaa afoo dhaabatee sobe achumatti dhiiga haqqisa jedhamee amanama. Gurraachi hawaasa ollaa jidduutti ilaaf ilaamee uuma; waldhabdee to’achuufi ittisuurratti ummattoota ollaa kakaasuudhaan walitti fida. Waldhabdee uumameen boodas hariiroo ummattoota ollaa deebisee ijaaruufi ceesisuun akka isaan nagayaan waliin jiraataniif gumaacha guddaa qaba.

Gurraachi hawaasa biratti qaama waldhabdee hiiku kamuu olitti amanamaadha; dubbiin jaarsi Gurraachaa qabe dubbii Waaqni qabe jedhu. Yeroo rakkoo walitti dheessuu, walkeessa daldalachuu, waldhabdee daangaa ittisuu, hanqisuufi hiikuuf, daangaa daangessuu, hannaafi saamicha ittisuu ykn deebisiisuu, dubbii dhaddacha biraatti fala dhabde furuufi kan kana fakkaatan hojiilee ijoo Gurraachaati. Walumaagalatti Gurraachi wabii waldanda’uufi waliin jireenya saboota ollaati jechuudha.

Ciini kun cidha Gurraachaati

Gurraachi buyyaa Waaqaati

Adharraa Itilleen teenna takka

Walitti dhufnu walbulchina

Manni kee mana kiyya

Manni kiyya mana keeti

Okoleen kee kiyya

Okoleen kiyya keeti

Gaadiin kee kiyya

Gaadiin kiyya keeti

Finni kee finna kiyya

Finni kiyya finna keeti

Malkaan kee malkaa kiyya

Malkaan kiyya malkaa keeti

Karaan kiyya karaa keeti

Dheedni kiyya dheeda keeti

Diinni kiyya diina keeti

Diinni kee diina kiyya

Karaan kee karaa kiyya

Dheedni kee dheeda kiyya

Rakkadhu sitti dheessa

Rakkattu natti dheessi

Daangaa kana Waaqatu buuse

Daangaa kana buyyaa Gurraachaatu buuse

Kana Waatatu jedhe

Buyyaa Waaqaa kana ka diige

Xiyyiitiinsaa bishaan haa ta’u

Sibiillisaa bishaan haa ta’u

Wonteensaa erbee haa ta’u

Fardisaa harree haa ta’u

Waaqan abaaramee Waatanis abaarama

Tun toltu! Haa qabattu!

Michuu

Michuun dhaabbata Oromoofi saboota akka Amaaraa, Shinaashaa, Gumuuziifi Agawu waliin jiraachisuuf fayyada. Ummattoonni ollaa kunniin akka bilisummaafi nagayaan walkeessa bayanii galaniifi waldhabdeelee isaan jiddutti uumamu karaa nagayaan furataniif gumaacha guddaa qaba. Michuun saboonni naannawa sanaa laga Abbaayyaa gamaagamana bilisummaan akka socho’an gochuun nageenya namootaafi qabeenya isaanii mirkaneessa.

Warri waliif michuu ta’e sababoota adda addaatiif yoo walkeessa bobba’u nyaachisee walobaasa, waliin nyaatee garaa walnyaata, walbulchee walgeegeessa; eegumsa waliif taasisa. Michuun naannichatti waldhabdeewwan ittisuu ykn hanqisuu keessattis gumaacha olaanaa qaba. Bakkeewwan hariiroon waggaa dheeraa jirutti walitti makamiinsa aadaafi hawaasummaati.

Moggaasa

Moggaasuun jila nama ykn gosa saba biroo maqaa baasaniifii horoomsuuti; yeroo hedduu nama finna hinqabne ykn gosa namni itti xiqqaatutu moggaafata. Namni ykn gareen moggaafame mirga Oromoon kamuu argachuu qabu ni argata; erga akka aadaafi duudhaa Oromootti moggaafamee fanfansuun yakka; namni fanfane akka seera Gadaatti adabama.

Jila moggaasaarratti horii falanii ablee falaniin dhiiga keessa kaayanii taa’aa sana jidduu kaa’uun ennaa Abbaan Gadaa eebbisu namni ykn gareen moggaafamu sun ablicha harkaan qabuun waan Abbaan Gadaa jedhu sagalee tokkoon waliin jedhu.

Yeroo kanas akkas jechuun waadaa waliif seenu:

Waan ati jibbitu nan jibba

Waan ati jaalattu nan jaal’adha

Kan ati lolteen nan lola

Kan ati tolteef nan tola

Bakka ati dhaqxe nan dhaqa

Kan ati nyaatte nan nyaadha

Kan ati lagatte nan lagadha……

Kakuun ykn waadaan kun gama lachuunuu kan hincabneefi hindabneedha. Isa booda gareen moggaafame ilma/ilmaan gosa moggaafatee ta’a.

Luba baasa

Luba baasuun sirna namoota Oromoo hintaane kanneen waraana keessatti booji’aman bilisoomsanii ofitti dabaluuti. Kunis fedhii namoota booji’aman sanaatiin ta’a. Gama biraatiin luba baasuun adeemsa gaafii sabni biroo akka nama dhuunfaa ykn gareetti Oromoomuuf gaafate fudhachuun gosa galchanii horoomsuuti. Adeemsi luba baasuu ykn gosa galchuu gaafii namni ykn gareen gosa galuuf deemu dhiheeffateen jalqaba.

Namni ykn gareen gaafii dhiyeeffate amanamoo yoo hintaane, hawaasicha miidhuu malu jedhamanii yoo shakkaman gosa (hayyuu) gaafatan sanaan gaafiinsaanii kufaa ta’uu danda’a. Yoo gaafiinsaanii fudhatama argate kora gosaa kan waggaa irratti gosatti himamee guyyaan jila gosa galchuu haagaanfama ykn beellamama. Gaafa jilaa kanas korma falanii warra gosa galu dhiigaan qabanii, meedhicha itti hidhanii, raada handhuuraa kennaniifii horoomsu.

Gosa galuu kanas akka itaanutti hayyuun lallaba:

Dhagayaa! Dhagayaa! Dhagayaa! Ebalu gosa galeera! Har’arraa kaasaa beekaa Eela haraatti gosa Buusaa gonofaatti gosa Alkumatti gosa Yoo inni miidhame gosatu miidhame

Yoo gosi miidhame innis bira hindarbin

Luba Gadaatti gosa Luba ebaluuti

Gogeessa ebaluuti! Miiloo ebaluuti!

Aadaa Oromoon qabdu cufatti Oromo

Har’arraa kaasee namni nama kana fanfanse

Abbaa Gadaa fanfansee beekaa

Ka maqaa biraatiin waame

Abbaa Gadaa maqaa biraatiin waamee beekaa

Kana Dhagayaa! Dhagayaa! Dhagayaa!

Dhagayaa waldhageessisaa!

Namni/gareen akkaataa kanaan gosa gale mirgoota Oromoon argatu hunda ni argata.

Gondooro

Gondooro jecha waloo Afaan Oromoofi Gede’oo ta’ee, afaanota lachuu keessatti hiika walfakkaatu qabuudha. Hiikni kallattii jechichaas wanti ykn ta’iin tokko irra deebi’ee akka hinuumamne labsuu ykn goolabuu yaada jedhu ibsa. Duudhaan Gondooroo adeemsa jilaa walxaxaafi abaarsa dhiquufi namoota ykn garee waldhabe araarsuu keessatti mallattummaafi gahee olaanaa qaba. Nama ykn garee waldhabe walitti araarsee aannaniifi garaa taasisuun nagaa waarsa.

Jilli Gondooroo akkaatuma duudhaa Oromoofi Geede’ootiin raawwatama. Gaafa jila Gondooroo Abbootii Gadaafi waahillansaanii gama lachaniiyyuufi bakka bu’oota hawaasa gamlachuutu argama.

Wantoonni ijoon jila Gondoorootiif barbaachisan damma, aannan, kormaafi hoolaadha. Yeroo jila Gondooroo Waatni hoolaa hennaa sadi naanneessee goorra’a. Kunis waldhabdeen akkasii akka lammeessoo ummatoota kana lamaan jidduutti hinuumamne mul’isa.

Sana booda bakka bu’oonni garee waldhabe lamaanii dhiiga hoolaa irraan tarkaanfachuun kanaan booda dhiiga walbuusuun akka hinjiraanne mirkansu. Dhumarratti Waatni foon qaama hoolaa hundumarraayyuu kukkutuun garee lamaan dhandhamsiisee tokko ta’uusaanii mirkaneessa. Waliin nyaatan garaa walnyaataniinis kanuma.

Wodoo

Sirni Wodoo akkaataa ummatoonni Gujii, Geeda’oofi Burjii nama ykn horii walirraa booji’an karaa nagaatiin waliif deebisaniidha. Yoo namni booji’ame garee tokko harkatti miidhame jaarsonni gama lamaanii dubbatanii waan warra waldhabe walitti araarsaniin muru. Wanti araarsaniinis uwwisaa ykn loon ta’uu danda’a.

Guddifachaa

Akka aadaa Oromootti Guddifachaan finna yoo dhaban dhaloota ilmoo namaa itti fufsiisuuf, ilmoon nama dhaaltu yoo kan hinjirre ta’e, manguddummaatti dhalli nama dagalchu yoo hinjiru ta’e raawwatama. Daa’imman sababoota adda addaatiin maatii dhabanis niguddifatamu.

Akka duudhaa Oromootti ilmoon guddifatamte akkuma ilmoo gudeedaa warra guddifateetti ilaalamuun mirga ilmoon argattu hunda argatti. Erga guddifatanii boodas ilmoo yoo argatan, ilmoon guddifatamte sun hangafuma taatee mirga hangafni argatu argachuu ittifufti.

Gama biraatiin namoota saba biroo ta’an guddifachuun aadaa Oromoon ilmoo namaa kaan irraa addatti qabuufi ilmoo namaatiif gumaacheedha. Akka hayyoonni hedduu barreessanitti malli kun akka Oromoon namaa sa’aan badhaadhu hedduu gargaareera.

Oromoon diina ittidhufe yoo ta’e malee lafumaa ka’ee ummata biroo hinwaraanu. Diinuma walwaraananiinuu seera ittiin waraanu qaba. Waraanarratti Oromoon diinasaallee yoo ta’e dagee hinwaraanu, dubartii, daa’imaafi jaarsa, midhaan hinwaraanu, midhaanis hingubu. Nama harka kennate hinajjeesu, namoota booji’aman hingabroomsu ni horoomsa ykn nideebisa malee.

Gaafa boojuu guddifatan jilli guddaan qophaayee hawaasni bal’aan bayee akka garafuulduraatti fanfanaan hinjiraanneef Abbaa Gadaatiin kakachiifama. Nama kakuu kana cabsee boojuu guddifatame fanfane adabbii cimaan hanga yaayyanii diinomsuu itti muramuu danda’a. Kanaafuu, ilmoon boojuu yoo guddifatame mirga ilmoon Oromoo argatu hunda ni argata.

Harma Hodhaa

Harma hodhaan maatii tokkorraa kaasee hanga gosa bal’aatti tolfamuu danda’a. Gaafa jila harma hodhaa gareewwan lachuu kakuu waldeeggarsa waliiseenu. Abbaan ykn gosti harmi hodhame ilma ykn gosa harma hodhe akkuma ilmoo gudeedaatti waan barbaachisu cufaan deeggara. Ilmillee waan ilmi abbaaf gochuu qabu hunda raawwachuun abbaa deeggara. Warri harma walhodhe hedduu walkabaja, walhinlolu, afaan hamaa walitti hindubbatan, cidhaa jiga wal irraa hinhafan.

Harma hodhaan sirna Oromoon saba biroo guututti osoo hinhoroomsiin hariiroo maatii-ijoollee fakkaatu uumuudhaan waliin jiraatu. Maatiin ykn gareen harma hodhe akka ilmaan ykn ijoollee gosa harma hodhanii ta’u. Harma hodhaan faayidaaleen jajjaboo qaba. Isaanis: waldhabdeewwan kanaan dura uumaman hundeerraa maqsuun nagaa waarsuufi ceesisuuf gargaara, akka nagayaan waliin jiraatan, qabeenya waliin fayyadaman taasisa. Akkasumas aadaa sabootaa waldandeessisee, saboota jidduutti hariiroo cimaa uumuufi mirgiifi nageenyi maatii ykn garee harma hodhe sanaa gosa harmi hodhameen akka eegamu taasisa.

Meedhicha

Meedhichi sirna Oromoon saba biroo fedha ofiitiin Oromoomuuf dhufe ittiin simatee horoomsuudha. Jila kanarrattis korma qalanii garee ykn gosa horoomuu fedhe sanitti meedhicha irreetti hidhanii Oromoomsu. Waliin nyaatanii dhuganii, sirbanii sirbisiisanii gammachuun ofitti dabalu.

Gosti haala kanaan Oromoome mirgaafi dirqama Oromoon kamuu qabu niqabaata. Walumaagalatti, aadaan Oromoo ilmoo namaa kamiifuu banaa ykn bakka kan kennuufi namummaa ilmoo namaatti kan amanu ta’uusaa hubachuun barbaachisaadha. “Waliin taa’an walta’an: Walta’an waliif ta’an” jedha Oromoon jechuun Obbo Leeniin barreeffama waraqaa yaada ka’umsa mariif dhiyeessan goolobaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 9/2014

Recommended For You