
Gamtaan Abbootii Gaddaa Oromoo gumii tibbana taa’een Ministira Muummee ilmma Abbaa Gadaa, Abbaa Badhaasaa Nageenya Addunyaa, Looreetii Addunyaa, ilmmi keenya ilmmii nuti dhalle, injifannoo galmeessee galeef maqaa gootaa Abbichuu Abbaa Biyyaa, Abbaa Malaa jedhanii moggaasaniiru. Ibsi abbootiin Gadaa dhimmicharratti kennan akka ittaanutti dhiyaateera.
– Goonni ni faarfatama. Abbichuun Nu boonsee, Itoophiyaa boonse, Oromiyaa boonse, warraa keessaa dhalate boonse. Inni ilma Afrikaan qabduudha. Abbootiin Gadaa Oromoo goota kana bira dhaabachuuf waliigalleerra.
Dhalataan biyya kanaa cufti; qeeroofi qarteen akka bira dhaabatuu, RIB humnaafi beekumsa qabnuun ni deggarra, hanga lubbuun teenna wareegamtutti Abiyyi wajjin ni duulla. Abiyyi bira dhaabannee biyya teenna birmadummaasheetiif dhaabachuu qabna jenneerra. Akkuma biyyaattuu, akkuma Oromiyaattuu waan qabnun bira dhabachuu qabna.
Diinni Itoophiyaa, juntaan qa’ee teenna keessalee faffaca’ee jira. juntaa qe’ee teenna jiru of keessaafi ardaa keenna teenna keessaallee baasuu qabna.
Nuti abbootiin Gadaa Shaneef kanaan durallee waamicha gonnee turre. Har’alee karaa nagaatiin akka isheen galtu waamicha gooneefiirra. Abbaafi haadha, obboleessaafi obboleettii ajjeesaa jirti. Diina Oromotii jennee waliigallee itti duulaa turre. Odaa Shananiin labsiin waamichaa godhameefii ture.
Kana bira dabarraan diina Oromooti, diina ummata Itoophiyaa waan ta’eef ofirraa dhowwuuf waliigaleerra. Ilmi Oromoo, Oromoo ajjeese diina malee Oromoo akka hintaane waliigallee murtee dabarsineerra. Goota keenna duulee galleef simannaan goota godhamuufi malti. Sadarkaa biyyaafi Oromiyaatti simannaan gootaa godhamuufi badhaasni godhamuufii qaba jenna.
– Ajjeefamuun abbaa Gadaa Karrayyuu baay’ee nama riifachiifte. Akka dhageennetti, warri yakka sana hojjetee to’annoo jala oole jira jedhameera. Dhimmi kunillee ilaalamee, qulqullaa’ee ummatatti dhihaachuu qaba kan jedhu waliin dubbanneerra.
Nagaa keenna haa eeggannu. Birmadummaa biyya teennaatiif hanga lubbuu teennaatti kennuun bira dhaabachuu qabna, nuti abbootiin Gadaa duuluu qabna.
Kaleessa, har’allee Itoophiyaa utubee kan deemu saba Oromoo ta’uu Abbichuun nuu mirkaneesseera. Kaleessallee gootonni Oromoo heddu Adwaarratillee hirmaataniiru. Injifannoo Oromon argate jalaa saamamaa ture. Injifannoosaa kaleessaa Abbichuun Abbaan Biyyaa Abbaa Malaa, siriitti ifatti baaseera. Addunyaan sirriitti dinqisiifateera.
Abbichuu Abbaa Biyyaa Abbaa Malaa, addunyaarratti waan guddaa galmeessiseera. Mootiin Masaraa keessaa hinba’u. Abbichuun garuu bahee humna bicuu, humna dinagdeedhaan dhiitofte, likkisii itti agarsiisee deebiseera.
Kanaafuu goota keenya kanaaf sabni Oromoo beekuu qaba. Sabni Itoophiyaa marti beekuutu irra jiraata. Afrikaafi addunyaan beekuu qabu. Abbichuu Abbaa Biyyaa Itoophiyaaf, Afrikaaf, Addunyaaf waan guddaa galmeessisaa jira.
Awuroppaafi Ameerikaanonni warri tanaan dura biyyoota guddataa jiranirratti taphachaa turtaniifi warri har’aallee harka keechan osoo Itoophiyaarraa dachaafattanii Abbichuu dhageess anii. Waan Abbichuufi gootonni Itoophiyaa hojjechaa jiran osoo hubattanii.
Abbichuu Abbaa Biyyaa Itoophiyaafi gaanfa Afrikaa bira darbee Afrikaannotaafis sagalee ta’uurratti argama. Kanaafuu ilma Abbaa Gadaa kanatti amanuu qabna. Wanti Oromoo biratti goota tokkoof godhamuu qabu godhamuufii qaba.
Sadarkaa kaleessa Maandeellaan Afrikaa keessatti gochaa ture, Taaddassaa Birruu Itoophiyaa keessatti gochaa ture, goonni ammaa kun, Abiyyi irra deebiidhaan mirkaneessuusaatti goota dacha isa taasisa. Kun beekamuu qaba.
Keessumaa Oromoon waaqatti dhihoo jira, saba yoo kadhate waaqin dhagahuuf, biyyaa waaqni battalatti rakkinasaa furuufiidha.
Namoonni Itoophiyaaf taana, jaalanna jettan, Oromoo jaalanna jettan, kanneen dallantanii biyya alaa jirtan, kan dallantanii bosona jirtan, kan dallantanii biyya jirtan gara nagaatti dhuftanii nageenyaan jiraachuu qabdu dhaamsa jedhu dabarsina.
Gootonni keenya, mootonni warri Abbichuu jala jirtan, kan Abbichuu wajjin hojjetu, waljaalalaafi kabaja walii kennuu qabdu. Keessumaa sabni Oromoo waljaalalaafi walkabaja, waldanda’u, waljaalachuufi walamanuu qabdu.
Har’aa Abbaan Biyyaa Oromoodha. Abbaan biyyaa nuyi. Kanaafuu walcaqasuun barbaachisaadha. Oromoonni sadarkaa sadarkaadhaan jirtan guddinaafi badhaadhummaa ummata Itoophiyaatiif hojjedhaa.
Ajjeechaa bbaa Gadaa Karrayyuurratti raawwatametti daran gaddineerra. Oromoon kanaan dura waantota baay’ee dhabeera. Wanti hambaa taate harkatti hafte sirna Gadaa tana. Gochi akkanaa Oromoo cabsuufi salphisuuf raawwatama. Kanaafuu ajjeechaan diinni abbootii Gadaa Karrayuurraarratti raawwatame Oromoon baay’ee balaaleffate.
Warreen gocha gadhee kana raawwatan mootummaan faana bu’ee fonqolchee, garagalche ilaaluudhaan hatattamaan seeratti dhiheessee ummataaf akka ibsa kennu barbaanna.
– Abbichuu Abbaa Malaa, ilma abbaa Gadaa Oromo, Mootii Oromoo Abbaa Biyyaa kanaaf har’a nuti, abbootiin Gadaa Oromoo Moggaasa kennuuf walgeenye. Abbichuun akkuma jedhame Oromo, Itoophiyaafi Afrikaa boonse. Ameerikaafi biyyoota Awurooppaa ammoo nirifachiise.
Injifannoon Doktar Abiyyi injifannoo Oromoo, Itoophiyaafi Afrikaati. Goonni injifannoo kana gonfate ammoo ummata keenya maraaf daangaadhaa hanga daangaatti jiraniin baga gammaddan jenna.
Goonni kun goota osoo lubbuunsaa jiruu seenaansaa barreeffamee guyyaa guyyaadhaan lallabamuu qabuudha. Oromoon gootota akkanaa qaba. Goota akkanaa dacheen Oromiyaa biqilchite. Goota kana ummanni oromoo, hoggansi sadarkaalee adda addaatiin jiru; ilmaan Oromoo biyyaa keessaafi alaa jiran, qarreefi qeerroon maddii dhaabatee jajjabeessuu qaba.
Diinni kanaan dura jaarraa hedduuf Oromooratti shira xaxaa ture. Sabicha saboota kaan wajjin walitti buusaa ture. Seenaa Oromoo hatee qabenyasaa saamaa ture. Kana ammoo ummanni Oromoo, sabaafi sablammoonni itti dammaqaniiru.
Keessumaa murni qabsoo ummataatiin aangoorraa ari’ame waan kanaan saametti quufuu dhabuun ammallee aanggoottin deebi’a jedhee ummata Oromoo baldhaa kanatti waraana baneera. Gochi akkanaa tutfii Oromoof qaburraa kan ka’eedha.
Oromoon warra araara hinbeekne, nyaate hinquufne, saamuu malee kennuu hinbeekne kana ummatoota Itoophiyaa kaan wajjin ta’ee biyyeetti makeera. Jala kaattotaafi kanneen isaan yaabbatanii gulufaa turanis qaanessee mormasaanii cabseera.
Goonni keenya Abbichun goototasaa qabatee adda waraanaatti duulee injifannoo lammaffaa Adwaa gonfachuudhaan diinasaa rifachiise, michootasaammmoo gammachiise.
Gama biraatiin ijoollee Oromo ta’anii wallaalummaanis ta’u beekanii kanneen daggalatti galtanii ummata cinqaa jirtan waamicha abbootiin Gadaa godhanitti gargaaramuun gara nageenyaatti dacha’aatii mootummaa kana maddii hiriiraa.
– Oromoon gootasaatti kaabbaa uwwisa, gaachana badhaasa, ni hidhachiisa. Abbootiin Gadaas har’aa goota kana simatanii hidhachiisuuf murteessineerra. Mootummaan Oromiyaa kana beekee guyyaa itti badhaasnu akka sagantaa nuu qabu waamicha dhiheessina.
Akkasumas akka loltummaa addunyaatti waan jeneraalonni hedduun hinhojenneewaan hojjeteef mootummaan federaalaa jeneraala isa olaanaa Maarshaal jedhamu akka Doktar Abiyyiif kennu gaafanna.
Yaa ilmaan Oromoo baroota saddeettamoota keessa bakkawwan shan dhaabannee kufuu keenya yaadattanii warra kaleessa qe’ee teenyatti nu fixaa turan maddii dhaabachuu dhiistanii gara hawaasa keenyatti akka deebitan guddisnee barbaanna.
Ummanni keenya har’a bakka kaleessa ittimiidhame, eenyyumnaansaa ittidhiitame hinjiru. Qabsoo guddaa godhameen morma kenya ol kaasnee adda baba’iitti baanee murteessuu jalqabneerra. Mirga arganne kanaan ilma keenya Abbichuu maddii dhaabannee infifannoo argannee eeggachuu qabna.
– Goonni kenya Doktar Abiyyi Ahmad, Leenca Oromoo keessaa dhalate, leenca Itoophiyaa, Leenca Afrikaa akkasumas leenca Addunyaati. Warra kaleessa waggaa 27f dhiiiga Oromoo xuuxee, sunis gahuufii didee ammallee Oromoofi biyyan saama jedhee ka’e baga rukuttanii injifattan.
Nuti, abbootiin Gadaa siduukaa jirra; si eebbifna, injifannoo keetiif ammoo maqaa addaa, kan sabni kee sii baase, Abbichuu Abbaa Biyyaa jennee siwaamna.
Abbichuu kiyya waanin sitti dhaamun qaba. Wayyaaneen kaleessa gaafa Kamisee seentu alaabaa kee buqqiftee ka ofii dhaabbatte. Jarattiin siifi biyya tee tana diiguuf dhufte. Ummataaf biyya tee kan ati hanga mormi kiyya citutti alagaan hinweeraru jettee kutannoon dulteef tana ammas akka harka alagaa jala hingalle sitti dhaamna.
Yaa ijoollee Oromoo warreen diina keetti makamuun dogoggoraan biyya tee diiguuf deemtan dhaabadhaayin isiniin jedha. Yoo mufattan akka seera abbaa Gadaatti isin araarsinaa dacha’aa gala.
Yaa ummata Oromoo kanaan dura kan du’eef Siidaa dhaabna. Har’a ammoo goota gadameessa keenyaa bahe, Abbichuuf dhaabuu qabna.
– Goota Oromoo Abbichuu Abbaa Biyyaa baga duulte. Osoo barcumni irra teette sitti hinho’in baga Rabbileen sigargaare. Oromoon durillee ni duultti, baga duultee cabsite. Gootota Itoophiyaa Raayyaa biyyaafi lammiilee keenya warreen daangaa biyyasaaniitiif jecha du’aniif jennata haa kennuuf.
– Guyyaan har’aa guyyaa seenaqabeessa. Abbotiin Gadaa Oromoo iddoo tokko taa’anii gootasaanii fwarfachuudhaan maqaa goota durii, Abbichuu Abbaa Biyyaa jedhanii moggaafataniiru. Guyyaan tun guyyaa Oromoon itti muldhateedha. Abbichuu Abbaa Biyyaa leenca haati deesse.
– Oromoon dhiiraa dubartiin goota. Dubartoonni Oromoo akka giiftii Warqituufaa gootummaadhaan beekamu.
Abbichuunis gootota kanneen keessaa kan madde waan ta’eef akka abbootii Gadaatti maqaa gootaa sitti moggaafneerra.
Tashoomaa Qadiidaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 9/2014