“Yeroo dhiyootti oduu misiraachoo injifannoo Maqaleerraa ni dhageessifna” – Leetenaal Jeneraal Baacaa Dabalee

Finfinnee: Duultonni humnoota waraanaa Itoophiyaa (humni addaa, humni eegdota rippaablikaaniifi miseensonni humna qilleensaa) biyya dhiphina keessaa turte rakkoorraa furuu Raayyaa Ittisa Biyyaatti Qindeessaa Olaanaan Ijaarsa Raayyaa Leetenaal Jeneraal Baacaa Dabalee ibsan.

Duulli boqonnaa jalqabaa injifannoon golobabamuufi ergama murteessaa ittaanu dadammaqsuuf waltajjii adda waraanaatti gaggeeffameerratti Leetanaal Jeneraal Baacaa Dabalee argamaniiru.

Uffattoonni qoobii diimaa yeroo murteessaa ta’etti dirqama kennameef ga’umsaan ba’uun seenaa boonsaa galmeessuu Leetenaal Jeneraal Baacaan dubbataniiru.

Tarkaanfii waloon humnoonni kunniin raawwatan injifannoo boonsaa, hamilee diinaa cabse galmeessisuu kaasaniiru.

Mallattoo dhiiga, wareegamaafi injifannoo kan ta’an uffattoonni qoobii diimaa ammas injifannoo biroo galmeessisuu akka qaban hubachiisaniiru.

Duultonni humna addaa, humni eegdoota rippablikaaniifi miseensonni humna qilleensaa ijoollee murteessoo Itoophiyaafi diroonii lafarraati jechuun leellisaniiru.

Farra birmadummaa biyyaa kan shororkeessitootaa ABUT yeroo dhumaatiif dhabamsiisuun yeroo dhiyootti oduu misiraachoo injifannoo Maqaleerraa ni dhageessifna jechuusaanii Ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

BARIISAA SANBATAA Mudde 2/2014

Recommended For You