Finfinnee: Maqaan Wancii jedhamu jecha waciitii jedhamurraa akka dhufe maanguddoonni naannawichaa ni dubbatu. Kunis gaafa haricha gubbaarraa ilaalan waan danaa waciitii qabuufi jedhu.
Haroon Wancii kan argamu Godina Shawaa Kibba Lixaatti yoo ta’u, bal’ina iskuweer kiiloomeetirii afuriifi gadi fageenya meetira 78 qaba. Akkasumas, taa’umsa lafaa sirrii irra galaanaa meetira kuma sadiifi 450 qaba.
Haroon Wancii Magaalaa Amboofi Walisoo gidduutti fageenya walitti siqurratti argama. Haroon kun miidhagina uumamaatiin daran kan badhaadheefi odolawwan lama kan qabu yoo ta’u, bataskaanonni jaarraa 14fa keessa akka ijaaraman himamuufis odolota sanarratti argamu. Dabalataanis, naanniwichi bosona uumamaa, bishaan danfaa, finca’aa, xabalaafi omisha dammaafaatiin kan badhaadheedha.
Kanarraa ka’uun turistootarraa moggaasa “Siwuzarlaandii Afrikaa” jedhamu kan argate haroon kun, tibba darbemmoo “Mandara Turizimii Filatamtuu bara 2021 (Best Tourism Village of 2021) jedhamuun yaa’ii Turizimii Jaarmiyaa Turizimii Addunyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ‘UNWTO’ 24fa, Ispeen Maadridiitti adeemsifamerratti filatameera.
Dhimma Kana ilaalchisuun Komishinarri Komishinii Turizimii Oromiyaa (KTO) Lalisee Dhugaa, ibsa Gaazexaa Bariisaaf kennaniin, filatamuun Haroo Wancii guddina damee turizimiif qaburra darbee faayidaan inni biyyaaf qabu olaanaa ta’uu ibsu.
Otoo haricha Wancii addunyaarratti beeksisuuf dhaabbilee garagaraatiif kanfalamee baasii doolaara miliyoonaan lakkaa’amu gaafachuu akka danda’u kaasanii, waltajjiicharratti beekamtii argachuunsaa garuu haala salphaa ta’een beeksisa idil addunyaa argachuuf dandeessisuu eeru. Miidiyaa biyyoolessaafi marsariitiiwwan dhaabbatichaarratti kanfaltii tokko malee Wancii beeksisuun danda’ameera jedhu.
Akka Komishinar Laliseen jedhanitti, kun immoo turistoonni sadarkaa idil addunyaa, bakkicha ilaaluuf akka kaka’an waan taasisuuf hawata turisti daran ni dabala. Haala kanaan biyyi sharafa alaa argachuu ni dandeessi.
Haroon Wancii beekamtichaaf akka qaqqabuuf dokimantiiwwan barbaachisaniifi iyyanni Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa (BATO)fi Ministeera Aadaafi Ispoortiitiin kan qindaa’eefi deeggarame ta’uus himaniiru.
Ulaagaa dhaabbanni biyyoolessaa kun baaseen naannoleen sadi dorgomanii Wanciin filatamuu eeranii, ulaagaawwan dhihaatan keessaas miidhagina uumamaa, haalli hawaasni naannawichaa qabeenya uumamaafi aadaasaa ittikunuunsu hammam jireenyasaanii guyyuu waliin hariiroo qaba jedhanfaan jiraachuufi kana agarsiisuufis KTOn ragaa qabatamaa suuraafi suursagaleedhaan deggarame ibsu.
Akka Komishinar Laliseen jedhanitti, komishinichi hundeeffamumasaarraa kaasee Haroo Wancii dabalatee bakkeewwan hawata turizimii Oromiyaa akka beekamaniif hojii bal’aa hojjechaa jira. Keessumaa Haroo Wancii wajjin walqabatee sagantaa Irbaanni Biyyaaf jedhamuun walqabatee dokimantariin hojjetamee televizhiniidhaan dhiyaateera.
Kanaanis tursitoonni biyya keessaafi alaa bakkicha baay’inaan daaw’ataa turuu kaasanii, keessumaa Wanci Finfinneetti dhihoo ta’uusaatiin dhuma torbaniirratti daaw’achuuf salphaa ta’uu himu. Yeroo ammaa piroojektii Wancii-Dandiitiin walqabatee ijaarsi daandii sadarkaa gaariirra jiraachuu eeranii, kan hafe seektara dhuunfaa hirmaachisuun haala ittihoteelonni, lojoonniifi bakkeewwan bashannanaa garagaraa akka ijaaramaniif mijeeffamaa jira; kanaafis caalbaasiin ba’uu dubbatu.
Harichi beekamtii argachuun hojii caaluuf kan isaan onnachiise ta’uu uffannaa aadaa Oromootiin faayamanii beekamticha kan fuudhan Komishinar Laliseen, oggaa biyyi ofii waltajjii akkanaarratti waamamtu arguu caalaa waanti nama gammachiisu akka hinjirre ibsu. Namni hundis bakkuma jirutti aadaafi naannawasaa beeksisuun akka ambaasaaddaara biyyasaa gorsu.
Hogganaa Ittaanaan BATO Obbo Hundee Kabbadaa gamasaaniin, Haroon Wancii beekamtii kana argachuu kan danda’e dorgommii biyyoota miseensota dhaabbatichaa 175 gidduutti taasifameen ta’uu kaasanii, kanneen keessaas bakkeewwan hawata turizimii 44 ta’antu biyoota 32 irraa darbe jedhu.
Bu’uura ulaagaa dhaabbatichaatiin Itoophiyaan naannolee Oromiyaa, Amaaraafi Kibbaarraa iddoowwan adda addaa dhiheessus haroon Wanci filatamuu dubbatanii, carraan kun keessumaa Oromiyaadhaaf daran murteessaa ta’uu beeksisaniiru.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 2/2014