“Sirna Federaalizimii akka waan murni ABUT fideetti yaaduun dogoggora guddaadha” – Doktar Dalasaa Bulchaa

Finfinnee: Itoophiyaan muuziyemii saboota, sablammootaafi ummattootaati. Biyyattiin sabootaafi sablammoota 86 ol kanneen afaan, aadaafi amantii garagaraa qaban waan qabduuf Sirna Federaalizimiitiin buluun filannoo utuu hintaane dirqama ishee barbaachisa. Sirnichi naannoleen biyyattii ofiin akka of bulchan, waliin ammoo akka biyya bulchan akkasumas saboonniifi sablammoonni waldanda’anii akka jiraatan, waliin akka misoomaniifi guddatan waan taasisuuf hundaan sirriitti ijaaramuufi tikfamuu qaba.

Sirni Federaalizimii biyyoota addunyaa akka Itoophiyaa sabootaafi sablammoota, amantii, aadaafi afaan danuu qabaniif filannoo utuu hintaane dirqama barbaachisa. Sirnichi gaaffiifi qabsoo sabootaafi sablammootaatiin biyyattiitti akka hojiirra oolu waan ta’eef akka murni ABUT fideetti yaaduun dogoggora guddaadha jedhu Caffee Oromiyaatti Walittiqabaan Koree Dhaabbii Dhimma Hawaasummaafi Ogeessi Dinagdee Doktar Dalasaa Bulchaa.

Doktar Dalasaan gaafdeebii Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, Itoophiyaan biyya sabootaafi sablammoota, amantii, aadaafi afaan hedduu akkasumas haala teessuma lafaafi qilleensaa biyyoota birootti hinbaratamne qabduudha. Omishaaleen qonnaa biyyattiis ta’e bifti ummata biyyattiillee adda adda waan ta’eef Sirni Federaalizimii biyyattiif yaadamee waan qophaa’e fakkaata jedhu.

Sirni Federaalizimii gaaffiilee ofiin of bulchuufi waliin biyya bulchuu, afaaniifi aadaa ofii guddisuufi beeksisuu, qabeenya ofii ajajuufi bulchuu deebisuusaa eeranii, murna ABUT balleessuun Sirna Federaalizimii balleessuu jechuu waan hintaaneef saboonniifi sablammoonni sirnicha tikfachuu qabu. Rakkoo sirnichaa furaafi hanqinasaa guutaa deemuun ammoo biyyoota addunyaa sirnicha hojiirra oolchuun fakkeenya gaarii ta’an Siwiizarlaand, Ameerikaafi kanneen biroorraa muuxannoo fudhachuun barbaachisaa ta’uu ibsu.

Akka hayyuun kun jedhanitti, murni ABUT aangoorra yeroo ture mirga ofiin of bulchuu, qabeenya ofiitti fayyadamuufi bulchuu naannoleefi sabootaafi sablammoota biyyattii sarbaa waan tureef Sirna Federaalizimii dhugaa hojiirra oolchaa hinturre. Sirnichi biyyattiitti akka hojiirra oolu ta’uusaatiin garuu Oromoo dabalatee saboonniifi sablammoonni afaan isaaniitiin akka baratan, barreessan, aadaasaaniis akka guddifataniifi beeksifatan ta’eera jedhu.

Waaqayyo erga walbiratti nu uumee filannoo nuti qabnu waldandandeenyee nagaafi jaalalaan waliin jiraachuu qofa kan jedhan hayyuun kun, faayidaa keenya eeggachaa haala itti waliin misoomuufi guddachuu dandeenyurratti xiyyeeffannee waliin hojjechuu akka barbaachisu ibsu. “Sirni Gadaa Oromoos hammataa waan ta’eef sirnicha waliin hidhata guddaa qaba. Hundi keenya waldanda’uu, wal hammachuu, dinagdee keenya guddisuu, sirnicha ijaaruufi olaantummaa seeraa kabajuufi kabajchiisuuf waliin hojjechuu qabna. Itoophiyaatti Sirna Federaalizimii kan mormu nama ogummaa siyaasa biyya bulchuu hinqabneedha” jedhu.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 2/2014

Recommended For You