Guyyaan Waldanda’uu Idil Addunyaa barana akka addunyaatti yeroo 24faf akka Itoophiyaafi Oromiyaatti ammoo yeroo 12faf kabajame ilaalchisuun Mariin Balal marsaa 16fa dhiyeenya kana mataduree ‘Duudhaalee Waldanda’uu: Gahee Tokkummaa Cimsuurratti Qabu’ jedhuun Finfinnee, Waajjira Pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti adeemsifameera.
Yunivarsitii Naannoo Oromiyaatti, Barsiisaafi Qorataa Aadaa, Afoolaafi Aartii Oromoo Obbo Leeniin Quuxoo barreeffama ka’umsa marii dhiyeessaniiru. Yaada ka’umsa marii isaan dhiyeessan keessaa dhimma waldanda’uurratti kan xiyyeeffatu akka armaan gadiitti qindeessinee dhiyeessineerra.
Namummaa
Aadaa Oromoo keessatti duudhaan waldanda’uu falaasama Oromoon namummaaf qabuun walqabata. Namummaan sirna beekumsaa Oromoon Seera Waaqaa ittiin hubatu, hiikkatuufi ittiin jiraatuudha. Seera Uumaa uumamaati. Namummaan waan hunda of keessatti hammata: jaalala, kabaja, waldanda’uu, tokkummaa garaagarummaa keessaa, walii qooduu, walii yaaduu, walhubannoo, hiriyummaa, dhiifamsa, tokkummaa, haqa garaa fayyisu, araaraafi nagaan waliin jireenyaafaa of keessatti qabata. Namummaan namaa hariiroo gaarii ilmoon namaa, Waaqaafi uumamaa biroo waliin qabuun safarama.
Namummaan waldanda’uuf bu’uura ta’e kun safuun qajeelfama. Safuun akka namootni gochoota fokkoofi ceera ta’an hinhojjanne gargaara. Kanaafuu, safuun waan ilmoo namaa bineensota kaanirraa adda taasisu jechuudha. Safuun akka namoonni seerota uumamaa seera Waaqaatiin walitti hidhaniifi gochoota ofiis seerota kanneen eeganii raawwatan taasisa. Safuun nama gabroomsuu, xiqqeessuu, tuffachuu, afaan baduu, sobuu ykn kijibuu, hatuu, kabaja dhoowwachuufi kkf dhorkuuf fayyada.
Safuun akka walkabajnu, ayyaana ofiifi kan warra biroos kabajnu waan taasisuuf safuun ulfina ykn kabaja. Safuun haadhaafi abbaa, Waaqaafi lafa, xiqqaafi guddaa, ambaafi diina akka kabajnu nu taasisa. Safuun hariiroo uumaafi uumamaa qajeelcha. Safuun waa hunda qajeelcha; safuu qabaachuu jechuun aadaa akaakileefi abaabilee ofiitiin jiraachuu jechuudha. Ilmoo namaa hunda kan waliin jiraachisu safuu Waaqaa lafaati jechuudha. Safuu beekuun gaariifi gadhee adda baasuudhaan qalbiin hubachuun gochaan amala gaarii mul’isuudha.
Safuu beekuun ogummaa duraati jedha Oromoon. Gama biraatiin, akka Oromoon dhugeeffatutti qabeenyi ardiifi samii kana jidduu jiru kan uumama cufaati; kan waliiniiti jechuudha. Ilmi ykn intalli, lafti, malkaan, karaan, maddaa margi kan biyyaati ykn gosaati.
Waldanda’uufi nageenya
Nageenyi bu’uura waldanda’uuti; waldanda’uunis bu’uura nageenyaati. Nageenyi yoo jiraateedha waliin jireenyi, namoomni, quufni, gammachuun, fayyaan, hormaanni, horoomniifi kan kana fakkaatan kan jiraatan. Nageenyi waan hunda of keessatti hammata; nageenyi kan Waaqaati; uumamni hunduu nagaa ta’uu qaba. Oromoonis waanti hunduu akka nagaa keessa jiraatu barbaada. Jiruufi jireenya sirnaawaa jiraachuuf nageenyi waan ilmoo namaa cufaaf murteessaa ta’eefi itti fufiinsaan jiraachuu qabuudha.
Oromoo biratti sirbi sirbamu, kadhannaafi eebbi, raawwiileen jiloota adda addaa, dubbiifi seeneffamoonni, gochoonni bulchiinsaafi seeraa, mammaaksonni, durduriifi seenaan himamu cufti nageenyaan walqabatu. Manguddoonni Oromoo eebba (kadhannaa) dheeraa guyyuun taasisaniin nagaa Waaqa kadhatu. Oromoo biratti nageenyi waan jechaa qofa osoo hintaane waan gochoota hedduun ibsamu; waan akkaan faayidaa qabuufi mararfatamuudha. Nageenyi aadaa keessaa madda; aadaan yoo hinjirre nageenyi hinjiru; aadaan yoo laafe, cabeefi dabe nageenyis akkasuma.
Kadhannaa kamuu keessatti xiyyeeffannoon guddaan nagaa Waaqaa lafaa, nagaa biyyaa, nagaa sa’aa namaati. Kanaaf, waltajjiin kamiiyyuu eebbaan banamee eebbaan goolabama; eebba ykn kadhannaa keessatti nagaatu kadhatama. Karaa biraatiin, Gadaan Oromoo akka Oromoon waldanda’eefi jireenya sirnaawaa waliin jiraatuuf caasaa jireenyaa, gogeessa (miseensaa)fi gulantaalee gadaatiin walitti hidha.
Caasaa jireenyaa
Oromoon ilaalchaafi dhugeeffannaa ofii bu’uureffachuun akkaataa ijaaramee ittiin jiraatu qaba. Caasaa kanas xiqqaarraa kaanee yoo ilaallu: Ibidda → Mana → Warra → Ollaa → Balbala → Gosa → Shanacha → Dheeda → Reera → Gadaa → Muuda → Dhugaa. Dhugaan waan Oromoon (ilmoon namaa) ittiin jiraatee har’a gaheedha. Dhugaan Abbaa Dhugaa (Waaqaan) qajeelfama; dhugaan ka Waaqaati.
Jechamootaafi mammaaksota waldanda’uun walqabatan
- Namni namaan nama.
- Waliigalan alaa galan.
- Quba ofii ajaaye jedhanii kutanii hingatan.
- Kan mari’ate jibicha qalee kan marii dide raada qale.
- Ati nagaan buluuf ollaan kee nagayaan haa bulu.
- Waliin nyaatan garaa walnyaatan.
- Kophaa deemuun loxee nama gooti kophaa nyaachuun dhotee nama gooti.
- Bineensuu waan argate walwaamee waliin nyaata.
- Akkamiin bara bahu jennaan, “Moofaa ofii hodhatanii doofaa ofii gorfatanii akkasiin bara bahu” jedhe jaarsi.
Dhaabbilee aslii Oromoon akka waldanda’ee waliin jiraatu taasisan Jaarsummaa, Gumaa, Siinqee, Barbadeessuu, Qixxee, Muukeessuu, Sidii, Daboo (Jigii), Daadoo, Hirpha, Buusaa Gonofaa Wijjoo (Marroo)fi kan kana fakkaataniidha.
Waldanda’uu Oromoofi saboota biroo
Akka Oromoon amanutti ilmoon namaa hunduu hidda tokkorraa dhalatan; Waaqni uumaa hundaati. Kanaafuu, ilmoon namaa hunduu ijoollee Waaqaati. Akka ilaalcha Oromootti garaagarummaan ilmaan namaa akka garaagarummaa lakkuu waliin dhalataniiti. Akka falaasama Oromootti ilmoon namaa hunduu walqixa. Kanaafuu, namoota Oromoo hintaane walqixa qofa osoo hintaane akka obboleessaafi obboleettiitti ofitti qaba. Namoomaaf bakka guddaa kenna.
Afrikaa keessaa Oromoon saba akkaan garaa bal’atuufi anaadhufu jedhee nama simatuudha. Seenaasaa keessatti orma akka dhuunfaatti ykn gareetti ofitti makuun (ofitti qabuun) beekama. Kan horoomuu barbaadu horoomsee kan hinbarbaanne ammoo akka ollaatti nagayaan waliin jiraata. Kanaaf, Oromoof garaagarummaan ilmoo namaa madda waldhabdee ykn walitti bu’iinsaa ta’uu hindanda’u.
Namni Oromoo hinta’in kan Oromootti dhufe kamuu qixuma Oromoon tokko simatamuun simatamee mirga aadaan Oromoo namaaf kennu cufa gonfata; akkuma lammii Oromootti fudhatamanii mirga jiloota Gadaafi kanneen biroo hogganuu argatu; Oromoon walqixxummaa namummaa xiyyeeffatutti amana jechuudha.
Kan dhiigaan Oromoo ta’ee aadaafi duudhaasaatti buluu dide Oromummaa irraa mulqee yaayyee, orma aadaafi duudhaasaa jaalatee dhufe horoomsee mirga guutuu kenneefii ofitti fudhata. Nagaa waaraan akka jiraatuuf qoodiinsonni akka olaantummaafi gadaantummaa ilmaan namaa jidduu akka hinjiraanneef nama kamuu walqixa akka obboleettiifi obboleessaatti fudhachuun ulaagaa jabaa akka ta’e dhugeeffannaan Oromoo lafa kaaya. Oromoon ofii ulfina argachuuf dursee warra biraa ulfeeffata; ulfina warra biraatiif kenne deebisee irraa eeggata. Dabsuu, danquu, miidhuun afaan sabichaafi Sirna Gadaa keessatti hinmul’atan.
Dhaabbilee aslii Oromoofi saboota biroo waldandeessisan
Sirni Gadaa waldhabdeelee keessoo Oromoo kan ittisu, hanqisuufi hiiku qofa osoo hintaane guutummaa jiruufi jireenya sabichaafi nagaa hawaasa ollaa waarsuu keessatti utubaa ykn bu’uura ta’ee tajaajila. Dhaabbileen Oromoo kanneen aadaa saboota birootiif banaafi hammatoodha. Qabeenyi uumamaa kan ilmaan namaati; maddaa margi hundumaaf banaa ta’uu qabu. Ittifayyadamni qabeenya uumamaa daangaarra jiruu waliigalteedhaan ta’a.
Oromoon akkuma waldanda’ee waliin jiraachuuf, nagaafi tasgabbii keessoo isaa eeggachuuf dhaabbileen adda addaa Sirna Gadaatiin tolfaman qabu saboota ollaasaa waliin nagaan jiraachuufis dhaabbilee aadaa Sirna Gadaatiin uumaman hedduu qaba. Dhaabbilee kanneen keessaa jajjaboon: Gurraacha, Michuu, Moggaasa, Luba baasa, Gondooro, Wodo, Guddifachaa, Harma Hodhaafi Meedhicha fa’adha.
Sirni Gadaa guutummaa jiruufi jireenya saba Oromoofi nagaa hawaasa ollaa waarsuu keessatti utubaa ykn bu’uura ta’ee tajaajila. Dhaabbileen Sirna Gadaa keessa jiranis saboota biroofis banaafi hammatoodha. Akka Sirna Gadaatti, qabeenyi uumamaa kan ilmaan namaati; maddaa margi hundumaaf banaa ta’uu qaba. Ittifayyadamni qabeenya uumamaa daangaarra jiruu waliigalteedhaani.
Oromoon “Ati nagaan buluuf ollaan kee nagaan haa bulu. Nama dhiisii bineensuu waan ollaa ofii hintuqu. Ollaafi dugdaan lafaa ka’u. Ollaafi aduutti gadi bahu.” Jechuun haala ittiin ollaasaa waliin jiraatu ibsa.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 2/2014