Luusiwwan carraa darbuusaanii bal’ifachaa jiru

Finfinnee: Walmorkiin Waancaa Kubbaa Miilaa Dubartoota addunyaa umrii 20 gadi isa 10fa ALA Hagayya 10-18 bara 2022 Kostaariikaatti adeemsifama. Waancaa kanarraatti ardii jaharraa gareewwan biyyoota 16 ni hirmaatu.

Afrikaarraa carraa hirmaannaa kan argatan biyyoota lama ta’usaa sagantaan Waldaa Kubbaa Miilaa Addunyaa ‘FIFA’n baase ni mul’isa.

Haaluma kanaan biyyonni Afrikaa 16 walmorkii kanarratti hirmaachuuf tapha gulaalaa adeemsifachaa jiru. Itoophiyaanis shaampiyoonaa Bahaafi Giddugaleessa Afrikaa ta’uusheetiin hirmaachaa jirti.

Gareen Luusiwwaniis walmorkii biyya alatti godhatetti Burkiinaa Faasoo biyyumasheetti 3-1n mo’achuun carraasaa bal’ifachaa jira. Bakka buutonni garichaa kanaan dura shaampiyoonaa Bahaafi Giddugaleessa Dubartoota Afrikaa umrii 20 Ugaandaatti adeemsifametti taphawwan taphatan hunda mo’achuudhaan waancaa fudhachuun isaanii kan yaadatamuudha.

Haaluma kanaan yeroo 10faf Kostaarikaatti kan qophaa’u waancaa kubbaa miilaa dubartoota Afrikaa umri 20 gadi kanarratti Afrikaa bakka bu’uuf ni hirmaataa laata? Inni jedhu hawwiin eegamaa jira.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 2/2014

Recommended For You