“Kan rakkoo sammuu qabu yoo ta’e malee namni Doktar Abiyyi federaalizimii balleessaa jira jedhee qeequ hinjiru” -Doktar Taaddasaa Leencoo

Itoophiyaan biyya sabaafi sablammiin 80 ol keessa jiraatan yoo taatu, sirnoota simattee keessummeessite gara garaa kees­satti lammiileen mirga ofiin of bulchuu dhabanii olaantum­maa saba tokkoo jalatti hiraarfamaa turuu ragaaleen seenaa ni addeessu.

ADWUI murna bicuu TPLFn durfamu erga hundaa’ee jijjiiramni ni dhufa jedhamee abdatamus maqaa federaalizimiitiin ayyaanni sabaafi sablammiilee waggaa waggaan kabajamus saamichi, han­ni, alseerummaan, ajjeechaafi hiraarsi eenyummaa sabootarra gahaa ture hadhaa’aa ta’uu hayyoonni ni kaasu. Gaazexaan Bari­isaas dhimmuma kanarratti Yunivarsiitii Finfninneerraa hayyuu tokko dubbiseera.

Bariisaa: Doktar Taaddasaa Leencoo eenyu?

Doktar Taaddasaa: Bara dhalootakoorraa kaasee yoon of ibse waan dheeratuuf gabaabinumaan; ani Yunivarsiitii Finfinneetti Barsiisaa Seeraati. Digriikoo jalqabaa Yunivarsiitii Finfinneerraan akaakuu barnootaa seeraan eebbifame. Digrii koo lammaffaa Ameerikaa, Yunivarsiitii Miichiganitti Seeruma baradheen hojiitti bobba’e.

Boodarras ‘PhD’ koo achuma Ameerikaa, Yunivarsiitii Alaabaamaarraan fudhadhe. Amma Yunivarsiitii Finfinneetti barsiisaa seeraati. Waraqaalee qorannoofi qo’annoo gara garaas nan qopheessa. Tibbanumallee ayyaana sabaafi sablammii Itoophiyaa 16fa sadarkaa Oromiyaatti Finfinneetti kabajame sababeeffachuun federaalizimii sabdaneessaarratti barreeffama dhiyeesseera.

Bariisaa: Ayyaanni sabaafi sablammii Itoophiyaa kabajamuun kun lammiileef hiika akkamii qaba jettu mee?

Doktar Taaddasaa: Ayyaana sabaafi sablammiilee Itoophiyaa kanaan dura kabajamaa ture uffata aadaa uffatanii fafakkeessuuf yaalii taasifamaa tureedha malee akkaataa heerri kaa’uun mirga walqixxummaa sabootaafi sablammootaarratti kan xiyyeeffate hinturre. Maqaatu sirna bulchiinsa federaalizimiiti malee dirree olaantummaan murna bicuu TPLF irraa calaqqisaa tureedha.

Kun immoo mirga heerri sabaafi sablammiileef kenne mulqeera. Osoo hinjaalatiin sirna bicuu kanaaf akka gugguufan malee of ta’anii akka jiraataniif haala mijataa hinuumne.

Bariisaa: Murni ABUT federaalizimii sabdaneessaarratti hojjedheera jedhee of jajaa ture, isin mee maal taajjabdan haalli ture akkamitti ibsama?

Doktar Taaddasaa: Gabaabumatti ABUT yeroo baay’ee abukaatoo federaalizimii sabdaneessaa godhee of ilaalaa ture. Murni bicuu ABUT maqaa federaalizimii sabdaneessaatiin ummata saamaafi burjaajessaa tureera. Abokaatoo sirni federaalizimii of taasisanii ummata burjaajessaafi sobaa bahan.

Federaalizimiin sirna ABUT keessa ture olaantummaasaanii kan olkaaseefi ilmaan sabaafi sablammootaa jaladeemtota kan taasise ture. Wayyaanee caalaa federaalizimii sabdaneessaa haqa qabeessa kan jibbu hinjiru. Kanas qabatamaan argaa turreerra.

Yoo nuti angoorra bubbulle malee sirni federaalizimii sabdaneessaa ni bada jedhanii waliindhahuuf yaalaa turan. Kun sabaafi sablammii biroo tuffachuu yoo ta’een ala biyyaaf yaadanii miti. Walqixxummaatti amanu taanaan yeroo warri kaan gara aangootti dhufan miira namalee agarsiisuu hinqaban turan. Amma hunduu seenaa ta’ee darbeera. Shirri shororkeessaa ABUT xaxaa tures isaanumaan fudhatee badeera.

Bariisaa: Sirna federaalizimii sabdaneessaafi heddummina saboota, sablammiileefi ummattoota Itoophiyaa akkamiin ilaaltu?

Doktar Taaddasaa: Itoophiyaan uumamumaan federaalizimii sabdaneessaaf mijattuu taatee kan uumamteedha jechuun ni danda’ama. Sirnoota bulchiinsaa jiran mara keessaa akka federaalizimii sabdaneessaa Itoophiyaaf kan filatamu hinjiru. Namni kamuu sirna keessoosaa jiru hawwuu danda’us ogummaanis ta’e haala qabatamaa biyyattii keessa jiruun walbira qabnee yoo ilaalle sirni federaalizimii sabdaneessaa Itoophiyaaf filannoo duraati.

Tokkoon walqixxummaa sabaa kan mirkaneessuudha. Naannoleen mirga ofiin of bulchuufi mootummaa mataasaanii akka qabaatan kan godhuudha. Kanamalees mirga aadaa, afaaniifi eenyummaa ofii guddifachuu kan kennu waan ta’eef lammiileen walkabajanii waldanda’anii garaagarummaa gidduusaanii jiru akka miidhaginaatti fudhatanii akka jiraatan haala kan mijeessu waan ta’eef hunda caalaa filatamaadha.

Bariisaa: Mirgoonni kunniin sirna ABUT keessa akkam turan? Keessumaa naannoleen mootummaa mataasaanii akka qabaatan taasisaa turreerra jedhanii dubbachaa turan isin kana akkamiin ilaaltan?

Doktar Taaddasaa: Sirna ABUT itti of jaju kana keessa saboonni, sablammiileefi ummattoonni Itoophiyaa filannoo haqa qabeessaan mootummaa isaan bulchu filatanii hinbeekan. Darbees sadarkaa naannootti mootummoonni hogganan kanneen ergama ABUT raawwachiisan malee ummataaf kan hojjetan hinturre. Sirni akkasii ammoo ummataaf yaada jedhanii yaaduun dogoggora.

Sirna qorqalbii sabaafi sablammiilee jaamsuun olaantummaasaa mirkaneeffachaa tureedha malee takkaa ummataaf yaadee hinbeeku. Waggoota 27 aangoorra turetti naannoleen sagal qofa turan. Kanneen gaaffii mirgaa gaafatan ajjeefamaa, hidhamaafi hiraarfamaa turaniiru. Kun seenaa fagoo miti. Kanaaf mootummoonni sadarkaa naannootti ABUTn hundaa’aa turan kanneen ergamasaanii raawwatan qofa.

Bariisaa: Har’awoo erga sirni mootummaa haaromsaa Doktar Abiyyiin durfamu dhufee federaalizimiin sabdaneessaa akkamiin deemaa jira?

Doktar Taaddasaa: Mootummaan haaromsaa Doktar Abiyyi Ahmadiin durfamu akkuma gara aangootti dhufeen deeggarsa ummata bal’aa argateera. Mootummaa ummataati jechuun ni dada’ama.

Mootummaa ummataa ta’uusaas filannoon mirkaneeffateera. Waanan taajjabe keessaa inni guddaan mootummaan haaromsaa aangoorra jiru kun turtii waggaa sadii keessatti naannolee haaraa lama hundeesseera. Gaaffii ummataa dabaree dabareen gurra kennee deebisaa jira.

Akka hubannoo kiyyaatti federaalizimii sabdaneessaa isa dhugaafi haqaqabeessa lafa qabsiisuuf hojjetamaa jira.

Bariisaa: Afaan keessan dammaan qabe; mootummaa haaromsaa kun federaalizimii sabdaneessaafi haqaqabeessa lafa qabsiisuuf hojjetaa jiraannaan murni shororkeessaa ABUT maaliif finxaalessummaa filateree?

Doktar Taaddasaa: Yaada gaariidha. Yoo federaalizimii sabdaneessiifi haqaqabeessi lafa qabate murni bicuun kun akka kaleessaa hanna, saamichaafi sarbama mirgaa qaqqabsiisuu hindandahu. Kanatu yaaddessee meeshaa waraanaa akka kaasu isa taasise. Kunimmoo hindanda’amu, kana booda sabni cunqursaa jala taa’ee saamtota ofirratti goobsu hinjiru.

Bariisaa: Lola gaggeeffamaa jiruuf sababni Wayyaaneen federaalizimii sabdaneessaafi mootummaan haaromsaa sirna mootummaa tokkee ijaaruuf deema yaadni jedhu darbee darbee ni ka’aatii isin kanarratti maal jettu?

Doktar Taaddasaa: Akka Wayyaanee federaalizimii sabdaneessaa lafaa kan balleesseefi jibbu hinjiru. Murnichi utuma jibbuu hannaaf akka mijatuufiitti meeshaa godhatee itti fayyadamaa ture.

Har’a sun hinjiru. Naannoleen ofiin of bulchu. Qabeenya mataasaaniirratti abboomu, akka kaleessaa kallattiin gaaraa dhufu, mirga heerri naannoleef kenne mulquu hindandahu. Karaan hannaa itticufamnaan finxaalessummaa filate.

Mootummaan haaromsaa aantummaa federaalizimii sabdaneessaaf qabu ifatti agarsiisaa jira. Ayyaanni sabaafi sablammii sadarkaa nannoorraa eegalee hanga federaalaatti kabajamaa jira.

Baay’inni naannolee sagalirraa gara 11tti guddataniiru. Kun agarsiistuu waggaa sadi keessatti mul’ateedha. Ammas jijjiiramoonni dhufan kan nama onnachiisaniifi abdachiisaniidha.

Sirna Wayyaanee keessas ta’e isa bataskaana Ortodoksii keessatti Afaan Oromoo dhagahee hinbeeku. Amma tajaajilli itti kennamaa jira. ‘Qiddaaseen’, lallabni, faarfannaan bataskaana keessatti Afaan Oromootiin geggeeffamaa jiraachuun jijjiirama guddaadha.

Kanamalees ayyaana Irreechaa erga Finfinneetti kabajamee waggoota 150 lakkoofsise bakkasaatti deebi’uun kutannaa sirni haaromsaa jijjiirama ummanni yaadu fiduuf qabu kan agarsiiseedha.

Masaraa mootummaa akka mana qulqullummaatti ilaalamaafi namni itti hinsiqne ture ummataaf banaa godhamee seenanii ilaaluun bu’aa sirna kanaati.

Ijoolleen Oromoo sirna Wayyaanee keessa Finfinnee keessatti dhiibbaa turerraa kan ka’e Afaan Oromootiin barachuu mitiitii dubbachuunuu rakkisaa ture. Kufaatiisaanii hordofee garuu Oromummaan Finfinneetti lalisaa jira.

Silaayyuu sirna mootummaa tokkeetiin ummata burjaajessaa kan ture Wayyaaneedha. Isa har’a bo’uuf oggaa aangoorra ture maaliif hinhojjenne? Har’a waan hinjirre jiraachisuuf yaaluun faayidaa hinqabu.

Bariisaa: Murni ABUT wayita angoorra ture sabaafi sablammiilee walitti buusuun faayidaasaa dalgaa kabachiifachaa ture jedhamaatii isin kanarratti maal jettu?

Doktar Taaddasaa: Kun siyaasasaanii beekamaadha. Fakkeenyaaf Oromoofi Amaara walitti buusuun siyaasasaanii dhokataadhaan ummata saamaa, olaantummaasaa kabachiifachaa ture.

Sabaafi sablammiilee daangaan, afaaniin, sanyummaan, gandummaan walitti buusaa waan fedhan hojjechaa umrii aangoosaanii dheereffachaa turan; amma kun hundi hafeera.

Yerichi yeroo itti boohanii walboochisan osoo hintaane walta’uun hojjetanii walqixummaan jiraataniidha. Abadan ilaalcha akkanaatiin ABUT aangootti deebi’ee Itoophiyaanota waliin jiraata jechuun hindandahamu.

Gabaabaatti sirna Wayyaanee keessa afaan ofiitiin dubbachuufi aadaa ofii gadi baasanii mul’isuu yoo ta’een ala federaalizimiin sabdaneessiifi haqaqabeessi ummata fayyadamaa taasisuufi inni dhugaa heerarra jiru tureera jechuun hindanda’amu.

Bariisaa: Hoggansa Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad akkamiin ilaaltan? Ga’umsa isaan hojiirratti qabanoo?

Doktar Taaddasaa: Ciminaafi ga’umsa Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi qaban hojiinsaaniiyyuu ibsaafii jira. Bu’aaleen isaan aangootti dhufanii yeroo gabaabaa keessatti galmeessisan hedduudha. Kanarraa kan ka’e badhaasota gara garaa argataniiru.

Noobeelii nageenyaaas dhuunfataniiru. Noobeelii dhuunfachuunimmoo walabummaa ofii eeggachuu nama hindagachiisu. Kanaaf dhiibbaan hammaate. Gabaabaatti Doktar Abiyyi namni dhuunfaa isaan ibsu caalaa bu’aan hojiisaanii waa’eesanii dubbata. Qondaaltota kamuu wajjin walfakkeessuun hindanda’amu.

Hogganaa cimaa jaalala biyyaa qabuudha. Ga’umsasaaniitiin walqabatee “Kan rakkina sammuu qabu yoo ta’e malee namni ga’umsa hoggansaa Doktar Abiyyii qeequ hinjiru”.

Bariisaa: Waraana Itoophiyaa kaabaatti shororkeessaa ABUT irratti gaggeeffamaa jiru hordofuun dhiibbaan alaa hammaachaa jiraatii kun maaliif ta’e jettu?

Doktar Taaddasaa: Doktar Abiyyi hogganaa hojiitti amanuudha malee akka kanaan dura ergamaa walabummaafi nama birmadummaa biyyaa miidhuuf gurra kennu miti. Tarkaanfii kabachiisa birmadummaa biyyaa murna ABUT irratti fudhatamaa jiru hordofuun biyyoonni lixaa dhiibbaawwan gara garaa taasisaa turaniiru ammas ittuma jiru.

Doktar Abiyyi garuu badhaasa nageenyaa fudheera jedhee birmadummaa biyyaa maddiitti gadhiisee mootummaa intalaashee (ashaangullitii) ta’uu waan hinfeeneef dhiibbaan hammaateera. Dhiibbaa kana qolachuufimmoo hayyoonni biyya keessaafi alaa duula eegalame cimsuu qabu.

Miira gargaarsa eeggachuu jalaa baanee of dandeenyee akka jiraannuuf hojjechuun barbaachisaadha. Qabeenya uumamaa gahaa qabna. Qaawwaafi garaagarummaa sabaafi sablammiilee gidduu jiru dhiphisuun barbaachisaadha. Kun yoo ta’e hunduu furmaata argata.

Bariisaa: Waraana Itoophiyaa kaabaatti shororkeessaa ABUT biyyarratti bane hordofee Minstirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad duulanii duulchisuuf adda waraanaatti bobbahanii diina hurreessaa turanii deebi’aniiruutii kanarratti hoo maal jettu?

Doktar Taaddasaa: Dhugaa dubbachuuf hogganaan biyyaa loltoota wajjin adda waraanaatti duulee lolee lolchiisuun waan barame miti. Tarkaanfichi waanuma ajaa’ibaati. Qondaaltota biyyoota dhiyaallee yoo fudhanne hammam teknolojiidhaan fagaatanis akka Ministira Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyii adda waraanaatti bobba’anii kan lolan hinjiran.

Ta’us waajjira keessa taa’anii karaa foddaa televizhinii ilaaluu danda’u. Doktar Abiyyi garuu seenaa Itoophiyaa keessattis ta’e akka Afrikaatti darbee addunyaafillee hoggansa fakkeenyummaan jalqabarratti eeramaniidha.

Bariisaa: Duula kabachiisa walabummaa biyyaa geggeeffamaa jiru tumsuuf sochii sabaafi sablammiilee Itoophiyaa akkamiin madaaltan?

Doktar Taaddasaa: Sabaafi sablammiileen Itoophiyaa murna bicuu, ABUTn hiraarfama hamaa jala turan. Murni kun deebi’ee isaanitti akka dhufu waan hin barbaadneef humna qabaniin tumsa barbaachisu taasisaa jiru.

Haadholiin galaa naqaa jiru, abbootiinis qeerroofi qarree wajjin hiriiruun adda waraanaatti duulaniiru, duulaas jiru. Kunniin marti jibbiinsa murnichaaf qaban agarsiisa. Murnichi tarkaanfii irratti fudhatamaa jiruun hurraa’aa jira.

Bariisaa: Wayyaaneen ololamoo humna guddatti?

Doktar Taaddasaa: Wayyaaneen olola malee humna hinqabdu. Wayita ololaan Walloo weerartetti namoonni tokko tokko raafama keessa seenaniiru.

Har’a akka kaleessaa ololaan biyya diiguun hindanda’amu. Sirni amma ijaaramaa jirus of caalaa biyyasaatiif kan jiraatuudha. Ololli Wayyaanee hammam baay’atus abadan Itoophiyaan kana booda isaan simattuufi dhageessu hinjirtu. Murnichi ummata maqaa dhahatuuf yoo yaade olaantummaa seeraatiif abboomamuun dirqama.

Bariisaa: Seenaa Oromoo isa dhugaa barreessuurratti hanqinni jira jedhama. Fakkeenyaaf goototaafi qondaaltota waraana duula Adawaa hogganaa turan 11 keessaa saglansaanii Oromoo ta’uun dhiyoo kana barame. Akka dhalataa Oromoo tokkootti isin kanarratti maal jettu mee?

Doktar Taaddasaa: Hayyoonni keenya biyya keessaafi ala jiran dadammaqinsaafi haaromsa barbaadu. Hayyoota baay’ee qabaannus kan Oromummaaf quuqamee seenaa dhugaa barreessee dhalootaaf kaa’e daran muraasa. Kan eelaafi caba kaleessaa tuttuqee Oromoo boochisutu baay’ata. Seenaan kan irraa barataniidha malee kan guyyuu madaa itti kakaasan miti.

Hayyoonni keenya seenaa nama boochisurratti xiyyeffachaa jiru. Achi keessaa bahuu qabna. Seenaa dhugaa gootota keenya adda waraanaas ta’e kanneen biroo barreessinee dhalootaaf dabarsuu aaadeffachuu qabna. Sadarkaa kamittuu barachuun keenya ummataafi biyyaaf bu’aa hinbuusu taanaan faayidaa hinqabu.

Bariisaa: Miirri seenaa hatuu Itoophiyaa keessatti hammaataadha. Kun akka cabuufi waraana amma adeemsifamaa jirurrattillee akka irra hindeebi’amneef hayyotarraa maaltu eegama?

Doktar Taddasaa: Seenaa kaleessa dagatame soquufi barreessanii dhalootaaf dabarsuun qooda hayyootaati. Kan har’aas barreeffamee dhalootaaf taa’uu qaba. Fakkeenyaaf gootummaa Doktar Abiyyi dirree waraanaatti agarsiisaa jiran akka seenaa addaatti katabamee dhalootaaf dabarfamuu qaba.

Doktar Abiyyi osoo saba biraa ta’anii silaa yoona hedduu jedhameef ture. Hojiisaanii qixa hojiifi eenyummaasaanii leellifamaa akkasumas deeggaramaa hinjiru. Keessumaa Oromoon kanarratti sirriitti dammaquu qabu.

Har’as akkuma kaleessaa erga dubbiin darbee afoolaan dhalootatti himuun sirrii miti. Gootummaa Oromoon galmeessise dhalootaaf galmaa’ee darbuu qaba. Injifannoo cululuqaa gootonni Adawaa galmeessisan har’a oggaa dhageenyu otoon yeroo sana jiraadhee akkamiinan seenessee barreessa laata nama jechisiisa.

Gootummaafi injifannoo cululuqaa rakkina hadhaa’aafi dhiibbaa biyyoota lixaa jalatti Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad galmeessisaa jiran sirnaan galmaa’ee taa’uu qaba.

Deeggarsi ykn hirmaannaan dargaggoonni, haadholiifi abbootiin taasisaa jiranis dhimma galmaa’ee dhalootaaf dadarbuu qabuudha.

Dhimmi kun hayyoota seenaa keessumaa kan Oromoo kan ilaallatu waan ta’eef seenaa hojjenne barreessinee dhalootaaf olkaa’uun barbaachisaadha.

Bariisaa: Murni Shororkeessaa ABUT fakkaattiisaa, Shanee wajjin ta’uun keessumaa Oromiyaa keessatti gochoota badii adda addaa raawwachaa jiruutii kanarratti maal jettu mee?

Doktar Taaddasaa: Wayyaaneen Oromoof yaaddee hinbeektu. Sirumayyuu ilmaan Oromoo hedduu mana hidhaatti hiraarsaa turte. Warreen uffata aadaa Oromoo uffatanii isa wajjin qindoofne jedhanillee Oromoof qabsaa’u jechuun hindanda’amu. Wayyaaneen qaama namoota hedduu hir’isteetti, lubbuus galaafatteetti. Kun waanuma kaleessa ijaan agarreedha. Har’a Oromoof fira fakkaatanii mul’achuunsaanii kijibadha.

Murni jibba Oromummaa akkasii qabu Oromoof yaada jedhanii fudhachuun dogoggora seenaati. Wayita mootummaa ce’umsaas ABO wajjin wallolanii erga Finfinnee seenanii gantummaan har’a raayyaa ittisaarratti raawwataniin loltoota ABO gananii murni aangoo dhuunfate sun har’a Oromoof quuqamu jedhanii yaaduun hindanda’amu.

Shanee qaama kana faana hiriires gocha kana hubatanii irraa adda bahanii mootummaa wajjin hiriiranii hojjechuu qabu. Gabaabumatti Wayyaaneen farra jijjiiramaa, federaalizimii sabdaneessaafi walqixxummaa waan taateef duulli irratti gaggeeffamaa jiru cimee umriishii gabaabsuun barbachisaadha.

Hayyoota keenya danuu waan nyaatteef kana booda murna kana faana kan barbaachisu araara osoo hintaane dhabamsiisanii birmadummaa biyyattii labsuu qofa.

Bariisaa: Dhumarratti sirni federaalizimii sabdaneessaa Itoophiyaaf maali jettu?

Doktar Taaddasaa: Sirni kun Itoophiyaanotaaf filatamaafi isa ijoodha. Walqixxummaa sabootaa mirkaneessaa jira. Miirri waldanda’uufi waliin biyya ofii ijaaruu akka gabbatuuf kan gargaaruudha.

Naannoleen mirga ofiin of bulchuu akka qabaatan haala kan mijeessuudha. Kana lafa qabsiisuufimmoo mootummaan Doktar Abiyyiin hogganamu adda durummaan hojjetaa waan jiruuf faana dhaabachuun dirqama lammiilee hundaa ta’uu qaba.

Garaagarummaa siyaasaa jiru heera giddugaleeffachuun mariidhaan hiikaa deemuun waan danda’amuuf dhimma walabummaa biyyaarratti walfaana hiriiruun murteessaadha.

Waraanni adeemsifamaa jirus yeroo gabaabaa keessatti akka xumuramee walabummaan Itoophiyaa guutummaatti akka mirkanaa’uuf qeerroon qarreen haaluma eegalaniin raayyaa ittisaatti makamuu qabu. Lammiileenis waan qabaniin raayyaa ittisaa deeggaruu cimsanii ittifuun irraa eegama.

Bariisaa: Gaafdeebii bal’aa nu wajjin taasistaniif guddaa galatoomaa.

Doktar Taaddasaa: Isinis galatoomaa! Horaa bulaa!                         

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 2/2014

Recommended For You